LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Yerusaalem ni Balleeffamte
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Yerusaalemii fi manni qulqullummaa yommuu gubamu

      BARUMSA 58

      Yerusaalem ni Balleeffamte

      Namoonni Yihudaa irra deddeebiʼanii Yihowaa dhiisanii waaqolii sobaa waaqeffatu turan. Waggoota hedduudhaaf, Yihowaan isaan gargaaruuf yaalii gochaa tureera. Inni akka akeekkachiisan raajota hedduu gara isaanitti kan erge taʼus, isaan garuu hin dhageenye. Kanaa mannaa, raajota sanatti ni qoosu turan. Maarree Yihowaan waaqolii tolfamoo isaanii kan balleesse akkamitti?

      Mootii Baabilon kan taʼe Nebukadnezaar tokko tokkoon saboota injifate. Yommuu jalqaba Yerusaalemiin injifatetti, Yehoyaakiin Mooticha, bulchitoota, loltootaa fi ogeeyyii harkaa boojiʼee hunda isaanii gara Baabilonitti geesse. Akkasumas, miʼa mana qulqullummaa Yihowaa keessa jiru hunda ni fudhate. Achiis Nebukadnezaar, Zedeeqiyaa mootii Yihudaa godhe.

      Jalqaba irratti, Zedeeqiyaan Nebukadnezaariif ni ajajama ture. Booda garuu saboonni naannoo isaa jiranii fi raajonni sobaa Zedeeqiyaan Baabiloniif bitamuu akka didu isa gorsan. Ermiyaas garuu, ‘Yoo isa irratti fincilte, Yihudaa keessa duuti, beellii fi dhukkubni ni jiraata’ jedhee isa akeekkachiisee ture.

      Zedeeqiyaan waggaa saddeetiif erga bulchee booda Baabiloniif bitamuu diduuf murteesse. Raayyaan waraanaa Gibxii akka isa gargaaru gaafate. Achiis Nebukadnezaar Yerusaalemiin akka waraananiif raayyaa isaa erge; isaanis naannoo magaalattii buufatan. Ermiyaasis Zedeeqiyaadhaan, ‘Yihowaan akkana jedha: Baabiloniif harka kee yoo kennite atis taate magaalattiin ni ooltu. Taʼuu baannaan garuu, Baabilononni Yerusaalemiin ni gubu; siinis fudhatanii mana hidhaatti si galchu’ jedhe. Zedeeqiyaan garuu, ‘Harka hin kennu!’ jedhe.

      Waggaa tokkoo fi walakkaa booda, raayyaan Baabilonotaa dallaa Yerusaalem diiganii magaalattii guban. Mana qulqullummaas ni guban; namoota hedduu ni ajjeesan; akkasumas namoota kumaan lakkaaʼaman gara Baabilonitti geessan.

      Zedeeqiyaan Yerusaalemiin dhiisee kan baqate taʼus, Baabilononni isa duukaa buʼanii isa qaban. Yerikoo biratti isa qabanii gara Nebukadnezaaritti isa fidan. Mootiin Baabilonis Zedeeqiyaan ilmaan isaa yommuu ajjeefaman ija isaatiin akka argu godhe. Achiis Nebukadnezaar ija Zedeeqiyaa jaamsee mana hidhaatti isa galche; innis achumatti duʼe. Haa taʼu malee, Yihowaan namoota Yihudaatiif, ‘Waggaa 70 booda gara Yerusaalemitti isin nan deebisa’ jedhee waadaa isaaniif galee ture.

      Dargaggoota akka hidhamaniif gara Baabilon geeffamanii turan irra maaltu gaʼe? Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii itti fufaniiruu?

      “Yaa Waaqa keenya Yihowaa isa Hundumaa Dandeessuu, murtiiwwan kee dhugaa fi qajeeloo dha.”—Mulʼata 16:7

      Gaaffii: Nebukadnezaar eenyu? Yerusaalem irra maal geessise? Zedeeqiyaan hoo eenyu?

      2 Mootota 24:1, 2, 8-20; 25:1-24; 2 Seenaa Baraa 36:6-21; Ermiyaas 27:12-14; 29:10, 11; 38:14-23; 39:1-9; Hisqiʼel 21:27

  • Dargaggoota Yihowaadhaaf Ajajaman Arfan
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Daaniʼel, Hanaaniyaa, Mishaaʼelii fi Azaariyaan nyaata mootichaa nyaachuu yommuu didan

      BARUMSA 59

      Dargaggoota Yihowaadhaaf Ajajaman Arfan

      Yommuu Nebukadnezaar bulchitoota Yihudaa gara Baabilonitti geessetti, abbaa taayitaa masaraa mootii Ashfenaaz jedhamu tokko itti gaafatamaa isaanii godhee muude. Nebukadnezaar dargaggoota caalaatti fayya buleeyyii fi qaxalee taʼan isaan gidduudhaa akka barbaadu Ashfenaazitti himee ture. Dargaggoonni kun waggaa sadiif leenjifamuu qabu. Leenjiin kunis Baabilon keessatti abbootii taayitaa iddoo guddaa qaban akka taʼan isaan qopheessa. Dargaggoonni kun qooqa Baabilon dubbisuu, barreessuu fi dubbachuu barachuu qabu turan. Kana malees, nyaata mootichii fi abbootiin taayitaa masaraa mootummaa isaa keessa jiran nyaatan tokko tokko akka nyaatan isaan irraa eegama ture. Dargaggoonni arfan kun Daaniʼel, Hanaaniyaa, Mishaaʼelii fi Azaariyaa dha. Ashfenaaz immoo Belteshaazaar, Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoo jedhee maqaa Baabilonotaa haaraa taʼe isaaniif moggaase. Garuu barumsi kun Yihowaa tajaajiluu akka dhiisan isaan godhee turee?

      Dargaggoonni arfan kun Yihowaadhaaf ajajamuuf murteessanii turan. Seerri Yihowaa nyaata sana keessaa tokko tokko qulqulluu akka hin taane waan dubbatuuf, nyaata mootichaa nyaachuu akka hin qabne beeku turan. Kanaaf Ashfenaaziin, ‘Nyaata mootichaa akka nyaannu hin godhin’ jedhan. Ashfenaazis, ‘Yoo hin nyaattan taʼee fi mootichi yommuu isin argu dhukkubsatoo yoo fakkaattan na ajjeesa!’ jedhee itti hime.

      Daaniʼel garuu yaada tokko dhiheessee ture. Eegduu isaaniitiin, ‘Maaloo guyyaa kudhaniif kuduraa fi bishaan qofa nuu kenni. Achiis dargaggoota nyaata mootichaa nyaatanii wajjin wal bira qabii nu ilaali’ jedhe. Eegduun sunis tole jedhe.

      Qorumsa guyyaa kudhanii booda, Daaniʼelii fi hiriyoonni isaa sadan dargaggoota kaan hunda caalaa qaama cimaa kan qaban taʼanii argaman. Yihowaan isaaf ajajamuu isaanitti gammadee ture. Daaniʼeliif ogummaa mulʼataa fi abjuu hubachuuf isa gargaaru illee isaaf kenneera.

      Yommuu leenjiin isaanii xumuramu, Ashfenaaz dargaggoota sana Nebukadnezaar duratti dhiheesse. Mootichis isaanii wajjin ni haasaʼe; Daaniʼel, Hanaaniyaan, Mishaaʼelii fi Azaariyaa yommuu argu isaan dargaggoota sana hunda caalaa hubatoo fi dammaqoo taʼuu isaanii hubate. Masaraa mootummaa isaa keessatti akka hojjetaniif arfan isaanii iyyuu ni filate. Yeroo baayʼee mootichi dhimmoota iddoo guddaa qaban irratti gorsa isaan gaafata ture. Yihowaan namoota ogeeyyii fi falfala raawwatan kan mootichi qabu hunda caalaa ogeeyyii akka taʼan isaan godhee ture.

      Daaniʼel, Hanaaniyaan, Mishaaʼelii fi Azaariyaan biyya ormaa kan jiraatan taʼus, saba Yihowaa taʼuu isaanii hin irraanfanne. Ati hoo yeroo warri kee si bira hin jirretti illee, yeroo hunda Yihowaa ni yaadattaa?

      “Eenyu illee dargaggummaa kee akka tuffatu hin heyyamin. Kanaa mannaa, warra amanamoo taʼaniif, dubbiidhaan, amalaan, jaalalaan, amantiidhaan, akkasumas qulqullummaadhaan fakkeenya taʼi.”—1 Ximotewos 4:12

      Gaaffii: Daaniʼelii fi hiriyoonni isaa sadan Yihowaadhaaf kan ajajaman maaliifi? Yihowaan kan isaan gargaare hoo akkamitti?

      Daaniʼel 1:1-21

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi