-
Harangamaa BobaʼuBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 18
Harangamaa Bobaʼu
Museen waggaa 40f Miidiyaan keessa jiraate. Achittis haadha manaa fuudhee ijoollee godhate. Gaaf tokko naannoo Gaara Siinaatti hoolota utuu tiksuu wanta nama dinqisiisu arge. Harangamaan tokko kan bobaʼu taʼus, hin gubanne! Museen sababa isaa beekuuf itti siqee yommuu ilaalu, harangamicha keessaa sagaleen tokko akkana jedhe: ‘Musee! Kana caalaa as hin siqin. Iddoon ati dhaabattee jirtu qulqulluu waan taʼeef kophee kee of irraa baasi.’ Maleekaatti gargaaramee isatti dubbachaa kan ture Yihowaa dha.
Museenis waan sodaateef fuula isaa haguuggate. Sagalichis akkana jedhe: ‘Rakkina Israaʼelotaa irra gaʼaa jiru argeera. Warra Gibxii jalaa isaan baasee, biyya gaariitti isaanan galcha. Ati Gibxiidhaa saba koo geggeessitee ni baasta.’ Kun Musee waan naasisu sitti hin fakkaatuu?
Museen akkana jedhee gaafate: ‘Namoonni eenyutu si erge jedhanii yoo na gaafatan maalan jedha?’ Waaqayyos, ‘Yihowaa inni Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob taʼe akka si erge isaanitti himi’ jedhee deebiseef. Achiis Museen, ‘Namoonni sun yoo na dhagaʼuu didanhoo?’ jedhe. Yihowaanis akka isa gargaaru Museetti hime. Museen ulee isaa akka lafa buusu isa ajaje. Uleen sunis bofa taʼe! Museen eegee bofichaa yeroo qabu immoo deebiʼee ulee taʼe. Yihowaanis, ‘Dinqii kana yeroo raawwattu, akka ani si erge ni amanu’ jedhe.
Museen, ‘Ani akka gaariitti dubbachuu hin dandaʼu’ jedhe. Yihowaanis, ‘Wanta dubbattu sittan hima, obboleessi kee Aaronis akka si gargaaruuf nan erga’ jedhee waadaa isaaf gale. Museen, Yihowaan isaa wajjin akka taʼe waan beekeef, haadha manaa isaa fi ijoollee isaa fudhatee gara Gibxiitti deebiʼe.
“Wanti dubbattan saʼaatii sanatti waan isinii kennamuuf, . . . akkamitti yookiin maal dubbanna jettanii hin yaaddaʼinaa.”—Maatewos 10:19
-
-
Dhaʼicha Jalqabaa SadanBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 19
Dhaʼichawwan Jalqabaa Sadan
Israaʼelonni garboota taʼanii hojii ulfaataa akka hojjetan dirqisiifamanii turan. Yihowaan, Musee fi Aaron ergaa ‘Sabni koo lafa onaa keessatti akka na waaqeffatuuf isa gadhiisi’ jedhu Faraʼoonitti akka himan isaan erge. Faraʼoonis of tuuluudhaan, ‘Wanta Yihowaan jedhu hin dhagaʼu, Israaʼelotas hin gadhiisu’ jedhee deebise. Sana booda, Faraʼoon hojii caalaatti ulfaatu akka hojjetan taasise. Yihowaan, Faraʼooniin barumsa tokko barsiisuuf jedha. Akkamitti akka taʼe beektaa? Gibxii irratti dhaʼichawwan kurnan fiduudhaani. Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: ‘Faraʼoon na dhagaʼaa hin jiru. Inni ganama gara Laga Abbayyaa ni dhaqa. Gara isaa dhaqiitii saba koo gadhiisuu waan dideef, bishaan Laga Abbayyaa hundi gara dhiigaatti akka jijjiiramu isatti himi.’ Museenis ajajamuudhaan gara Faraʼoon deeme. Aaron utuma Faraʼoon arguu ulee isaatiin Laga Abbayyaa yommuu rukutu, lagichi gara dhiigaatti jijjiirame. Lagichi ajaaʼuu jalqabe; qurxummiin lagicha keessa jiranis ni duduʼan; warri Gibxiis bishaan laga Abbayyaa dhuguu hin dandeenye. Taʼus, Faraʼoon saba Israaʼel gadhiisuu dide.
Guyyoota torba booda Yihowaan, Museen ergaa, ‘Saba koo yoo gadhiisuu didde, biyyi Gibxii raachaan guutamti’ jedhu Faraʼoonitti akka himuuf isa erge. Aaron ulee isaa yeroo ol qabu biyyichi raachaan guutamuu jalqabe. Raachonni kun bakka hunda, jechuunis mana isaanii, siree isaanii fi qodaa bukoo isaaniitti namʼan. Faraʼoon, dhaʼichi kun akka dhaabatuuf Museen Yihowaa akka kadhatu gaafate. Faraʼoon Israaʼelota akka gadhiisu waadaa gale. Kanaaf, Yihowaan dhaʼicha sana ni dhaabe; warri Gibxiis raachawwan duduʼan walitti qabanii tuullan. Biyyichis ajaaʼuu jalqabe. Haa taʼu malee, Faraʼoon ammas sabicha hin gadhiisne.
Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: ‘Aaron ulee isaatiin lafa haa rukutu; awwaarri lafaas bookee nama ciniinutti jijjiirama.’ Battalumatti bookeewwan kun bakka hunda waliin gaʼan. Namoonni Faraʼoon tokko tokko, ‘Dhaʼichi kun Waaqayyo biraa dhufe’ isaan jedhan. Taʼus, Faraʼoon ammas Israaʼelota hin gadhiisne.
“Ani isaan nan barsiisa, yeroo kanatti humna koo fi jabina koo akka beekan nan godha, isaanis maqaan koo Yihowaa akka taʼe dhugumaan ni beeku.”—Ermiyaas 16:21
-