GAAFFII 11
Namni tokko yeroo duʼu maal taʼa?
“Yeroo hafuurri isaa keessaa baatu, inni deebiʼee biyyoo in taʼa; guyyuma sanas akeeki isaa in bada.”
“Warri jiran akka duʼan beeku, warri duʼan garuu waan tokko iyyuu hin beekan. . . . Wanta harki kee hojjechuu beeku hundumaa humna kee guutuudhaan hojjedhu! Iddoo lafa jalaa lafa dhaquuf jirtu sana, hojjechuun, itti yaadanii waa qopheessuun, beekumsi, ogummaanis hin jiru.”
“Yesus . . . ‘Alaazaar firri keenya rafeera, ani immoo dhaqeen isa dammaqsa’ isaaniin jedhe. Yesus akka Alaazaar duʼe isaanitti dubbate, isaan garuu waaʼee rafiitii hirribaa waan dubbate isaanitti fakkaate. Kanaaf Yesus mulʼinumatti, ‘Alaazaar duʼeera’ [isaaniin jedhe].”