Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa
© 2024 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
SADAASA 4-10
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 105
‘Inni Kakuu Isaa Bara Baraaf ni Yaadata’
Amantii Waadaa Yihowaan Addunyaa Haaraa Fiduuf Galerratti Qabnu Cimsachuu
11 Mee wantoota matumaa taʼuu kan hin dandeenye fakkaatanii fi Yihowaan bara duriitti saba isaatiif waadaa gale tokko tokko haa ilaallu. Abrahaamii fi Saaraan bara dullumaa isaaniitti mucaa akka godhatan waadaa isaaniif galee ture. (Uma. 17:15-17) Kana malees, biyya Kanaʼaan sanyii isaatiif akka kennu Abrahaamiif waadaa galeera. Israaʼelonni sanyii Abrahaam taʼan waggoota hedduudhaaf Gibxii keessa garbummaadhaan yeroo jiraachaa turanitti waadaan kun matumaa raawwatamuu kan hin dandeenye fakkaata ture. Garuu raawwatameera. Yeroo boodammoo, Yihowaan Elsaabex ishiin maanguddoo taate mucaa akka godhattu dubbatee ture. Kana malees, Maariyaam ishiin durba taate Ilma isaa akka deessu itti himee ture. Kunis waadaan inni waggoota kumaan lakkaaʼaman dura iddoo biqiltuu Eedan keessatti gale akka raawwatamu godheera.—Uma. 3:15.
12 Yihowaan waadaawwan gale kan raawwate akkamitti akka taʼe xiinxaluun keenya, humna inni addunyaa haaraa fiduuf qaburratti amantii qabnu nuuf cimsa. (Iyyaasuu 23:14; Isaayyaas 55:10, 11 dubbisi.) Kunis addunyaa haaraan abjuu akka hin taane namoonni akka hubatan gargaaruuf caalaatti qophaaʼoo akka taanu nu gargaara. Yihowaaniyyuu samii haaraa fi lafa haaraa ilaalchisee, “Jechoonni kun amanamoo fi dhugaa [dha]” jedheera.—Mul. 21:1, 5.
it-2-E 1201 key. 2
Dubbii Waaqayyoo
Uumamni ijaan mulʼatus taʼe ijaan hin mulʼanne dubbii Waaqayyootiif ni ajajama, Waaqayyo kaayyoosaa fiixaan baasuufis isaanitti fayyadamuu ni dandaʼa. (Far. 103:20; 148:8) Dubbiinsaa amanamaadha; Waaqayyo wanta waadaa gale yaadatee ni raawwata. (Kes. 9:5; Far. 105:42-45) Akkuma inni jedhe dubbiinsaa “bara baraaf jabaatee ni dhaabbata”; kaayyoosaa utuu fiixaan hin baasin matumaa garasaatti hin deebiʼu.—Isa. 40:8; 55:10, 11; 1Phe. 1:25.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w86-E 11/1 19 key. 15
Dargaggoota, Maatii Tokkummaa fi Gammachuu Qabu Keessatti Gaʼee Qabdu
15 “Isaanis miila isaa hidhaa sibiilaatiin hidhan, morma isaas sibiila gidduu galchan; hamma yeroon dubbiin isaa itti raawwatamu gaʼutti, wanti Yihowaan dubbate isa qulqulleesse.” (Far. 105:17-19) Yoseef hamma waadaan Yihowaan isaaf gale raawwatamutti waggaa 13f garba taʼee jiraateera, akkasumas hidhameera. Rakkinni isarra gaʼe kun isa qulqulleesseera. Yihowaan rakkina kan namatti hin fidne taʼus, kaayyoosaa raawwachuuf akka nurra gaʼu heyyamuu dandaʼa. Yoseef rakkinni isarra gaʼus ‘wanta Yihowaan dubbate’ abdachuu isaa itti fufaa laata? Amalawwan gaggaarii qabu ni gabbifataa laata? Amalawwan akka obsaa, gad of qabuu, cimina hafuuraa fi kutannoo hojii ulfaataa raawwachuuf isa gargaaran ni horataa? Yoseef akkuma warqii ibiddaan qulqulleeffamee, qulqulluu taʼuudhaan nama Waaqayyoo duratti iddoo guddaa qabuu fi Yihowaan itti fayyadamu taʼeera.—Uumama 41:14, 38-41, 46; 42:6, 9.
SADAASA 11-17
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 106
“Waaqa Isa Fayyisaa Isaanii Taʼe . . . ni Irraanfatan”
“Yihowaa Cinaa kan Dhaabbatu Eenyu?”
13 Israaʼeloonni duumessa gurraacha, balaqqeessaa fi mallattoowwan dinqisiisoo Waaqayyoo biraa dhufan kaan arguun isaanii baayʼee isaan sodaachisee ture. Gaaffii isaaniitiin Museen isaan bakka buʼee Yihowaa wajjin dubbachuuf gara Tulluu Siinaatti ol baʼe. (Bau. 20:18-21) Achiis yeroo dheeraadhaaf fiixee tulluu sana irra ture. Israaʼeloonni geggeessaa isaanii isa amanamaa sana malee qofaa isaanii lafa onaa keessatti hafanii turanii? Amantiin Israaʼelootaa Musee isa ijaan mulʼatu irratti kan hundaaʼe akka ture haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Waan dhiphataniif Aaroniin akkana jedhan: “Musee isa biyya Gibxii nu baase kanatti maal akka itti dhufe hin beeknu; kanaaf . . . waaqayyolii nu dura adeeman nuuf tolchi!”—Bau. 32:1, 2.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w06-AM 7/15 13 key. 9
Yaadawwan Ijoo Kitaaba Faarfannaa Sadaffaa fi Arfaffaa
106:36, 37. Caqasni kun waaqa tolfamaa waaqeffachuu jinniiwwaniif aarsaa dhiheessuu wajjin wal qabsiisee ibseera. Kunis namni waaqa tolfamaa waaqeffatu toʼannaa Diyaabilos jala ooluu akka dandaʼu argisiisa. Kitaabni Qulqulluun, “waaqolii tolfamoo irraa of eegaa” jechuudhaan nu gorsa.—1 Yohaannis 5:21.
SADAASA 18-24
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 107-108
‘Waaqayyo Gaarii Waan Ta’eef Isaaf Galata Galchaa!’
w07-AM 4/15 20 key. 2
Gumiin Yihowaa Haa Faarfatu
2 Gumiin, tuuta hawaasaa akkasumaan walitti qabame miti. Tuuta namoonni akkaataan guddinasaanii ykn fedhiin ispoortiidhaaf qaban ykn wanti jaallatan tokko ta’e itti walitti qabamanis miti. Kanaa manaa, kaayyoon qophii gumii inni duraa Yihowaa faarsuudha. Akkuma Macaafni Faarfannaa ibsutti gumiin faayidaa kanaaf oolaa ture. Faarfannaa 35:18rratti akkas kan jedhu dubbisna: “Yommus waldaa guddaa keessatti sin galateeffadha, saba baay’ee keessattis sin jajadha.” Haaluma wal fakkaatuun, Faarfannaa 107:31, 32rratti akkas jedhamneerra: “Egaa gaarummaa isaa fi wanta dinqisiisaa inni ilmaan namootaaf godheefis, isaan kun Waaqayyoof galata haa galchan! Waldaa sabaa keessatti ulfinaan ol isa haa kaasan! Yaa’ii maanguddootaa keessattis isa haa jajatan!”
Yihowaadhaaf Galata Galchuudhaan Eebba Argadhaa
4 Amala galateeffannaa horachuu fi argisiisuu keenya itti fufuu yoo barbaanne, wantoota gaggaarii Yihowaa biraa arganne hubachuu fi dinqisiifannaadhaan irratti xiinxaluu, akkasumas gaarummaa isaa irratti yaaduu qabna. Faarfatichi yeroo akkas godhetti, wantoonni dinqisiisoon Yihowaan hojjete isa ajaaʼibsiisaniiru.—Faarfannaa 40:5; 107:43 dubbisi.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-2-E 420 key. 4
Moʼaab
Daawit erga mootii taʼee boodaas Israaʼelii fi Moʼaab gidduu waraanni tureera. Daawit Moʼaabota waan injifateef, Moʼaabonni gibira isaaf fidu turan. Waraanicharratti dhiironni Moʼaab warri loltoota turan harka sadii keessaa harki lama duʼaniiru. Daawit loltoota kana lafarra ciibsee safaruudhaan harka sadii keessaa harki lama akka ajjeefaman, harki tokkommoo lubbuudhaan akka oolan murteessee taʼuu dandaʼa. (2Sa. 8:2, 11, 12; 1Se. 18:2, 11) Benaayaan ilmi Yehoyaadaa ilmaan Ariʼeel isa nama biyya Moʼaab taʼee lamaan kan ajjeese waraanuma kanarratti taʼuu hin oolu. (2Sa. 23:20; 1Se. 11:22) Injifannoo guddaan Daawit Moʼaab irratti argate kun, raawwii raajii Balaʼaam waggaa 400 dura dubbatee ture. Raajichi, “Urjiin tokko Yaaqoob keessaa ni baʼa, uleen mootiis Israaʼel keessaa ni kaʼa. Inni dhugumaan adda Moʼaab, buqqee mataa ilmaan jeequmsaa hundumaas ni caccabsa” jedha. (Lak. 24:17) Akkasumas Faarfatichi Moʼaab miʼa dhiqannaa Waaqayyoo akka taʼetti kan dubbate injifannoo kana ilaalchisee taʼuu hin oolu.—Far. 60:8; 108:9.
SADAASA 25–MUDDEE 1
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 109-112
Yesuus Mooticha Deggeraa!
w06-AM 9/1 13 key. 6
Yaadawwan Ijoo Kitaaba Faarfannaa Kutaa 5ffaa
110:1, 2—Yesuus Kiristoos inni Daawit “Gooftaa koo” jedhee waame mirga Waaqayyoo yeroo taaʼetti maal hojjechaa ture? Yesuus duʼaa kaʼee gara samii erga dhaqee booda, bara 1914tti mootii taʼee hamma muudametti mirga Waaqayyoo taaʼaa tureera. Yeroowwan kanatti duuka buutotasaa warra hafuuraan dibaman geggeessaa tureera. Kana kan godhe hojii lallabuu fi barattoota gochuurratti qajeelfama kennuu fi warra mootummaasaa keessatti isaa wajjin bulchan qopheessuudhaan ture.—Maatewos 24:14; 28:18-20; Luqaas 22:28-30.
w00-AM 4/1 18 key. 3
Warri Waaqayyoo Wajjin Wal Lolan Hin Injifatan
3 Jalqaba jaarraa 20ffaatii kaasee sabni Yihowaa haleellaan isaanirra gaʼaa jira. Biyyoota hedduutti namoonni misiraachoon Mootummaa Waaqayyoo akka hin lallabamne gochuuf ykn dhaabsisuuf yaalaniiru. Kana akka godhan kan isaan kakaase immoo diina keenya Diyaabilos isa ‘nama liqimsu barbaadee akka leencaatti baroodudha.’ (1 Pheexiros 5:8) “Barri sabootaaf murteeffame” bara 1914tti erga xumuramee booda, Waaqayyo ilmisaa ‘Diinota isaa gidduutti akka bulchu’ lafarratti mootii godhee muudeera. (Luqaas 21:24; Faarfannaa 110:2) Kiristoos aangoosaatti fayyadamee Seexana samiirraa ariʼuudhaan naannoo lafaa qofatti akka daangeffamu godheera. Diyaabilos yeroon isa hafe gabaabaa taʼuusaa waan beekuuf dibamtootaa fi deggertoota isaaniirratti aariisaa baʼuuf yaala. (Mulʼata 12:9, 17) Haleellaan namoonni Waaqayyoo wajjin wal lolan kun irra deddeebiʼanii geessisan dhiibbaa akkamii geessise?
Guddina Argisiisuukee Itti Fufi
Kennaa addaa qabdutti akka fayyadamtu gorsa sii kenname dursa fudhadhuutii hojiirra oolchi. Warra kaanii wajjin tajaajiluuf dursa ni fudhattaa? Namoota haaraa, dargaggoota, akkasumas obboloota dhibee fayyaa qabaniifi gumii keessatti argaman gargaaruuf ni carraaqxaa? Galma Mootummaa qulqulleessuurratti ykn hojii garaagaraa walgaʼii gurguddaarratti hojjetamuuf of dhiheessitaa? Darbee darbee qajeelchaa gargaaraa taatee tajaajiluu dandeessaa? Qajeelchaa taatee ykn gumii gargaarsi caalaatti barbaachisu dhaqxee tajaajiluu dandeessaa? Dhiira cuuphame yoo taate, ulaagaa Caaffata Qulqullaaʼoo tajaajilaa gumiifi jaarsa taʼuuf barbaachisu guutuuf carraaqaa jirtaa? Warra kaan gargaaruufi itti gaafatamummaa fudhachuuf of dhiheessuunkee guddina argisiisaa akka jirtu ibsa.—Far. 110:3.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
Kakuu Luba Argamsiisu
Kakuun Abrahaamii wajjin galameefi kakuun Daawitii wajjin galame sanyiin dubartittii akka mootiitti akka tajaajilu kan mirkaneessu taʼus, kun qofti saboonni hundi eebba akka argatan gochuuf gaʼaa miti. Eebba kana argachuuf, cubbuusaaniirraa walaba taʼuufi maatii Yihowaa isa uumama cufa keessatti argamutti makamuu qabu. Kana galmaan gaʼuufimmoo, sanyichi akka lubaattis kan tajaajilu taʼuu qaba. Uumaan keenya inni ogummaa qabu, qophii seera qabeessa kan biraatiin, jechuunis kakuu luba akka Malkiisedeq argamsiisuuf galameen kun akka dandaʼamu godheera.
Yihowaan Yesusii wajjin dhuunfaatti kakuu galuudhaan kaayyoo lama akka galmaan gaʼu karaa Daawit Mootichaa ifa godheera. Tokkoffaa, Yesus ‘gara mirga Waaqayyoo taaʼuudhaan’ diinotasaa hunda moʼuuf aangoo akka qabaatuufi lammaffaammoo, ‘akkuma lubummaa Malkiisedeqitti, luba bara baraa’ akka taʼuufidha. (Faarfannaa 110:1, 2, 4dubbisi.) “Akkuma lubummaa Malkiisedeqitti” kan jedhame maaliifi? Sanyiin Abrahaam Biyyattii Abdachiifamte dhaaluusaa yeroo dheeraa dura, mootii Saalem kan taʼe Malkiisedeq, “luba Waaqayyoo isa hundumaa gararraa jiruu ture.” (Ibr. 7:1-3) Malkiisedeq hojii kana akka raawwatuuf kallattiidhaan kan isa muude Yihowaadha. Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa keessatti mootiis, lubas taʼee akka tajaajile kan ibsame isa qofadha. Kana malees, aangoo kana kan dhaale ykn kan dhaalchise taʼuusaa ilaalchisee wanti galmeeffame waan hin jirreef, ‘luba bara baraa’ jedhamuu dandaʼa.
MUDDEE 2-8
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 113-118
Yihowaadhaaf Maalan Deebisa?
w01-AM 1/1 11 key. 13
Jaalalaan Guddadhaa
13 Wanta kamiyyuu ykn eenyuuniyyuu caalaa Yihowaa jaallachuu akka qabnu, wanta Yesuus dubbaterraa hubachuu dandeenya. Taʼus, Yihowaadhaaf jaalala guutuu qabaannee hin dhalanne. Kun amala guddifachuu qabnudha. Yeroo jalqabaatiif waaʼeesaa yeroo dhageenyu wanti dhageenye garasaatti nu harkiseera. Lafa namootaaf akkamitti akka qopheesse dhawata dhawataan baranne. (Uumama 2:5-23) Cubbuun yeroo jalqabaatiif ilmaan namootaa yeroo faalu, dhimma keessan jedhee dhiisuu mannaa ilmaan namootaa furuuf tarkaanfii akkamii akka inni fudhate baranneerra. (Uumama 3:1-5, 15) Namoota amanamoo taʼan gaarummaadhaan kan qabe siʼa taʼu, dhumarrattis cubbuun keenya akka nuuf dhiifamuuf ilmasaa tokkicha kenneera. (Yohaannis 3:16, 36) Beekumsi keenya guddachaa deemuunsaa dinqisiifannaan Yihowaadhaaf qabnu akka guddatu godheera. (Isaayaas 25:1) Daawit Mootichi kunuunsa Yihowaan jaalalaan isaaf godhuun kan kaʼe, Yihowaa akka jaallate dubbateera. (Faarfannaa 116:1-9) Harʼas Yihowaan nu kunuunsa, nu qajeelcha, nu cimsa, akkasumas nu jajjabeessa. Waaʼeesaa caalaatti barachaa yommuu deemnu jaalalli keenya guddachaa deema.—Faarfannaa 31:23; Sefaaniyaa 3:17; Roomaa 8:28.
Galateeffannaadhaan Fudhadhu, Garaa Guutuudhaan Kenni
Faarfatichi, “Wanta gaarii inni anaaf godhe hundumaaf, Waaqayyoof maalan deebisa?” jechuudhaan dinqisiifannaasaa ibseera. (Far. 116:12) Waaqayyo maal isaaf godhee ture? Yihowaan, yeroo inni “muddamaa fi gadda” keessa turetti isa gargaaree ture. Kana malees, ‘lubbuusaa du’arraa oolcheera.’ Kanarraa ka’uudhaan, Yihowaadhaaf hamma tokko ‘deebisuu’ barbaade. Faarfatichi maal gochuu danda’a ture? “Wareega koo Waaqayyoof nan baasa” jedheera. (Far. 116:3, 4, 8, 10-14) Wareega Yihowaadhaaf gale hunda eegee jiraachuusaa itti fufuufi dirqama qabu hunda ba’uuf murteessee ture.
Atis akkasuma gochuu dandeessa. Akkamitti? Yeroo hundumaa seerawwaniifi seerawwan bu’uuraa Waaqayyoo wajjin wal simtee jiraachuudhaan kana gochuu dandeessa. Kanaaf, waaqeffannaan Yihowaa jireenyakee keessatti iddoo guddaa akka qabaatuufi wanta gootu hundumaarratti hafuurri Waaqayyoo akka si geggeessu godhi. (Lal. 12:13; Gal. 5:16-18) Wanta inni sii godhe hundumaaf, guutummaatti Yihowaadhaaf deebisuu akka hin dandeenye beekamaadha. Ta’us, Yihowaan garaa guutuudhaan isa tajaajiluuf of dhiheessuukee arguunsaa ‘garaasaa ciibsa.’ (Fak. 27:11) Karaa kanaan Yihowaa gammachiisuun mirga guddaa mitii?
Kitaaba Lewwootaa Irraa Barumsa Akkamii Argachuu Dandeenya?
9 Barumsa lammaffaa: Yihowaa kan tajaajillu isa galateeffachuu waan barbaannuufi. Kana sirriitti ibsuuf mee waaʼee qalma araaraa isa waaqeffannaa Israaʼel durii keessatti iddoo guddaa qabuu haa ilaallu. Kitaaba Lewwootaa keessatti namni Israaʼel tokko “galata galchuuf” qalma araaraa akka dhiheessu hubanna. (Lew. 7:11-13, 16-18) Kana kan godhu dirqama waan qabuuf utuu hin taʼin, akkas gochuu waan barbaadeefi. Kanaafuu, aarsaan kun kennaa namichi sun Waaqa isaa Yihowaa waan jaallatuuf fedhiidhaan dhiheessu dha. Namni aarsaa kana dhiheessu, maatiin isaa fi luboonni foon beeyilada aarsaa taʼe sanaa ni nyaatu. Haa taʼu malee, kutaa qaama beeyilada aarsaa taʼee dhiheeffamu sanaa keessaa tokko tokko Yihowaa qofaaf dhihaata ture. Yihowaa qofaaf kan dhihaatan kutaa qaamaa kamfaadha?
10 Barumsa sadaffaa: Jaalalaan kakaanee isa hunda irra caalu Yihowaadhaaf kennina. Yihowaan coomni kutaa qaama beeyiladootaa keessaa isa hunda irra caalu akka taʼetti ilaala. Kana malees, kalee dabalatee kutaan qaama beeyiladootaa tokko tokko gatii guddaa akka qaban dubbateera. (Lewwoota 3:6, 12, 14-16 dubbisi.) Kanaaf keessumaa yommuu Israaʼeloonni fedhiidhaan kutaalee qaamaa kanaa fi cooma isaaf dhiheessan Yihowaan baayʼee gammada ture. Namni Israaʼel aarsaa akkasii dhiheessu tokko wanta hunda irra caalu Waaqayyoof dhiheessuu akka barbaadu argisiisa. Haaluma wal fakkaatuun Yesuus jaalalaan kakaʼee garaa guutuudhaan isa tajaajiluudhaan Yihowaadhaaf wanta hunda irra caalu fedhiidhaan kenneera. (Yoh. 14:31) Yesuus fedha Waaqayyoo raawwachuun isa gammachiisa, akkasumas seera Waaqayyootiif jaalala guddaa qaba. (Far. 40:8) Yihowaan Yesuus fedhiidhaan yommuu isa tajaajilu arguu isaatti baayʼee gammadee taʼuu qaba!
11 Akkuma qalmawwan araaraa tajaajilli nuti Yihowaadhaaf dhiheessinus karaa itti waaʼee isaa maaltu akka nutti dhagaʼamu fedhiidhaan ibsinu dha. Garaa keenya guutuudhaan Yihowaa waan jaallannuuf wanta hunda irra caalu isaaf kennina. Yihowaan namoonni miliyoonaan lakkaaʼamanii fi fedhiidhaan isa waaqeffatan jaalala isaafis taʼe karaawwan isaatiif qabaniin kakaʼanii yommuu isa tajaajilan arguun isaa hammam akka isa gammachiisu tilmaamuu dandeessu! Yihowaan gocha keenya qofa utuu hin taʼin kakaʼumsa keenyas akka ilaaluu fi iddoo guddaa akka kennuuf yaadachuun keenya nu jajjabeessa. Fakkeenyaaf, maanguddoo yoo taatee fi kana booda hamma barbaadde hojjechuu yoo hin dandeenye, Yihowaan kana akka hubatu mirkanaaʼaa taʼi. Wanta baayʼee Yihowaadhaaf kennuu akka hin dandeenye sitti dhagaʼama taʼa, taʼus Yihowaan jaalala guddaa ati qabduu fi wanta gochuu dandeessu akka gootuuf si kakaasu ni arga. Yihowaan wanta hunda irra caaluu fi ati kennuufii dandeessu fudhachuun isa gammachiisa.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
Gaaffii Dubbistootaa
Faarfataan tokko hafuura qulqulluutiin geggeeffamee, ‘Duuni qulqullootasaa Waaqayyo duratti ulfina qabeessa’ jedhee faarfateera. (Far. 116:15, hiika bara 1899) Jireenyi nama Waaqayyoon waaqeffatu tokkoo, Yihowaa duratti gatii guddaa qaba. Haataʼu malee, jechoonni Faarfannaa 116rratti caqasaman, duʼa nama tokkoo caalaa hiika guddaa qabu.
Kiristiyaanni tokko amanamummaa Yihowaadhaaf qabu eegee kan duʼe yoo taʼellee, haasaa sirna awwaalchaasaarratti Faarfannaa 116 caqasuun sirrii miti. Maaliif? Jechi faarfatichaa hiika balʼaa waan qabuufidha. Waaqayyo jireenyasaanii gati jabeessa godhee waan ilaaluuf, namoonni isaaf amanamoo taʼan hundi akka duʼan kan hin heyyamne taʼuusaa argisiisa.—Faarfannaa 72:14; 116:8 ilaali.
MUDDEE 9-15
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 119:1-56
“Dargaggeessi Akkamitti Daandii Isaa Qulqulluu Godhee Eeguu Dandaʼa?”
w87-E 11/1 18 key. 10
Karaa Hundumaan Qulqulluu Taatee Jiraachaa Jirtaa?
10 Phaawulos Efesoon 5:5rratti, “Akkuma beektanii fi ofii keessanii hubattanitti, namni halaleen yookiin namni xuraaʼaan yookiin namni sassata isa waaqolii tolfamoo waaqeffachuu taʼe raawwatu Mootummaa Kiristoosii fi Mootummaa Waaqayyoo keessatti dhaala tokko illee hin qabaatu” jechuudhaan akeekkachiiseera. Haa taʼu malee, waggaa waggaadhaan namoonni kumaan lakkaaʼaman halalummaadhaan kan kaʼe ‘qaama isaanii irratti cubbuu hojjechuudhaan’ adabamaniiru ykn gumiidhaa baafamaniiru. (1 Qorontos 6:18) Yeroo baayʼee kun kan taʼu, ‘akka dubbii [Waaqayyootti] of eeguu’ dhiisuu isaaniitiin kan kaʼedha. (Faarfannaa 119:9) Fakkeenyaaf, obboloonni baayʼeen yeroo bashannanan ulaagaa naamusaa isaanii gadi buusuudhaan of eeggannoo gochuu dhiisu. Akkasumas sochiiwwan Tiʼookraasii dhiisuudhaan namoota addunyaa isaan waliin bashannan wajjin michummaa uumu. Kiristiyaanonni tokko tokko namoonni sun namoota gaarii akka taʼanitti yaaduudhaan sochiiwwan dogoggora taʼanirratti isaanii wajjin hirmaataniiru. Haaluma wal fakkaatuun warri kaanimmoo namoota isaanii wajjin hojjetanii wajjin michummaa cimaa uumaniiru. Kiristiyaanni jaarsa taʼe tokko dubartii isaa wajjin hojjettutti waan michoomeef maatii isaa dhiisee ishii wajjin jiraachuu jalqabeera. Kanaan kan kaʼes, gumiidhaa baafameera. Kun yaanni Kitaabni Qulqulluun, “hiriyummaa gadheen amala gaarii mancaasa” jedhu dhugaa taʼuusaa mirkaneessa.—1 Qorontos 15:33.
w06 6/15 25 key. 1
‘Yaadachiisnikee Garaa Na Ciibsa’
YIHOWAAN tajaajiltoonnisaa dhiibbaawwan yeroo rakkisaa kanatti isaan mudatan akka mo’an gargaaruuf yaadachiisa isaaniif kenna. Yaadachiisawwan tokko tokko kan argaman dubbisa Macaafa Qulqulluurraa, haasawaa dhihaatu ykn yaadawwan walga’ii gumiirratti kennamanirraati. Yaadawwan yeroo akkasiitti dubbisnu ykn dhageenyu baay’eensaanii nuuf haaraa miti. Sana dura yaada wal fakkaatu barannee ta’uu danda’a. Haata’u malee yeroo baay’ee waan irraanfannuuf, kaayyoo, seeraafi qajeelfama Yihowaa ilaalchisee yeroo hundumaa yaadachiisa argachuun keenya barbaachisaadha. Yaadachiisni Yihowaan nuu kennu, sababii seerasaa akka eegnu nu kakaaserratti akka xiyyeeffannu nu gargaaruudhaan yaada keenya waan nuu haaromsuuf isa galateeffachuu qabna. Kanaan kan ka’es Faarfatichi, “Abboommonni siif dhugaa ba’an garaa na ciibsu” jechuudhaan Yihowaa faarfateera.—Faarfannaa 119:24.
Wantoota Waaʼee Hin Baasnerraa Ija Keessan Deebisaa!
2 Haataʼu malee, wanti ilaallu nu miidhuus ni dandaʼa. Wanti karaa ijaa sammuu keenyatti galu baayʼee cimaa waan taʼeef, hawwii nu keessatti uumuu ykn akka guddatu gochuu dandaʼa. Addunyaa Seexanaa hamaafi of qofa gammachiisuu barbaadu keessa waan jiraannuuf, fakkiiwwaniifi olola liphsuu tokkoofillee yoo ilaalle karaarraa nu jalʼisuu dandaʼaniin marfamneerra. (1 Yoh. 5:19) Kanaaf, faarfatichi “Ija koo wanta waaʼee hin baafne ilaaluu irraa jalʼisi, karaa kee irrattis lubbuu anatti deebisi!” jedhee kadhachuunsaa kan nama dinqisiisu miti.—Far. 119:37.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w05-AM 4/15 10 key. 2
Dubbii Yihowaatti Amanamaa
2 Faarfannaa 119rratti yaadni ibsame inni guddaan, Dubbiin Waaqayyoo ykn ergaansaa faayidaa akka qabudha. Barreessaan Faarfannaa kanaa yaadasaa kan ibse, tartiiba qubeetiin siʼa taʼu, kana kan godhes yaadachuuf akka taʼuuf jedheeti. Faarfannaan kun lakkoofsa 176 kan qabu siʼa taʼu, kan barreeffames tartiiba qubee Afaan Ibrootaatiin. Afaan Ibrootaa jalqaba ittiin barreeffameen walaloowwan 22n faarfannaa kana keessatti argaman keessaa toorri 8 qubee wal fakkaataadhaan jalqabu. Faarfannaan kun waaʼee dubbii, seera, dhugaa baʼiinsa [hubachiisa], daandiiwwan, dambiiwwan, sirnoota, ajajawwan, murtiiwwanii fi jechoota Waaqayyoo dubbata. Mataduree kanaa fi isa itti aanurratti Faarfannaan 119 hiika sirrii Kitaabni Qulqulluun Afaan Ibrootaa isaa qaburratti hundaaʼee ibsama. Muuxannoo tajaajiltoota Yihowaa bara duriitti turanii fi yeroo harʼaatti jiranii irratti xiinxaluun keenya hubannaa Faarfannaa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame kanarratti qabnu kan nuu balʼisu taʼuu isaarrayyuu, galateeffannaa Dubbii Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu isa barreeffamaan jiruuf qabnu nuuf guddisa.
MUDDEE 16-22
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 119:57-120
Rakkina Dandamachuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?
w06 6/15 20 key. 2
“Ani Seera Kee Attam Nan Jaalladha!”
2 “Seerri Waaqayyoo faarfaticha jajjabeessuu kan danda’e akkamitti?” jennee gaafachuu dandeenya. Yihowaan akka isaaf yaadu amanuunsaa isa jabeessee ture. Faarfatichi diinonnisaa isa dhiphisaniyyuu seera Waaqayyo jaalalaan kaka’ee kenne hojiirra oolchuun faayidaa akka qabu hubachuunsaa isa gammachiisuu akka qabaatu isa godheera. Gaarummaa Yihowaan isaaf godhe hubateera. Kana malees, qajeelfama seera Waaqayyoo keessatti argamu hojiirra oolchuunsaa, diinotasaa caalaa ogummaa akka qabaatuufi lubbuudhaan akka jiraatu isa gargaareera. Seerichaaf ajajamuunsaa nagaafi yaada garaa isa hin ceephaane isaaf argamsiiseera.—Faarfannaa 119:1, 9, 65, 93, 98, 165.
w00-AM 12/1 14 key. 3
Yaadachiisawwan Yihowaa Garaadhaa ni Jaallattuu?
3 Faarfatichi inni, “Ajajawwan kee eeguuf, Nan ariifadha, hin turus. Wadaroon hamootaa natti marse ani garuu seera kee hin irraanfadhu” jechuudhaan faarfate yaadachiisawwan Waaqayyoo baayʼee jaallata ture. (Faarfannaa 119:60, 61) Abbaan keenya inni samii wadaroo diinonni keenya nutti xaxan akka nurraa kukkutu mirkanaaʼoo waan taaneef yaadachiisawwan Yihowaa ariʼatama dandamachuuf nu gargaaru. Hojii Mootummicha lallabuu nutti kenname raawwachuu akka dandeenyuuf yeroo sirrii taʼetti gufuuwwan akkasii nu jalaa ni balleessa.—Maarqos 13:10.
w06-AM 9/1 14 key. 4
Yaadawwan Ijoo Kutaa 5ffaa Kitaaba Faarfannaa
119:71—Rakkina keessa darbuun gaariidha kan jennu maaliifi? Rakkinni guutummaatti Yihowaatti akka amanamnu, garaadhaa kadhannaa akka isatti dhiheessinu, akkasumas Kitaaba Qulqulluu dhimminee akka qoʼannuu fi beekumsa arganne hojiirra akka oolchinu nu barsiisa. Hunda caalaammoo rakkinni yeroo nurra gaʼutti tarkaanfiin nuti fudhannu hirʼinni qabnu caalaatti akka mulʼatu godha. Rakkinni akka nu sirreessu ykn akka nu qulqulleessu kan heyyamnu yoo taʼe akka guungumnu nu hin godhu.
“Warra Booʼanii Wajjin Booʼaa”
3 Maddi jajjabina guddaa, Yihowaa isa Abbaa keenya isa samii gara laafessa taʼe akka taʼe homaa hin shakkisiisu. (2 Qorontos 1:3, 4 dubbisi.) Yihowaan, rakkina warra kaanii hubachuu irratti fakkeenya guddaa waan taʼeef saba isaatiin, “Anuma, anuma inni isin jajjabeessu.” jedheera.—Isa. 51:12; Far. 119:50, 52, 76.
5 Yihowaan akka nu gargaaru amanannaa cimaa qabaachuu dandeenya. Kanaaf, gadda nutti dhagaʼamu ilaalchisee wanta garaa keenya keessa jiru kadhannaadhaan Yihowaa duratti dhangalaasuu irraa duubatti jechuu hin qabnu. Yihowaan gadda guddaa nutti dhagaʼamu akka hubatuu fi jajjabina nu barbaachisu akka nuuf kennu beekuun kan nama jajjabeessu dha! Taʼus, kana kan godhu akkamitti?
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w06-AM 9/1 14 key. 5
Yaadawwan Ijoo Kitaaba Faarfannaa Kutaa 5ffaa
119:96—Wanti mudaa hin qabne hundinuu daangaa qaba jechuun maal jechuudha? Faarfatichi waaʼee wanta mudaa hin qabnee kan dubbate akka ilaalcha namootaatti dha. Akkasumas beekumsi namoonni waaʼee wantoota mudaa hin qabnee qaban xinnoo taʼuusaa sammuutti qabatee taʼuu dandaʼa. Faallaa kanaatiin ajajni waaqayyoo daangaa hin qabu. Ajajni isaa jireenya keenya keessatti kallattii hundumaan ni hojjeta.
MUDDEE 23-29
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 119:121-176
Rakkina Keessa Galuurraa Of Eeguu Kan Dandeenyu Akkamitti?
Seerrii fi Qajeelfamni Waaqayyoo Qalbii Keessan Akka Leenjisu Heyyamaa
5 Seerri Waaqayyoo akka nu gargaaru kan barbaannu yoo taʼe, dubbisuu ykn maal akka taʼan beekuu caalaa wanti gochuu qabnu jira. Seera Waaqayyoo jaallachuu fi kabajuu keenya itti fufuu qabna. Dubbiin Waaqayyoo, “Wanta hamaa jibbaa, wanta gaariis jaalladhaa!” jedha. (Amo. 5:15) Haa taʼu malee, kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Inni guddaan wantootaaf ilaalcha akka Yihowaa qabaachuu barachuu dha. Fakkeenyaaf, rakkinni hirriba dhabuu akka isin mudate godhaa yaadaa. Ogeessi fayyaa keessan nyaata nyaattan, sochii qaamaa gootanii fi akkaataa jireenyaa keessan akka jijjiirtan isin gorse. Gorsa isiniif kenname erga hojii irra oolchitanii booda gaarii taʼuu isaa hubattan! Ogeessi fayyaa keessan jireenyi keessan akka fooyyaʼu waan isin gargaareef guddaa akka dinqisiifattan beekamaa dha.
6 Haaluma wal fakkaatuun, Uumaan keenya seera miidhaa cubbuu irraa nu eeguu fi akkaataa jireenyaa keenya fooyyessuu dandaʼu nuuf kenneera. Seera Kitaaba Qulqulluu sobuu, gowwoomsuu, hatuu, halalummaa, hammeenyaa fi gocha hafuurota xuraaʼoo irraa akka fagaannu ilaalchisee nuuf kenname hordofuudhaan faayidaa arganne yaadaa. (Fakkeenya 6:16-19 dubbisi; Mul. 21:8) Eebba hedduu waan hunda karaa Yihowaan barbaaduun raawwachuun argamsiisu yommuu argannu, jaalallii fi dinqisiifannaan Yihowaafis taʼe seera isaatiif qabnu guddachaa deema.
w93-AM 4/15 17 key. 12
Dargaggootaa, Maal Hordofaa Jirtu?
12 Hunda caalaa wanta hamaa jibbuu ykn balfuu barachuun isin barbaachisa. (Faarfannaa 97:10) Wanta jalqabarratti nama gammachiisu tokko jibbuun kan dandaʼamu akkamitti? Miidhaa isaa yaaduudhaani. “Hin dogoggorinaa: Waaqayyo kan itti qoosamu miti. Namni waanuma facaase sana haammata; sababiin isaas, namni fooniif jedhee facaasu, foon isaa irraa tortoruu haammata.” (Galaatiyaa 6:7, 8) Miira keessaniin moʼamuuf yeroo qoramtanitti gochi kun hunda caalaa Yihowaa akka gaddisiisu yaadaa. (Faarfannaa 78:41 wajjin wal bira qabii ilaali.) Kana malees, ulfi hin barbaachisne uumamuu ykn dhibee akka Eedsiin qabamuu akka dandeessan yaadaa. Kanaan kan kaʼes, jeequmsa miiraa fi salphina isinirra gaʼuu dandaʼu yaadaa. Dabalataanis godaannisa yeroo dheeraaf turu uumuu dandaʼa. Obboleettiin takka akkas jetteetti: “Anii fi abbaan manaa koo wal baruu keenya dura namoota garaa garaa wajjin saalquunnamtii raawwanneerra. Harʼa lamaan keenyayyuu Kiristiyaanota; taʼus gochi keenya duraanii kun gaaʼela keenya keessatti wal loluu fi walitti hinaafuuf sababa taʼeera.” Gumii keessatti mirgoota tokko tokko isin dhabsiisuu fi gumiidhaan isin baasisuu akka dandaʼus yaaduu qabdu! (1 Qorontos 5:9-13) Gammachuu yeroo muraasaaf turuuf jedhanii gatii guddaa hammanaa kaffaluun sirriidhaa?
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
“Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
8 Kanaaf, akkuma koompaasii dhageettiin yaanni garaas daangaa qaba. Namni karaa adeemu kun koompaasicha bira utuu maagneetii kaa’ee, mallattoon sun gara kaabaa argisiisuusaa dhaaba. Haaluma wal fakkaatuun nutis, fedhii mataa keenyaatiif bakka guddaa kan kenninu taanaan maaltu ga’uu danda’a? Fedhiin ofittummaa dhageettii yaada garaa keenyaa mancaasuu danda’a. Macaafni Qulqulluun, “Garaan namaa waan hundumaa irra jal’aa dha, namnis isa qajeelchuu hin danda’u” jechuudhaan nu akeekkachiisa. (Er. 17:9; Fak. 4:23) Kana malees, kara adeemaan kun kaartaa sirriifi amansiisaa ta’e qabaachuu baannaan, koompaasichi qofaasaatti faayidaa isaaf argamsiisuu hin qabu. Nutis, qajeelfama Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu isa sirriifi hin gegeeddaramneen hin geggeeffamnu taanaan, yaanni garaa keenya qofti faayidaa nuu argamsiisu hin qabu. (Far. 119:105) Kan nama gaddisiisu, namoonni biyya lafaa fedhiisaaniitiif bakka guddaa kan kennan si’a ta’u, amala argisiisuu qabnuufi Dubbii Waaqayyoo keessatti argamuuf garuu dantaa hin qaban. (Efesoon 4:17-19 dubbisi.) Namoonni baay’een dhageettii yaada garaa kan qaban ta’anillee, wantoota nama suukanneessan kan raawwatan kanumaafidha.—1 Xim. 4:2.
MUDDEE 30–AMAJJII 5
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 120-126
Imimmaaniin Kan Facaasan Taʼus, Ililleedhaan Haammataniiru
w04-AM 6/1 16 key. 10
Namoonni Waaqayyoof Ulfina Kennan ni Eebbifamu
10 Waanjoo barattoota gochuu baachuun keenya Seexana akka morminetti lakkaaʼama. Yaaqoob 4:7, “Diyaabilosiin mormaa, innis isin irraa ni baqata” jedha. Kana jechuun garuu Diyaabilosiin murmuun salphaadha jechuu miti. Waaqayyoon tajaajiluun carraaqqii cimaa gochuu gaafata. (Luq. 13:24) Kitaabni Qulqulluun Faarfannaa 126:5rratti abdii, “Warri imimmaaniin sanyii facaasan Ililchuudhaan ni haammatu” jedhu kenna. Eeyyee Waaqni nuti waaqeffannu Waaqa galateeffatudha. Inni ‘warra cimsanii isa barbaaddatan ni badhaasa,’ warra ulfina isaaf kennanis ni eebbisa.—Ibroota 11:6.
Amantiin Kee Hammam Cimaa Dha?
17 Nama jaallattu duʼaan dhabuu keetiin gaddaa jirtaa? Taanaan, yeroo ramaddee seenaa Kitaaba Qulqulluu waaʼee namoota duʼaa kaʼanii ibsu dubbisuudhaan amantii abdii duʼaa kaʼuu irratti qabdu cimsadhu. Miseensi maatii kee tokko gumiidhaa waan baafameef gaddaa jirtaa? Taanaan, akkaataa Waaqayyo adaba itti kennu yeroo hunda sirrii taʼuu isaa mirkaneeffachuuf, qorannoo godhi. Rakkinni kam iyyuu yommuu si mudatu carraa kana amantii kee cimsachuuf itti fayyadami. Wanta sitti dhagaʼamu hundumaa Yihowaatti himi. Warra kaan irraa adda of hin baasin, kanaa mannaa, obboloota kee fi obboleettota keetti dhihaachuu kee itti fufi. (Fak. 18:1) Yommuu wanta sirra gaʼe yaadatutti kan boossu taʼu illee, sochiiwwan haala isaa dandamachuuf si gargaaran irratti hirmaadhu. (Far. 126:5, 6) Walgaʼiiwwan irratti argamuu, tajaajila baʼuu fi Kitaaba Qulqulluu dubbisuu kee itti fufi. Wantoota dinqisiisoo Yihowaan gara fuulduraatti siif qopheesse irratti xiyyeeffadhu. Yihowaan akkamitti si gargaaraa akka jiru hubachuun kee amantiin isa irratti qabdu caalaatti akka cimu godha.
w01-AM 7/15 18-19 key. 13-14
Hojii Makarichaa Hojjechuu Keessan Itti Fufaa!
13 Jechoonni Faarfannaa 126:5, 6rratti argamanii fi ‘warri imimmaaniin sanyii facaasan Ililchuudhaan ni haammatu. Booʼaa kan gad baʼu taʼus, bissiiwwan midhaanii isaa baatanii, Ililchuudhaan deebiʼu’ jedhan warra hojii makaraarratti hirmaatan keessumaammoo warra ariʼatamni isaanirra gaʼaa jiruuf jajjabina guddaa kennu. Yaanni faarfatichi sanyii facaasuu fi haamuu ilaalchisee dubbate Yihowaan Israaʼelota boojuu Baabilon ishii durii jalaa deebiʼan akka kunuunsee fi akka eebbise argisiisu. Yeroo bilisa baʼanitti baayʼee gammadanii turan, taʼus, lafa isaanii isa waggaa torbaatama yeroo boojuu jala turanitti ona turerratti sanyii yeroo facaasanitti booʼanii taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, facaasuu fi ijaaruu isaanii warri itti fufan firii dadhabbii isaanii argachuudhaan gammadaniiru.
14 Qorumsi yeroo nurra gaʼu ykn nutis taane obboloonni keenya qajeelummaaf jennee rakkinni yeroo nurra gaʼu booʼuu ni dandeenya. (1 Pheexiros 3:14) Hammamiyyuu yoo dadhabne jalqabarratti tajaajila keenyarraa buʼaa hin argannu taʼa; kunimmoo hojiin makaraa ulfaataa akka nutti taʼu gochuu dandaʼa. Haa taʼu malee, facaasuu fi bishaan obaasuu keenya yoo itti fufne Waaqayyo yeroo baayʼee isa nuti yaanne caalaa guddisuu ni dandaʼa. (1 Qorontos 3:6) Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota keenya raabsuudhaan buʼaan arganne kanaaf ragaa gaariidha.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
cl 73 key. 15
Humna Eegu—“Waaqayyo Iddoo Kooluu Itti Gallu” Dha
15 Mee jalqaba Yihowaan gama qaamaatiin akkamitti akka nu eegu haa ilaallu. Tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef, gareedhaan eegumsa qaamaa akka argannu beekamaa dha. Utuu akkas taʼuu baatee, Seexanni salphumatti nu balleessa ture. Seexanni inni ‘bulchaa addunyaa kanaa’ taʼe waaqeffannaa dhugaa lafa irraa balleessuu caalaa wanti isa gammachiisu hin jiru. (Yohaannis 12:31; Mulʼata 12:17) Mootummoonni humna guddaa qaban tokko tokko hojii lallabaa keenya dhorkaniiru; akkasumas guutummaatti lafa irraa nu balleessuuf yaalaniiru. Haa taʼu malee, sabni Yihowaa jabaatanii dhaabbachuudhaan utuu wal irraa hin kutin lallabuu isaanii itti fufaniiru! Saboonni humna guddaa qaban kun, sochii Kiristiyaanota lakkoofsi isaanii xinnoo taʼee fi humna kan hin qabne fakkaatan kanaa dhaabsisuu kan dadhaban maaliifi? Yihowaan qoochoo isaa isa jabaa jalatti eegumsa waan nuu godhuufi.—Faarfannaa 17:7, 8.