-
Yonaataan Isa Ija Jabeessaa fi AmanamaaBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 42
Yonaataan Isa Ija Jabeessaa fi Amanamaa
Yonaataan ilmi Saaʼol Mootichaa inni angafti loltuu ija jabeessa ture. Daawit, Yonaataan joobira caalaa kan saffisu fi leenca caalaa kan jabaatu akka taʼe dubbateera. Gaaf tokko Yonaataan loltoota Filisxeem 20 tabba tokko irratti arge. Achiis nama miʼa lolaa isaaf baatuun, ‘Yihowaan yoo mallattoo nuu kenne isaan haleella. Filisxeemonni gara keenyatti ol kottaa yoo nuun jedhan, isaan haleella’ jedhe. Filisxeemonnis, ‘Gara keenyatti ol baʼaatii nuu wajjin wal waraanaa!’ jedhanii iyyan. Kanaaf, namoonni lamaan sun gaaricha irra ol baʼanii loltoota sana injifatan.
Yonaataan ilma Saaʼol isa angafaa waan taʼeef, abbaa isaatti aansee mootii kan taʼu isa ture. Yonaataan garuu, Yihowaan abbaa isaatti aansee mootii Israaʼel akka taʼuuf Daawitiin akka filate beeka ture; taʼus isatti hin hinaafne. Yonaataanii fi Daawit michoota walitti dhihaatan taʼan. Wal irra goruu fi walii falmuuf waadaa walii galanii turan. Yonaataan jaalala isaaf qabu argisiisuuf jecha Daawitiif, uffata isaa, goraadee isaa, iddaa isaa fi qabattoo isaa isaaf kenne.
Daawit yommuu Saaʼol jalaa baqate, Yonaataan gara isaa dhaqee, ‘Jabaadhu, ija jabeessa taʼi. Yihowaan mootii akka taatuuf si filateera. Abbaan koo iyyuu kana ni beeka’ isaan jedhe. Ati hoo michuu gaarii akka Yonaataan argachuu hin barbaadduu?
Yonaataan michuu isaa kana balaa irraa oolchuuf jecha, siʼa tokkoo ol lubbuu isaa balaadhaaf saaxileera. Yonaataan, Saaʼol Mootichi Daawitiin ajjeesuu akka barbaadu beeka ture; kanaaf abbaa isaatiin, ‘Daawitiin ajjeesuun kee cubbuu sitti taʼa; inni dogoggora tokko illee hin raawwanne’ jedhe. Saaʼolis Yonaataanitti baayʼee aare. Waggoota muraasa booda, Saaʼolii fi Yonaataan waraana irratti ajjeefaman.
Yonaataan erga duʼee booda, Daawit Mefibosheet ilma Yonaataaniin argachuuf yaalii godhe. Daawit yommuu isa argatus akkana isaan jedhe: ‘Abbaan kee anaaf michuu gaarii waan tureef, ani jireenya kee guutuu sin kunuunsa. Ati masaraa mootummaa koo keessaa ni jiraatta, maaddii koo irraas ni nyaatta.’ Daawit, michuu isaa Yonaataaniin matumaa hin irraanfanne.
“Akkuman isin jaalladhe isinis wal jaalladhaa. Nama michoota isaatiif lubbuu isaa dabarsee kennu caalaa, eenyu iyyuu jaalala guddaa qabaachuu hin dandaʼu.”—Yohaannis 15:12, 13
-
-
Cubbuu Daawit MootichaaBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 43
Cubbuu Daawit Mootichaa
Saaʼol yommuu duʼu, Daawit mootii taʼe. Yeroo kanatti umuriin isaa waggaa 30 ture. Waggoota muraasaaf mootii taʼee erga turee booda, gaaf tokko galgala baaxii masaraa mootummaa isaa irra utuu jiruu dubartii bareedduu tokko arge. Daawit dubartiin kun maqaan ishii Baat Sheebaa akka taʼee fi haadha manaa loltuu Uuriyaa jedhamu tokkoo akka taate hubate. Sana booda Baat Sheebaa gara mana mootummaa isaatti akka ishii fidan ajaje. Achiis saalqunnamtii kan raawwatan siʼa taʼu, ishiinis ni ulfoofte. Daawit wanta raawwate kana dhoksuuf yaalee ture. Uuriyaa tarree lolaa isa fuulduraa irra akka dhaabanii fi achiis isa dhiisanii akka baqatan ajajaa loltootaa isaatti hime. Uuriyaan waraana irratti erga duʼee booda, Daawit Baat Sheebaa fuudhe.
Yihowaan garuu wanta hamaa raawwatame hunda argeera. Maal godha laata? Naataan raajicha gara Daawititti erge. Naataanis akkana isaan jedhe: ‘Namichi sooressi hoolota hedduu qabu tokko jira ture; namichi hiyyeessi tokko immoo hoolaa xinnoo baayʼee jaallatu tokkittii qaba ture. Namichi sooressi sunis hoolaa tokkittii hiyyeessa sanaa jalaa fudhate.’ Yeroo kanatti Daawit baayʼee aaree, ‘Namichi sooressi sun duʼuu qaba!’ jedhe. Naataanis deebisee, ‘Namichi sooressi sun si dha!’ isaan jedhe. Daawitis baayʼee gaddee, ‘Yihowaa irratti cubbuu hojjedheera’ jedhee dhugaa isaa Naataanitti hime. Cubbuun Daawit raawwate kun, isaa fi maatii isaa irratti rakkina hedduu geessiseera. Yihowaan Daawitiin kan adabe taʼus, Daawit amanamaa fi kan gad of qabu waan tureef duʼa isatti hin murteessine.
Daawit Yihowaadhaaf mana qulqullummaa ijaaruu barbaadee kan ture taʼus, Yihowaan ilmi isaa Solomoon mana qulqullummaa akka isaaf ijaaruuf filate. Daawitis Solomooniif wanta barbaachisu qopheessuu jalqabe; akkasumas akkana isaan jedhe: ‘Manni qulqullummaa Yihowaa baayʼee dinqisiisaa taʼuu qaba. Solomoon ijoollee waan taʼeef wanta barbaachisu qopheessuudhaan isa nan gargaara.’ Daawit hojii ijaarsa kanaatiif qabeenya isaa keessaa qarshii hedduu kenneera. Hojjettoota ogummaa qabanis qopheesseera. Warqii fi meetii walitti qabeera; akkasumas Xiirosii fi Siidoonii muka gaattiraa akka fidan godheera. Yommuu duʼuu jala gaʼu, pilaanii mana qulqullummaa hojjetamu sanaa Solomoonitti kenne. Achiis akkana isaan jedhe: ‘Yihowaan wantoota kana akkan siif barreessu natti himeera. Yihowaan si gargaara. Kanaaf hin sodaatin. Jabaadhuu hojicha jalqabi.’
“Namni balleessaa isaa dhoksu milkaaʼina hin argatu, namni balleessaa isaa himatuu fi isa dhiisu garuu araara ni argata.”—Fakkeenya 28:13
-