LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Dhaʼichawwan Itti Aanan Jaʼan
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Gurmuu awwaannisaa

      BARUMSA 20

      Dhaʼichawwan Itti Aanan Jaʼaan

      Musee fi Aaron, ergaa Waaqayyoo, ‘Saba koo gadhiistu taanaan, qarxaasaa biyyattiitti nan erga’ jedhu Faraʼoonitti himuu dhaqan. Gurmuun qarxaasaa sooressaa fi hiyyeessa utuu hin jedhin manneen warra Gibxii weerare. Biyyattiinis qarxaasaadhaan guutamte. Gooshen bakka Israaʼeloonni jiraatan keessa garuu qarxaasaan hin turre. Dhaʼicha arfaffaa kana irraa kaasee dhaʼichawwan dhufan kan miidhan warra Gibxii qofa ture. Faraʼoon, ‘Qarxaasaa kana nu irraa akka dhaabu Yihowaa kadhadhaa. Sabni keessan deemuu ni dandaʼa’ jedhee kadhate. Haa taʼu malee, Yihowaan qarxaasaa kana isaan irraa dhaabnaan, Faraʼoon yaada isaa jijjiire. Faraʼoon barumsa kan argatu yoomi laata?

      Yihowaan, ‘Faraʼoon saba koo gadhiisuu yoo dide, horiin warra Gibxii dhukkubsatanii duʼu’ jedhe. Guyyaa itti aanutti, horiiwwan isaanii duʼuu jalqaban. Horiiwwan Israaʼelootaa garuu hin duune. Faraʼoon ammas mataa waan jabaateef yaada isaa hin jijjiirre.

      Achiis Yihowaan, Museen gara Faraʼoonitti deebiʼee qilleensa irratti daaraa ol akka facaasu isa ajaje. Daaraan sunis qilleensa keessa guutee namoota Gibxii hunda irratti facaʼe. Achiis namoota Gibxii fi horii isaanii hunda irratti dhiitoo baayʼee nama dhukkubu fide. Taʼus, Faraʼoon ammas Israaʼeloota gadhiisuu ni dide.

      Dhaʼichawwan Gibxiitti dhufan 4 hanga 6: qarxaasaa, dhaʼicha horiitti dhufe, dhiitoo

      Yihowaan Museen ergaa kana qabatee Faraʼoon bira akka dhaqu isa ajaje: ‘Amma iyyuu saba koo gadhiisuu didde mitii? Bor biyyattii irratti cabbii guguddaan ni rooba.’ Guyyaa itti aanutti, Yihowaan cabbii, bakakkaa fi ibidda isaanitti fide. Cabbiin akkasii kanaan dura Gibxii irratti roobee hin beeku. Muktii fi midhaan Gibxii keessa jiru hundi ni barbadaaʼe; Gooshenitti garuu cabbiin kun hin roobne. Faraʼoonis akkana jedhe: ‘Yihowaan kana akka nu irraa dhaabu kadhadhaa! Sana booda deemuu dandeessu.’ Haa taʼu malee, cabbii fi bokkichi akkuma dhaabateen, Faraʼoon yaada isaa jijjiire.

      Achiis Museen, ‘Awwaannisi biqiltuu cabbicha irraa hafe hunda ni nyaata’ jedhe. Awwaannisni miliyoonaan lakkaaʼamus wanta maasii fi muka irratti hafe hunda nyaate. Faraʼoonis, ‘Awwaannisa kana akka nu irraa dhaabuuf Yihowaa kadhadhaa’ jedhee Musee gaafate. Taʼus, Yihowaan hawaannisicha erga isaan irraa fageessee booda, Faraʼoon Israaʼeloota gadhiisuu dide.

      Yihowaan Museedhaan, ‘Harka kee gara samiitti ol qabi’ jedhe. Battaluma sanas samiin guutummaatti ni dukkanaaʼe. Warri Gibxii guyyaa sadiif wal argus taʼe waan tokko iyyuu arguu hin dandeenye. Bakka Israaʼeloonni jiran garuu ifa ture.

      Dhaʼichawwan Gibxiitti dhufan 7 hanga 9: cabbii, awwaannisa, dukkana

      Faraʼoonis Museedhaan, ‘Atii fi namoonni kee deemuu dandeessu. Horii keessan garuu asumatti hafu’ jedhe. Museenis deebisee, ‘Waaqa keenyaaf aarsaa waan dhiheessinuuf, horii keenya fudhannee deemuu qabna’ jedhe. Faraʼoon baayʼee aaree, ‘Ija koo duraa deemi! Deebitee yoo dhufte sin ajjeesa’ jedhee isatti iyye.

      “Isin ammas garaa garummaa nama qajeelaa fi nama hamaa, nama Waaqayyoon tajaajiluu fi nama isa hin tajaajille gidduu jiru ni hubattu.”—Miilkiyaas 3:18

      Gaaffii: Yihowaan itti aansee dhaʼichawwan kamfaa fide? Dhaʼichawwan jalqabaa sadan irraa adda kan isaan taasisu maali dha?

      Baʼuu 8:20–10:29

  • Dhaʼicha Kurnaffaa
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Nama Israaʼel gubanii balbalaa irratti yommuu dhiiga diban

      BARUMSA 21

      Dhaʼicha Kurnaffaa

      Museen lammata deebiʼee akka isa hin argine Faraʼooniif waadaa gale. Utuu isa biraa hin deemin dura garuu Faraʼooniin, ‘Halkan walakkaa, ilma angafaa warra Gibxii, jechuunis ilma Faraʼoonii kaasee hanga ilma garboota isaaniitti ni duʼu’ jedhe.

      Yihowaan Israaʼelonni nyaata addaa akka qopheeffatan isaan ajaje. Akkana jedhe: ‘Korbeessa hoolaa ykn reʼee waggaa tokkoo qalaatii dhiiga isaa gubanii balbala keessaniitti dibaa. Foon isaas waadaatii maxinoo raacitii hin qabnee wajjin nyaadhaa. Uffata keessan uffadhaa; kophee keessanis kaʼaadhaatii deemuuf qophaaʼaa. Harʼa galgala ani bilisan isin baasa.’ Israaʼelonni hammam gammadanii akka turan tilmaamuu dandeessaa?

      Halkan walakkaa, maleekaan Yihowaa gara manneen Gibxii keessa jiran hundaa dhaqe. Mana gubanii balbala isaa irratti dhiigni hin dibamne keessaas angafa hunda ni ajjeese. Mana dhiigni itti dibame irra garuu ni darba ture. Sooressaa fi hiyyeessa utuu hin jedhin, maatiin warra Gibxii hundi mucaa angafaa dhabe. Ijoollee Israaʼelotaa keessaa garuu tokko illee hin duune.

      Ilmi Faraʼoon illee duʼeera. Faraʼoon kana caalaa obsuu hin dandeenye. Battaluma sana Musee fi Aaroniin, ‘Kaʼaa asii deemaa. Dhaqaatii Waaqa keessan waaqeffadhaa. Horii keessanis fudhadhaatii deemaa!’ jedhe.

      Guyyaa addeessi guutuu taatetti, Israaʼelonni maatii fi gosaan gurmaaʼanii Gibxiidhaa baʼan. Dhiirota 600,000, akkasumas dubartootaa fi ijoollee hedduu turan. Kana malees, namoonni kan biraa hedduun Yihowaa waaqeffachuuf Israaʼelota duukaa baʼan. Dhuma irrattis, Israaʼelonni bilisa baʼan!

      Israaʼelonni Yihowaan akka isaan oolche yaadachuuf, waggaa waggaatti nyaata addaa sana qopheessu turan. Nyaanni kun Ayyaana Faasikaa jedhama ture.

      Israaʼelonni Gibxiidhaa yommuu baʼan

      “Ani kanan si turse, humna koo karaa kee argisiisuuf, akkasumas maqaan koo guutummaa lafaa irratti akka labsamu gochuufi.”—Roomaa 9:17

      Gaaffii: Dhaʼichi inni kurnaffaan maal ture? Israaʼelonni dhaʼicha kana jalaa ooluuf maal gochuu qabu turan?

      Baʼuu 11:1–12:42; 13:3-10

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi