LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g17 Lakk. 6 ful. 10-11
  • Niiwu Ziilaandiin haa Daawwannu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Niiwu Ziilaandiin haa Daawwannu
  • Dammaqaa!—2017
Dammaqaa!—2017
g17 Lakk. 6 ful. 10-11
Miilfoordi Saawundi, Niiwu Ziilaandi

Miilfoordi Saawundi

BIYYOOTAA FI UUMMATA

Niiwu Ziilaandiin haa Daawwannu

Kaartaa addunyaa irraa bakka Niiwu Ziilaandi itti argamtu

GOSONNI Maawurii kiiloo meetira kumaan lakkaaʼamu garba irra qaxxaamuranii, Niiwu Ziilaandi kan qubatan gara waggaa 800 dura taʼuu hin oolu. Achitti taaʼumsa lafaa odoolawwan Polineezyiyaa warra hoʼa qabanii fi isaan dhiisanii dhufan irraa guutummaatti adda taʼe argatan. Biyyi kun bakka tulluun, tuullaan cabbii, burqituun danfaa fi roobni cabbii itti baayʼatu dha. Gara jaarraa shanii booda immoo, namoonni sanyii biraa Awurooppaa keessaa iddoo fagoo taʼee dhufanii achi buufatan. Yeroo harʼaa namoonni Niiwu Ziilaandii hedduun aadaawwan warra Angiloo-Saaksanii fi Poolineezyiyaa irraa maddan qabu. Uummata ishii keessaa gara dhibbeentaa 90 kan taʼan magaalaa keessa jiraatu. Magaalaan Weelingitan addunyaa keessatti magaalaa guddoo kibba fagootti argamtu dha.

Kuufama dhoqqee danfuu fi Odoola Kaabaa Niiwu Ziilaanditti argamu

Kuufama dhoqqee danfuu fi Odoola Kaabaatti argamu

Niiwu Ziilaandi wantoota garaagaraa baayʼee babbareedan waan qabduuf, fagaattee kan jirtu taʼus waggaatti tuuristoonni miliyoona sadii taʼan kan ishii daawwatan taʼuun isaa nama hin dinqisiisu.

Gosa mukaa kaarroo meetii fakkaatu

Gosa mukaa kaarroo (fern) meetii fakkaatuu fi hamma meetira 10⁠tti dheerachuu dandaʼu

Gosa simbirroo taakaahee balaliʼuu hin dandeenye

Hamma 1948⁠tti gosti simbirroo taakaahee jedhamtuu fi balaliʼuu hin dandeenye baddee akka turte yaadama ture

Niiwu Ziilaandi bineensota bosonaa adda addaa kan qabdu siʼa taʼu, biyyoota kam iyyuu caalaa gosoota simbirroo balaliʼuu hin dandeenye hedduu qabdi. Reptaayiliin loccuu fakkaatuu fi Tuwaataaraa jedhamu hamma waggaa 100 jiraatus achitti ni argama. Hoosiftoonni naannoo kana qofatti argaman, gosoota simbira halkanii muraasaa fi hoosiftoota guguddaa bishaan keessaa kan akka weelii fi dolfinii dha.

Dhugaa Baatonni Yihowaa gara waggaa 120tiif Niiwu Ziilaandi keessatti lallabaa turaniiru. Afaanota Poolineezyiyaa kan taʼan Niiyuuʼan, Raarotongaa, Saamoʼaa fi Toongaan dabalatee, yoo xinnaate afaan 19n Kitaaba Qulqulluu barsiisu.

Namoonni Maawurii yommuu sirban

Namoonni Maawurii uffata aadaa uffatanii sirba aadaa yommuu sirban

KANA BEEKTAA?

Maqaan Niiwu Ziilaandi jedhu Ziilaandi, ishii naannoo Neezarlaanditti argamtu irraa kan dhufe dha. Maqaan Afaan Maawuriitiin Awooteeyaarooʼaa jedhu, “Lafa Duumessa Adii Dheeraa Qabdu” jechuu dha.

Namoonni Niiwu Ziilaandii hedduun Afaan Ingilizii dubbachuu kan dandaʼan taʼus, afaan biyyichaa Maawurii jedhamu guddachaa fi mana barumsaatti ittiin barsiifamaa jira. Weebsaayitiin Dhugaa Baatota Yihowaa jw.org jedhamus afaan Maawuriitiin ni argama.

  • BAAYʼINA UUMMATAA: MILIYOONA 4.7

  • MAGAALAA GUDDOO: WEELINGITAN

  • TEESSUMA LAFAA: ODOOLLI KAABAA SOCHII VOLKAANOO FI HOʼA LAFA JALAATIIN BEEKAMTI. ODOOLLI KIBBAA IMMOO TUULLAA CABBII KUMAAN LAKKAAʼAMAN QABDI

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi