LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g 10/13 ful. 3
  • Addunyaa Mararraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Addunyaa Mararraa
  • Dammaqaa!—2013
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Siwiizarlaandi
  • Israa’el
  • Yunaayited Isteetis
  • Awustiraaliyaa
Dammaqaa!—2013
g 10/13 ful. 3

Addunyaa Mararraa

Siwiizarlaandi

Namni umriinsaa waggaa 60 ol ta’e carraan gaafa guyyaan dhalootaasaa kabajamutti itti du’u guyyaa kaanirra parsantii 14 kan caalu ta’uusaa qorannaan Siwiizarlaanditti godhame ibseera. Lakkoofsi namoota guyyaa dhalootaasaaniitti dhukkuba onneetiin qabamanii, parsantii 18n, lakkoofsi dubartoota sammuusaanii keessatti dhiigni dhangala’uu parsantii 21n, lakkoofsi dhiirota guyyaa kanatti of ajjeesanii parsantii 35n dabala. Saayintistoonni, dhugaatiin alkooliifi dhiphinni sammuu namoonni akka of ajjeesaniifi balaa hedduudhaaf akka saaxilaman gumaacha akka godhu tilmaamu. Hayyoonni tokko tokko garuu, wanti akkasii kan uumamu dogoggora namoonni raawwataniin kan ka’edha jedhanii waan amananiif yaada kanarratti walii hin galan.

Israa’el

Dhiironni babbareedoon, ragaasaanii wajjin suuraa yoo kennan carraan gaafannoodhaaf waamamuuf qaban guddaa si’a ta’u, carraan dubartoonni babbareedoon qaban muraasadha. Maaliif? Qorannoon Israa’elitti godhame akka ibsetti, kutaa bulchiinsa humna namaa keessaa kan hojjetaniifi namoota kana gaafannoodhaaf kan dhiheessan dubartoota waan ta’aniifidha. Barruun Za Ikonomist, ibsa kana fudhachuun ulfaataa ta’us, “dubartoota babbareedoo gaafannoodhaaf kan hin dhiheessine waan hinaafaniifidha” jedheera.

Yunaayited Isteetis

Molokseen umrii waggaa 82 tokkoofi hiriyoonnishee dhiiraa waggaa 63fi 57 ta’aniifi waraana balaaleffatan, mooraa Ook Riij, Teenasii keessatti argamuufi meeshaalee niiwkularii toonii 100 qabu cabsanii kan seenan si’a ta’u, gamoowwan bakka kanatti argaman keessaa isa tokkorratti dhaadannoo waraana akka morman argisiisu barreessaniiru. Ministeera Humnaa kan ta’an Isteefan Chuun, “iddoowwan addunyaarratti eegumsa cimaa akka qaban dubbataman keessaa tokko ta’e” kanaaf eegumsi godhamu laafee argamuunsaa “wanta baay’ee nama gaddisiisu” akka ta’e ibsaniiru.

Awustiraaliyaa

Manni murtii olaanaan biyyattii, warshaaleen tamboo oomishan, qola sijaaraarratti bifa sirriitti mul’atuufi mallattoo daldalaa akka hin fayyadamne gaafateera. Sijaaraan gurguramu hundi qola daalacha ta’e qabaachuufi fakkii balaa xuuxuun geessisu argisiisu kan ofirraa qabu ta’uu qaba.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi