LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwwd mataduree 6
  • Dandeettii Fuunfachuu Sarootaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dandeettii Fuunfachuu Sarootaa
  • Qaamni Kana Tolche Jiraa?
Qaamni Kana Tolche Jiraa?
ijwwd mataduree 6
Funyaan Saree

QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Dandeettii Fuunfachuu Sarootaa

Qorattoonni akka jedhanitti saroonni dandeettii fuunfachuu isaanitti fayyadamanii umurii, koorniyaa fi miira saroota kan biroo hubachuu akka dandaʼan dubbatu. Saroonni yoo leenjifaman fuunfachuudhaan wantoota dhukaʼanii fi qorichawwan seeraan alaa beekuu illee ni dandaʼu. Namoonni haala naannoo isaanii jiru adda durummaadhaan kan beekan ilaaluudhaan siʼa taʼu, saroonni garuu dandeettii fuunfachuu isaaniitti fayyadamu. Isaan funyaan isaaniitiin adda baasanii beeku.

Mee yaadi: Dandeettiin fuunfachuu sarootaa kan keenya irra harka kuma hedduudhaan caala. Dhaabbanni Sadarkaa fi Teknoolojii Yunaayitid Isteetis akka gabaasetti, saroonni “qabiyyee wanta tokkoo harka Tiriliyoona keessaa harka tokko fuunfachuudhaan beekuu ni dandaʼu. Kunis, sukkaara falʼaana shaayii tokko arfaffaa gandaa Olompikii bishaan itti daakan keessatti makame dhandhamuu wajjin wal fakkaata.”

Saroonni dandeettii fuunfachuu guddaa akkasii akka qabaataniif wanti gumaacha godhe maalii dha?

  • Funyaan saree jiidhaa siʼa taʼu, kunis paartiikiloota xixinnoo foolii qaban qabachuun salphaa akka isaaniif taʼu godheera.

  • Funyaan sarootaa qaawwa lama qaba, tokko harganuuf, inni kaan immoo fuunfachuuf fayyada. Saroonni yommuu fuunfatanitti, qilleensi gara kutaa seelota funyaan keessatti argamanii fi foolii adda baasuu dandaʼanii seena.

  • Kutaan funyaan sarootaa keessatti argamuu fi foolii adda baasu kun balʼinni isaa iskuweer seentiimeetira 130 ykn sanaa ol siʼa taʼu, kan namootaa immoo iskuweer seentiimeetira 5 qofa dha.

  • Saroonni seelota foolii adda baasuuf isaan fayyadanii fi kan keenya irra harka 50n caalan qabaachuu dandaʼu.

Wantoonni kun hundi saroonni wanta tokko yommuu fuunfatan wantoota achi keessatti argaman hunda beekuuf isaan dandeessisa. Fakkeenyaaf, nuti shoorbaa fuunfachuu ni dandeenya, saroonni garuu qorattoonni tokko tokko akka dubbatanitti wanta shoorbaa sana keessa jiru hundumaa beekuu ni dandaʼu.

Fakkii sammuu nama tokkoo irratti fakkiin shoorbaa waciitiidhaan jiru jira, fakkii sammuu saree irratti garuu wantoota nyaanni sun irraa hojjetametu jira

Qorattoonni dhaabbata kaansarii irratti qorannoo godhuu fi Paayin Istireet Faawundeeshin jedhamu keessatti qorannoo godhan, sammuunii fi funyaan sarootaa qindoominaan hojjechuun isaanii “pilaaneetii keenya keessatti meeshaa foolii wal xaxaa taʼe fuunfachuuf gargaaru keessaa tokko” akka hojjetu dubbataniiru. Saayintistoonni meeshaa elektiroonikii wantoota dhukaʼan, kontirobaandii fi kaansarii dabalatee dhibeewwan kaan beekuudhaaf gargaaru hojjechaa jiru.

Maal sitti Fakkaata? Dandeettiin fuunfachuu sarootaa jijjiirama tirannaatiin kan argame dhaa? Moo qaamni kan tolche jira?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi