GAAFFII 9
Rakkinni namoota irra kan gaʼu maaliifi?
“Warri saffisan yeroo hundumaa dorgommii irratti hin moʼan, jajjaboonni yeroo hundumaa waraana irratti hin moʼan, ogeeyyiin yeroo hundumaa nyaata hin argatan, gamnoonni yeroo hundumaa qabeenya hin argatan, warri beekumsa qabanis yeroo hundumaa milkaaʼina hin argatan; sababiin isaas, yeroo fi wanti hin eegamne hunduma isaanii irra ni gaʼa.”
“Cubbuun karaa nama tokkoo addunyaatti gale, duutis karaa cubbuu dhufe; kanaafuu, namoonni hundi cubbuu waan hojjetaniif, duuti namoota hundumaa waliin gaʼe.”
“Ilmi Waaqayyoo kaayyoo kanaatiif, jechuunis hojii Diyaabilos diiguuf mulʼifame.”
“Guutummaan addunyaa garuu humna isa hamaa sanaa jala jira.”