LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g 10/15 ful. 14-15
  • Waaʼee Busaa Wanta Beekuu Qabdu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waaʼee Busaa Wanta Beekuu Qabdu
  • Dammaqaa!—2015
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • 1 BUSAAN MAALI DHA?
  • 2 AKKAMITTI BABALʼATA?
  • 3 OF EEGUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?
Dammaqaa!—2015
g 10/15 ful. 14-15

Waaʼee Busaa Wanta Beekuu Qabdu

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka tilmaametti bara 2013 namoonni miliyoona 198 ol taʼan busaadhaan kan qabaman siʼa taʼu, kanaan kan kaʼes namoonni 584,000 taʼan duʼaniiru. Namoota dhukkuba kanaan duʼan 5 keessaa gara 4 kan taʼan ijoollee umuriin isaanii waggaa shanii gad taʼe dha. Dhukkubni kun addunyaa maratti biyyootaa fi naannoowwan gara dhibba tokkoo taʼan kan sodaachisu taʼuu isaa irra iyyuu, namoota gara biliyoona 3.2 taʼan balaadhaaf saaxileera.

1 BUSAAN MAALI DHA?

Busaan dhukkuba dhortuudhaan ykn paaraasaayitiidhaan dhufu dha. Mallattoon isaa dhagna gubaa, qorrisiisuu, dafqisiisuu, mataa bowwuu, qaama caccabsuu, garaa hammeessuu fi hoqqisuu kan dabalatu dha. Mallattoowwan kun akkuma gosa dhortuu sanaatti, akkasumas hamma yeroo namni sun dhukkubichaan qabamee ture irratti hundaaʼuudhaan saʼaatii 48 hanga saʼaatii 72 gidduutti deddeebiʼanii mulʼachuu dandaʼu.

2 AKKAMITTI BABALʼATA?

  1. Diyaagiraamii qaama nama tokkoo keessa dhortuun busaa akkamitti akka tamsaʼu argisiisu

    Dhortoonni busaa Pilasmoodiyaa jedhaman, hidda dhiigaa nama tokkoo keessa kan seenan yommuu bookeen busaa dhaltuun Anoofilas jedhamtu nama ciniintutti dha.

  2. Dhortoonni kun sana booda seelii tiruu nama ciniiname sanaa keessa seenanii achitti wal horu.

  3. Seeliin tiruu sun yommuu dhoʼu dhortoonni sun achi keessaa baʼanii seelota dhiiga diimaa nama ciniiname sanaa weeraru. Iddoo kanattis saffisaan wal horuu isaanii itti fufu.

  4. Dhortuun busaa seelii dhiiga diimaa weeraruudhaan akka dhoʼan godha

    Seeliin dhiiga diimaa yommuu dhoʼu dhortoonni sun baʼanii seelota dhiiga diimaa dabalataa hedduu weeraru.

  5. Adeemsi seelii dhiiga diimaa weeraruu fi dhoʼiinsi kun itti fufa. Namni ciniiname sun yommuu seeliin dhiiga diimaa dhoʼu hundatti mallattoowwan dhukkuba busaa isa irratti mulʼatu.

3 OF EEGUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?

Bakka busaan dafee dafee itti kaʼu kan jiraattu yoo taʼe . . .

  • Saaphana siree ykn saaphana bookee busaatti fayyadami. Saaphanni kun

    • qorichi farra ilbiisaa kan itti biifame.

    • qaawwa ykn tarsaʼaa kan hin qabne.

    • guutummaatti firaashii ykn afattoo jala kan galfame taʼuu qaba.

  • Qoricha farra ilbiisaa mana keessatti biifamutti fayyadami.

  • Yoo dandaʼame balbalaa fi foddaa irratti saaphana godhi; akkasumas bookeewwan sun akka hin qubanne gochuu waan dandaʼuuf, meeshaa qilleensa qabbaneessuu fi afarsutti fayyadami.

  • Uffata adii guutummaatti qaama kee haguugu uffadhu.

  • Yoo dandaʼame, bakka dhooqaa bookeewwan itti qubatanii fi bishaan kuufamaa bookeewwan keessatti wal horan akka hin jiraanne godhi.

  • Dhukkuba kanaan yoo qabamte dafii yaalami.

Akkaataa busaan bookee fi namatti itti daddarbu

Namni tokko bookee dhukkuba kanaan faalamte irraa dhortuun busaa isatti darbuu dandaʼa. Bookeen fayyaa taate tokkos nama busaadhaan qabame ciniinuudhaan dhortuu busaatiin qabamuu dandeessi. Bookeen dhukkuba kanaan qabamte sun immoo dhortuu sana nama gara biraatti dabarsuu dandeessi

Bakka busaan dafee dafee itti kaʼu deemuuf yaadaa kan jirtu yoo taʼe . . .

  • Achi deemuu kee dura odeeffannoo tibba sanaa argadhu. Gosti dhortuu busaa naannoo tokkotti beekamaa taʼe isa naannoo gara biraa irraa adda taʼuu dandaʼa; kun immoo qoricha isa caalaatti buʼa qabeessa taʼe fudhachuu irratti jijjiirama fida. Kana malees, seenaa fayyaa kee wajjin haala wal qabateen wanta beekuu qabdu ilaalchisee ogeessa fayyaa kee mariisisuun gaarii dha.

  • Yeroo bakka sana turtu qajeelfama barreeffama kana keessatti namoota naannoo busaan dafee dafee itti kaʼu jiraataniif kenname kana hordofi.

  • Yoo dhukkuba kanaan qabamte dafii yaalami. Mallattoon dhukkuba kanaa erga qabamtee torban tokkoo hanga torban afurii gidduutti mulʼachuu akka dandaʼu hubadhu.

WANTA GOCHUU DANDEESSU DABALATAA

  1. Sagantaa tajaajila fayyaa mootummaan ykn hawaasni kennutti fayyadami.

  2. Bakka seera qabeessa taʼe qofaadhaa qoricha bitadhu. (Qorichi sirrii hin taane ykn fakkeeffamee hojjetame dhukkubichi akka si irra turu ykn duʼaaf akka saaxilamtu gochuu dandaʼa.)

  3. Bakka bookeewwan itti wal horan naannoo mana keetii balleessi.

Bakka busaan jiru kan jiraattu ykn jiraachaa kan turte yoo taʼe mallattoowwan busaa armaan gadii akka laayyootti hin ilaalin . . .

  • Dhagna gubaa cimaa

  • Dafqa

  • Qorraan hollachuu

  • Mataa bowwuu

  • Dhukkubbii maashaalee

  • Dadhabbii cimaa

  • Garaa hammeessaa

  • Hoqqisuu

  • Garaa kaasaa

Busaan utuu hin yaalamin yoo hafe dafee dhiiga hirʼisuudhaan lubbuu nama balaadhaaf saaxiluu dandaʼa. Keessumaa ijoollee fi dubartoota ulfaa irratti mallattoon isaa utuu itti caalaa hin deemin dafanii akka yaalaman godhi.a

a Odeeffannoo dabalataa argachuuf Dammaqaa! Sadaasa 2011, fuula 24-25, akkasumas Dammaqaa! Sadaasa 2009, fuula 26-29 ilaali. (Amaariffa)

KANA BEEKTAA?

Fakkii saʼaatii kaartaa Afriikaa irra jiru

Afriikaa keessaatti qofa daqiiqaa tokkotti mucaan tokko dhukkuba busaatiin ni duʼa

  • Ijoolleenii fi dubartoonni ulfaa busaadhaan yoo qabaman dhukkubichi caalaatti isaanitti cimuu dandaʼa.

  • Afriikaa keessatti qofa daqiiqaa tokkotti mucaan tokko dhukkuba busaatiin ni duʼa.

  • Darbee darbee immoo, namoonni dhiiga fudhachuu isaaniitiin kan kaʼe busaadhaan qabaman jiru.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi