LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g 1/15 ful. 3
  • Addunyaa Mara Irraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Addunyaa Mara Irraa
  • Dammaqaa!—2015
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Yunaayitid Isteetis
  • Hindii
  • Siwiizarlaandi
  • Gaanfa Afriikaa
Dammaqaa!—2015
g 1/15 ful. 3

ADDUNYAA MARA IRRAA

Yunaayitid Isteetis

Meeshaa bakka wanti tokko jiru beekuuf gargaaruu fi konkolaataatti qabsiifame

Poolisoonni, teknooloojii konkolaataa shakkamtootaa duukaa yeroo buʼanitti balaa uumamu hirʼisuuf gargaaru fayyadamaa jiru. Malli inni tokko, meeshaa qilleensaan guutamee fi dhukaasuuf gargaaru konkolaataa poolisootaatti hidhuu dha. Meeshaan kun meeshaa bakka wanti tokko jiru beekuuf gargaaru dhukaasanii konkolaataa duukaa buʼamutti qabsiisuuf gargaara. Karaa kanaan, poolisoonni saffisa balaadhaaf isaan hin saaxilleen shakkamtoota hordofuu ni dandaʼu.

Hindii

Dubartii Hindii

Walitti buʼiinsa sababii gabbarsuu gaaʼelaatiin uumamuun, saʼaatii tokko keessatti dubartiin tokko akka ajjeefamtu tilmaamama. Aadaan gabbarsuu kennuu ykn fudhachuu seeraan kan dhorkame taʼus, misirrichi ykn maatiin isaa gabbarsuun argatan gaʼaa akka hin taane yaaduu isaaniitiin kan kaʼe bara 2012⁠tti dubartoonni 8,200 ol taʼan ajjeefamaniiru.

Siwiizarlaandi

Alpaayin iswiifti

Meeshaa xinnoon mallattoo kennuu fi bakka hormaataa isaanitti simbirroota alpaayin iswiifti jedhaman sadiitti qabsiifame, simbirroonni kun gara Afriikaatti yeroo godaananitti utuu hin qubatin guyyaa 200 oliif akka balaliʼan argisiiseera. Kanaan dura utuu addaan hin kutin karaa hammanaa kan deeman bineensota bishaan keessaa qofa akka taʼan yaadama ture.

Gaanfa Afriikaa

Giraafii saamicha raawwatamee fi gatii gadhiisisuuf kaffalame argisiisu

Ebla 2005 hanga Muddee 2012⁠tti saamtonni galaana irraa, qarqara galaanaa naannoo Gaanfa Afriikaatti dooniiwwan 179 taʼan qabataniiru. Akka tilmaama qorannaa Baankii Addunyaatti, saamtonni kun dooniiwwan qabatan gadhiisuuf doolaara Ameerikaa miliyoona 413 taʼu fudhataniiru.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi