LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mrt mataduree 32
  • Odeeffannoo Dogoggoraa Irraa Of Eegi

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Odeeffannoo Dogoggoraa Irraa Of Eegi
  • Mata Dureewwan Dabalataa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Ijoollee fi Weebsaayitii Hawaasaa—Kutaa 1: Ijoolleen Koo Weebsaayitii Hawaasaa Fayyadamuu Qabuu?
    Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu
  • Weebsaayitiin Hawaasaa Kan Na Miidhu Akkamitti?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Odeeffannoo Sobaa Irraa Of Eeggadhaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Weebsaayitiin Hawaasaa Ijoollee Keessan Miidhaa Jiraa?—Kitaabni Qulqulluun Warra Gargaaruu Kan Danda’u Akkamitti?
    Mata Dureewwan Dabalataa
Dabalataan Ilaaluuf
Mata Dureewwan Dabalataa
mrt mataduree 32
Nama odeeffannoo maddawwan gara garaa hedduu irraa dhufan ilaalaa jiru.

Odeeffannoo Dogoggoraa Irraa Of Eeggadhu

Yeroo kam iyyuu caalaa Yeroo harʼaatti odeeffannoo nageenya kee eeggachuu fi fayyaa buleessa taʼuuf si gargaaran dabalatee odeeffannoo hedduu argachuu dandeessa. Odeeffannoo yeroo barbaaddutti garuu odeeffannoowwan dogoggoraa kan akka armaan gadii jiran irraa of eeggachuu qabda:

  • Oduuwwan nama gowwoomsan

  • Gabaasawwan sobaa

  • Yaadawwan hamminaaf babalʼifaman irraa

Fakkeenyaaf, yeroo weerarri dhibee COVID-19 jiru kanatti, namni barreessaa ol aanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii taʼe tokko odeeffannoowwan dogoggoraa waaʼee dhukkuba daddarbaa kanaa ilaalchisee dubbataman irraa of eeggachuu akka qabnu akeekkachiiseera. Akkana jedhaniiru: “Gorsawwanii fi qorichawwan yaalii fayyaa soba taʼan garmalee baayʼataniiru. Televizyinii fi raadiyoodhaan oduuwwan sobaa hedduu dhageessu. Namoonni Intarneetii irratti oduuwwan dhugaa taʼuun isaanii hin mirkaneeffamne babalʼisu. Namootaa fi garee adda addaa irratti diinummaa fi jibba halaalaa babalʼisuun baramaa taʼaa dhufeera.”

Odeeffannoo dogoggoraa babalʼisuun haaraa akka hin taane beekamaa dha. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun bara keenya ilaalchisee raajii, “Hamoonnii fi fakkeessitoonni dogoggorsuu fi dogoggoruudhaan isa gadhee irraa gara isa caalaatti gadhee taʼetti deemu” jedhu dubbata. (2 Ximotewos 3:1, 13) Intarneetiin amma yeroo kam iyyuu caalaa utuma hin barbaadin oduun sobaa karaa salphaa taʼee fi saffisaan akka nu gaʼu, akkasumas akka babalʼisnu nu taasisuu dandaʼa. Kanaan kan kaʼes, iimeeliin keenya, weeb saayitiin hawaasaa keenyaa fi oduuwwan karaa meeshaalee elektirooniksii keenyaan nu gaʼan oduuwwan dogoggoraa fi gar tokkoon isaanii qofa dhugaa taʼeen akka guutamu taasisa.

Maarree odeeffannoowwan nama dogoggorsanii fi oduuwwan hamminaaf babalʼifaman irraa of eeguu kan dandeessu akkamitti? Mee amma qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu si gargaaruu dandaʼan tokko tokko haa ilaallu.

  • Nama waaʼee wantoota argee fi dhagaʼe irratti yaadaa jiru.

    Wanta argite ykn dhageesse hunda hin amanin

    Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Namni gowwaan wanta dubbatamu hundumaa amana, namni abshaalli garuu tarkaanfii isaa hundumaa irratti xiinxala.”—Fakkeenya 14:15.

    Of eeggachuu baannaan salphaadhumatti gowwoomfamuu dandeenya. Fakkeenyaaf, fakkiiwwan ykn viidiyoowwan gaggabaabaa intarneetii irratti, keessumaa immoo weeb saayitii hawaasaa irratti gadhiifaman haa ilaallu. Wantoonni akkasii yeroo baayʼee namoota bohaarsuuf kan qophaaʼani dha. Haa taʼu malee, fakkiiwwan ykn viidiyoowwan salphaadhumatti jijjiiramuu ykn kaayyoo itti qophaaʼan irraa haala adda taʼeen faayidaa irra ooluu dandaʼu. Namoonni viidiyoowwan namoonni wanta matumaa namoonni hin raawwannee ykn hin dubbanne, raawwachaa ykn dubbachaa akka jiran fakkeessanii hojjechuu illee dandaʼaniiru.

    “Namoonni odeeffannoowwan dogoggoraa qoratan hedduun viidiyoowwan kaayyoo itti qophaaʼan irraa haala adda taʼeen faayidaa irra oolan akka jiran bira gaʼuu dandaʼaniiru.”—Axios Media.

    Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Oduuwwan kunneen dhugaa dha moo namuma bohaarsuumaaf qofa kan qophaaʼani dha?’

  • Fuullee guddisee argisiisu.

    Madda isaa fi ergaa isaa gamaaggami

    Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Waan hundumaa qoraa mirkaneeffadhaa.”—1 Tasalonqee 5:21.

    Seenaa tokko amanuu ykn namoota kaaniif dabarsuu kee dura, seenaan sun balʼinaan kan tamsaafame ykn oduu irratti deddeebiʼamee kan ibsame yoo taʼe illee dhuga taʼuu isaa mirkaneeffadhu. Maarree akkas gochuu kan dandeessu akkamitti?

    Maddi isaa kan amanamu taʼuu isaa gamaaggami. Kaampaaniiwwan ykn jaarmiyaawwan kan biroon oduu qopheessan karaa daldalaa ykn siyaasaa buʼaa irraa argachuuf jecha seenaa tokko jalʼisanii dhiheessuu dandaʼu. Maddawwan oduu irraa dhageesse maddawwan kan biroo wajjin wal bira qabii ilaali. Yeroo tokko tokko michoonni kee illee utuu hin beekin karaa iimeelii ykn weeb saayitii hawaasaa odeeffannoo dogoggoraa babalʼisu dandaʼu. Kanaafuu, madda isaa irraa mirkaneeffachuu kan dandeessu yoo taʼe malee oduu dabarfamu tokko hin amanin.

    Qabiyyeen isaa sirrii fi kan ammaa taʼuu isaa mirkaneeffadhu. Guyyaa isaa, dhugaa taʼuun isaa mirkaneeffamuu kan dandaʼu taʼuu isaa fi wanti dubbatame sun dhugaa taʼuu isaa ilaalchisee ragaa qabatamaatiin kan deggeramu taʼuu isaa qulqulleeffadhu. Keessumaa immoo odeeffannoon wal xaxaa fakkaatu karaa garmalee salphaa taʼeen kan dhihaatee yoo taʼe ykn gabaasni sun miira kee irratti jijjiirama kan fidu yoo taʼe of eeggachuu qabda.

    “Yeroo ammaatti odeeffannoo nu gaʼe tokko dhugaa taʼuu isaa mirkaneeffachuun, tarii hammuma harka dhiqachuu baayʼee barbaachisaa taʼeera.”—Siriidaar Daarmaapuraa, a Senior Food Safety and Nutrition Officer for the U.N.

    Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Gabaasni oduu kun ilaalcha nama tokkoo dhugaa fakkeessee dhiheessaa jira? Yookiin seenaa sana gar tokkoo isaa qofa ibsaa jiraa?’

  • A checklist.

    Filannoowwan dhuunfaatiin utuu hin taʼin dhugaadhaan geggeeffami

    Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Namni garaa isaatti amanamu kam iyyuu gowwaa dha.”—Fakkeenya 28:26.

    Yeroo baayʼee odeeffannoo wanta amanuu barbaannu nuuf deggeru amanuutu nutti salphata. Kanaaf kaampaaniiwwan intarneetii odeeffannoowwan kan siif ergan yeroo baayʼee wantoota ati jaallattuu fi kanaan dura intarneetii irraa ilaalaa turte irratti hundaaʼanii ti. Haa taʼu malee, wanti dhagaʼuu barbaannu yeroo hunda wanta dhagaʼuun nu barbaachisu qofa miti.

    “Namoonni dandeettii namootaaf yaaduu fi haala isaanii hubachuu qabu; taʼus hawwiin, abdiin, sodaanii fi kakaʼumsi keenya, yeroo baayʼee wanta itti amanuu barbaannu deggeran dhugaa akka taʼanitti akka fudhannu nu taasisuu dandaʼu.”—Piitar Diitoo, social psychologist.

    Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Odeeffannoo kana kanan amane wantan amanuu barbaadu waan taʼeef qofa dhaa?’

  • Odeeffannoo sobaa gara miʼa kosii itti gatan keessatti darbatamaa jiru.

    Odeeffannoo dogoggoraa babalʼisuu dhaabi

    Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Oduu dhugaa hin taane hin babalʼisin.”—Baʼuu 23:1.

    Odeeffannoon warra kaaniif dabarsitu humna yaada isaanii fi gocha isaanii irratti dhiibbaa gochuu akka qabu matumaa hin dagatin. Odeeffannoo dogoggoraa kan dabarsite utuma hin beekin yoo taʼe illee miidhaa cimaa geessisuu dandaʼa.

    “Odeeffannoo tokko namoota kaaniif hiruu dura wanti baayʼee barbaachisaan gochuu qabdu, odeeffannoo kana nama kan biraatiif erguuf dhugaa taʼuu isaa mirkanaaʼaa dhaa?’ jettee of gaafachuu dha. Namni hundi akkas godheera utuu taʼee, odeeffannoo dogoggoraa intarneetii irratti baʼu baayʼee xiqqaatee argina turre.”— Piitar Adaamsi, a senior vice president of the News Literacy Project.

    Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Odeeffannoo kana kanan dabarse dhugaa taʼuu isaa waanan beekuufii?’

Yaadawwan hamminaaf babalʼifaman ilaalchisee dhugaa jiru

Qorattuu saaykolojii kan taʼan Shoonaa Booz, “Yaadawwan hamminaaf babalʼifaman yeroo kam iyyuu caalaa jechuun ni dandaʼamaa yaadaa fi amala namootaa irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jiru” jedhaniiru. Yaadawwan hamminaaf babalʼifaman ilaalchisee wantoonni beekuu qabdu tokko tokko armaan gaditti ibsamaniiru.

Yaadawwan hamminaaf babalʼifaman jechuun maal jechuu dha? Yaadawwan hamminaaf babalʼifaman jechuun, yaada gareewwan hamoo fi humna guddaa qaban dhoksaadhaan miidhaa guddaa geessisu jedhamee dubbatamu jechuu dha.

Yaadawwan hamminaaf babalʼifaman balaa geessisuu dandaʼu kan jennu maaliifi? Yaadawwan hamminaaf babalʼifaman amanannaa madda odeeffannoo seera qabeessa taʼe tokko irratti qabdu laaffisuu fi namoonni tokko tokko gorsa yaalii fayyaa ykn nageenya isaanii wajjin haala wal qabateen kennamu akka hin fudhanne gochuu dandaʼa. Yaadawwan akkasii garee namoota gocha kana irratti hirmaataniiru jedhamanii yaadaman irratti jibba halaalaa fi yakki akka raawwatamu jajjabeessuu dandaʼu.

Baayʼee kan babalʼatan maaliifi? Kitaabni Encyclopaedia Britannica jedhamu yaadawwan hamminaaf babalʼifaman caalaatti beekamummaan isaanii kan dabalu “yeroowwan dhiphinni, burjaajaʼuun ykn rakkinni garmalee itti babalʼatutti,” jechuunis “yeroo waraanaa fi rakkinni dinagdee babalʼatu, akkasumas balaawwan uumamaa kan akka sunaamii, kirkira lafaa fi dhukkubni daddarbaa gaʼanitti” akka taʼe ibseera. Yeroowwan rakkisoo taʼan kanatti, namoonni yaadawwan kunneen wanta isaan amanan waan deggeraniif ykn sababii itti wantoota hamoon itti gaʼan hubachuuf kan isaan gargaaran waan isaanitti fakkaatuuf yaadawwan hamminaaf babalʼifaman kana ni fudhatu.

Yaadawwan hamminaaf babalʼifaman kana irraa of eeggachuuf Kitaabni Qulqulluun si eeguu kan dandaʼu akkamitti? Kitaabni Qulqulluun gorsa gaarii yaaddoo yeroo rakkisaa taʼetti nu mudatu dandamachuuf nu gargaaru nuu kenna. Kana malees, rakkoowwan kun kan gaʼan maaliif akka taʼee fi rakkoowwan kun akkamitti furmaata argachuu akka dandaʼan ibsa. Kana ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, viidiyoo Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuu kan Qabnu Maaliifi? jedhamu ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi