LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Garbicha Waaqayyoof Ajajame
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Yoseef haadha manaa Phoxifaar jalaa yommuu baqatu

      BARUMSA 14

      Garbicha Waaqayyoof Ajajame

      Yoseef ilmaan Yaaqoob warra xixinnaa keessaa tokko ture. Obboloonni isaa angafaa abbaan isaanii Yoseefiin baayʼee akka jaallatu hubatan. Kun maal akka isaanitti dhagaʼamu taasisa jettee yaadda? Yoseefitti kan hinaafan siʼa taʼu, isa jibban. Yoseef abjuu adda taʼe yeroo abjootu, abjuu isaa isaanitti hima ture. Hiikni abjuu isaa isaan gaaf tokko akka isaaf sagadan kan argisiisu akka taʼe yaadan. Kun immoo caalaatti akka isa jibban taasise!

      Obboloonni Yoseef boolla keessatti yommuu isa darbatan

      Gaaf tokko obboloonni Yoseef naannoo magaalaa Sheekem jirtutti hoolota tiksu turan. Yaaqoob akka dhaqee isaan ilaaluuf Yoseefiin gara isaaniitti erge. Yoseef gara isaanii dhufaa akka jiru fagootti arganii, ‘Abbaan abjuu sun dhufaa jira. Kottaa isa ajjeesna!’ waliin jedhan. Isa qabanii boolla gad fagoo keessa isa buusan. Haa taʼu malee, obboloota isaa keessaa Yihudaan, ‘Isa hin ajjeesinaa! Kanaa mannaa, garbummaatti isa haa gurgurru’ jedhe. Kanaaf, daldaltoota Miidiyaan gara Gibxii dhaqanitti meetii sheeqilii 20n Yoseefiin gurguran.

      Achiis obbolaan Yoseef uffata isaa dhiiga reʼee keessa cuuphanii, uffaticha gara abbaa isaanitti erganii, ‘Kun uffata ilma keeti mitii?’ jedhan. Yaaqoobis Yoseefiin bineensatu nyaate jedhee yaade. Yaaqoob baayʼee gadde. Eenyu iyyuu isa jajjabeessuu hin dandeenye.

      Yoseef mana hidhaa keessatti

      Gibxiitti immoo Phoxifaar isa ajajjuu eegdotaa keessaa tokko taʼetti garbicha taʼee gurgurame. Taʼus Yihowaan Yoseefii wajjin ture. Phoxifaar, Yoseef hojii isaa akka gaariitti akka hojjetuu fi amanamaa akka taʼe hubate. Baayʼee utuu hin turinis Phoxifaar qabeenya isaa hunda irratti isa muude.

      Haati manaa Phoxifaar Yoseef miidhagaa fi dhaabbii kan tolu taʼuu isaa hubatte. Guyyuma guyyaadhaan Yoseef akka ishii wajjin ciisu isa gaafatti turte. Yoseef maal godha laata? Inni garuu didee akkana jedhe: ‘Lakki! Kun sirrii miti. Gooftaan koo na amana; ati immoo haadha manaa isaa ti. Yoon sii wajjin ciise Waaqayyo irrattan cubbuu hojjedha!’

      Gaaf tokko haati manaa Phoxifaar Yoseef dirqamaan ishii wajjin akka ciisu gochuuf yaalte. Uffata isaa yommuu qabdu, inni garuu ishii jalaa ni baqate. Phoxifaar yommuu dhufu, Yoseef ishii wajjin ciisuuf akka yaale dubbatte. Ishiin dhugaa isaa hin dubbanne. Phoxifaar baayʼee aaree mana hidhaatti isa galche. Yihowaan garuu Yoseefiin hin irraanfanne.

      “Yeroon isaa yommuu gaʼu akka ol isin qabuuf harka Waaqayyoo isa jabaa jalatti gad of qabaa.”—1 Pheexiros 5:6

      Gaaffii: Obbolaan Yoseef maal isa irratti raawwatan? Yoseef maaliif hidhame?

      Uumama 37:1-36; 39:1-23; Hojii Ergamootaa 7:9

  • Yihowaan Matumaa Yoseefiin hin Irraanfanne
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Yoseef abjuu Faraʼoon yommuu isaaf hiiku

      BARUMSA 15

      Yihowaan Matumaa Yoseefiin hin Irraanfanne

      Yoseef utuu mana hidhaa jiruu, Faraʼoon mootiin Gibxii abjuu namni tokko illee hiikuu hin dandeenye abjoote. Tajaajiltoota isaa keessaa tokko, Yoseef abjuu isaa isaaf hiikuu akka dandaʼu Faraʼoonitti hime. Faraʼoon yeruma sana Yoseefiin waamsise.

      Faraʼoon, ‘Abjuu koo naaf hiikuu dandeessaa?’ jedhee isa gaafate. Yoseefis Faraʼooniin akkana jedhe: ‘Gibxiin waggoota torbaaf midhaan hedduu qabaatti, waggoonni itti aanan torba garuu yeroo beelaa taʼu. Yeroo sanatti uummanni kee akka hin beelofneef nama ogeessa midhaan walitti qabu filadhu.’ Faraʼoonis akkana jedhee deebiseef, ‘Siin filadheera! Ati Gibxii keessatti anatti aantee nama aangoo guddaa qabu taata!’ Yoseef abjuu Faraʼoon beekuu kan dandaʼe akkamitti? Yihowaan waan isa gargaareefi dha.

      Obboloonni Yoseef boolla keessatti yommuu isa darbatan

      Yoseef waggoottan itti aanan torbatti midhaan walitti kuuse. Achiis akkuma Yoseef dubbatee ture guutummaa lafaa irratti beelli ni taʼe. Namoonni bakka hundatti argaman Yoseef irraa midhaan bitachuuf dhufuu jalqaban. Abbaan isaa Yaaqoob biyya Gibxii midhaan akka jiru dhagaʼee akka bitaniif ilmaan isaa keessaa kurnan erge.

      Ilmaan Yaaqoob gara Yoseef deeman; innis takkumaan isaan bare. Obboloonni isaa garuu inni Yoseef taʼuu isaa hin beekne turan. Akkuma inni ijoollummaa isaatti abjuudhaan argee ture isaaf sagadan. Yoseef obboloonni isaa amma iyyuu jibba qabaachuuf dhiisuu isaanii beekuu barbaade. Kanaaf, ‘Isin basaastota. Biyyi keenya eessaan dadhabaa akka taʼe ilaaluuf dhuftan’ isaaniin jedhe. Isaan immoo akkana jedhan: ‘Lakkii! Nuti obbolaa 12 siʼa taanu, biyya Kanaʼaanii dhufne. Obboleessi keenya inni tokko duʼeera; inni quxisuun immoo abbaa keenyaa wajjin jira.’ Achiis Yoseef, ‘Obboleessa keessan isa quxisuu gara kootti fidaa, anis wanti dubbattan dhugaa taʼuu isaa nan amana’ isaaniin jedhe. Kanaaf, gara abbaa isaaniitti deebiʼan.

      Midhaan isaan bitan dhumnaan Yaaqoob ammas ijoollee isaa gara Gibxiitti erge. Yeroo kanatti obboleessa isaanii isa quxisuu, Biiniyaamiin fuudhanii deeman. Yoseef isaan qoruudhaaf xoofoo isaa isa meetii irraa tolchame qalqalloo midhaanii Biiniyaam keessa akka kaaʼamu godhee, isintu hate isaaniin jedhe. Tajaajiltoonni Yoseef xooficha qalqalloo Biiniyaam keessaa yommuu argan, obboloonni isaa baayʼee naʼan. Yoseef Biiniyaamin dhiisee isaaniin akka adabu isa kadhatan.

      Yeroo kanatti Yoseef obboloonni isaa akka jijjiiraman hubate. Yoseef miira isaa kana caalaa toʼachuu hin dandeenye. Sagalee isaa guddisee booʼaa, ‘Ani obboleessa keessan Yoseefidha. Abbaan koo amma iyyuu lubbuudhaan jiraa?’ jedhe. Obboloonni isaas baayʼee naʼan. Innis akkana isaaniin jedhe: ‘Wanta na irratti raawwatanitti hin gaddinaa. Waaqayyo gara asiitti kan na erge lubbuu keessan oolchuufi dha. Amma dafaa abbaa koo fidaa kottaa.’

      Isaanis oduu gaarii kana abbaa isaaniitti himuu fi gara Gibxiitti isa fiduuf gara manaatti deebiʼan. Waggoota hedduu booda, Yoseefii fi abbaan isaa dhuma irratti deebiʼanii wal argan.

      Yoseefii fi abbaan isaa Yaaqoob yommuu nagaa wal gaafatan

      “Namoota cubbuu isin irratti hojjetaniif dhiifama hin gootan taanaan garuu, Abbaan keessanis cubbuu keessan isiniif hin dhiisu.”—Maatewos 6:15

      Gaaffii: Yihowaan, Yoseefiin kan gargaare akkamitti? Yoseef obboloota isaatiif dhiifama akka godhe kan argisiise akkamitti?

      Uumama 40:1–45:28; 46:1-7, 26-34; Faarfannaa 105:17-19; Hojii Ergamootaa 7:9-15

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi