GAAFFII 9
Rakkinni namootarra kan gaʼu maaliifi?
“Ammas aduu jalatti waan tokko nan arge; innis isa fiiganii nama dura darbuu dadhaban, lolanii moʼuu dadhaban, ogeessa taʼanii buddeena dhaban, afchaala taʼanii sooromuu dadhaban, waa hojjechuu utuma beekanii jajamuu dadhabanii dha; isaan kana hundumaattis yeroon tokkichii fi wanti tokkichi in dhufa.”
“Egaa cubbuun karaa nama tokkoo biyya lafaatti akkuma dhufe, duunis karaa cubbuu akka gale, akkasumas namoonni hundinuu waan yakkaniif duuni sanyii namaa hundumaa wal gaʼe.”
“Ilmi Waaqayyoo . . . hojii Seexanaa diiguudhaaf mulʼate.”
“Guutummaan biyya lafaa immoo harka isa hamaa jala akka jiru beekna.”