FAARFANNAA 16
Ilma Isaa Dibameef Yaahiin Jajadhaa
1. Yihowaan Ilmasaa dibe
Hunda akka geggeessuuf.
Haqaan bulcha, fedhiin Yihowaa
Lafarratti akka taʼuuf.
(BUUSAA)
Ilmasaa dibeef Yaahiin jajaa,
Hoolonnisaa amanamoon.
Yesuusiin jajaa warrʼ ajajamoon
isa duukaa kan buutan.
Ilmasaa dibeef Yaahiin jajaa,
samiirratti moosiseera,
Maqaa Waaqayyoo akka guddisuuf
ulfinaan dibameera.
2. Obbolaan Yesuus filaman.
Ni dhalatan lammaffaa.
Mootummicharraa gaʼee qabu
Jannata ni godhu lafa.
(BUUSAA)
Ilmasaa dibeef Yaahiin jajaa,
Hoolonnisaa amanamoon.
Yesuusiin jajaa warrʼ ajajamoon
isa duukaa kan buutan.
Ilmasaa dibeef Yaahiin jajaa,
samiirratti moosiseera,
Maqaa Waaqayyoo akka guddisuuf
ulfinaan dibameera.
(Dabalataan, Fak. 29:4; Isa. 66:7, 8; Yoh. 10:4; Mul. 5:9, 10 ilaali.)