LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g16 Lakk. 1 ful. 12-13
  • Leektanistaayiniin haa Daawwannu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Leektanistaayiniin haa Daawwannu
  • Dammaqaa!—2016
Dammaqaa!—2016
g16 Lakk. 1 ful. 12-13
Riqicha qadaadamaa taʼee fi Leektanistaayin keessatti argamu

Biyyootaa Fi Uummata

Leektanistaayiniin haa Daawwannu

Kaartaa iddoo Leektanistaayin itti argamtu jechuunis daangaa Siwiizarlaandii fi Ostiriyaa argisiisu

BIYYOOTA addunyaa baayʼee xixinnoo taʼan keessaa tokko siʼa taatu, gaarreen Siwiizarlaandii fi Ostiriyaa gidduutti argaman irratti argamti. Jaarraawwan hedduudhaaf warri Keelt, warri Riishaa, warri Roomaa fi Alemaanii naannoo kana jiraataniiru. Uummanni Leektanistaayin yeroo harʼaa jiran, harka sadii keessaa harki lama gosa Alemaanii gara waggaa 1,500 dura naannoo kana jiraachaa ture irraa kan dhufani dha.

Mandaroota adda addaa keessatti loogni adda addaa kan dubbatamu taʼu illee, afaan hojii Leektanistaayin Afaan Jarmani dha. Nyaatawwan beekamoo Leektanistaayin lamaan, Tuʼaarkaa Rebel isa boqqolloo irraa hojjetamuu fi Kaaskinoopfil isa paastaa fi chiizii irraa hojjetamu dha.

Two of Liechtenstein’s typical foods

Kaaskinoopfil

Dubartii fi intala uffata aadaa Leektanistaayin halluu garaa garaa qabu uffatan

Uffata aadaa hallu qabeessa

Namoonni biyyattii daawwatan gaarreen cabbiidhaan uwwifaman, sululawwan magariisa, maasiiwwan wayinii fi biqiltuuwwan adda addaa arguu dandaʼu. Fakkeenyaaf, biyya xinnoo kana keessatti akaakuu abaaboo daggalaa oorkiid jedhamuu gara 50tu argama. Leektanistaayin muuziyamiiwwan, manneen tiyaatirii fi iddoowwan wayiniin itti qophaaʼus qabdi. Kanaafuu, bonas taʼe ganna daawwattoonni gara biyyattii ni dhaqu.

Bara 1920mmanii kaasee Dhugaa Baatonni Yihowaa Leektanistaayin keessa jiru. Yeroo ammaatti biyyattii keessa Dhugaa Baatonni Yihowaa gara 90 taʼan kan jiran siʼa taʼu, namoota biyyattiis taʼe daawwattoota ergaa Kitaaba Qulqulluu barsiisaa jiru.

Dhugaa Baatonni Yihowaa Kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu Afaan Jarman isa afaan hojii Leektanistaayin taʼeen kan qopheessan siʼa taʼu, kitaabni kun www.jw.org irratti ni argama.

ODEEFFANNOO GABAABAA

  • Baayʼina uummataa: 37,000

  • Magaalaa guddoo: Vaaduutis

  • Afaan hojii: Jarman

  • Amantii: Baayʼinaan Kaatolikii Roomaa

BEEKUMSA KEE MADAALI

Yaadawwan armaan gadii keessaa Leektanistaayiniin ilaalchisee sirrii kan taʼe kami?

  1. Biyyoota addunyaa, biyyoota lafa gogaadhaan marfamaniin guutummaatti daangeffaman lamaan keessaa ishii tokko dha.

  2. Hoosistoota adda addaa akaakuun isaanii 50 ol taʼutu keessa jiraata.

  3. Akaakuu biqiltuu gara 1,600 taʼutu keessa jira.

  4. Biyya humna waraanaa hin qabne dha.

Deebii: Yaadawwan arfan iyyuu sirrii dha.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi