GAAFFII 10
Macaafni Qulqulluun waaʼee gara fuulduraa abdii akkamii kenna?
“Warri qajeelonni biyya in qabaatu, [“lafa in dhaalu,” hiika bara 1899] yeroo hundumaafis keessa in taaʼu.”
“Lafti . . . yeroo hundumaaf dhaabatee in hafa.”
“Raawwatees duʼa in balleessa, Waaqayyo gooftaan imimmaan ija nama hundumaattii in haqa.”
“Yommus iji warra jaamotaa in banama, gurri warra duudaas in saaqama, yommus namni naafti akka borofaa in utaala, warri arrabni isaanii didaas gammadanii in ililchu; lafa duwwaa keessaa bishaanonni in baʼu, lafa onaa keessas bishaan burqituun in yaaʼa.”
“Inni imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa; wanti duraa waan darbeef, egaa duuni deebiʼee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis siʼachi hin jiru!”
“Isaan mana ijaarratanii keessa in jiraatu, muka wayniis dhaabbatani ija isaa in nyaatu. Siʼachi mana isaan ijaarratanitti namni kan biraa hin galu, muka waynii isaan dhaabbatanis ija isaa namni kan biraa hin nyaatu; sabni koo akka muka gaattiraa bara dheeraa in jiraatu, warri ani foʼadhes isa harka isaaniitiin itti dadhabanii hojjetan in nyaatu.”