LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g16 Lakk. 6 ful. 4-6
  • Dhukkuba Irraa Of Eegi

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dhukkuba Irraa Of Eegi
  • Dammaqaa!—2016
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • 1 BISHAAN
  • 2 NYAATA
  • 3 ILBIISOTA
  • 4 BINEENSOTA
  • 5 NAMOOTA
  • Seensa
    Dammaqaa!—2016
  • Dhukkuba—Irraa Of Eeguu kan Dandeessu Akkamitti?
    Dammaqaa!—2016
  • 1 Fayyaa Kee Eeggadhu
    Dammaqaa!—2022
  • Jireenya Kabajuun
    Dammaqaa!—2024
Dammaqaa!—2016
g16 Lakk. 6 ful. 4-6

MATA DUREE FUULA JALQABAA | DHUKKUBA IRRAA OF EEGUU—AKKAMITTI?

Dhukkuba Irraa Of Eegi

MAGAALONNI durii hedduun dallaawwan guguddaadhaan eegamu turan. Diinni hamma tokko dallicha jigsuu yoo dandaʼe illee, nageenyi guutummaa magaalattii balaadhaaf saaxilama. Qaamni kees akkuma magaalaa dallaadhaan marfamee ti. Dandeettii qaamni kee dhukkuba of irraa ittisuuf qabu kan kunuunsitu yoo taʼe, fayya buleessa taata. Wantoota dhukkubaaf si saaxilan shanii fi tooftaalee gaarii dhukkuba of irraa ittisuuf si gargaaran haa ilaallu.

Dubartii intala ishii wajjin gabaa keessa deemaa jirtu

1 BISHAAN

MIIDHAA: Orgaanizimoonni dhukkuba fidan bishaan faalameen kallattiidhaan gara qaama keetti seenuu dandaʼu.

MALA ITTISAA: Malli hunda irra caalu bishaan akka hin faalamne eeguu dha. Bishaan ati waraabbattu akka faalame yoo beekte ykn yoo shakkite, bishaanicha mana kee keessatti qulqulleessuu dandeessa.a Bishaan dhugaatii miʼa qadaadame keessa kaaʼi; bishaan waraabuuf qodaa qulqulluutti ykn karaa boombaa fayyadami. Bishaan qulqulluu keessa matumaa harka kee hin kaaʼin. Yoo dandaʼame, naannoon bishaan uummataa jiru akka hin faalamneef, naannoo mana boolii sirrii taʼe qabu jiraachuuf yaali.

2 NYAATA

MIIDHAA: Orgaanizimoonni dhukkuba fidan nyaata kee keessa ykn nyaata kee irra jiraachuu dandaʼu.

MALA ITTISAA: Nyaanni faalame hoʼaa fi qaamaaf kan fayyadu fakkaachuu dandaʼa. Kanaaf, fuduraalee fi kuduraalee hunda akka gaariitti dhiquu barsiifata godhadhu. Yeroo nyaata qopheessitu ykn dhiheessitutti, meeshaaleen nyaataa, naannoon nyaanni itti hojjetamuu fi harki kee qulqulluu taʼuu qaba. Gosoonni nyaataa tokko tokko, jarmoonni dhukkuba fidan akka duʼaniif ibidda irra turuu qabu. Nyaanni bifa isaa yoo geddarate ykn yoo foolii gadhee godhate, nyaanni sun orgaanizimoota xixiqqoo dhukkuba fidaniin faalamuu isaa kan argisiisu taʼuu waan dandaʼuuf, nyaata akkasii hin nyaatin. Nyaata itti hin fayyadamne yeruma sana firiijii keessa kaaʼi. Yommuu dhukkubsattu namootaaf nyaata qopheessuu irraa of qusadhu.b

3 ILBIISOTA

MIIDHAA: Ilbiisonni tokko tokko orgaanizimoota xixiqqoo isaan keessa jiranii fi dhukkuba fidan sitti dabarsuu dandaʼu.

MALA ITTISAA: Tibba ilbiisonni dhukkuba dabarsan itti baayʼatanitti mana keessa taaʼuudhaan ykn uffata harki isaa guutuu taʼe ykn surree dheeraa ilbiisota si irraa ittisuu dandaʼu uffachuudhaan ilbiisota kana irraa of eeguu dandeessa. Yommuu ciiftu agoobara qorichi itti godhametti fayyadami, akkasumas farra ilbiisotaatti fayyadami. Bookeen busaa keessatti waan wal horaniif, wanti bishaan xuraaʼaan keessatti kuufame akka hin jiraanne godhi.c

4 BINEENSOTA

MIIDHAA: Maaykiroobonni bineensota irratti miidhaa hin geessisnee fi isaan keessa jiran, dhukkuba sitti fiduu dandaʼu. Beeyladni ykn bineensi tokko yoo si ciniine, yoo si moccore ykn udaan isaa yoo tuqxe dhukkuba sitti fiduu dandaʼa.

MALA ITTISAA: Namoonni tokko tokko beeyiladoota isaanii tuquu irraa fagaachuuf jecha, ala akka jiraatan gochuu filataniiru. Beeyilada tokko erga tuqxee booda harka kee dhiqadhu; bineensota immoo matumaa harkaan hin qabin. Yoo ciniinamte ykn yoo moccoramte, madicha yeruma sana akka gaariitti dhiqi; achiis ogeessa fayyaa bira dhaqi.d

5 NAMOOTA

MIIDHAA: Jarmoonni tokko tokko, wantoota xixinnoo namni tokko yeroo qufaʼu ykn haxxifatu facaʼaniin gara qaama keetti seenu. Gogaan namootaa yeroo wal tuqu, jechuunis wal hammachuu ykn harka wal qabuudhaanis daddarbuu ni dandaʼu. Orgaanizimoonni xixiqqoon dhukkuba daddabarsan miʼoota akka qabannoo balbalaa fi darajaa, bilbilaa, riimootii ykn iskiriinii fi kiiboordii irraatti maxxananii turuu dandaʼu.

MALA ITTISAA: Miʼoota akka qarabaa, burushii ilkaanii ykn fooxaa nama kaanii hin fayyadamin. Dhiigaa fi wantoota dhiiga of keessatti qabatan dabalatee, dhangalaʼaa qaama bineensotaa ykn qaama namootaa keessaa baʼu tuquu irraa of eeggadhu. Faayidaa yeroo hunda harka kee sirriitti dhiqachuun qabus akka laayyootti hin ilaalin. Dhukkubni akka hin daddarbine dhowwuuf karaan baayʼee buʼa qabeessa taʼe kana taʼuu dandaʼa.

Dandaʼamnaan yeroo dhukkubsattu manaa hin baʼin. Waajjirri Yunaayitid Isteetisitti dhukkuba toʼachuu fi ittisuuf hundaaʼe tokko, yommuu qufaatu ykn haxxiffattu harka keetti utuu hin taʼin sooftiitti ykn harka uffata kee irratti utuu taʼee gaarii akka taʼe dubbata.

Fakkeenyi durii tokko, “Namni hubataan wanta hamaa in arga, jalaas in dhokata” jedha. (Fakkeenya 22:3) Jechoonni kun namoota addunyaa dhukkuboota miidhaa guddaa geessisaniin guutame kana keessa jiraataniif faayidaa guddaa qabu! Kanaaf, dhaabbata fayyaa naannoo kee jiru gorsa gaafachuudhaan beekumsa argadhu; akkasumas qulqullina kee eeguu barsiifata godhachuudhaan balaa jalaa dhokadhu. Dandeettii qaamni kee dhukkuba of irraa ittisuuf qabu cimsachuudhaan carraa dhukkubaan qabamuuf qabdu hirʼisi!

a Dhaabanni Fayyaa Addunyaa tooftaalee bishaan mana keessatti qulqulleessuuf gargaaran hedduu, kan akka kilooriinii itti naquu, ifa aduutti fayyadamanii bishaan qulqulleessuu, meeshaa bishaan calalu fayyadamuu fi bishaan danfisuu ni jajjabeessa.

b Of eeggannoo nyaataaf godhamu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, Dammaqaa! Waxabajjii 2012 fuula 3-9 ilaali. (Amaariffa)

c Tooftaalee busaa ittisuun itti dandaʼamu ilaalchisee ibsa balʼaa argachuuf, Dammaqaa! Onkoloolessa 2015 fuula 14-15 ilaali.

d Bineensonni summii qaban yoo si ciniinan saffisaan yaalii fayyaa argachuu qabda.

Carraa Dhukkuba Daddarbuun Qabamu Hirʼisuu kan Dandeessu Akkamitti?

Dubartii harka ishii dhiqattu

Bara 2014, vaayirasiin Iboolaa Dhiha Afriikaatti saffisaan babalʼachaa ture, oduu angafaa sabqunnamtii addunyaa maraa taʼee ture. Waajjiroonni damee Dhugaa Baatota Yihowaa naannoo sana jiran, uummanni dhukkuba kana irraa of eeggachuuf maal gochuu akka qabu odeeffannoo kennuuf duula taasisanii turan. Bakka buutonni Dhugaa Baatota Yihowaa haala sana ilaalchisee maal akka godhan ibsaniiru.

  • Haasaa kennuu

    Namoonni balaa dhukkubni kun qabu akka hubatan kan gargaartan akkamitti?

    Naannoowwan namoonni itti baayʼatanitti haasaawwan kennuudhaan sodaa fi naasuu isaanii hirʼisuuf yaalleerra. Haasaawwan sana keessatti vaayirasichi akkamitti akka babalʼatuu ibsineerra; gochawwan irraa fagaachuu qabanis isaan akeekkachiisneerra.

  • Harka dhiqachuu

    Dhugaa Baatonni Yihowaa tarkaanfiiwwan akkamii fudhataniiru?

    Namoonni gara walgaʼii keenyaa yommuu dhufan, teermoo meetiratti (infrared thermometers) fayyadamnee hoʼa qaama isaanii ilaalla turre. Namoonni hundi qaamni isaanii akka wal hin tuqneef, harka wal qabuu fi wal hammachuu irraa of qusataniiru; akkasumas guyyaa keessatti yeroo baayʼee harka isaanii dhiqatu turan. Iddoowwan mijaaʼoo taʼan tokko tokkotti, bakkawwan bishaan barakiinaan itti makameen harka itti dhiqatan qophaaʼanii turan.

  • Bilbila mana keessa jiru

    Walgaʼii sabaa keessanii fi hojii Kitaaba Qulqulluu barsiisuu keessan itti fufuu kan dandeessan akkamitti?

    Mootummaan bakkawwan tokko tokkotti namoonni akka walitti hin qabamne ajajee waan tureef, bakkawwan kanatti yeroodhaaf walgaʼiin sabaa addaan citee ture. Naannoowwan kanatti maatiiwwan mana isaanitti waaqeffannaa isaanii geggeessu turan. Warri tokko tokko immoo wal tuquu irraa fagaachuuf jecha, bilbilaan qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessu turan.

  • Kaalaandarii

    Namni tokko mallattoon dhukkubichaa yoo isa irratti mulʼate maal gootu?

    Qaama ilaallatutti beeksisna. Namni nama Iboolaadhaan qabamee turee wajjin wal arge, sirna awwaalchaa isaa irratti argame ykn namni mallattoon dhukkubichaa irratti mulʼate guyyaa 21f namoota irraa adda baʼee akka jiraatu godhama ture; sababiin isaas mallattoon dhukkuba Iboolaa mulʼachuu kan jalqabu erga namatti darbee yoo baayʼate guyyaa 21 booda dha jedhama.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi