-
Mana Qulqullummaa YihowaaBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 44
Mana Qulqullummaa Yihowaa
Solomoon mootii Israaʼel erga taʼee booda, Yihowaan ‘Maal akkan siif kennu barbaadda?’ jedhee isa gaafate. Solomoonis, ‘Ani mucaa xinnoo waanan taʼeef, wantan gochuu qabu hin beeku. Maaloo saba kee bulchuu akkan dandaʼuuf ogummaa naaf kenni’ jedhe. Yihowaanis, ‘Ati ogummaa waan gaafatteef, namoota lafa irra jiran hunda caalaa ogeessa akka taatu sin godha. Baayʼee sooressa akka taatus nan godha. Ati yoo anaaf ajajamte, umurii dheeraa akka jiraattu nan godha’ isaan jedhe.
Solomoon mana qulqullummaa ijaaruu jalqabe. Inni warqii, meetii, mukaa fi dhagaa baayʼee filatamaa taʼanitti fayyadame. Dhiironnii fi dubartoonni ogummaa qaban hedduunis hojicha irratti hirmaataniiru. Waggaa torba booda manni qulqullummaa sun Yihowaadhaaf murteeffamuuf qophaaʼaa taʼe. Iddoo aarsaa kan qabu siʼa taʼu, aarsaawwanis achi irratti dhihaatan. Solomoonis iddoo aarsaa sana fuulduratti jilbeenfatee, ‘Yaa Yihowaa iddoon aarsaa kun siif wanta baayʼee guddaa ykn bareedaa taʼe miti; taʼus maaloo waaqeffannaa keenya fudhadhu; kadhannaa keenyas nuuf dhagaʼi’ jedhee kadhate. Yihowaan waaʼee mana qulqullummaa sanaa fi kadhannaa Solomoon dhiheessee maaltu itti dhagaʼame? Akkuma Solomoon kadhannaa isaa xumureen, ibiddi samii irraa gadi buʼee aarsaawwan iddoo aarsaa sana irra jiran gube. Manni qulqullummaa sun Yihowaa biratti fudhatama argateera. Israaʼelonnis yommuu kana argan ni gammadan.
Solomoon Mootichi guutummaa Israaʼelii fi iddoowwan fagaatanii jiran keessatti illee ogummaa isaatiin beekamaa taʼe. Namoonni rakkina isaaniitiif furmaata argachuuf gara Solomoon ni dhufu turan. Mootuun biyya Sheebaa illee gaaffiiwwan ulfaatoo taʼaniin isa qoruuf dhuftee turte. Deebii inni kenne yommuu dhageessu, ‘Wanta namoonni waaʼee kee natti himan hin amannen ture; amma garuu isa isaan jedhan caalaa iyyuu ogeessa taʼuu kee hubadheera. Waaqni kee Yihowaan si eebbiseera’ jette. Haalli jireenyaa saba Israaʼeliif gaarii waan tureef, namoonni biyyichaa gammadoo turan. Garuu haalli isaa akka kanaan itti hin fufne.
“Kunoo, Solomoon irra kan caalu as jira.”—Maatewos 12:42
-
-
Mootummaan Tokko ni QoodameBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 45
Mootummaan Tokko ni Qoodame
Solomoon hamma Yihowaa waaqeffachaa turetti, Israaʼel keessa nagaan jira ture. Haa taʼu malee, Solomoon dubartoota biyyoota gara biraa hedduu kan fuudhe siʼa taʼu, isaan immoo waaqolii sobaa waaqeffatu turan. Solomoon suutuma suuta jijjiiramee, yeroo booda waaqolii tolfamoo waaqeffachuu jalqabe. Yihowaanis kanatti ni dheekkame. Kanaaf, Solomooniin akkana jedhe: ‘Mootummaan Israaʼel maatii kee harkaa fuudhamee bakka lamatti hirama. Gara caalu tajaajilaa keetiif nan kenna, maatiin kee immoo isa xinnoo irratti moʼa.’
Yihowaan murtoo isaa kana karaa biraatiinis ifa taasiseera. Tajaajiltoota Solomoon keessaa tokko kan taʼe Yeroboʼaam utuu karaa irra adeemaa jiruu Ahiyaa raajichaa wajjin wal arge. Ahiyaan uffata isaa bakka 12tti tatarsaasee Yeroboʼaamiin akkana jedhe: ‘Yihowaan mootummaa Israaʼel maatii Solomoon harkaa fuudhee bakka lamatti qooda. Ati gosa kudhan irratti mootii waan taatuuf, erbee kana kurnan fudhadhu.’ Solomoon Mootichi kana yommuu dhagaʼu Yeroboʼaamiin ajjeesuu barbaade! Kanaaf, Yeroboʼaam gara Gibxiitti baqate. Yeroo booda Solomoon ni duʼe; ilmi isaa Rooboʼaam immoo mootii taʼe. Achiis, Yeroboʼaam kana booda rakkinni akka isa irra hin geenye waan yaadeef gara Israaʼelitti deebiʼe.
Jaarsoliin Israaʼel Rooboʼaamiin akkana jedhan: ‘Ati saba kana akka gaariitti yoo kunuunsite isaan amanamoo siif taʼu.’ Dargaggoonni hiriyoota isaa taʼan garuu Rooboʼaamiin akkana jedhan: ‘Sabichatti hammaachuu qabda! Isa kanaan dura hojjetan caalaa akka hojjetan taasisi!’ Rooboʼaam gorsa dargaggoonni hiriyoota isaa taʼan isaaf kennan hordofe. Inni garaa isaanitti jabaate, isaanis isaaf bitamuu didan. Kanaaf, isaan Yeroboʼaamiin gosoota kurnan isa mootummaa Israaʼel jedhamee beekamu irratti mootii isa taasisan. Gosoonni lamaan hafan immoo mootummaa Yihudaa jedhamanii kan waamaman siʼa taʼu, isaan Rooboʼaamiif amanamoo taʼanii jiraatan. Yeroo kanatti, Mootummaan Israaʼel inni gosa 12 ni qoodame.
Yeroboʼaam sabni isaa waaqeffannaadhaaf gara Yerusaalem ishii mootummaa Rooboʼaam jalatti argamtu akka dhaqu hin barbaanne. Maaliif akka taʼe beektaa? Yeroboʼaam sabichi Rooboʼaamiin deggeree anatti gara gala jedhee waan sodaateef ture. Kanaaf, jibicha warqee lama tolchee saba isaatiin akkana jedhe: ‘Yerusaalem baayʼee fagoo dha. Asumatti waaqeffachuu dandeessu.’ Sabichi jiboota warqii irraa hojjetaman kana waaqeffachuu waan jalqabeef ammas deebisee Yihowaa irraanfate.
“Warra hin amannee wajjin gita malee walitti hin camadaminaa. Qajeelinnii fi jalʼinni tokkummaa maalii qaba? . . . Yookiin namni amane tokko isa hin amannee wajjin qooda maalii qaba?” —2 Qorontos 6:14, 15
-