LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Yaaqoob Dhaalicha Argate
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Esaawu ittoodhaan mirga angafummaa isaa Yaaqoobiif kenne

      BARUMSA 12

      Yaaqoob Dhaalicha Argate

      Yisihaaqii fi Ribqaan ilmaan isaanii lakkuu Yaaqoobii fi Esaawuu wajjin

      Yisihaq Ribqaa yeroo fuudhetti umuriin isaa waggaa 40 ture. Baayʼee ishii jaallata ture. Yeroo booda ijoollee dhiiraa lakkuu godhatan.

      Maqaan isa angafaa Esaawu, kan isa quxisuu immoo Yaaqoob jedhame. Esaawu bakkee keessa ooluu kan jaallatu siʼa taʼu, bineensota adamsuu irratti cimaa ture. Yaaqoob garuu qeʼee keessa ooluu jaallata ture.

      Bara sanatti, abbaan isaa yeroo duʼu ilmi angafaa lafaa fi qarshii harka caalaa isaa fudhata ture. Kun dhaala jedhama. Maatii Yisihaaq keessatti immoo, dhaalichi waadaa Yihowaan Abrahaamiif gale keessatti gahee qabaachuu kan dabalatu dha. Esaawu waaʼee waadaa kanaa dhimma hin qabu ture; Yaaqoob garuu iddoo guddaa akka inni qabu hubatee ture.

      Yaaqoobii fi Esaawu

      Gaaf tokko Esaawu guyyaa guutuu adamoo oolee baayʼee dadhabee dhufe. Nyaanni gaariin Yaaqoob qopheessaa ture itti urgoofnaan, ‘Ani baayʼee beelaʼeera! Ittoo diimaa kana irraa xinnoo naa kenni!’ jedheen. Yaaqoob immoo, ‘Siin kenna, garuu jalqaba dhaala kee fudhachuu akkan dandaʼu waadaa naa gali’ jedheen. Esaawuus, ‘Dhaalli koo maal naa godha! Fudhachuu dandeessa. Ani amma nyaata qofan barbaada’ jedhe. Esaawu akkas gochuun isaa sirrii sitti fakkaataa? Sirrii miti. Esaawu nyaata siʼa tokkoof jedhee wanta gatii guddaa qabu dhabe.

      Yisihaaq yeroo baayʼee dulloometti, ilma isaa isa angafa eebbisuu yaade. Ribqaan garuu Yaaqoob inni quxisuun akka eebbifamu haala mijeessite. Esaawu kana yeroo beeku, baayʼee aaree obboleessa isaa isa lakkuu ajjeesuuf yaaduu jalqabe. Yisihaaqii fi Ribqaan, Yaaqoobiif eegumsa gochuuf, ‘Hanga Esaawu tasgabbaaʼutti eessuma kee Laabaan bira dhaqii achi turi’ jedhaniin. Yaaqoob gorsa warra isaa dhagaʼuudhaan, lubbuu isaa oolfachuuf baqate.

      “Namni tokko guutummaa addunyaa kan isaa godhatee lubbuu isaa yoo dhabe maal isa fayyada? Namni tokko bakka lubbuu isaa maal kennuu dandaʼa?”—Maarqos 8:36, 37

      Gaaffii: Esaawu nama akkamii ture? Yaaqoob hoo nama akkamii ture? Yaaqoob eebba Esaawu kan fudhate maaliifi?

      Uumama 25:20-34; 27:1–28:5; Ibroota 12:16, 17

  • Yaaqoobii fi Esaawu ni Araaraman
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Yaaqoob yommuu sagaduu fi Esaawu immoo gara isaatti yommuu fiigu

      BARUMSA 13

      Yaaqoobii fi Esaawu ni Araaraman

      Yihowaan akkuma Abrahaamii fi Yisihaaqiin eegee ture, isas akka eegu Yaaqoobiif waadaa galee ture. Yaaqoob biyya Kaaraan jedhamu jiraachuu jalqabe; achittis fuudhee maatii balʼaa godhate; baayʼee sooressas ni taʼe.

      Yeroo booda Yihowaan Yaaqoobiin, ‘Gara biyya keetti deebiʼi’ jedheen. Kanaaf, Yaaqoobii fi maatiin isaa biyyatti deebiʼuuf karaa dheeraa deemuu jalqaban. Utuu isaan karaa irra jiranii namoonni dhufanii Yaaqoobiin, ‘Obboleessi kee Esaawu namoota 400 wajjin dhufaa jira!’ jedhaniin. Yaaqoob, Esaawu isaa fi maatii isaa miidhuu barbaada jedhee sodaate. Kanaaf, ‘Maaloo obboleessa koo jalaa na oolchi’ jedhee Yihowaa kadhate. Guyyaa itti aanu Yaaqoob, Esaawuuf hoolota, reʼoota, saawwan, gaalotaa fi harroota hedduu kennaa godhee ergeef.

      Gaafas galgala Yaaqoob utuu kophaa isaa jiruu maleekaa tokko arge! Maleekaan sun isaa wajjin walʼaansoo wal qabuu jalqabe. Hanga bariʼutti walʼaansoo wal qabuu isaanii itti fufan. Yaaqoob kan miidhame taʼus, walʼaansoo gochuu isaa hin dhiisne. Maleekaan sunis, ‘Amma nan deema’ jedheen. Yaaqoob garuu, “Hamma na eebbistutti si hin gadhiisu” jedheen.

      Dhuma irratti maleekaan sun Yaaqoobiin ni eebbise. Amma Yaaqoob, Esaawu akka isa miidhu Yihowaan akka hin heyyamne hubate.

      Ganama sana Yaaqoob, Esaawuu fi dhiirota 400n sana fagootti arge. Yaaqoob maatii isaa dura buʼee deemuudhaan obboleessa isaa duratti siʼa torba sagade. Esaawus Yaaqoobitti fiigee isa hammate. Obboloonni lamaan sagalee isaanii guddisanii booʼan; achiis ni araaraman. Akkaataa Yaaqoob rakkina kana itti hiike ilaalchisee Yihowaatti maal kan isatti dhagaʼame sitti fakkaata?

      Boodas, Esaawu gara mana isaatti deebiʼe; Yaaqoob immoo karaa isaa itti fufe. Yaaqoob walumatti ilmaan 12 qaba. Maqaan isaanii Ruuben, Simiʼoon, Leewwii, Yihudaa, Daan, Niftaalem, Gaadi, Asheer, Yisaakor, Zabiloon, Yoseefii fi Biiniyaam jedhama. Yihowaan saba isaa oolchuuf ilmaan Yaaqoob keessaa Yoseefitti fayyadameera. Kana kan godhe akkamitti akka taʼe beektaa? Mee haa ilaallu.

      “Diinota keessan jaallachuu fi warra isin ariʼataniif kadhachuu keessan itti fufaa; kana yoo gootan, ilmaan Abbaa keessan isa samii taʼuu keessan argisiistu.”—Maatewos 5:44, 45

      Gaaffii: Yaaqoob eebba kan argate maaliifi? Obboleessa isaatti kan araarame hoo akkamitti?

      Uumama 28:13-15; 31:3, 17, 18; 32:1-29; 33:1-18; 35:23-26

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi