FAARFANNAA 46
Yihowaa Si Galateeffanna
Isa Bifa Maxxansaan Jiru
1. Yihowaa baayʼee si galateeffanna,
Ifa keetiin nu baaste dukkanaa.
Mirga kadhannaaf si galateeffanna,
Waan nu yaaddessu sitti himanna.
2. Ilma keetiifis si galateeffanna,
Mooʼeera addunyaa hamaa kana.
Qajeelfama keef si galateeffanna.
Gargaarsa keen waadaa keenya eegna.
3. Mirga lallabaaf si galateeffanna
Maqaa kee guddaa fi dhugaa himna.
Rakkoo hambista si galateeffanna,
Bara baraan eebba kee arganna.
(Dabalataan, Far. 50:14; 95:2; 147:7; Qol. 3:15 ilaali.)