-
Maleekonni Yesuus Dhalachuu Isaa BeeksisanBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 70
Maleekonni, Yesuus Dhalachuu Isaa Beeksisan
Bulchaa Bulchiinsa Roomaa kan taʼe Awugusxos Qeesaar, Yihudoonni hundi gara magaalaa dhalootaa isaanitti deebiʼanii akka galmeeffaman ajajee ture. Kanaaf, Yoseefii fi Maariyaam gara Beetaliheem ishii maatiin Yoseef keessa jiraachaa turaniitti deeman. Yeroon Maariyaam itti deessu gaʼee ture.
Yommuu isaan Beetaliheem gaʼan iddoon itti boqochuuf argatan mana horiin keessa bulu ture. Maariyaamis ilma ishii Yesuus achitti deesse. Ishiinis huccuudhaan martee bidiruu horiin keessaa nyaatan keessa suuta jettee isa ciibsite.
Naannoo Beetaliheemitti tiksitoonni hoolota isaanii eegaa ala bulan muraasni jiru turan. Akkuma tasaas maleekaan tokko isaan dura kan dhaabate siʼa taʼu, isaanis ifa ulfina Yihowaatiin marfaman. Tiksitoonni kun sodaatanii turan; maleekaan sun garuu, ‘Hin sodaatinaa. Oduu nama gammachiisun isinitti hima. Harʼa Masiihichi Beetaliheem keessatti dhalateera’ isaaniin jedhe. Bataluma sanattis maleekonni hedduun samii keessatti mulʼatanii, ‘Samii irratti Waaqayyoof ulfinni, lafa irrattis nagaan haa taʼu’ jedhan. Achiis maleekonni sun isaan biraa deeman. Tiksitoonni sun maal godhan?
Tiksitoonni sun, ‘Ammuma gara Beetaliheem haa dhaqnu’ waliin jedhan. Achiis dafanii kan deeman siʼa taʼu, Yoseefii fi Maariyaamiin daaʼima isaanii wajjin mana horiin keessa bulu sana keessatti argan.
Namni wanta maleekaan sun tiksitoota sanatti hime dhagaʼe hundi ni dinqisiifama ture. Maariyaamis jechoota maleekaan sun dubbate irratti gadi fageenyaan kan yaadde siʼa taʼu, kanas matumaa hin irraanfanne. Tiksitoonni sunis wanta arganii fi dhagaʼan hundaaf Yihowaa galateeffachaa gara hoolota isaaniitti deebiʼan.
“As kanan dhufe [Waaqayyo] biraa waan taʼeef, . . . isatu na erge malee, ani ofii kootiin kakaʼee hin dhufne.”—Yohaannis 8:42
-
-
Yihowaan Yesuusiif Eegumsa GodheBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 71
Yihowaan Yesuusiif Eegumsa Godhe
Biyya baha Israaʼelitti argamu tokko keessa, namoonni urjiileen karaa isaanitti argisiisuu akka dandaʼan amanan jiru turan. Gaaf tokko galgala, namoonni Bahaa muraasni wanta urjii ifu fakkaatuu fi samii keessa sochoʼu tokko arganii isa hordofan. “Urjiin” sunis gara Yerusaalemitti isaan qajeelche. Namoonni sun, ‘Daaʼimni mootii Yihudoota taʼu eessa jira? Nuti isaaf sagaduu dhufne’ jedhanii gaggaafachuu jalqaban.
Heroodis inni mootii Yerusaalem taʼe waaʼee mootii isa haaraa yommuu dhagaʼu baayʼee jeeqame. Innis, ‘Mootiin kun eessatti dhalata?’ jedhee dura buutota lubootaa gaafate. Isaanis, ‘Raajonni akka inni Beetaliheem keessatti dhalatu dubbataniiru’ jedhanii itti himan. Kanaaf, Heroodis namoota Bahaa dhufan sana waamee, ‘Gara Beetaliheem dhaqaatii daaʼima kana barbaadaa. Achiis gara kootti deebiʼaatii eessa akka jiru natti himaa. Anis isaaf sagaduu nan barbaada’ isaaniin jedhe. Kun garuu soba ture.
“Urjiin” sun deebiʼee sochoʼuu jalqabe. Namoonni sunis duukaa buʼanii gara Beetaliheem deeman. “Urjiin” sunis mana tokkoo olitti kan dhaabate siʼa taʼu, namoonni sunis gara keessaatti ol seenan. Achittis Yesuus haadha isaa Maariyaamii wajjin argan. Isaanis mucichaaf ni sagadan; akkasumas kennaa warqii, ixaana adii fi qumbii isaaf kennan. Yesuus bira akka dhaqan namoota kana kan erge Yihowaa turee? Lakki.
Gaafa sana halkan Yihowaan abjuudhaan Yoseefiin, ‘Heroodis Yesuusiin ajjeesuu barbaada. Haadha manaa kee fi mucicha fudhadhuu gara Gibxiitti baqadhu. Hamman ani nagaa akka taʼee fi deebiʼuu akka dandeessu sitti himutti achuma turi’ jedhe. Yoseefii fi maatiin isaas yeruma sana gara Gibxii deeman.
Yihowaan gara Heroodisitti akka hin deebine namoota Bahaa sanatti himee ture. Heroodis namoonni sun gara isaatti akka hin deebine yommuu hubatu baayʼee aare. Yesuusiin argachuu waan hin dandeenyeef, ijoolleen dhiiraa umurii Yesuus irra jiranii fi Beetaliheem keessa turan hundi akka ajjeefaman ajaje. Haa taʼu malee, Yesuus fagaatee Gibxii keessa waan jiruuf balaan irra hin geenye.
Yeroo booda Heroodis ni duʼe. Yihowaanis Yoseefiin, ‘Amma deebiʼi, balaan sirra hin gaʼu’ isaan jedhe. Yoseef, Maariyaamii fi Yesuus gara Israaʼelitti deebiʼanii magaalaa Naazireet keessa jiraachuu jalqaban.
‘Dubbiin afaan koo keessaa baʼus akkanuma ni taʼa. Wantan itti isa erge fiixaan ni baasa.’—Isaayyaas 55:11
-