LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g 4/13 ful. 3
  • Addunyaa Mararraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Addunyaa Mararraa
  • Dammaqaa!—2013
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Israaʼel
  • Awustiraaliyaa
  • Giriik
  • Yunaayitid Isteetis
  • Maadaagaaskaar
Dammaqaa!—2013
g 4/13 ful. 3

Addunyaa Mararraa

Israaʼel

[Fakkii fuula 3⁠rra jiru]

Mucaa gadameessa keessa jiruuf yeroo qorannoon godhamutti ijoolleen hirʼina qaamaa akka qaban beekame, rakkina isaan mudate sanaaf warrisaanii ogeessota fayyaa himachuu akka hin dandeenye Weeb saayitiin Haaretz.com jedhamu gabaaseera. Haataʼu malee, mucaan tokko siʼa dhalatutti ogeessonni fayyaa miidhaa irraan gaʼaniiru taanaan, warri baasii dabalataa mucaa qaamnisaa miidhame kana guddisuufi wanta jireenyasaa keessatti isa barbaachisu guutuuf oolu ilaalchisee beenyaa gaafachuu dandaʼu.

Awustiraaliyaa

Awustiraaliyaatti namoota waliin jiraatan 10 keessaa 8 seeraan utuu gaaʼela hin dhaabbatin waliin jiraatu.

Giriik

Akka Ministeerri Fayyaa Giriik ibsetti biyyicha keessatti namoonni jiʼoota shanan jalqabaa bara 2011⁠tti of ajjeesan, isa bara 2010 turerraa parsantii 40n dabaleera. Dabaluun baayʼina kanaa rakkina maallaqaa dabalaa dhufee wajjin kan wal qabatedha.

Yunaayitid Isteetis

[Fakkii fuula 3⁠rra jiru]

Akka Manni Maree Qabeenya Uumamaa Yunaayitid Isteetis ibsetti, guutummaa biyyattiitti midhaan gara parsantii 40 ni mancaʼa. Fakkeenyaaf, midhaan oomishamu keessaa parsantiin 7 utuu hin sassaabamin, nyaata manneen nyaataafi kaafteeriyaa keessatti qopheeffaman keessaa parsantiin 17 utuu hin nyaatamin, akkasumas maatiiwwan midhaan bitatan keessaa parsantii 25 utuu itti hin fayyadamin akka hafan tilmaamama.

Maadaagaaskaar

[Fakkii fuula 3⁠rra jiru]

Addunyaarratti gaararraan hunda caalaa xinnoo taate dhiheenyatti Maadaagaaskaaritti argamteetti. Gosa gaararraa miliimeetira 29 qofa dheerattu kana keessaa tokko tokko qeensa qubaarrallee taaʼuu ni dandeessi. Miidhaa naannoo jireenyaasaaniirra gaʼaa jiruun kan kaʼe gosti gaararraa kun baduu jala geesseetti.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi