-
Basaastota Kudha LamaanBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 26
Basaastota Kudha Lamaan
Israaʼelonni Gaara Siinaatii kaʼanii lafa onaa Phaaraan keessa darbanii gara iddoo Qaadesh jedhamuu dhaqan. Achitti Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: ‘Gosoota hunda keessaa nama tokko tokko filadhuutii, biyya Kanaʼaan ishii ani Israaʼelotaaf kennu akka basaasaniif namoota 12 ergi.’ Kanaaf Museen dhiirota 12 filatee akkana isaaniin jedhe: ‘Gara Kanaʼaan dhaqaatii biyyattiin midhaan biqilchuuf gaarii taʼuu ishii ilaalaa. Namoonni isaanii dadhaboo ykn cimoo taʼuu isaanii, akkasumas dunkaana keessa ykn magaalaa keessa kan jiraatan taʼuu isaanii ilaalaa.’ Iyyaasuu fi Kaalebiin dabalatee basaastonni 12n gara Kanaʼaan dhaqan.
Guyyaa 40 booda basaastonni sun firii balasii, rumaanii fi wayinii fidanii dhufan. Basaastonni kun, ‘Biyyattiin biyya gaarii dha; haa taʼu malee, namoonni isaanii ciccimoo dha; magaalonni isaaniis dallaawwan dhedheeraa qabu’ jedhan. Kaaleb garuu, ‘Isaaniin moʼuu ni dandeenya. Ammuma haa deemnu’ jedhe. Kaaleb akkana kan jedhe maaliif akka taʼe beektaa? Innii fi Iyyaasuun Yihowaatti waan amananiifi dha. Basaastonni kaan kurnan garuu, ‘Hin taʼu! Namoonni biyyattii guguddoo dha! Isaan biratti nuti hamma kuruphisaa geenya’ jedhan.
Israaʼelonni sodaatanii, gungumuu fi akkana waliin jechuu jalqaban: ‘Kottaa nama nu geggeessu kan biraa filannee gara Gibxiitti haa deebinuu. Biyya sana dhaqnee maaliif dhumna?’ Iyyaasuu fi Kaaleb immoo, ‘Yihowaadhaaf ajajamaa; hin sodaatinaa. Yihowaan nu eega’ jedhan. Israaʼelonni garuu isaan dhagaʼuu didan. Darbees, Iyyaasuu fi Kaalebiin ajjeesuu barbaadan!
Yihowaan maal godhe ree? Museedhaan akkana jedhe: ‘Ani wanta baayʼee isaaniif godhus, Israaʼelonni amma iyyuu naaf hin ajajaman. Kanaaf, lafa onaa keessa waggoota 40f ni turu; achittis ni duʼu. Ijoollee isaanii, akkasumas Iyyaasuu fi Kaaleb qofaatu biyya ani abdachiisetti galee keessa jiraata.’
“Isin warri amantii xinnoo qabdan nana, maaliif akkana sodaattan?”—Maatewos 8:26
-
-
Yihowaa Irratti Mormii KaasanBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 27
Yihowaa Irratti Mormii Kaasan
Yeroo muraasa booda, utuma Israaʼelonni lafa onaa keessa jiranii Qoraa, Daataan, Abiiramii fi namoonni kan biraan 250 Musee irratti mormii kaasan. Akkana isaan jedhan: ‘Waaʼeen keessan nu gaʼeera! Ati geggeessaa keenya, Aaron immoo luba ol aanaa keenya kan taatan maaliifi? Yihowaan sii fi Aaronii wajjin qofa utuu hin taʼin hunda keenyaa wajjin jira.’ Yihowaan garuu kanatti hin gammanne. Akkuma isa irratti mormii kaasanitti ilaale!
Museen Qoraa fi deggertoota isaatiin akkana jedhe: ‘Bor qodaa itti ixaana aarsitanitti ixaana naqadhaatii gara godoo qulqullaaʼaa kottaa. Yihowaanis eenyuun akka filate nutti argisiisa.’
Guyyaa itti aanu, Qoraa fi namoonni 250 Musee wajjin wal arguuf gara godoo qulqullaaʼaa dhaqan. Achittis isaan akkuma waan luboota taʼanitti ixaana aarsan. Yihowaan Musee fi Aaroniin, ‘Qoraa fi namoota isaa wajjin jiran irraa fagaadhaa’ jedhe.
Qoraan gara godoo qulqullaaʼaa bakka Museen jiru dhaqe; Daataan, Abiiramii fi maatiiwwan isaanii garuu dhaquu didan. Yihowaan Israaʼelonni dunkaana Qoraa, Daataanii fi Abiiram irraa akka fagaatan isaan ajaje. Israaʼelonnis yeruma sana isaan irraa fagaatan. Daataan, Abiiramii fi maatiiwwan isaanii balbala dunkaana isaanii bira dhaabatan. Akkuma tasaa lafti afaan banee isaan liqimse! Godoo qulqullaaʼaa biratti immoo ibiddi samii irraa buʼee Qoraa fi namoota 250n fixe.
Yihowaan Museedhaan akkana jedhe, ‘Geggeessitoota gosa Israaʼel hunda harkaa ulee isaanii fuudhiitii maqaa isaanii irratti barreessi. Ulee gosa Leewwii irratti garuu maqaa Aaron barreessi. Achiis godoo qulqullaaʼaa keessa kaaʼi; uleen nama ani filadhus ni lata.’
Guyyaa itti aanutti, Museen ulee hunda gadi baasee geggeessitoota sanatti argisiise. Uleen Aaron daraaraa baasee firii almoondii bilchaate godhatee ture. Akkasitti Yihowaan luba ol aanaa akka taʼuuf Aaroniin filachuu isaa argisiise.
“Warra gidduu keessanitti dura buutota taʼaniif ajajamaa, akkasumas bitamaa.”—Ibroota 13:17
-