-
Jaarsoliin Gumii, Warra Kaan Leenjisuu Ilaalchisee Maaltu Isinitti Dhagaʼama?Masaraa Eegumsaa—2015 | Ebla 15
-
-
Jaarsoliin Gumii, Warra Kaan Leenjisuu Ilaalchisee Maaltu Isinitti Dhagaʼama?
“Wanti hundinuu yeroo qaba.”—LAL. 3:1.
1, 2. Daawwattoonni olaanaa gumiiwwan hedduu keessatti maal hubataniiru?
DAAWWATAAN olaanaa aanaa tokko walgaʼii qaama jaarsolii wajjin godhu xumuruuf jedha. Tiksitoota ciminaan hojjetan kana ija keessa yeroo ilaalu miirri jaalalaa isatti dhagaʼame; isaan keessaa tokko tokko abbaa kan isaaf taʼani dha. Haa taʼu malee, dhimmi isa yaaddessu waan jiruuf, “Obbolootaa, warri kaan gumii keessatti itti gaafatamummaa dabalataa akka fudhatan gargaaruuf maal gootaniittu?” jedhee isaan gaafate. Obboloonni kun, daawwataan kun daawwannaa isaa isa darbe irratti warra kaan leenjisuudhaaf xiyyeeffannaa akka kennan isaan jajjabeessee akka ture yaadatan. Dhuma irratti jaarsolii kana keessaa inni tokko, “Dhugaa isaa dubbachuuf, gama kanaan wanta baayʼee hin raawwanne” jedhe. Jaarsoliin kaanis yaada isaa irratti walii galuudhaan mataa raasan.
2 Atis jaarsa gumii yoo taate, tarii akkuma jaarsolii kanaa jettee deebista taʼa. Daawwattoonni olaanaa aanaa addunyaa mara irra jiran, hoolota kunuunsuu irratti gargaarsa akka godhaniif dhiirota leenjisuu irratti hojiin hedduun hojjetamuu akka qabu hubataniiru. Haa taʼu malee akkas gochuun salphaa miti. Maaliif?
3. (a)Caaffanni Qulqullaaʼoon leenjii kennuun barbaachisaa taʼuu isaa kan ibsan akkamitti? Hundi keenya dhimma kanaaf xiyyeeffannaa kennuu kan qabnu hoo maaliifi? (Miiljalee ilaali.) (b) Jaarsoliin tokko tokko warra kaan leenjisuun isaanitti ulfaachuu kan dandaʼu maaliifi?
3 Akka tiksee tokkootti, dhuunfaatti obboloota leenjisuun barbaachisaa taʼuu isaa akka hubattu hin shakkisiisu.a Gumiiwwan jiran karaa hafuuraa akka jabaatan gargaaruuf, akkasumas gumiiwwan haaraan akka hundeeffamaniif obboloonni dhiiraa hedduun akka barbaachisan beekta. (Isaayaas 60:22 dubbisi.) Kana malees, Macaafni Qulqulluun ‘warra kaan akka barsiistu’ akka si jajjabeessu beekta. (2 Ximotewos 2:2 dubbisi.) Haa taʼu malee akkuma jaarsolii seensa irratti caqasamanii, obboloota dhiiraa leenjisuun ulfaataa sitti taʼuu dandaʼa. Wantoota maatii kee barbaachisan guutuu, hojii hojjechuu fi itti gaafatamummaa gumii baʼuu waan qabduuf, akkasumas wantoonni ariifachiisaa taʼan kan biraan si mudachuu waan dandaʼaniif, obboloota gumii keessa jiran leenjisuuf yeroo akka hin qabne sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Taʼus, warra kaan leenjisuun barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe haa ilaallu.
LEENJISUUF DURSI KENNAMUU QABA
4. Sababiin leenjiin yeroo biraatti itti dabarfamu inni tokko maal taʼuu dandaʼa?
4 Jaarsoliin tokko tokko warra kaan leenjisuuf yeroo ramaduun ulfaataa akka isaanitti taʼu wanti godhu inni tokko maali dha? Tarii akkas jedhanii yaadu taʼa: ‘Leenjisuun barbaachisaa dha; haa taʼu malee akka dhimmoota gumii battalumatti raawwatamuu qaban kaanii ariifachiisaa miti. Yeroon itti leenjisu yeroo kan biraatti yoon dabarse, gumiin homaa hin miidhamu.’ Haa taʼu malee, dhimmoonni battalumatti xiyyeeffannaa kennuufii qabdan hedduun kan jiran taʼus, leenjii kennitan yeroo biraatti dabarsuun karaa hafuuraa gumicha ni miidha.
5, 6. Fakkeenya waaʼee konkolaachisaa dubbatuu fi ilaalcha inni mootoratti zayitii naquu ilaalchisee qabu irraa maal baranna? Kun gumii keessatti leenjii kennuu wajjin kan wal qabatu akkamitti?
5 Fakkeenya kana irratti yaadi: Konkolaachisaan tokko mootorri konkolaataa isaa sirriitti akka hojjetuuf, yeroo yerootti zayitii isaa geddaruu qaba. Haa taʼu malee, zayitii itti naquun akka bobaʼaa itti guutuu baayʼee ariifachiisaa akka hin taane isatti dhagaʼama taʼa. Dhugaa dha, yoo bobaʼaa itti guutuu baate konkolaataan isaa baayʼee utuu hin turin ni dhaabata. ‘Zayitii itti naquuf yoon yeroo dhabe illee, mootorri konkolaataa koo yeroo murtaaʼeef ni hojjeta’ jedhee yaada taʼa. Kun garuu balaa akkamii geessisuu dandaʼa? Yeroo zayitii itti naqu yeroo biraatti dabarsuu isaa yoo itti fufe, mootorri konkolaataa isaa waan wal riguuf yeroo booda hojjechuu akka didu beekamaa dha. Haalli akkasii yoo isa mudate, konkolaataa isaa suphisiisee deebisee itti fayyadamuuf yeroo fi qarshii hedduu isa gaafata. Kana irraa maal baranna?
6 Jaarsoliin dhimmoota dafanii raawwatamuu qaban hedduu hojjetu; kun taʼuu baanaan, gumichi gar malee miidhama. Akkuma konkolaachisaan sun bobaʼaa guutuudhaaf xiyyeeffannaa kennu, jaarsoliin ‘wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baasanii beekuu’ qabu. (Filp. 1:10, NW) Haa taʼu malee, jaarsoliin tokko tokko wantoota ariifachiisaa taʼan raawwachuudhaan waan qabamaniif, warra kaan leenjisuuf iddoo kennuu dhiisuu dandaʼu; kun mootoratti zayitii naquu dhiisuu wajjin wal fakkaata. Jaarsoliin gumii leenjii barbaachisaa taʼe kana yeroo biraatti dabarsuu yoo itti fufan, oolee bulee gumichi obboloota gaʼumsa qabanii fi wanta hojjetamuu qabu raawwachuu dandaʼan ni dhaba.
7. Jaarsolii warra kaan leenjisuuf yeroo ramadaniif ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?
7 Kanaaf, leenjiin wanta dursi hin kennamneef akka taʼetti yaaduu irraa of eeggachuu qabna. Jaarsoliin fageessanii yaadanii fi obboloota muuxannoo hedduu hin qabne leenjisuudhaaf yeroo ramadan, hojii adeemsiftuu hubannaa qaban siʼa taʼan gumiidhaafis eebba taʼu. (1 Phexros 4:10 dubbisi.) Gumiin kan fayyadamu akkamitti?
KARAA BUʼA QABEESSA TAʼEEN YEROOTTI FAYYADAMUU
8. (a)Jaarsoliin warra kaan leenjisuuf sababiiwwan akkamii qabu? (b) Jaarsoliin ‘naannoo labsitoonni caalaatti barbaachisanitti’ tajaajilan itti gaafatamummaa ariifachiisaa taʼe akkamii qabu? (Saanduqa, “Hojii Ariifachiisaa” jedhu ilaali.)
8 Jaarsoliin muuxannoo baayʼee qaban, umuriin isaanii dabalaa yeroo deemu hojiin isaan gumiidhaaf hojjechuu dandaʼan akka daangeffamu gad of deebisuudhaan hubachuu qabu. (Mik. 6:8) Kana malees, ‘yeroo fi walitti dhufuun’ dandeettii isaan itti gaafatamummaa gumii keessatti qaban raawwachuuf qaban irratti jijjiirama hin eegamne fiduu akka dandaʼu hubachuu qabu. (Lal. 9:11, 12, hiika bara 1899; Yaq. 4:13, 14) Kanaaf, jaarsoliin fageessanii yaadan fayyaa hoolota Yihowaatiif garaadhaa yaaduudhaan, muuxannoo waggoota amanamummaadhaan itti tajaajilan keessatti argatan obboloota dargaggoota taʼaniif yeroo isaatti ni hiru.—Faarfannaa 71:17, 18 dubbisi.
9. Wanti gara fuulduraatti raawwatamuu fi warra kaan leenjisuun baayʼee barbaachisaa akka taʼu godhu maali dha?
9 Sababiin jaarsoliin warra kaan leenjisan gumiidhaaf eebba itti taʼan kan biraan maali dha? Gumicha cimsu. Akkamitti? Carraaqqiin jaarsoliin warra kaan leenjisuuf godhan, obboloonni dabalataa yeroo ammaatti qofa utuu hin taʼin keessumaa yeroo rakkina guddaatti gumichi jabaatee akka dhaabatuu fi tokkummaa akka qabaatu gargaaran akka argaman godha. (His. 38:10-12; Mik. 5:5, 6) Kanaafuu, jaarsolii jaallatamo, harʼumaa jalqabdanii warra kaan leenjisuu kutaa tajaajila keessanii akka gootan isin gaafanna.
10. Jaarsi gumii tokko yeroo warra kaan itti leenjisu argachuuf maal gochuu dandaʼa?
10 Dhugaa dha, dhimmoota gumii barbaachisoo taʼan garaa garaa raawwachuun yeroo kee guutummaatti si jalaa fudhachuu akka dandaʼu ni hubanna. Haa taʼu malee, yeroo kana irraa muraasa fudhachuudhaan warra kaan leenjisuuf itti fayyadamuu qabda taʼa. (Lal. 3:1) Akkas gochuun kee buʼaa gaarii argamsiisa.
HAALA MIJATAA UUMUU
11. (a)Yaadni jaarsoliin biyyoota garaa garaa keessa jiraatan leenjii ilaalchisee kennan kan nama ajaaʼibsiisu maaliifi? (b) Fakkeenyi 15:22 akka jedhutti, yaada jaarsoliin kaan kennan ilaaluun keenya gaarii kan taʼe maaliifi?
11 Dhiheenyatti, jaarsoliin obboloonni karaa hafuuraa akka guddatan gargaaruu irratti milkaaʼina argatan, warra kaan yeroo leenjisanitti mala akkamiitti akka fayyadaman gaafatamanii turan.b Haalli jaarsoliin kun keessa jiran garaagarummaa guddaa kan qabu taʼus, yaadni isaan kennan kan wal fakkaatu taʼuun isaa baayʼee nama ajaaʼibsiisa. Kun maal argisiisa? Akkuma bara Phaawulositti ture leenjiin Macaafa Qulqulluu irratti hundaaʼe barattoota “bakka hundumaatti gumiiwwan hunda keessatti” argamaniif akka hojjetu nu hubachiisa. (1 Qor. 4:17, NW) Mata duree kanaa fi isa itti aanu keessatti yaada jaarsoliin kun kennan tokko tokko ilaalla. (Fak. 15:22) Mata dureewwan kana keessatti warri leenjii kennan “barsiisota,” warri leenjifaman immoo “barattoota” akka taʼanitti ibsamaniiru.
12. Barsiisaan tokko haala akkamii uumuu qaba? Maaliif?
12 Barsiisaan tokko haalli leenjiidhaaf mijataa taʼe akka jiraatu gochuu qaba. Akkuma namni biqiltuu kunuunsu tokko sanyii facaasuu isaa dura lafa qotu ykn laaffisu, barsiisaan tokkos wanta haaraa barsiisuu isaa dura sammuu barataa isaa qopheessuu ykn isa jajjabeessuu qaba. Barsiisonni warra kaan leenjisuuf haalli mijataa taʼe akka jiraatu gochuu kan dandaʼan akkamitti ree? Mala raajiin bara duriitti ture tokko itti fayyadamee wajjin wal fakkaatu fayyadamuudhaani. Raajiin kun mala akkamiitti fayyadame?
13-15. (a)Saamuʼel raajichaaf hojii akkamiitu kennamee ture? (b) Saamuʼel hojii isaa kana kan raawwate akkamitti? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (c) Jaarsoliin Seenaa Macaafa Qulqulluu waaʼee Saamuʼel dubbatu kanaaf xiyyeeffannaa kennuu kan qaban maaliifi?
13 Waggaa 3,000 dura gaaf tokko Yihowaan raajii manguddoo Saamuʼel jedhamu tokkoon akkana jedhee ture: “Bor yeroo akkasii nama tokko biyya Beniyaaminii gara keetti nan erga; ati isa dibi! Inni immoo saba koo Israaʼelin in geggeessa.” (1 Sam. 9:15, 16) Saamuʼel sana booda geggeessaa akka hin taanee fi Yihowaan nama isa bakka buʼu akka muudu isa ajajuu isaa hubatee ture. Saamuʼel, ‘Nama kana hojii isa eeggatuuf akkamittan qopheessa laata?’ jedhee yaadee taʼuu qaba. Achii yaada isaaf dhufe hojii irra oolchuuf karoorfate.
14 Borumtaa isaa, Saamuʼel Saaʼoliin yeroo argetti Yihowaan, “Namichi . . . isa kana” isaan jedhe. Sana booda Saamuʼel karoora isaa hojii irra oolchuu jalqabe. Saaʼoliin nyaata afeere. Saaʼolii fi hojjetaa isaatiif taaʼumsa gaarii fi muraa foonii filatamaa kennee, “Yeroo muramaa kanaaf waan siif kaaʼameef, . . . nyaadhu!” jedheen. Sana booda Saamuʼelii fi Saaʼol gara mana Saamuʼel waliin kan deeman siʼa taʼu, yeroo deemanitti waliin haasaʼaa turan. Saamuʼel haala gaarii nyaata waliin nyaachuun isaanii fi waliin deemuun isaanii isaaf uumetti fayyadamuu barbaade. Kanaaf, gara kutaa mana isaa isa banti manaa irra jiruu akka dhufu Saaʼoliin afeere. Galgala qilleensa qabbanaaʼaa qabu sanatti, Saamuʼel hamma rafanitti ‘bantii manaa irratti Saaʼolii wajjin in dubbate.’ Guyyaa itti aanutti Saamuʼel Saaʼoliin dibee, isa dhungatee qajeelfama dabalataa isaaf kenne. Wanta gara fuulduraatti isa eeggatuuf erga isa qopheessee booda isa geggeesse.—1 Sam. 9:17-27; 10:1.
15 Dhugaa dubbachuuf, geggeessaa saba tokkoo akka taʼu nama tokko dibuun, jaarsa ykn tajaajilaa gumii akka taʼu obboleessa tokko leenjisuu wajjin tokko miti. Taʼus, yeroo harʼaatti jaarsoliin gumii mala Saamuʼel itti fayyadame irraa barumsa hedduu argachuu ni dandaʼu. Mee barumsawwan kana keessaa lama haa ilaallu.
BARSIISOTA FEDHII QABANII FI MICHOOTA DHUGAA
16. (a)Israaʼeloonni mootiin akka isaanii muudamu yeroo gaafatanitti Saamuʼelitti maaltu dhagaʼame? (b) Saamuʼel ajaja Saaʼoliin akka dibu isaa kenname kan raawwate miira akkamiitiini?
16 Dirqamaan utuu hin taʼin fedhiidhaan godhaa. Saamuʼel Israaʼeloonni nama mootii isaan irratti taʼu akka barbaadan yeroo dhagaʼetti ni gadde, akkasumas sabni isaa akka isa hin barbaanne isatti dhagaʼame. (1 Sam. 8:4-8) Wanta sabichi barbaade gochuu waan hin barbaanneef, Yihowaan Saamuʼel sabicha akka dhagaʼu siʼa sadii isatti himeera. (1 Sam. 8:7, 9, 22) Taʼus, nama bakka isaa buʼuu wajjin haala wal qabateen Saamuʼel jibbi ykn haaloon garaa isaa keessatti akka uumamu hin heyyamne. Yihowaan Saaʼoliin akka dibu yeroo isatti hime, dirqama isatti taʼee utuu hin taʼin jaalalaan kakaʼee fedhiidhaan ajajameera.
17. Jaarsoliin fakkeenya Saamuʼel kan hordofan akkamitti? Kun hoo gammachuu akkamii isaaniif argamsiisa?
17 Akkuma Saamuʼel godhe, jaarsoliin muuxannoo qaban obboloota leenjisanitti gaarummaa ni argisiisu. (1 Phe. 5:2) Jaarsoliin akkasii, mirga gumii keessatti qaban tokko tokko barattoonni isaanii akka isaan irraa fudhatan sodaachuudhaan, warra kaan leenjisuu irraa duubatti hin jedhan. Barsiisonni arjaa taʼan barattoota isaanii akka waan isaaniin dorgomanitti utuu hin taʼin, akka obboloota ‘isaanii wajjin hojjetanii’ fi gumiidhaaf kennaa gati jabeessa taʼanitti ilaalu. (2 Qor. 1:24; Ibr. 13:16) Barsiisonni ofittoo hin taane akkasii barattoonni isaanii dandeettii isaaniitti fayyadamanii gumii yeroo gargaaran ennaa argan gammachuu guddaa argatu!—HoE. 20:35.
18, 19. Jaarsi tokko sammuu barataa tokkoo qopheessuu kan dandaʼu akkamitti? Mala kanatti fayyadamuun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
18 Barsiisaa qofa utuu hin taʼin michuu isaanii taʼaa. Saamuʼel guyyuma jalqabaa Saaʼolii wajjin wal argetti qodaa dhadhaa ejersaa fuudhee, ariitiidhaan mataa Saaʼol dibee, utuu waan isa eeggatuuf isa hin qopheessin mootii godhee isa erguu ni dandaʼa ture. Saamuʼel garuu, gaarummaadhaan yeroo fudhatee Saaʼoliin qopheesseera. Saamuʼel yeroon Saaʼoliin itti dibuu qabu inni sirriin akka gaʼe kan isatti dhagaʼame, nyaata gaarii erga waliin nyaatanii, erga waliin miilla hiikkatanii, saʼaatii dheeraadhaaf erga waliin haasaʼanii fi akka gaariitti erga boqotanii booda dha.
Warra kaan leenjisuun michooma uumuudhaan jalqabama(Keeyyata 18 fi 19 ilaali)
19 Haaluma wal fakkaatuun barsiisaan tokko warra kaan leenjisuu jalqabuu isaa dura, barataa isaa wajjin michooma uumuuf carraaqqii gochuu qaba. Tarkaanfiiwwan jaarsi tokko walitti dhufeenya akkasii uumuuf fudhatu haalaa fi aadaa naannoo sanaa irratti kan hundaaʼu waan taʼeef biyyaa biyyatti garaa gara dha. Taʼus, kan jiraattu eessa iyyuu yoo taʼe, yeroo barataa kee wajjin dabarsitu ni ramadda taanaan, “Na biratti iddoo guddaa qabda” isaan jechaa akka jirtuutti ilaalama. (Roomaa 12:10 dubbisi.) Yaadni kun afaaniin kallattiidhaan dubbatamuu baatus, barataan eessa iyyuu jiraatu miira akkasii hubachuu fi bakka guddaa kennuufii ni dandaʼa.
20, 21. (a)Barsiisaan gaariin kan akkamii ti? (b) Mata duree itti aanu keessatti waaʼee maalii ilaalla?
20 Jaarsoliin gumii, barsiisaan gaariin nama warra kaan leenjisuu jaallatu qofa utuu hin taʼin, nama nama leenjisu sana jaallatus akka taʼe yaadadhaa. (Yohannis 5:20 wajjin wal bira qabii ilaali.) Barataan tokko amala barsiisaa isaa kana salphaatti hubachuu kan dandaʼu siʼa taʼu, kunis akkaataa leenjii isaaf kennamu itti fudhatu irratti dhiibbaa gaarii geessisa. Kanaafuu, jaarsolii jaallatamo, leenjii yeroo kennitan barsiisaa qofa utuu hin taʼin michuu gaarii taʼaa.—Fak. 17:17, hiika bara 1899; Yoh. 15:15, NW.
21 Jaarsi tokko yaada barataa isaa erga qopheessee booda, leenjii barbaachisu isaa kennuu jalqaba. Yeroo kanatti malawwan akkamiitti fayyadamuu dandaʼa? Yaada kana mata duree itti aanu keessatti ilaalla.
a Mata dureen kunii fi inni itti aanu kallattiidhaan kan barreeffame jaarsoliidhaaf taʼus, warra gumii keessa jiran hunda kan ilaallatu dha. Maaliif? Dhiironni cuuphaman hundi hojii gumii keessa jiru irratti hirmaachuuf leenjiʼuun kan isaan barbaachisu taʼuu isaa akka hubatan gargaara. Obboloonni yeroo leenjiʼan immoo, warri gumii keessa jiran hundi ni fayyadamu.
b Jaarsoliin kun Awustiraaliyaa, Baangilaadesh, Beeljiyam, Biraaziil, Faransaay, Fireenchi Giyaanaa, Jaappaan, Kooriyaa, Meeksikoo, Naamiibiyaa, Naayijeeriyaa, Riiyuuniyan, Raashiyaa, Afriikaa Kibbaa fi Yunaayitid Isteetis keessa jiraatu.
-
-
Jaarsoliin Warri Kaan Gaʼumsa Akka Qabaatan Leenjisuu Kan Dandaʼan Akkamitti?Masaraa Eegumsaa—2015 | Ebla 15
-
-
Jaarsoliin Warri Kaan Gaʼumsa Akka Qabaatan Leenjisuu Kan Dandaʼan Akkamitti?
“Waan ana irraa dhageesse, namoota amanamoo . . . taʼanitti hadaraa kenni!”—2 XIM. 2:2.
1. (a)Tajaajiltoonni Yihowaa leenjii ilaalchisee durii kaasee maal hubatanii turan? Kun yeroo harʼaatiif kan hojjetu akkamitti? (b) Mata duree kana keessatti maal ilaalla?
TAJAAJILTOONNI Yihowaa milkaaʼina argachuuf leenjiin barbaachisaa taʼuu isaa durii kaasee ni hubatu turan. Abraam Looxiin oolchuuf ‘dhiirota isaa leenjiʼan kan erge’ siʼa taʼu, isaanis milkaaʼaniiru. (Uma. 14:14-16, NW) Bara Daawit Mootichaatti, warri mana qulqullummaa keessatti faarfatan ‘Waaqayyoon faarfachuu barsiifamanii [ykn leenjiʼanii] kan turan’ siʼa taʼu, Yihowaadhaaf ulfina fidaniiru. (1 Sen. 25:7) Yeroo harʼaa, Seexanaa fi duuka buutota isaa wajjin waraana hafuuraa irra jirra. (Efe. 6:11-13) Kana malees, carraaqqii Yihowaadhaaf ulfina fiduuf goonu ittuma cimsaa jirra. (Ibr. 13:15, 16) Kanaafuu, akkuma tajaajiltoota Yihowaa dur turanii milkaaʼina argachuuf leenjiʼuu qabna. Gumii keessatti, Yihowaan itti gaafatamummaa warra kaan leenjisuu jaarsoliitti hadaraa kenneera. (2 Xim. 2:2) Gumiidhaaf kunuunsa gochuuf gaʼumsa akka qabaatan obboloota leenjisuuf, jaarsoliin muuxannoo qaban malawwan akkamiitti fayyadamaa jiru?
BARATTOOTA KEESSAN KARAA HAFUURAA JABEESSAA
2. Jaarsi tokko barataa tokko leenjisuu isaa dura maal gochuu dandaʼa? Maaliif?
2 Jaarsa tokko nama biqiltuu kunuunsutti fakkeessuu ni dandeenya. Namni biqiltuu kunuunsu tokko, sanyii facaasuu isaa dura biyyichi oomisha gaarii akka argamsiisuuf xaaʼoo itti gochuu barbaada taʼa. Haaluma wal fakkaatuun, obboleessa muuxannoo baayʼee hin qabne tokko leenjisuu keessan dura, baratichi leenjii isaaf kennamu caalaatti akka fudhatu isa qopheessuuf, yaadawwan gaggaarii Caaffata Qulqullaaʼoo irratti hundaaʼan kennuufiin barbaachisaa akka taʼe hubattu taʼa.—1 Xim. 4:6.
3. (a)Barataa tokkoo wajjin mariʼachuuf yaada Yesus Maarqos 12:29, 30 irratti dubbatetti fayyadamuun kan dandaʼamu akkamitti? (b) Kadhannaan jaarsi tokko dhiheessu barataa tokko irratti dhiibbaa akkamii geessisuu dandaʼa?
3 Dhugaan Mootummichaa yaadaa fi gocha barataa tokkoo irratti hammam jijjiirama akka fide beekuuf, ‘Yihowaadhaaf of murteessuun kee akkaataa jireenya keetti itti fayyadamtu irratti jijjiirama akkamii fide?’ jettanii isa gaafachuu dandeessu. Gaaffiin kun, wanta tajaajila keenya garaa guutuudhaan dhiheessuuf nu gargaaru ilaalchisee marii gaarii gochuuf isin dandeessisa. (Maarqos 12:29, 30 dubbisi.) Tarii marii keessan yeroo xumurtan, Yihowaan hafuura qulqulluu leenjii isaatiif isa barbaachisu akka isaa kennu kadhannaa dhiheessuu ni dandeessu. Isaaf garaadhaa yommuu kadhattan yeroo dhagaʼu obboleessi kun baayʼee akka jajjabaatu hin shakkisiisu!
4. (a)Seenaawwan Macaafa Qulqulluu barataan tokko karaa hafuuraa akka guddatu kakaasan tokko tokko caqasi. (b) Jaarsoliin warra kaan yeroo leenjisan galmi isaanii maali dha?
4 Jalqaba leenjichaa irratti, seenaawwan Macaafa Qulqulluu barataan keessan fedhii qabaachuun, amanamaa taʼuunii fi gad of deebisuun barbaachisaa taʼuu isaa akka hubatu isa gargaaran waliin ilaalaa. (1 Mot. 19:19-21; Nah. 7:2; 13:13; HoE. 18:24-26) Akkuma xaaʼoon biyyoodhaaf baayʼee barbaachisaa taʼe, amaloonni kunis barataa tokkoof baayʼee barbaachisu. Karaa hafuuraa dafee akka guddatu godhu. Jaarsi gumii Shaan Kilood jedhamuu fi Faransaayi jiraatu akkas jedheera: “Leenjii yeroon kennu galmi koo inni guddaan barataan koo nama hafuuraa akka taʼu gargaaruu dha. ‘Wanta dinqisiisaa’ dubbii Waaqayyoo keessa jiruuf ‘ija’ barataa koo ‘banuuf,’ carraa caqasa murtaaʼe waliin dubbisuu itti dandeenyun barbaada.” (Far. 119:18) Karaawwan kan biroon barataa tokko karaa hafuuraa jabeessuuf gargaaran kam faʼi?
GALMA AKKA BAAFATAN YAADA KENNAAFII, AKKASUMAS SABABII IBSAAFII
5. (a)Barataa tokkoo wajjin waaʼee galmawwan hafuuraa dubbachuun hammam barbaachisaa dha? (b) Jaarsoliin ijoollee leenjisuu kan qaban maaliifi? (Miiljalee ilaali.)
5 Barataa tokko, ‘Galmawwan hafuuraa akkamii qabda?’ jedhaa gaafadhaa. Galma hin qabu taanaan, galma haala isaa wajjin deemuu fi bira gaʼuu dandaʼu akka baafatu isa gargaaraa. Waaʼee galma kanaan dura baafattanii turtan tokkoo adda baasaatii isatti himaa; akkasumas galma sana bira yeroo geessan gammachuu akkamii akka argattan miira hoʼaadhaan isatti himaa. Akkas gochuun mala salphaa fakkaatus, buʼa qabeessa dha. Jaarsi gumii fi qajeelchaan Viiktar jedhamuu fi Afriikaa keessa jiraatu akkana jedheera: “Ijoollee yeroon turetti, jaarsi tokko galma koo ilaalchisee gaaffiiwwan itti yaadaman muraasa na gaafate. Gaaffiiwwan sun waaʼee tajaajila koo xiyyeeffannaadhaan akkan yaadu na gargaaraniiru.” Jaarsoliin gumii muuxannoo qaban, obboloota dhiiraatiif gumii keessatti hojii umurii isaanii wajjin deemu kennuudhaan ijoollummaa isaaniitii, jechuunis jalqaba umurii waggoota kurnaniitii kaasanii leenjisuun barbaachisaa akka taʼes cimsanii dubbatu. Leenjiin yeroo kanatti kennamu akkasii, ijoolleen dhuma umurii waggoota kurnanii irra yeroo gaʼanii fi wantoonni xiyyeeffannaa isaanii hihhiran hedduun yeroo isaan mudatanitti galmawwan hafuuraa irratti akka xiyyeeffatan isaan gargaara.—Faarfannaa 71:5, 17 dubbisi.a
Hojiin tokko hojjetamuu kan qabu maaliif akka taʼe ibsaa, akkasumas carraaqqii hojii sana raawwachuuf godhamuuf galateeffadhaa (Keeyyata 5-8 ilaali)
6. Yesus warra kaan leenjisuuf mala barbaachisaa taʼe akkamiitti fayyadame?
6 Kana malees, maal gochuu akka qabu itti himuudhaan qofa utuu hin taʼin, wanta sana gochuu kan qabu maaliif akka taʼe isaa ibsuudhaan fedhii barataan tokko tajaajiluuf qabu kakaasuu ni dandeessu. Sababa isaa isaaf ibsuudhaan, fakkeenya Yesus isa barsiisaa guddicha taʼee hordofuu ni dandeessu. Fakkeenyaaf, Yesus duuka buutota akka godhan ergamoota isaatiif hojii kennuu isaa dura, sababa itti ajajamuu qaban isaaniif ibseera. “Gooftummaan hundinuu waaqa irratti lafa irrattis anaaf kennameera” jedhee ture. Achii itti dabaluudhaan, “Egaa dhaqaa, . . . saba hundumaa bartoota koo godhaa!” jedhe. (Mat. 28:18, 19) Karaa Yesus itti leenjise hordofuu kan dandeessan akkamitti?
7, 8. (a)Jaarsoliin yeroo harʼaa jiran karaa itti Yesus leenjise hordofuu kan dandaʼan akkamitti? (b) Barataa tokko galateeffachuun hammam barbaachisaa dha? (c) Yaadawwan warra kaan leenjisuu irratti jaarsolii gargaaruu dandaʼan kam faʼi? (Saanduqa, “Warra Kaan Leenjisuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?” jedhu ilaali.)
7 Barataan tokko wanta tokko akka hojjetu kan gaafatame maaliif akka taʼe, Caaffata Qulqullaaʼoo irraa sababa isaaf dhiheessaa. Karaa kanaan dhimma tokko seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu wajjin wal bira qabee akka yaadu isa barsiisuu dandeessu. Fakkeenyaaf, obboleessi tokko naannoo balbala Galma Mootummaa akka qulqulleessuu fi irra deemuuf mijataa akka godhu isa gaafattan haa jennu. Tiitoos 2:10 caqasuudhaan, hojiin inni Galma Mootummaa keessatti hojjetu, “barsiisichi waaʼee Waaqayyo fayyisaa keenyaa dubbatu kun, waan hundumaatti akka namatti tolee mulʼatu” kan godhu akkamitti akka taʼe ibsuufii dandeessu. Akkasumas, barataan sun waaʼee manguddoota gumii keessa jiranii fi hojii isaaf kenname raawwachuun isaa kan isaan fayyadu akkamitti akka taʼe akka yaadu isa jajjabeessaa. Barataa kana yeroo leenjistanitti isaa wajjin marii akkasii gochuun keessan, seerawwan irratti utuu hin taʼin namoota irratti caalaatti akka xiyyeeffatu isa godha. Obboloonnii fi obboleettonni gumii keessa jiran hojii inni hojjete irraa yeroo fayyadaman yommuu argu gammachuu guddaatu isatti dhagaʼama.
8 Kana malees, barataan kun yaada isin isaaf kennitan hojii irra oolchuuf carraaqqii inni godhuuf isa galateeffadhaa. Akkas gochuun hammam barbaachisaa dha? Faayidaan galateeffachuun barataa tokkoof qabu, faayidaa bishaan biqiltuudhaaf argamsiisuu wajjin wal fakkaata; guddina akka argisiisu isa gargaara.—Maatewos 3:17 wajjin wal bira qabii ilaali.
QORUMSA DABALATAA
9. (a)Leenjii kennuu wajjin haala wal qabateen biyyoota sooreyyii taʼan tokko tokko keessatti qorumsa akkamiitu jaarsolii mudata? (b) Obboloonni dargaggoota taʼan tokko tokko jireenya isaanii keessatti dhugaadhaaf dursa kan hin kennine maaliifi?
9 Jaarsoliin biyyoota sooressa taʼan keessa jiraatan qorumsi dabalataa isaan mudachuu dandaʼa. Obboloota umurii waggoota 20mmanii ykn 30mmanii keessa jiran hojii gumii keessatti hojjetamu irratti akka hirmaatan kakaasuun ulfaataa isaanitti taʼuu dandaʼa. Obboloonni dargaggoota taʼan tokko tokko gumii keessatti itti gaafatamummaa fudhachuu irraa duubatti kan jedhan maaliif akka taʼe akka nutti himan, jaarsolii muuxannoo qabanii fi biyyoota dhihaa 20 keessa jiraatan gaafannee turre. Baayʼeen isaanii dargaggoonni tokko tokko galmawwan hafuuraa akka baafatan ijoollummaa isaaniitti akka hin jajjabeeffamne dubbataniiru. Ijoolleen galmawwan akkasii baafachuuf fedhaa turan tokko tokko immoo, warri isaanii barumsa ol aanaa akka baratan ykn hojii biyya lafaa akka hojjetan isaan jajjabeessanii turan! Kanaaf, dargaggoonni akkasii jireenya isaanii keessatti dhugaadhaaf dursa kennuu hin dandeenye.—Mat. 10:24.
10, 11. (a)Jaarsi tokko, obboleessi hojii gumii keessatti hojjetamu irratti hirmaachuu hin barbaadne ilaalcha isaa akka geddaru gargaaruu kan dandaʼu akkamitti? (b) Jaarsi tokko obboleessa akkasii wajjin yaadawwan Macaafa Qulqulluu akkamii irratti mariʼachuu dandaʼa? Maaliif? (Miiljalee ilaali.)
10 Dargaggeessi tokko hojii gumii keessatti hojjetamu irratti hirmaachuu hin barbaadu yoo taʼe, ilaalcha isaa jijjiiruuf carraaqqii fi obsi guddaan kan barbaachisu taʼus isa gargaaruun ni dandaʼama. Namni biqiltuu kunuunsu tokko suuta suuta jirma isaa qajeelchuudhaan mukni tokko utuu hin jalʼatin akka guddatu akkuma godhu, isinis gumii keessatti mirga fudhachuu ilaalchisee ilaalcha isaanii geddaruun barbaachisaa taʼuu isaa akka hubatan obboloota tokko tokko suutuma suuta gargaaruu ni dandeessu. Garuu akkamitti?
11 Obboleessa sanaa wajjin michummaa uumuuf yeroo ramadaa. Gumichaaf barbaachisaa taʼuu isaa akka hubatu isa gargaaraa. Sana booda, caqasawwan Yihowaadhaaf kan of murteesse taʼuu isaa irratti akka yaadu isa gargaaran irratti mariʼadhaa. (Lal. 5:4; Isa. 6:8; Mat. 6:24, 33; Luq. 9:57-62; 1 Qor. 15:58; 2 Qor. 5:15; 13:5) ‘Yeroo Yihowaadhaaf of murteessitetti waadaa akkamii isaaf galte?’ jettanii isa gaaffachuu dandeessu. Akkasumas, garaa isaa kakaasuuf akkana jettanii isa gaafachuu dandeessu: ‘Gaafa cuuphamte Yihowaatti miirri akkamii kan dhagaʼame sitti fakkaata?’ (Fak. 27:11) ‘Seexanatti hoo maaltu dhagaʼame?’ (1 Phe. 5:8) Caqasawwan Macaafa Qulqulluu itti yaadamanii filataman, obboleessa tokko baayʼee tuquu akka dandaʼan hin dagatinaa.—Ibroota 4:12 dubbisaa.b
BARATTOONNI, AMANAMOO TAʼUU KEESSAN ARGISIISAA
12, 13. (a)Elsaaʼi akka barataa tokkootti amala akkamii argisiiseera? (b) Yihowaan amanamummaa argisiiseef Elsaaʼiin kan eebbise akkamitti?
12 Waaʼee dargaggoota gargaarsi keessan gumiidhaaf barbaachisuu hoo maal jechuu dandeenya? Milkaaʼina argachuudhaaf amala akkamiitu isin barbaachisa? Gaaffii kanaaf deebii kennuuf, mee seenaa barataa bara duriitti ture tokkoo haa ilaallu.
13 Gara waggaa 3,000 dura Eliyaas raajichi Elsaaʼi inni dargaggeessa taʼe hojjetaa isaa akka taʼu isa afeeree ture. Elsaaʼi afeerraa kana yeruma sana kan fudhate siʼa taʼu, hojiiwwan gad of deebisuu gaafatan hojjechuudhaan Eliyaas isa manguddoo ture amanamummaadhaan tajaajileera. (2 Mot. 3:11) Sana booda, Elsaaʼi gara waggaa jaʼaatiif erga leenjiʼee booda, hojii Eliyaas Israaʼel keessatti hojjetu xumuramuuf akka jedhu hubate. Yeroo kanatti Eliyaas hidhanni isaa akka gaariitti leenjiʼe kun isa duukaa buʼuu isaa akka dhiisu kan isatti hime taʼus, Elsaaʼi Eliyaasiin siʼa sadii, “Ani si biraa hin hafu!” jedheera. Hamma dandaʼametti barsiisaa isaa wajjin turuuf murteessee ture. Yihowaan, Elsaaʼi yommuu Eliyaas haala dinqisiisaa taʼeen fudhatamu akka argu gochuudhaan, amanamummaa isaatiif isa eebbiseera.—2 Mot. 2:1-12.
14. (a)Barattoonni yeroo harʼaa jiran fakkeenya Elsaaʼi hordofuu kan dandaʼan akkamitti? (b) Barataan tokko amanamaa taʼuun isaa baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
14 Obboloonni barattoota taatan yeroo harʼaatti fakkeenya Elsaaʼi hordofuu kan dandeessan akkamitti? Hojiiwwan gad of deebisuu gaafatan dabalatee, hojiiwwan hunda dafaatii fudhadhaa. Barsiisaa keessan akka michuu keessaniitti ilaalaa; akkasumas, carraaqqii inni isin gargaaruuf godhu hammam akka dinqisiifattan akka beeku godhaa. Karaan isin leenjii isinii kennamu itti fudhattan, “Ani si biraa hin hafu” akka waan isaan jettanitti ilaalamuu dandaʼa. Hunda caalaa immoo, hojii isinii kennamu kam iyyuu amanamummaadhaan raawwadhaa. Kun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Yihowaan itti gaafatamummaan gumii dabalataa hadaraa akka isinitti kennamu kan barbaadu taʼuu isaa jaarsoliin mirkanaaʼoo kan taʼan, yoo isin amanamoo taʼuu keessan argisiistan qofa waan taʼeefi dha.—Far. 101:6; 2 Ximotewos 2:2 dubbisi.
KABAJA ARGISIISAA
15, 16. (a)Elsaaʼi barsiisaa isaatiif kabaja akka qabu kan argisiise karaawwan kamiini? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Elsaaʼi raajota kaan biratti fudhatama akka argatu kan godhe maali dha?
15 Seenaan waaʼee Elsaaʼi isa bakka buʼaa Eliyaas taʼee dubbatu, obboloonni jaarsolii muuxannoo qabaniif kabaja argisiisu kan dandaʼan akkamitti akka taʼes nu hubachiisa. Eliyaasii fi Elsaaʼi raajota Yerikoo jiran erga daawwatanii booda, gara Laga Yordaanos miilaan deeman. Achitti, “Eliyaas wayyaa isaa of irraa fuudhee, dadachaasee ittiin bishaanicha in rukute; bishaanichis garasii fi garanatti [hirame].” Lafa gogaa irra deemanii lagicha erga ceʼanii booda, “walii wajjin haasaʼaa adeemuu” itti fufan. Elsaaʼi yeroo kanatti wanta beekuu qabu hunda akka beeke akka isatti hin dhagaʼamne ifa dha. Elsaaʼi hamma Eliyaas isa biraa deemetti, wanta barsiisaan isaa dubbatu hunda garaatti qabachaa ture. Sana booda Eliyaas qilleensaan fudhatame. Achii Elsaaʼi gara Yordaanos yeroo deebiʼetti, “Gooftichi meerre ree? Waaqayyo inni kan Eliyaas meerre ree?” jedhee wayyaa Eliyaasiin bishaanicha rukute. Yeroo kanattis bishaanichi gargar hirame.—2 Mot. 2:8-14.
16 Dinqiin Elsaaʼi raawwate inni jalqabaa, dinqii Eliyaas raawwate isa dhumaa wajjin tokko akka taʼe hubattaniittuu? Kun xiyyeeffannaa keenya kan harkisu maaliifi? Elsaaʼi amma aangoo waan qabuuf, karaa dhimma tokko itti raawwatu yeruma sana jijjiiruu akka qabu akka isatti hin dhagaʼamne haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Kanaa mannaa, karaa Eliyaas tajaajila isaa itti raawwachaa ture hordofuudhaan barsiisaa isaatiif kabaja argisiiseera; kun immoo raajota kaan biratti fudhatama akka argatu isa godheera. (2 Mot. 2:15) Haa taʼu malee, yeroo booda Yihowaan waggoota 60 Elsaaʼi tajaajila irratti dabarse keessatti, dinqiiwwan Eliyaas raawwate irra baayʼatan akka raawwatu isa gargaareera. Kun barattoota yeroo harʼaa jirtaniif barumsa akkamii dabarsa?
17. (a) Barattoonni yeroo harʼaa jiran fakkeenya Elsaaʼi hordofuu kan dandaʼan akkamitti? (b) Yeroon darbaa yeroo deemu Yihowaan barattoota amanamootti haala akkamiitiin fayyadamuu dandaʼa?
17 Akkuma mirga tokko argattaniin, mirga keessanitti fayyadamtanii jijjiirama fiduu akka qabdan, jechuunis wanta tokko karaa kanaan dura itti hojjetamu irraa haala guutummaatti adda taʼeen raawwachuu akka qabdan isinitti dhagaʼamuu hin qabu. Jijjiiramni barbaachisaa taʼuu fi dhiisuun isaa kan murteeffamu fedha keessaniin utuu hin taʼin, wanta gumichaaf barbaachisu irrattii fi qajeelfama jaarmiyaa Yihowaa irraa argannu irratti hundaaʼee ti. Elsaaʼi malawwan Eliyaas itti fayyadamaa turetti fayyadamuu isaa itti fufuudhaan, raajonni kaan isa irratti amanannaa akka qabaatan kan godhe taʼuu isaa irra iyyuu, barsiisaa isaatiif kabaja akka qabus argisiiseera. Haaluma wal fakkaatuun, malawwan Macaafa Qulqulluu irratti hundaaʼanii fi barsiisonni keessan itti fayyadamaa turanitti fayyadamuu keessan yoo itti fuftan, jaarsolii muuxannoo qabaniif kabaja akka qabdan kan argisiistan siʼa taʼu, obboloonni keessanis amanannaa isin irratti ni qabaatu. (1 Qorontos 4:17 dubbisi.) Haa taʼu malee, muuxannoo argachaa yeroo deemtan jijjiiramawwan gumichi jaarmiyaa Yihowaa isa guddachaa jiruu wajjin qixxee akka deemu gargaaran hojii irra oolchuu irratti akka hirmaattan hin shakkisiisu. Tarii Yihowaan akkuma Eliyaasiif godhe, isin barattoonni amanamoonis yeroo booda wanta barsiisonni keessan hojjetan irra wanta caalu akka raawwattan gochuu dandaʼa taʼa.—Yoh. 14:12.
18. Yeroo harʼaatti obboloota gumii keessa jiran leenjisuuf dursi kennamuu qaba kan jennu maaliifi?
18 Yaadawwan mata duree kanaa fi isa darbe irratti ibsaman, warra kaan leenjisuuf yeroo ramaduuf jaarsolii hedduu akka kakaasan ni abdanna. Obboloonni gaʼumsa qaban leenjii akkasii hawwiidhaan akka fudhatanii fi hoolota Yihowaa kunuunsuuf ogummaadhaan akka itti fayyadaman hawwina. Akkas gochuun gumiiwwan addunyaa mara irra jiran kan cimsu siʼa taʼu, tokkoon tokkoon keenya gara fuulduraatti yeroon rakkisaa yommuu dhufu amanamoo taanee akka dhaabannu nu gargaara.
a Obboleessi umurii waggoota kurnanii keessatti argamu bilchina kan qabu, kan gad of deebisuu fi ulaagaawwan Caaffata Qulqullaaʼoo kaan kan guutu yoo taʼe, umuriin isaa waggaa 20 guutuu baatus jaarsoliin tajaajilaa gumii akka taʼu yaada dhiheessuu ni dandaʼu.—1 Xim. 3:8-10, 12; Masaraa Eegumsaa Adoolessa 1, 1989 (Ingiliffa) fuula 29 ilaali.
b Marii keessan irratti yaadawwan Masaraa Eegumsaa, Ebla 15, 2012, fuula 14-16, keeyyata 8-13; akkasumas kitaaba “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa,” boqonnaa 16, keeyyata 1-3 irra jiranitti fayyadamuu dandeessu.
-