FAARFANNAA 36
Yaada Keenya ni Eegganna
Isa Bifa Maxxansaan Jiru
1. Yaada eegganna sirriitti,
Kun dhimma lubbuu ti;
Haa fagaannu cubbuu irraa
Waaqni beeka garaa.
Garaan sammuu ni gowwoomsa,
Karaarraa nu maqsa.
Haa geggeessu sammuun garaa
Akka eegnuuf seera.
2. Waaqa barbaanna garaadhaa
Dhiheessuudhaan kadhaa.
Waan guyyaa hunda nuu godhuuf,
Ni galateeffanna.
Waan Yihowaan nu barsiisu
Hojiirra oolchina.
Amanamoota taʼuudhaan,
Isa gammachiisna.
3. Yaada jalʼaarraa fagaanna,
Dhugaarratti yaanna.
Dubbichaan garaa tuqamuu,
Barbaanna haaromuu.
Waaqnʼ amanamoo jaallata;
Kana ni amanna.
Bara baraaf, garaa guutuun
Isa waaqeffanna.
(Dabalataan, Far. 34:1; Filp. 4:8; 1 Phe. 3:4 ilaali.)