LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Abrahaamii fi Saaraan Waaqayyoof Ajajamaniiru
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Abrahaamii fi Saaraan magaalaa Uur keessaa baʼuuf miʼa isaanii yommuu sassaabbatan

      BARUMSA 8

      Abrahaamii fi Saaraan Waaqayyoof Ajajamaniiru

      Magaalaan Uur Baabel irraa baayʼee fagoo miti; namoonni magaalaa kanaa Yihowaa malees waaqolii tolfamoo hedduu waaqeffatu turan. Namni magaalaa Uur keessa jiraatu tokko garuu Yihowaa qofa waaqeffata ture. Maqaan isaa Abrahaam jedhama.

      Yihowaan Abrahaamiin akkana jedhe: ‘Mana kee fi firoota kee dhiisiitii, gara biyya ani sitti argisiisu dhaqi.’ Achiis Waaqayyo akkana jedhee waadaa isaaf gale: ‘Ati saba guddaa taata, sababii keetiin namoonni hedduun guutummaa lafaa irra jiraatan waan gaarii akka argatan nan godha.’

      Abrahaam, Yihowaan eessatti isa ergaa akka jiru hin beeku ture; taʼus Yihowaatti amanameera. Kanaaf, Abrahaam, haati manaa isaa Saaraan, abbaan isaa Taaraanii fi mucaan obboleessa isaa Loox ajajamuudhaan miʼa isaanii feʼatanii isaa wajjin karaa dheeraa deemuu jalqaban.

      Abrahaamii fi maatiin isaa biyya Yihowaan akka dhaqan barbaade yommuu gaʼan umuriin isaa waggaa 75 ture. Bakki sun biyya Kanaʼaan jedhama. Achitti Waaqayyo Abrahaamiif, ‘Biyya ati naannoo keetti argitu kana hunda ijoollee keetiif nan kenna’ jedhee waadaa gale. Taʼus, Abrahaamii fi Saaraan dulloomaniiru; akkasumas ijoollee hin qaban turan. Maarree Yihowaan waadaa isaaniif gale raawwachuu kan dandaʼu akkamitti?

      Abrahaamii fi maatiin isaa gara biyya Kanaʼaan yommuu deeman

      “Abrahaam . . . iddoo akka dhaalaatti fudhachuuf jiru sana dhaquuf amantiidhaan ajajame; eessa akka dhaqu kan hin beekne taʼus, iddoo jiraatu dhiisee baʼe.”—Ibroota 11:8

      Gaaffii: Yihowaan, Abrahaam maal akka godhu isa gaafate? Yihowaan Abrahaamiif waadaa akkamii gale?

      Uumama 11:29–12:9; Hojii Ergamootaa 7:2-4; Galaatiyaa 3:6; Ibroota 11:8

  • Dhuma Irratti Ilma Godhatan!
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Maleekonni Abrahaamitti yommuu dubbatan Saaraan dunkaana keessaa yommuu dhaggeeffattu

      BARUMSA 9

      Dhuma Irratti Ilma Godhatan!

      Abrahaamii fi Saaraan erga gaaʼela godhatanii waggoonni hedduun darbaniiru. Mana isaanii isa mijataa Uur keessa jiru dhiisanii dunkaana keessa jiraachaa jiru. Taʼus, Saaraan Yihowaatti waan amanamtee turteef hin gungumne.

      Saaraan mucaa argachuuf baayʼee barbaaddee waan turteef Abrahaamiin, ‘Tajaajiltuun koo Aggaar yoo mucaa godhatte akkuma mucaa koo taʼuu dandaʼa’ jette. Yeroo booda, Aggaar ilma deesse. Maqaan isaas Ishmaaʼel jedhame.

      Saaraan ni ulfoofte

      Waggoota hedduu booda, umuriin Abrahaam waggaa 99, kan Saaraa immoo 89 yommuu taʼu, keessummoonni sadii gara isaanii dhufan. Abrahaam muka tokko jala akka boqotan isaan affeeree, nyaata isaaniif dhiheesse. Keessummoonni kun eenyufaa akka turan beektaa? Maleekota dha! Abrahaamiin, ‘Waggaa dhufu yeroo kanatti, atii fi haati manaa kee ilma godhattu’ jedhaniin. Saaraanis dunkaana keessaa isaan dhaggeeffachaa turte. Ofitti kolfitee, ‘Ani hoo baayʼee dulloomeera, dhuguma ilma gochuu nan dandaʼaa?’ jettee yaadde.

      Akkuma maleekaan Yihowaa abdii kennee ture, waggaa itti aanu Saaraan ilma deesse. Abrahaam maqaa isaa Yisihaaq jedhee kan moggaase siʼa taʼu, hiikni isaas “Kolfuu” jechuu dha.

      Yommuu Yisihaaq umuriin isaa gara waggaa shanii taʼu, Saaraan Ishmaaʼel utuu isatti qoosuu argite. Ilma ishiitiif eegumsa gochuu waan barbaaddeef, gara Abrahaam dhaqxee Aggaarii fi ilma ishii akka ariʼu gaafatte. Jalqaba irratti, Abrahaam kana gochuu hin barbaanne ture. Haa taʼu malee, Yihowaan Abrahaamiin akkana jedhe: ‘Wanta Saaraan siin jettu dhagaʼi. Ani Ishmaaʼeliin nan kunuunsa. Abdiin ani kenne garuu karaa Yisihaaq raawwatama.’

      Ishmaaʼeliin fi Aggaar yommuu deeman, Saaraa fi Yisihaaq immoo wal qabatanii

      “Saaraan . . . ulfaaʼuuf amantiidhaan humna argatte; ishiin inni waadaa gale sun amanamaa taʼuu isaa yaaddee turte.” —Ibroota 11:11

      Gaaffii: Saaraan maleekonni Abrahaamitti utuu maal himanii dhageesse? Yihowaan, Yisihaaqiif eegumsa kan godhe akkamitti?

      Uumama 16:1-4, 15, 16; 17:25-27; 18:1-15; 21:1-14; Ibroota 11:11

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi