-
Cuuphamuun Qabaa?—Kutaa 1: Hiika CuuphaaGaaffii Dargaggootaa
-
-
GAAFFII DARGAGGOOTAA
Cuuphamuun Qabaa?—Kutaa 1: Hiika Cuuphaa
Waggaa waggaadhaan dargaggoonni maatii Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan keessatti dhalatan hedduun ni cuuphamu. Atis tarkaanfii akkasii fudhachuuf yaadaa jirtaa? Taanaan jalqaba of murteessuu fi cuuphamuun hiika inni qabu hubachuu qabda.
Cuuphaan maali dha?
Cuuphaan Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame bishaan facaasuudhaan utuu hin taʼin, guutumaan guutuutti bishaan keessa lixuu kan argisiisu dha; kun immoo hiika addaa kan qabu dha.
Yeroo cuuphamtutti guutummaatti bishaan keessa lixuun kee kana booda jireenya ofii kee gammachiisuu kan hin hordofne taʼuu kee namootaaf ibsa.
Bishaan keessaa baʼuun jireenya haaraa Waaqayyoon gammachiisuu irratti hundaaʼe jalqabuu kee argisiisa.
Cuuphamuun kee wanta sirrii ykn dogoggora taʼe ilaalchisee ulaagaa baasuuf aboo kan qabu Yihowaa taʼuu isaa amantee fudhachuu kee argisiisa. Akkasumas wanta Waaqayyo sirraa barbaadu fedhiidhaan raawwachuuf waadaa galuu kee nama duratti mirkaneessita.
Wantoota Kanarratti Yaadi: Jireenya Yihowaaf ajajamuu irratti hundaaʼe jiraachuuf namoota duratti waadaa galuun kan barbaachise maaliifi? Tokkoffaa Yohaannis 4:19 fi Mulʼata 4:11 ilaali.
Of murteessuun maali dha?
Cuuphamuu kee dura kophaa kee taʼuudhaan Yihowaadhaaf of murteessuu qabda. Kana gochuu kan dandeessu akkamitti?
Kadhannaa dhuunfaadhaa Yihowaatti dhiheessuudhaan bara baraaf isa tajaajiluuf waadaa akka galtu akkasumas haalli akkamii iyyuu si mudatus ykn warri kaan maal iyyuu yoo godhan fedhii isaa kan gootu taʼuu kee itti himta.
Cuuphaa sirna murtoo dhuunfaa keetti goote namootatti argisiistu dha. Cuuphamuun kee of ganuu kee fi qabeenyaa Yihowaa taʼuu kee warra kaanitti argisiisa.—Maatewos 16:24.
Wantoota Kanarratti Yaadi: Qabeenyaa Yihowaa taʼuun kee jireenya gaarii jiraachuuf kan si gargaaru akkamitti? Isaayaas 48:17, 18 fi Ibroota 11:6 ilaali.
Cuuphaan barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
Yesuus cuuphamuun ulaagaa barattoota isaa irraa eegamu akka taʼe ibseera. (Maatewos 28:19, 20) Kanaafuu, harʼas taanaan cuuphaan ulaagaa Kiristiyaanota irraa eegamu dha. Kana irra iyyuu caalaa Kitaabni Qulqulluun cuuphaan fayyina argachuuf barbaachisaa akka taʼe ibsa.—1 Pheexiros 3:21.
Haa taʼu malee, wanti cuuphamuuf si kakaasuu qabu jaalalaa fi dinqisiifannaa Yihowaaf qabdu taʼuu qaba. Ilaalcha faarfatichaa qabaachuu qabda. Faarfatichi akkas jechuudhaan barreesseera: “Wanta gaarii inni naaf godhe hundumaatiif, Yihowaadhaaf maalan deebisa? . . . Maqaa Yihowaas nan waammadha. Saba isaa hundumaa duratti wareega koo Yihowaadhaaf nan raawwadha.”—Faarfannaa 116:12-14.
Wantoota Kanarratti Yaadi: Yihowaan wanta gaarii akkamii siif godheera? Atoo maal deebisuufi dandeessa? Keessa Deebii 10:12, 13 fi Roomaa 12:1 ilaali.
-
-
Cuuphamuun Qabaa?—Kutaa 2: Cuuphaaf QophaaʼuuGaaffii Dargaggootaa
-
-
GAAFFII DARGAGGOOTAA
Cuuphamuun Qabaa?—Kutaa 2: Cuuphaaf Qophaaʼuu
Ulaagaa Kitaaba Qulqulluu wajjin walsimtee jiraachaa fi Waaqayyoo wajjin michummaa uumaa jirta taanaan tarii waaʼee cuuphamuu yaadaa jirta jechuu dha. Maarree cuuphamuuf qophaaʼaa taʼuu kee akkamitti beekta?a
Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan armaan gadiitu ibsama
Beekumsa hangamii qabaachuun qaba?
Cuuphaaf qophaaʼuun akka nama qorumsa mana barumsaatiif qophaaʼuutti wanta baratte sammuutti qabachuu kan dabalatu miti. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun dhugaa akka barsiisu amanannaa qabdu cimsachuuf ‘dandeettii yaaduu kee” fayyadamuu qabda. (Roomaa 12:1) Fakkeenyaaf:
Waaqayyo akka jiruu fi isa waaqeffachuun kee akka isaaf malu mirkanaaʼaa taateettaa?
Wanta Kitaabni Qulqulluun Jedhu: “Namni Waaqayyotti dhihaatu hundi, inni akka jiruu fi warra cimsanii isa barbaaddatan akka badhaasu amanuu qaba.”—Ibroota 11:6.
Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Waaqayyo akka jiru kanan amanu maaliifi?’ (Ibroota 3:4) ‘Kanan isa waaqeffadhu maaliifi?’—Mulʼata 4:11.
Gargaarsa barbaaddaa? Mata duree, “Uumama moo Jijjiiramaa Tirannaa?—Kutaa 1: Waaqayyotti Kanan Amanu Maaliifi?” jedhu ilaali.
Yaadni Kitaaba Qulqulluu Waaqayyo biraa akka dhufe mirkanaaʼaa taateettaa?
Wanta Kitaabni Qulqulluun Jedhu: “Kitaabonni Qulqulluun hundi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffaman yeroo taʼu, barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, wanta hundumaa sirreessuuf, qajeelummaadhaan leenjisuuf fayyadu.”—2 Ximotewos 3:16.
Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Kitaabni Qulqulluun yaada namootaa akka hin qabanne kanan amanu maaliifi?’—Isaayaas 46:10; 1 Tasalonqee 2:13.
Gargaarsa barbaaddaa? Mata duree, “Kitaabni Qulqulluun Na Gargaaruu kan Dandaʼu Akkamitti?—Kutaa 1: Kitaaba Qulqulluu Qoradhu” jedhu ilaali.
Yihowaan fedha isaa raawwachuuf gumii Kiristiyaanaa akka fayyadamu ni amantaa?
Wanta Kitaabni Qulqulluun Jedhu: “Karaa gumichaa fi karaa Kiristoos Yesuus dhaloota hundumaa biratti baraa hamma bara baraatti ulfinni isaaf haa taʼu.”—Efesoon 3:21.
Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Wantin walgaʼii Kiristiyaanaa irratti Kitaaba Qulqulluu irraa baradhu nama biraa moo Yihowaa biraa akka dhufettan ilaala?’ (Maatewos 24:45) ‘Yeroo warri koo argamuu hin dandeenyetti illee walgaʼii nan hirmaadhaa (yoo isaan siif heyyaman jechuu dha)?’—Ibroota 10:24, 25.
Gargaarsa barbaaddaa? Mata duree, “Walgaʼii Galma Walgaʼiitti Geggeeffamu Irratti Argamuu Kanan Qabu Maaliifi?” jedhu ilaali.
Maal gochuun qaba?
Cuuphamuuf mudaa kan hin qabne taʼuun si hin barbaachisu. Haa taʼu malee, dhugumaan ‘Wanta hamaa irraa akka deebitee fi wanta gaarii raawwachuu’ akka barbaaddu argisiisuu qabda. (Faarfannaa 34:14) Fakkeenyaaf:
Akka ulaagaa Yihowaatti jiraataa jirtaa?
Wanta Kitaabni Qulqulluun Jedhu: “Qalbii gaarii qabaadhaa jiraadhaa.”—1 Pheexiros 3:16.
Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Dandeettiin hubannaa koo wanta sirrii fi dogoggora taʼe gargar baasuuf’ akka leenjiʼe kanan argisiise akkamitti?’ (Ibroota 5:14) ‘Dogoggora akkan raawwadhu dhiibbaa na irra gaʼe tokko yeroon itti dandamadhe nan yaadadhaa? Michoonni koo wanta sirrii akkan raawwadhu na jajjabeessuu?’—Fakkeenya 13:20.
Gargaarsa barbaaddaa? Mata duree, “Qalbii Koo Leenjisuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?” jedhu ilaali.
Wanta raawwateef Yihowaan akka si gaafatu beektaa?
Wanta Kitaabni Qulqulluun Jedhu: “Tokkoon tokkoon keenya waaʼee ofii keenyaa Waaqayyoof deebii ni kennina.”—Roomaa 14:12.
Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Ofii kootiifis taʼe warra kaaniif amanamaadhaa?’ (Ibroota 13:18) ‘Dogoggora koo amanee nan fudhadhaa, moo nan dhoksa ykn warra kaanin komadha?’—Fakkeenya 28:13.
Gargaarsa barbaaddaa? Mata duree, “Dogoggora Yommuun Hojjedhu Maal Gochuun Qaba?” jedhu ilaali.
Yihowaa wajjin michummaa uumaa jirtaa?
Wanta Kitaabni Qulqulluun Jedhu: “Waaqayyotti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata.”—Yaaqoob 4:8.
Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Yihowaatti dhihaachuuf maal gochaan jira?’ Fakkeenyaaf, ‘Kitaaba Qulqulluu yeroo baayʼee nan dubbisaa?’ (Faarfannaa 1:1, 2) ‘Yeroo hundumaa nan kadhadhaa?’ (1 Tasalonqee 5:17) ‘Kadhannaa koo irratti dhimmoota jiran adda baasee nan caqasaa? Michoonni koo michoota Yihowaa tii?’—Faarfannaa 15:1, 4.
Gargaarsa barbaaddaa? Mata duree, “Kitaabni Qulqulluun Na Gargaaruu kan Dandaʼu Akkamitti?—Kutaa 2: Dubbisni Kitaaba Qulqulluu Kee Gammachiisaa Akka Taʼu Godhi” akkasumas “Kadhannaan Faayidaa Qabaa?” jedhu ilaali.
Gorsa gaarii: Cuuphaaf qophaaʼuuf akka si gargaaruuf, kitaaba Gaaffiiwwan Dargaggootaafi—Deebiiwwan Hojiirra Ooluu Dandaʼan jedhamu Jildii 2 boqonnaa 37 dubbisi. Keessumaa gilgaala fuula 308 fi 309 (Amaariffa) irra jiru qalbeeffadhu.
a Mata duree, “Cuuphamuun Qabaa?—Kutaa 1 jedhuu isa hiikaa cuuphaa fi barbaachisummaa of murteessuu fi cuuphamuu ibsu dubbisi.
-
-
Cuuphamuun Qabaa?—Kutaa 3: Duubatti Akkan Jedhu Kan Na Godhu Maali Dha?Gaaffii Dargaggootaa
-
-
GAAFFII DARGAGGOOTAA
Cuuphamuun Qabaa?—Kutaa 3: Duubatti Akkan Jedhu Kan Na Godhu Maali Dha?
Yihowaadhaaf of murteessuu fi cuuphamuun si sodaachisaa? Taanaan, mata dureen kun sodaa kee moʼuuf si gargaara.
Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼanna:
Itti gaafatamummaa cuuphamuun fidu fudhachuu yoon sodaadhe hoo?
Yihowaa tajaajiluuf gaʼumsa akka hin qabne yoo natti dhagaʼame hoo?
Ergan cuuphamee booda cubbuu cimaa yoon raawwadhe hoo?
Akkas kan sitti dhagaʼame maaliifi? Tarii nama cubbuu cimaa raawwatee gumiidhaa baafame beekta taʼa. (1 Qorontos 5:11-13) Atis kun narra gaʼuu dandaʼa jettee yaaddofta taʼa.
“Yommuun jalqaba cuuphamuu yaadetti dogoggora cimaa raawwachuu nan dandaʼa jedhee sodaadheen ture. Dogoggora akkasii raawwachuun koos warra koo qaanessuu dandaʼa jedheen sodaadhe.”—Ribeekaa.
Caqasa ijoo: “Namni hamaan daandii isaa . . . haa dhiisu; dhiifamni isaa guddaa waan taʼeef, gara Yihowaa isa gara laafina itti argisiisutti, gara Waaqa keenyaatti haa deebiʼu.”—Isaayyaas 55:7.
Waaʼee kanaa gad fageenyaan yaadi: Namoonni cubbuu raawwatan gumiidhaa kan baafaman taʼus, Yihowaan namoota gad of qabuudhaan yaada geeddaratanii fi sirreeffama isaaniif kenname fudhataniif dhiifama ni godha.—Faarfannaa 103:13, 14; 2 Qorontos 7:11.
Kana malees, dhugaan jiru kana dha: Cubbuu kan dhaalte taatus, gargaarsa Waaqayyootiin qorumsa moʼuu ni dandeessa. (1 Qorontos 10:13) Kana malees, cubbuu raawwachuu fi dhiisuuf kan murteessu si dha malee nama kan biraa miti.
“Ergan cuuphamee booda dogoggora cimaa raawwachuu nan dandaʼa jedheen sodaadha ture, yeroo booda garuu dogoggora kan taʼu cuuphamuu dhiisuu koo akka taʼen hubadhe. Wanta bor taʼu ykn taʼuu dhiisu dandaʼu sodaadhee wantan harʼa gochuu qabu dhiisuu akkan hin qabne hubadheera.”—Kaaran.
Yaada ijoo: Yoo murteessite akkuma tajaajiltoota Yihowaa hedduu cubbuu raawwachuu irraa fagaachuu ni dandeessa.—Filiphisiyus 2:12.
Gargaarsa dabalataa ni barbaaddaa? Mata duree “Qorumsa Moʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?” jedhu dubbisi.
Itti gaafatamummaa cuuphamuun fidu fudhachuu yoon sodaadhe hoo?
Akkas kan sitti dhagaʼame maaliifi? Fakkeenyaaf, dargaggoota tajaajila Yihowaadhaaf dhiheessan balʼifachuuf maatii fi michoota isaanii irraa fagaatanii deeman beekta taʼa. Atis ‘namoonni akkas akkan godhu barbaadu’ jettee yaaddofta taʼa.
“Kiristiyaanni tokko yeroo cuuphamu tajaajila Yihowaa keessatti wanta dabalataa raawwachuuf gaʼumsa ni qabaata, garuu namoonni tokko tokko akkas gochuuf qophaaʼoo miti ykn haalli isaanii isaaniif hin heyyamu.”—Meerii.
Caqasa ijoo: “Namni hundi hojii ofii isaa haa qoru; achiis nama kan biraa wajjin utuu wal bira of hin qabin, waaʼee ofii isaa qofa waan ittiin gammadu argata.”—Galaatiyaa 6:4.
Waaʼee kanaa gad fageenyaan yaadi: Namoota kaanii wajjin wal bira of qabuu mannaa Maarqos 12:30 isa “Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan . . . jaalladhu” jedhu irratti xiyyeeffadhu.
Garaa guutuudhaan Yihowaa kan tajaajilu sidha malee namni kan biraa sii tajaajiluu hin dandaʼu. Garaadhaa Yihowaa kan tajaajiltu yoo taʼe hamma humna kee isa tajaajiluuf ni carraaqxa.
“Cuuphaan wanta akka salphaatti ilaalamu taʼuu baatus, baʼaa ulfaataa miti. Namoonni wajjin ooltu namoota gaarii yoo taʼan si gargaaruu dandaʼu. Suutuma suuta itti gaafatamummaa fudhachuun kee gammachuu siif argamsiisa. Cuuphamuu dhiisuun kee garuu si miidha.”—Juliyaa.
Yaada ijoo: Dinqisiifannaa jaalala Yihowaan sitti argisiiseef qabdu guddifadhu. Kun immoo wanta dandeessu hunda isaaf gochuuf si kakaasa.—1 Yohaannis 4:19.
Gargaarsa dabalataa ni barbaaddaa? Mata duree, “Ani nama itti gaafatamummaan itti dhagaʼamu dhaa?” jedhu dubbisi.
Yihowaa tajaajiluuf gaʼumsa akka hin qabne yoo natti dhagaʼame hoo?
Akkas kan sitti dhagaʼame maaliifi? Yihowaan Bulchaa uumama cufaa ti; nuti immoo isa biratti yeroo ilaalamnu wayittuu kan lakkaaʼamnu miti! Kanaaf, Yihowaan jiraachuu kee illee waan beeku sitti hin fakkaatu taʼa.
“Warri koo Dhugaa Baatota Yihowaa waan taʼaniif, hariiroon Yihowaa wajjin qabu isaan irraan dhaale malee Yihowaan dhuunfaatti gara isaatti akka na hin harkisne natti dhagaʼama ture.”—Naataalii.
Caqasa ijoo: “Abbaan inni na erge sun yoo isa harkise malee, namni kam iyyuu gara koo dhufuu hin dandaʼu.”—Yohaannis 6:44.
Waaʼee kanaa gad fageenyaan yaadi: Cuuphamuuf yaaduun kee iyyuu Yihowaan caalaatti michuu isaa akka taatuuf ofitti harkisaa akka jiru kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Maarree affeerraa kana fudhachuu ni barbaaddaa?
Namoota ofitti harkisuu barbaadu kan filatu Yihowaadha malee sii ykn namoota kan biraa akka hin taane yaadadhu. Kana malees, Dubbiin isaa “Waaqayyotti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata” jechuudhaan kana nuu mirkaneessa.—Yaaqoob 4:8.
“Waaʼee Yihowaa beekuun kee fi gara isaatti harkifamuun kee inni akka si jaallatu kan argisiisu dha. Yeroo gatii akka hin qabne sitti dhagaʼamutti inni garuu bakka guddaa akka siif kennu yaadadhu. Yihowaan yeroo hunda sirriidha.”—Seliinaa.
Yaada ijoo: Ulaagaa Kitaaba Qulqulluu cuuphamuuf barbaachisu yoo guutte, Yihowaa waaqeffachuuf gaʼumsa qabda jechuu dha. Hunda caalaa immoo, waaqeffannaan kee Yihowaadhaaf kan malu taʼuu isaa yaadadhu.—Mulʼata 4:11.
Gargaarsa dabalataa ni barbaaddaa? Mata duree “Kadhannaan Faayidaa Qabaa?” jedhu dubbisi.
-