-
Aariin Ajjeechaatti GeesseBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 4
Aariin Ajjeechaatti Geesse
Addaamii fi Hewaan iddoo biqiltuu Eedan keessaa erga baʼanii booda, ijoollee hedduu godhatan. Qaayin ilmi isaanii inni jalqabaa qotee bulaa taʼe; Abeel ilmi isaanii inni lammaffaan immoo tiksee taʼe.
Gaaf tokko Qaayinii fi Abeel Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessan. Aarsaan maal akka taʼe beektaa? Kennaa adda taʼe dha. Yihowaan aarsaa Abeelitti gammadeera; kan Qaayinitti garuu hin gammanne. Kun immoo Qaayiniin baayʼee aarse. Yihowaan, aariin Qaayin wanta hamaa akka hojjetu isa gochuu akka dandaʼu isa akeekkachiisee ture. Taʼus, Qaayin dhagaʼuu dide.
Kanaa mannaa, Qaayin Abeeliin, ‘Kottu gara dirreetti baanaa’ jedheen. Yommuu gara dirreetti baʼanii kophaa isaanii taʼan, Qaayin obboleessa isaa rukutee ajjeese. Yihowaan kana ilaalchisee tarkaanfii akkamii fudhata? Qaayin maatii isaa irraa fagaatee akka adeemu gochuudhaan isa adabeera. Qaayin matumaa deebiʼee akka dhufu isaaf hin heyyamamu.
Kana irraa barumsa akkamii arganna? Wantoonni karaa nuti yaanneen yoo raawwatamuu baatan ni aarra taʼa. Aariin keessa keenyatti guddachaa akka jiru yoo hubanne ykn warri kaan aaruu keenya hubatanii yoo nu akeekkachiisan, miirri keenya nu toʼachuu isaa dura dafnee sirreessuu fi toʼachuu qabna.
Abeel Yihowaa waan jaallatee fi wanta sirrii taʼe waan raawwateef, Yihowaan yeroo hunda isa ni yaadata. Waaqayyo lafti kun deebitee jannata akka taatu yommuu godhu Abeeliin duʼaa ni kaasa.
“Jalqaba obboleessa kee wajjin araarami; sana booda deebiʼiitii kennaa kee dhiheessi.”—Maatewos 5:24
-
-
Doonii NohBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 5
Doonii Noh
Yeroo booda, namoonni lafa irratti baayʼachuu jalqaban. Hedduun isaanii garuu hamoota turan. Maleekonni samii tokko tokko illee hamoota taʼanii turan. Samii isa bakka jireenyaa isaanii taʼe dhiisanii gara lafaa dhufan. Kana kan godhan maaliif akka taʼe beektaa? Qaama foonii uffatanii dubartoota fuudhuu waan barbaadanifi.
Maleekonni sun dubartoota kana irraa ilmaan godhatan. Ilmaan isaanii kun immoo yommuu guddatan baayʼee ciccimoo fi abbaa humnaa taʼan. Isaanis namoota miidhu turan. Yihowaan wantoonni kun akka itti fufan hin heyyamu. Kanaaf, namoota hamoo bishaaniin balleessuuf murteesse.
Taʼus, namni adda taʼe tokko jira ture. Inni Yihowaa ni jaallata ture. Maqaan isaa Noh jedhama. Haadha manaa fi ilmaan sadii qaba ture: isaanis Seem, Kaamii fi Yaafet kan jedhaman siʼa taʼu, sadanuu haadha manaa qabu turan. Yihowaan isaa fi maatiin isaa Bishaan Badiisaa sana irraa ooluu akka dandaʼaniif, doonii guddaa akka hojjetu Nohitti hime. Dooniin, saanduqa guddaa bishaan irra asii fi achi sochoʼuu dandaʼu dha. Yihowaan bineensonni hedduunis akka oolaniif gara doonichaatti akka isaan galchu Nohitti hime.
Nohis yeruma sana doonii hojjechuu jalqabe. Nohii fi maatiin isaa doonii kana hojjechuun gara waggaa 50 isaanitti fudhateera. Akkuma Yihowaan isaanitti himetti doonicha hojjetan. Yeroo sanatti, Nohi waaʼee Bishaan Badiisaa sana namoota akeekkachiisaa ture. Haa taʼu malee, namni isa dhagaʼe hin jiru.
Dhuma irrattis, yeroon itti doonichatti seenan ni gaʼe. Mee amma wanta itti aanee taʼe haa ilaallu.
“Akkuma bara Nohitti taʼee ture, argamni Ilma namaas akkasuma ni taʼa.”—Maatewos 24:37
-