GAAFFII 12
Namoota duʼan ilaalchisee abdii akkamii qabna?
“Waaʼee kanaa hin dinqifatinaa; warri duʼanii awwaalaman sagalee isaa yeroon itti dhagaʼan in dhufa. Isaan awwaala keessaa in baʼu.”
“Warra qajeelotaa fi warra jalʼootaafis duʼaa kaʼuun [jira].”
“Warra duʼanis xinnaa fi guddaa teessicha dura utuu dhaabatanii nan arge. Macaafonni in banaman; macaafni biraa, inni warri jireenya argachuuf jiran itti caafaman tokkos in baname; warri duʼan immoo akka hojii dur hojjetaniitti, akka isa macaafota keessatti caafameettis firdii argatan. Galaanni warra duʼanii isa keessa turan of keessaa baasee in kenne. Duunii fi mootummaan warra duʼaniis, warra duʼanii isaan harka turan of harkaa baasanii in kennan; namni hundinuu adduma addaan akka hojii isaatiitti firdii in argate.”