LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Mootummaan Waaqayyoo Yoom Bulchuu Jalqabe?—KUTAA 1
    Masaraa Eegumsaa—2014 | Onkoloolessa 1
    • Caalaafi Yohaannis waaʼee Mootummaa Waaqayyoo yommuu waliin mariʼatan

      MAREE MACAAFA QULQULLUURRATTI HUNDAAʼE

      Mootummaan Waaqayyoo Yoom Bulchuu Jalqabe?—KUTAA 1

      Mareen armaan gadii yaada Dhugaa Baatonni Yihowaa namootaa wajjin irratti mariʼatan keessaa tokkoosaa kan qabatedha. Mee Dhugaa Baatuun Yihowaa Caalaa jedhamu nama Yohaannis jedhamu akka haasofsiisaa jirutti haa fudhannu.

      HUBANNAA ARGACHUUDHAAF ‘BARBAADUU’ KEESSAN ITTI FUFAA

      Caalaa: Yohaannis, mareen Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼeefi yeroo hunda goonu baayʼee natti toleera.a Maree yeroo darbe goonerratti, Mootummaa Waaqayyoo ilaalchisee gaaffii tokko kaastee turte. Dhugaa Baatonni Yihowaa Mootummaan Waaqayyoo bara 1914⁠tti bulchuu eegale kan jedhan maaliif akka taʼe na gaafattee turte.

      Yohaannis: Eeyyee, barreeffama keessan tokko dubbisaan ture; barreeffamni sun Mootummaan Waaqayyoo bara 1914⁠tti bulchuu akka eegale dubbata. Kanaan dura barumsi keessan hundi Macaafa Qulqulluurratti akka hundaaʼe waan natti himtee turteef waaʼee kanaa sirriitti baruuf hawweera.

      Caalaa: Sirrii jette, barumsi keenya hundi Macaafa Qulqulluurratti kan hundaaʼedha.

      Yohaannis: Macaafa Qulqulluu dubbiseera. Taʼus, bara 1914 Macaafa Qulqulluurraa argee hin beeku. Tarii yoon argadhe jedhees Macaafa Qulqulluu Intarneetiirratti argamurraa bara 1914 barbaadeera. Haataʼu malee, Intarneetiinis ‘wanti ati barbaaddu hin mulʼanne’ naan jedhe.

      Caalaa: Yohaannis, dhimma kanarratti yaada lama siif kennuun barbaada. Tokkoffaa, Macaafa Qulqulluu jalqabaa hamma xumuraatti dubbisuu qabda. Akkas gochuufimmoo Dubbii Waaqayyootiif jaalala qabaachuu si barbaachisa.

      Yohaannis: Macaafa Qulqulluu baayʼeen jaalladha. Kitaabni Macaafa Qulqulluu wajjin wal fakkaatu hin jiru.

      Caalaa: Anis yaadakee kanarratti waliin gala. Lammaffaammoo, wanta gaaffii sitti taʼeef Macaafa Qulqulluurraa deebii argachuuf yaalii gochuu keetti si galateeffachuun barbaada. Wantuma Macaafni Qulqulluun jedhu goote. Macaafni Qulqulluun hubannaa argachuuf ‘guddisnee iyyuu’ jechuunis barbaaduu keenya itti fufuu akka qabnu dubbata.b Carraaqqii akkasii gochuunkee baayʼee gaariidha.

      Yohaannis: Galatoomi. Waaʼee Macaafa Qulqulluu barachuukoo itti fufuu nan barbaada. Dhugaa dubbachuuf, barreeffama wajjin qayyabachaa jirru kanarraa qorannaa godhee waaʼee bara 1914 yaada tokko tokko argadheera. Kitaabicharratti waaʼee abjuu mootiin tokko argee dubbata. Yoon sirriitti yaadadheera taʼe, abjuun mootichi arge waaʼee muka guddaa murameefi deebiʼee late tokkoo waan ibsu natti fakkaata.

      Caalaa: Sirriidha. Yaadni kun raajii Daaniʼel boqonnaa 4⁠rratti argamudha. Abjuu Nebukadnezaar inni mootii Baabilon ture arge kan qabatedha.

      Yohaannis: Eeyyee, sirriidha. Raajii kana irra deddeebiʼee dubbiseera. Dhugaa dubbachuuf garuu, Mootummaa Waaqayyoo ykn bara 1914 wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qabu hubachuu hin dandeenye.

      Caalaa: Dhugaakee jette Yohaannis, raajii kana Daaniʼel raajichiyyuu guutummaatti hin hubanne ture!

      Yohaannis: Dhugaa jettaayi?

      Caalaa: Eeyyee. Daaniʼel 12:8⁠rratti, “Ani kana nan dhagaʼe, garuu hin hubanne” jechuudhaan dubbateera.

      Yohaannis: Kanaaf hubachuu kan dadhabe ana qofa mitikaa. Kana dhagaʼuunkoo xinnoo na jajjabeesseera.

      Caalaa: Daaniʼel yeroo sanatti hubachuu kan dadhabe, yeroon Waaqayyo raajii macaafa Daaniʼelirratti barreeffame ilmaan namootaatiif itti ibsu waan hin geenyeef ture. Amma garuu, bara keenyatti, raajii kana guutummaatti hubachuu ni dandeenya.

      Yohaannis: Akkamitti?

      Caalaa: Yaada lakkoofsa ittaanurratti argamu ilaali. Daaniʼel 12:9, ‘dubbichi hamma bara isa dhumaa sanatti cufamee akka mallatteeffame’ ibsa. Kanaaf raajii kana hubachuun kan dandaʼamu, ‘bara isa dhumaattidha’ jechuudha. Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu yeroo ittaanu goonu irrattimmoo, wantoota arginu hundarraa kaʼuudhaan, bara isa dhumaa keessa jirra jennee dubbachuu akka dandeenyu ni baranna.c

      Yohaannis: Kanaafuu, raajii Daaniʼelirratti ibsame kana naaf ibsuu dandeessaa?

      Caalaa: Mee walumaan ilaalaa haa deemnu.

      ABJUU NEBUKADNEZAAR ARGE

      Caalaa: Mee jalqaba, abjuu Nebukadnezaar argen gabaabaatti sitti hima. Achiis hiikasaa waliin ilaaluu dandeenya.

      Yohaannis: Tole.

      Abjuu Nebukadnezaar Mootichi muka guddaa tokko ilaalchisee abjuuʼate

      Caalaa: Nebukadnezaar abjuudhaan muka baayʼee dheeraa taʼe tokko argee ture. Achiis mukichi akka muramuuf ajaja ergamaan Waaqayyoo dabarse dhagaʼe. Gufuunsaa garuu lafa keessatti akka dhiifamu dubbatee ture. ‘Bara torba’ boodas mukichi deebiʼee akka latu dubbate.d Raajiin kun raawwiisaa isa jalqabaa kan argate Nebukadnezaar Mooticharratti ture. Nebukadnezaar akkuma muka dheeraa taʼe sanaa mootii beekamaa kan ture taʼus, ‘bara torbaaf’ aangoosaarraa murameera. Yeroo kanatti maaltu akka uumame ni yaadattaa?

      Yohaannis: Lakki, hin yaadadhu.

      Caalaa: Rakkina hin qabu, anuu sin yaadachiisa. Macaafni Qulqulluun waggaa torbaaf sammuun bineensaa Nebukadnezaariif kennamee akka ture dubbata. Yeroo sanatti, mootii taʼee bulchuu hin dandeenye. Haataʼu malee xumura bara torbaarratti, sammuusaatti deebiʼuudhaan bulchuu jalqabeera.e

      Yohaannis: Tole, hanga ammaatti wanti ati jette naaf galeera. Haataʼu malee, yaadni kun hundi Mootummaa Waaqayyoofi bara 1914 wajjin walitti dhufeenya akkamii qaba?

      Caalaa: Gabaabumatti, raajiin kun raawwii lama qaba. Raawwiisaa isa jalqabaa kan argate yeroo bulchiinsi Nebukadnezaar Mootichaa yeroo muraasaaf addaan citee turettidha. Raawwiinsaa inni lammaffaanimmoo addaan cituu bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo wajjin kan wal qabatedha. Kanaaf raajiin kun Mootummaa Waaqayyoo wajjin haala wal qabateen raawwii lammaffaa qaba jechuudha.

      Yohaannis: Raajiin kun Mootummaa Waaqayyoo wajjin haala wal qabateen raawwii lammaffaa akka qabu akkamitti barte?

      Caalaa: Tokkoffaa, raajii kanarraayyuu yaada kana argachuu dandeenya. Daaniʼel 4:17 akka ibsutti, raajiin kun kan dubbatame ‘inni hundumaa gararraa jiru mootummaa namootaa irratti akka moʼu, abbaa ofii isaatii jaallateefis akka isa kennu . . . namoonni hundinuu akka beekaniif’ akka taʼe ibsameera. Yaada “mootummaa namootaa” jedhu argitee?

      Yohaannis: Eeyyee, “Inni hundumaa gararraa jiru mootummaa namootaa irratti akka moʼu” jedha.

      Caalaa: Sirriidha. “Inni hundumaa Gararraa jiru” eenyu sitti fakkaata?

      Yohaannis: Waaqayyo natti fakkaata.

      Caalaa: Sirriidha. Kanaaf, yaadni kun raajiin kun raawwiisaa kan argate Nebukadnezaar qofarratti akka hin taane nu hubachiisa. “Mootummaa namootaa” jechuunis, Mootummaa Waaqayyoo isa ilmaan namootaa bulchus kan dabalatudha. Kunimmoo yaada naannoo caqasichaatti argamu yommuu ilaallu caalaatti nuuf galuu dandaʼa.

      Yohaannis: Maal jechuukeeti?

      YAADA IJOO MACAAFA DAANIʼEL

      Caalaa: Macaafni Daaniʼel irra deddeebiʼuudhaan waaʼee qabxii tokkoo ibsa. Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo isa bulchiinsa Yesus isa Ilma Waaqayyoo taʼeen geggeeffamuu irra deddeebiʼee ibsa. Fakkeenyaaf, mee boqonnaa lama boodatti deebinee haa ilaallu. Daaniʼel 2:44 nuu dubbistaa?

      Yohaannis: Tole. Akkas jedha: “Bara mootota sanaatti Waaqayyo inni waaqa irraa mootummaa deebiʼee matumaa hin badne, isa moʼichi isaas saba biraatti hin darbine dhaabuuf jira; inni mootummoota sana hundumaa caccabsee in hurreessa, badduus isaan in baasa; ofii isaatii immoo bara baraan jabaatee in dhaabata.”

      Caalaa: Galatoomi. Caqasni kun waaʼee Mootummaa Waaqayyoo waan dubbachaa jiru sitti fakkaataa?

      Yohaannis: Ii, anoo hin beeku.

      Caalaa: Caqasichi Mootummichi “ofiisaatii immoo bara baraan jabaatee in dhaabata” akka jedhu qalbeeffadhu. Kun waaʼee Mootummaa Waaqayyoo kan dubbatu taʼuu qaba; garuu mootummaa ilmaan namootaa ilaalchisee “bara baraan jabaatee in dhaabata” jechuu ni dandeenyaa?

      Yohaannis: Natti hin fakkaatu.

      Caalaa: Mootummaa Waaqayyoo ilaalchisee raajiin macaafa Daaniʼelirratti ibsame kan biraanis jira. Raajiin kun Daaniʼel 7:13, 14⁠rratti argama. Mootii gara fuulduraatti bulchu tokko ilaalchisee raajichi akkas jedha: “Warri saba garaa garaa, warri gosa garaa garaa, warri afaan garaa garaa dubbatan hundinuu akka isa waaqessaniif [“tajaajilaniif,” NW], gooftummaan, ulfinni, mootummaan isaaf in kenname; gooftummaan isaa kan hin darbinee dha, inni gooftummaa bara baraa ti; mootummaan isaas isa balleeffamu miti.” Caqasa kanarra yaadni raajii sila ilaallee wajjin wal fakkaatu jiraa?

      Yohaannis: Inni kunis waaʼee mootummaa tokkoo dubbata.

      Caalaa: Sirriidha. Mootummichimmoo mootummaa fedhe miti. Caqasichi Mootummaan kun ‘saba, gosaafi afaan garaagaraarratti’ aangoo akka qabaatu dubbachuusaa hin dagatin. Yaadni kun mootummaan kun addunyaa mara akka bulchu kan argisiisudha.

      Yohaannis: Ani akkasitti hin yaanne, garuu yaannikee sirriidha. Caqasichis akkasuma jedha.

      Caalaa: Akkasumas, wanta raajiin kun jedhu hubadhu: “Inni gooftummaa bara baraa ti; mootummaan isaas isa balleeffamu miti.” Kunis raajii Daaniʼel 2:44⁠rratti dubbisnee wajjin kan walsimudha. Mitii?

      Yohaannis: Eeyyee.

      Caalaa: Mee amma wanta mariʼanne gabaabsinee irra haa deebinu. Raajiin Daaniʼel boqonnaa 4⁠rratti ibsame kan barreeffame namoonni “inni hundumaa gararraa jiru mootummaa namootaa irratti akka moʼu” akka baraniif taʼuusaa ilaalleerra. Yaadi kuniyyuu raajiin kun raawwiisaa kan argate Nebukadnezaar qofarratti akka hin taane ibsa. Akkasumas, guutummaan macaafa Daaniʼel waaʼee Mootummaa Waaqayyoo isa bulchiinsa Yesus isa Ilma Waaqayyoo taʼeen geggeeffamuu akka ibsu ilaalleerra. Kanaaf, raajiin Daaniʼel boqonnaa 4⁠rratti argamu kun Mootummaa waaqayyoo wajjin haala wal qabateen wanta ibsu qaba yoo jenne sirrii sitti hin fakkaatuu?

      Yohaannis: Sirrii natti fakkaata. Garuu, yaanni kun bara 1914 wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qabu ammayyuu naaf hin galle.

      “BARRI TORBAS ISA IRRATTI HAA DARBU”

      Caalaa: Tole, mee waaʼee Nebukadnezaar Mootichaatti haa deebinu. Raawwii raajii kanaa isa jalqabaarratti mootiin kun mukatti fakkeeffameera. Mukti sun muramee bara torbaaf yommuu dhiifametti, bulchiinsi mootii kanaa yeroo sammuun bineensaa isaaf kennamee turetti, waggaa torbaaf addaanciteera. Barri torba ykn waggaan torba kan xumurame yeroo Nebukadnezaar Mootichi bulchiinsasaatti deebiʼettidha. Raawwii raajii kanaa isa lammaffaarrattimmoo, bulchiinsi Mootummaa Waaqayyoo yeroo muraasaaf akka addaan citu ilaalleerra. Kun kan taʼu garuu Waaqayyo bulchuu waan dadhabeef miti.

      Yohaannis: Maal jechuukeeti?

      Caalaa: Bara duriitti, namoonni Israaʼelirratti mootii taʼan ‘teessoo Yihowaarra’ akka taaʼanitti ilaalamu turan.f Waaqayyoon bakka buʼuudhaan sabasaa bulchu turan. Kanaaf, bulchiinsi namoota kanaa bulchiinsa Waaqayyoo kan argisiisu ture. Yeroo booda garuu, mootota kana keessaa hedduunsaanii Waaqayyoof abboomamuu waan didaniif namoonni isaan jalatti bulan hedduun fakkeenyasaanii isa gadhee hordofaniiru. Isiraaʼeelonni utuu hin abboomamin waan hafaniif, Waaqayyo Dh.K.D. bara 607⁠tti warri Baabilon akka isaan boojiʼan heyyame. Yeroo sanaa kaasee, mootiin Waaqayyoon bakka buʼee Yerusaalemiin bulche hin turre. Haala kanaan bulchiinsi Waaqayyoo addaan citee ture. Hanga ammaatti wantin jedhe siif galee?

      Yohaannis: Eeyyee.

      Caalaa: Kanaaf Dh.K.D. bara 607⁠tti ‘barri torba’ jechuunis yeroon bulchiinsi Waaqayyoo adda itti citu ni jalqabe. Xumura bara torbaarratti, Waaqayyo mootii bakkasaa buʼee bulchu samiirratti muude. Raajiiwwan macaafa Daaniʼel keessatti dubbisne kaan raawwiisaanii kan argatan yeroo kanatti ture. Kanaaf asirratti gaaffii guddaan kaʼuu, ‘Barri torban sun kan xumurame yoomi?’ kan jedhudha. Gaaffii kanaaf deebii yoo arganne, Mootummaan Waaqayyo bulchuu kan jalqabe yoom akka taʼe ni barra.

      Yohaannis: Amma naa galeera. Kanaaf barri sun bara 1914⁠tti xumurame jechuudhaa?

      Caalaa: Sirrii jette!

      Yohaannis: Garuu kana akkamitti beekuu dandeenya?

      Caalaa: Tole, Yesus yommuu lafarratti tajaajilaa turetti, yeroon bara torba jedhame sun akka hin xumuramne ibseera.g Kanaaf barri kun yeroo dheeraa taʼe argisiisa jechuudha. Barri torba kan eegale Yesus gara lafaa utuu hin dhufin waggoota hedduu dura yommuu taʼu, erga inni samiitti deebiʼees yeroo muraasaaf itti fufeera. Raajiiwwan Macaafa Daaniʼelirratti dubbatamanis, hanga ‘bara isa dhumaatti’ hubachuun akka hin dandaʼamne yaadadhu.h Kan nama gammachiisu garuu, xumura jaarraa 19⁠ffaatti, barattoonni Macaafa Qulqulluu garaa qajeelaa qaban raajiiwwan kana gad fageenyaan qoruu jalqaban. Achiis barri torba kan xumuramu bara 1914⁠tti akka taʼe hubatan. Wantoonni gurguddaan bara 1914 kaasee addunyaarratti raawwatamanis, bara kanatti Mootummaan Waaqayyoo samiirratti bulchuu akka jalqabe kan mirkaneessan turan. Guyyoonni gara dhumaas kan eegalan bara kanatti ture. Yaanni kun hundi siif haaraa waan taʼeef takkaatti siif galuu akka hin dandeenye naa gala.

      Yohaannis: Eeyyee. Hamma naaf galutti irra deebiʼee ilaaluun qaba.

      Caalaa: Badaa hin yaaddaʼin. Raajiiwwan kanaafi raawwiisaanii hubachuun anattis yeroo muraasa fudhateera. Haataʼu malee, mareen amma goone, yoo xinnaate, Mootummaa Waaqayyoo ilaalchisee hubannaan Dhugaa Baatonni Yihowaa qaban Macaafa Qulqulluurratti kan hundaaʼe taʼuusaa hubachuuf si gargaareera.

      Yohaannis: Sirriidha. Wanti isin amantan hundi Macaafa Qulqulluurratti kan hundaaʼe taʼuunsaa yeroo hunda na ajaaʼibsiisa ture.

      Caalaa: Atis fedhii akkasii akka qabdu yaada keerraa hubachuu dandaʼeera. Akkuman sila sitti hime, odeeffannoo kana hunda takkaatti qabachuun sitti ulfaachuu dandaʼa. Ammas taanaan gaaffii tokko tokko qabaachuu dandeessa taʼa. Fakkeenyaaf, bara torba inni jedhame sun kan eegale Dh.K.D. bara 607⁠tti taʼuusaa hubanneerra. Haataʼu malee, barri kun bara 1914⁠tti akka xumurame akkamitti beekuu dandeenya?i

      Yohaannis: Sirriidha, kunis gaaffii natti taʼeera.

      Caalaa: Macaafni Qulqulluun barri torba sun dheerina yeroo hammamii akka qabu sirriitti nutti hima. Yeroo ittaanutti mataduree kanarratti mariʼachuu ni dandeenyaa?

      Yohaannis: Eeyyee, ni dandeenya.

      Matadureen walitti aansee baʼu kun, yeroo ittaanutti caqasoota ‘bara torba’ inni jedhame kun dheerina yeroo hammamii akka qabu ibsan qabatee baʼa.

      a Dhugaa Baatonni Yihowaa sagantaa qayyabannaa Macaafa Qulqulluu kaffaltii hin gaafanne qopheessuudhaan, maree Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe namootaa wajjin godhu.

      b Fakkeenya 2:3-5.

      c Kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe boqonnaa 9⁠ffaa ilaali.

      d Daaniʼel 4:13-17.

      e Daaniʼel 4:20-36.

      f 1 Seenaa 29:23, NW.

      g Yesus, raajii guyyoota gara dhumaa ilaalchisee dubbaterratti: “Yerusaalemis [isheen bulchiinsa Waaqayyoo argisiisaa turte] saba Waaqayyoo warra hin taʼiniin irra in ejjetamti, kunis hamma barri, warra saba Waaqayyoo hin taʼinitti kenname raawwatamutti” jedhee ture. (Luqaas 21:24) Kanaaf bara Yesus lafarra turettis taʼe guyyoonni gara dhumaa hamma eegalutti bulchiinsi Waaqayyoo addaan citee ture jechuudha.

      h Daaniʼel 12:9.

      i Kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu, fuula 215-218rraa Kutaa Dabalataa, “Bara 1914​—Waggaa Raajii Macaafa Qulqulluu Keessatti Iddoo Guddaa Qabu” jedhu ilaali.

  • Mootummaan Waaqayyoo Yoom Bulchuu Jalqabe?—Kutaa 2
    Masaraa Eegumsaa—2015 | Amajjii 1
    • MAREE MACAAFA QULQULLUU IRRATTI HUNDAAʼE

      Mootummaan Waaqayyoo Yoom Bulchuu Jalqabe?—Kutaa 2

      Mareen armaan gaditti dhihaate, maree Dhugaa Baatonni Yihowaa namootaa wajjin godhan fakkeenya argisiisu dha. Mee Dhugaa Baatuun Caalaa jedhamu tokko gara mana namicha Yohaannis jedhamu tokkoo deebiʼee akka dhaqe goonee haa yaadnu.

      ABJUU NEBUKADNEZAAR—GABAABAATTI IRRA DEEBIʼUUF

      Caalaa: Yohaannis, deebinee wal arguu keenyatti gammadeera. Qayyabannaan Macaafa Qulqulluu torban torbaniin goonu na gammachiisa.a Torbeen kun akkam ture?

      Yohaannis: Gaarii ture.

      Caalaa: Baayʼee gaarii dha. Yeroo darbe, Dhugaa Baatonni Yihowaa Mootummaan Waaqayyoo bulchuu kan jalqabe bara 1914⁠tti kan jedhan maaliif akka taʼe kaasnee turre.b Raajii boqonnaa 4⁠ffaa macaafa Daaniʼel irratti ibsame tokko irraa ragaa barbaachisaa taʼe argannee turre. Yaada achi irratti ibsame ni yaadattaa?

      Yohaannis: Abjuu Nebukadnezaar Mootichi waaʼee muka guddaa tokkoo abjoote dha.

      Caalaa: Eeyyee, sirrii dha. Nebukadnezaar abjuudhaan muka guddaa samii bira gaʼu tokko arge. Ergamaan Waaqayyoo tokko mukichi akka muramu, gufuu fi hiddi isaa garuu lafa irratti akka hafu yeroo ajajus dhagaʼee ture. ‘Bara torba’ booda mukichi deebiʼee ni guddata.c Raajiin kun raawwii lama kan qabu maaliif akka taʼes mariʼannee turre. Raawwiin isaa inni jalqabaa maal akka taʼe ni yaadattaa?

      Yohaannis: Isa Nebukadnezaar irratti raawwatame dha mitii? Waggaa torbaaf sammuun isaa tuqamee ture.

      Caalaa: Sirrii dha. Nebukadnezaar yeroo murtaaʼeef sammuun isaa waan tuqameef, bulchiinsi isaa addaan citee ture. Raajiin kun raawwii isaa isa guddaa yeroo argatu garuu, bulchiinsa Waaqayyoo isa lafa irraatu bara torbaaf addaan cita. Akkuma kanaan dura ilaalle, barri torban yeroo Yerusaalem Dh.K.D. bara 607⁠tti balleeffamtetti jalqabe. Sana booda, mootonni saba Yihowaa bulchuudhaan lafa irratti isa bakka buʼan hin turre. Dhuma bara torbaniitti garuu, Waaqayyo samii irratti Mootii haaraa saba isaa bulchu ni muuda. Kana jechuun, barri torban dhumuun isaa, Mootummaan Waaqayyoo inni samii bulchuu jalqabuu isaa argisiisa jechuu dha. Barri torban yoom akka jalqabe ilaalleerra. Kanaafuu, barri kun yeroo hammamiitiif akka ture yoo beekne, Mootummaan Waaqayyoo bulchuu kan jalqabe yoom akka taʼe beekuu ni dandeenya jechuu dha. Sii galaa jira mitii?

      Yohaannis: Eeyyee, irra naa deebiʼuun kee wanta mariʼanne na yaadachiiseera.

      Caalaa: Gaarii dha. Mee maree keenya itti haa fufnuutii, barri torban kun hammam akka dheeratu haa ilaallu. Qabxiiwwan ijoo taʼan yaadachuuf jecha dhimma kana ilaalchisee barreeffamoota tokko tokko dubbiseera. Yaadan argadhe sii ibsuufan yaala.

      Yohaannis: Tole.

      BARRI TORBA YEROO XUMURAMU BARRI DHUMAA NI JALQABA

      Caalaa: Raawwii raajichaa isa jalqabaa Nebukadnezaar irratti raawwatame irratti, barri torban kallattiidhaan waggaa torba kan argisiisu ture. Raawwii raajichaa isa guddaa Mootummaa Waaqayyoo irratti raawwatamu irratti garuu, barri torban kun waggaa torba caalaa kan dheeratu taʼuu qaba.

      Yohaannis: Maaliif?

      Caalaa: Tokkoffaa, barri torban kun kan jalqabe yeroo Yerusaalem Dh.K.D. bara 607⁠tti balleeffamtetti taʼuu isaa yaadadhu. Waggaa sana irraa kaasnee kallattiidhaan waggaa torba yoo lakkoofne Dh.K.D. bara 600 irra geenya. Haa taʼu malee, waggaa sanatti bulchiinsa Waaqayyoo wajjin haala wal qabateen wanti adda taʼe hin raawwatamne. Kana malees, akkuma kanaan dura ilaalle, Yesus jaarraawwan hedduu booda yeroo gara lafaa dhufetti barri torban kun akka hin xumuramne wanta argisiisu dubbatee ture.

      Yohaannis: Eeyyee, dhugaa dha. Nan yaadadhe.

      Caalaa: Kanaafuu, barri torba kallattiidhaan waggaa torba utuu hin taʼin, yeroo kana irra dheeratu kan argisiisu taʼuu qaba.

      Yohaannis: Yeroo hammam dheeratu?

      Caalaa: Macaafni Mulʼataa inni macaafa Daaniʼel wajjin walitti dhufeenya qabu, yeroon kun hammam akka dheeratu beekuuf nu gargaara. Macaafni Mulʼataa, barri sadii fi walakkaan guyyaa 1,260 akka taʼe argisiisa.d Kanaaf barri torba, jechuunis bara sadii fi walakkaa baayʼisuu lama, guyyaa 2,520 taʼa jechuu dha. Na hordofaa jirta mitii?

      Yohaannis: Eeyyee, si hordofaan jira. Garuu, kun Mootummaan Waaqayyoo bara 1914⁠tti bulchuu jalqabuu isaa kan argisiisu akkamitti akka taʼe naa hin galle.

      Caalaa: Tole, mee akkamitti akka wal qabatu haa ilaallu. Yeroo tokko tokko raajii Macaafa Qulqulluu keessatti, guyyaan tokko waggaa tokko argisiisa.e Raajii kana keessattis guyyaan tokko waggaa tokko argisiisa jennee utuu yaadnee, barri torba waggaa 2,520 taʼa jechuu dha. Dh.K.D. bara 607 irraa kaanee waggaa 2,520 yoo lakkoofne, bara 1914 irra geenya.f Barri 1914 yeroo barri torban sun itti xumuramee fi yeroo Yesus Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee bulchuu itti jalqabe taʼuu isaa kan hubanne karaa kanaani. Bara 1914 jalqabee, raajiiwwan gurguddaan bara dhumaa ilaalchisee Macaafa Qulqulluu keessatti caqasaman raawwatamuun isaanii immoo yaada kana nuu cimsa.

      Yohaannis: Raajii akkamiitu raawwatame?

      Caalaa: Wanta Yesus dubbate Maatewos 24:7 irraa haa ilaallu. Yeroo samii irratti bulchuu itti jalqabu ilaalchisee, “Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti in kaʼa; beelli, sochoʼi lafaas iddoo adda addaatti in taʼa” jedheera. Yesus yeroo sanatti hanqinni nyaataa fi sochoʼi lafaa akka jiraatu raajii dubbatee akka ture hubadhu. Jaarraa darbe kana keessatti addunyaa kana irra rakkinni akkasii hedduun gaʼeera mitii ree?

      Yohaannis: Dhugaa dha.

      Caalaa: Caqasa kana irratti Yesus, yeroo Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee argamutti waraannis akka jiraatu dubbateera. Kana malees, macaafni Mulʼataa bara dhumaatti waraanni iddoo tokkotti qofa utuu hin taʼin, addunyaa maratti akka raawwatamu dubbateera.g Waraanni addunyaa tokkoffaan yoom akka jalqabe ni yaadattaa?

      Yohaannis: Bara 1914⁠tti dha; bara ati Yesus bulchuu jalqabeera jettetti jechuu dha! Kanaan dura akkasiitti wal qabsiisee hin beeku.

      Caalaa: Raajii bara torba ilaalchisee dubbatamee fi raajiiwwan Macaafa Qulqulluu waaʼee bara dhumaa dubbataman ilaaluun keenya, haala isaa caalaatti ifa nuu godha. Dhugaa Baatonni Yihowaa, Yesus bara 1914⁠tti Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee bulchuu akka jalqabee fi guyyoonni dhumaa baruma sanatti akka jalqaban ragaa amansiisu argataniiru.h

      Yohaannis: Yaada kana amma iyyuu guutummaatti hubachuun na rakkiseera.

      Caalaa: Naa gala. Akkuman kanaan dura sitti hime, anis guutummaatti hubachuuf yeroo natti fudhateera. Garuu mareen hanga ammaatti goone yoo xinnaate barri 1914 Macaafa Qulqulluu keessatti caqasamuu baatus, amantiin Dhugaa Baatonni Yihowaa bara kana ilaalchisee qaban Macaafa Qulqulluu irratti kan hundaaʼe taʼuu isaa akka si hubachiise nan abdadha.

      Yohaannis: Kun dhugaa dha; wanta dubbattan hundumaaf deggersa Macaafa Qulqulluu kan dhiheessitan taʼuun keessan yeroo hunda na ajaaʼiba. Yaada mataa keessanii hin dubbattan. Garuu, yaadni kun hamma kana ulfaataa kan taʼe maaliif akka taʼe naaf hin galle. Waaqayyo, Yesus samii irratti bulchuu kan jalqabu bara 1914⁠tti taʼuu isaa kallattiidhaan Macaafa Qulqulluu irratti maaliif hin ibsine?

      Caalaa: Kun gaaffii gaarii dha. Dhugaa dubbachuuf, Macaafa Qulqulluu keessa wantoonni kallattiidhaan hin ibsamne hedduun jiru. Waaqayyo Macaafa Qulqulluu karaa hubachuuf carraaqqii gaafatuun kan barreessise maaliif akka taʼe yeroo kan biraa mariʼachuu dandeenya.

      Yohaannis: Natti tola.

      Yaadni Macaafa Qulqulluu gaaffii sitti uume jiraa? Wantoota Dhugaa Baatonni Yihowaa itti amanan ykn amantii isaanii wajjin haala wal qabateen wantoota isaan raawwatan beekuu barbaaddaa? Taanaan, Dhugaa Baatuu Yihowaa tokko gaafachuu irraa duubatti hin jedhin. Dhugaa Baatonni Yihowaa dhimma akkasii irratti sii wajjin mariʼachuun isaan gammachiisa.

      a Dhugaa Baatonni Yihowaa kaffaltii malee namoota Macaafa Qulqulluu ni barsiisu.

      b Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa-Muddee 2014 irraa mata duree, “Maree Macaafa Qulqulluurratti Hundaaʼe—Mootummaan Waaqayyoo Yoom Bulchuu Jalqabe?—Kutaa 1” jedhu ilaali.

      c Daaniʼel 4:23-25 ilaali.

      d Mulʼata 12:6, 14 ilaali.

      e Lakkoobsa 14:34; Hisqiʼel 4:6 ilaali.

      f Chaartii “Abjuu Nebukadnezaar Waaʼee Mukaa Arge” jedhu ilaali.

      g Mulʼata 6:4 ilaali.

      h Kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼee fi Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu boqonnaa 9 ilaali. Kitaabni kun Weeb saayitii www.jw.org/om jedhamu irrattis ni argama.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi