-
Addunyaan Toʼannaadhaa Ala Taʼaa Jira Moo Miti?Dammaqaa!—2017 | Lakk. 6
-
-
MATA DUREE FUULA JALQABAA | ADDUNYAAN TOʼANNAADHAA ALA TAʼAA JIRAA?
Addunyaan Toʼannaadhaa Ala Taʼaa Jira Moo Miti?
BARRI 2017 beeksisa gaddisiisaa hawaasa saayinsii biraa dhagaʼameen eegale. Jiʼa Amajjiitti gareen saayintistoota, addunyaan yeroo kam iyyuu caala gara guyyaa badiisaatti akka dhihaate beeksisanii turan. Saayintistoonni Saʼaatii Guyyaa Badiisaa, isa mallattoo addunyaan badiisatti hangam akka dhihaate mulʼisuuf tajaajilutti fayyadamanii, lakkooftuu daqiiqaa isaa sekoondii 30aan gara xumuraatti siqaniiru. Saʼaatiin Guyyaa Badiisaa yeroo ammaa halkan walakkaa gaʼuuf gara daqiiqaa lamaa fi walakkaa qofatu hafe; kunis waggoota 60 ol taʼan keessatti yeroo kam iyyuu caalaa badiisni addunyaa dhihaachuu isaa argisiisa!
Bara 2018ttis, saayintistoonni badiisa addunyaatti hangam akka dhihaanne irra deebiʼanii shallaguuf karoora qabu. Yeroo sanatti Saʼaatiin Guyyaa Badiisaa ammas addunyaan gaagaʼama adda taʼee fi hafuu hin dandeenyeef akka saaxilame argisiisaa? Maal sitti fakkaata? Addunyaan toʼannaadhaa ala taʼa jiraa? Tarii gaaffiiwwan kana deebisuun hamma tokko ulfaataa akka taʼe sitti dhagaʼama taʼa. Hayyoonni iyyuu dhimma kana irratti addaan qoqqoodamaniiru. Namoonni hundi badiisni ooluu hin dandeenye dhufaa akka jiru hin amanan.
Haa taʼu malee, namoonni miliyoonaan lakkaʼaman yeroo gaariin gara fuulduraatti akka dhufu ni amanu. Isaaniis ragaa ilmaan namootaas taʼe pilaaneetiin keenya bara baraaf akka jiraatan, akkasumas akkaataan jireenyaa keenyas akka fooyyaʼu argisiisuu akka qaban dubbatu. Ragaan kun kan amanamu dhaa? Addunyaan toʼannaadhaa ala taʼaa jira moo miti?
-
-
Deebii Argachuuf Qorannaa GochuuDammaqaa!—2017 | Lakk. 6
-
-
MATA DUREE FUULA JALQABAA | ADDUNYAAN TOʼANNAADHAA ALA TAʼAA JIRAA?
Deebii Argachuuf Qorannaa Gochuu
ODUU gaddisiisaa baayʼee dhagaʼuu keetiin sodaan kan sitti dhagaʼamuu fi kan dhiphattu yoo taate, akkas kan itti dhagaʼamu si qofa miti. Bara 2014tti, pireezidaantii Yuunaayitid Isteetisii yeroo sanaa kan turan Baaraak Obaamaan, oduuwwan gaddisiisoo sab-qunnamtiin gabaasaniin kan kaʼe, namoonni baayʼeen “addunyaan ariitiidhaan toʼannaadhaa ala taʼa jira . . . eenyu iyyuu kana dhaabsiisuu hin danadaʼu” jedhanii akka murteessan dubbatanii turan.
Taʼus erga kana dubbatanii yeroo muraasa booda, rakkoowwan hedduu addunyaa mudachaa jiraniif furmaata fiduuf tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiran ilaalchisee miira hoʼaadhaan dubbataniiru. Sochiiwwan mootummaan gochaa jiru tokko tokkoon “oduu gaarii” kan jedhan siʼa taʼu, “abdii guddaa” akka qabanii fi “shakki tokko illee akka hin qabne” dubbataniiru. Kana jechuunis carraaqqii namoonni gaarii taʼan godhaniin rakkoowwan addunyaa furamuu fi gaagaʼumsi hafuu ni dandaʼa jechuu isaanii ture.
Namoonni baayʼeenis abdii akka isaanii qabu. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko saayinsii abdachuudhaan, guddinni teknooloojii saffisaan dhufaa jiru rakkina addunyaa akka furu isaanitti dhagaʼama. Hayyuun teknoolojii diijitaalii fi kalaqaa tokko, afaan isaa guutee bara 2030tti “teknoolojiin keenya dachaa kuma tokko oliin akka guddatu, bara 2045tti immoo dachaa miliyoonaa ol akka guddatu” dubbateera. Dabalataanis akkana jedheera: “Amma akka gaariitti hojjechaa jirra. Rakkoowwan nu mudatan hamma kana ulfaatoo taʼanii kan hin beekne taʼanis, dandeettiin rakkoowwan kana hiikuuf qabnu kana caalaa ariitiidhaan guddachaa jira.”
Haalli addunyaa hangam mancaʼeera? Dhuguma xumura gaagaʼumsa addunyaa guutuu jala geenyeerraa? Saayintistoonnii fi namoonni siyaasaa tokko tokko yeroon gara fuulduraa abdiidhaan kan guutame akka taʼe dubbatanis, namoonni baayʼeen garuu amma iyyuu waaʼee gara fuulduraa ilaalchisee shakkii guddaa qabu. Maaliif?
MEESHAALEE WARAANAA GUUTUMMAA NAMOOTAA FIXUU DANDAʼAN. Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fi kanneen biroon carraaqqii guddaa godhanis, hidhannaa nuukileerii hiiksisuu hin dandeenye. Kanaa mannaa, mootonni didaa taʼan seerawwan meeshaa waraanaa toʼachuuf baʼan irratti ni gaʼisu. Biyyoonni meeshaa waraanaa nuukileerii qabachuudhaan seenaa qabanis, boombii durii qaban guddisaa fi boombii haaraa dhumaatii guddaa geessisu uumaa jiru. Biyyoonni duraan meeshaalee waraanaa uummata gaagaʼuu dandaʼan hin qabne, amma meeshaa al tokkotti ilmaan namoota hedduu haxaaʼee balleessuu danadaʼu hidhataniiru.
Biyyoonni waraana nuukileerii irratti hirmaachuuf haala kanaan dura hin turreen qophaaʼoo taʼuun isaanii, addunyaan yeroo “nagaan” jirutti iyyuu iddoo baayʼee sodaachisaa akka taʼu godheera. Gaazexaan Bulletin of the Atomic Scientists jedhamu akkana jechuudhaan akeekkachiiseera: “Keessumaa meeshaaleen hamoon utuu namni hin ajajin ofii isaaniitiin nama ‘ajjeesuuf’ murteessuudhaan kana raawwachuu dandaʼan jiraachuun isaanii waan nama yaaddessu dha.”
MIIDHAA FAYYAA KEENYA IRRA GAʼU. Saayinsiin fayyaa gaarii akka qabaannu gochuuf gaʼeen inni qabu kan daangeeffame dha. Miidhaa dhukkubaaf nama saaxiluu dandaʼan, jechuunis dhiibbaan dhiigaa guddaa taʼe, garmalee furdachuun, faalamni qilleensaa fi qoricha sammuu hadoochutti fayyadamuun fidu dabalaa dhufeera. Namoonni hedduun dhukkuboota daddarboo hin taane, kan akka kaansarii, dhukkuba laphee fi dhukkuba sukkaaraatiin lubbuun isaanii darbaa jira. Lakkoofsi namoota dhukkuba sammuutiinis taʼe rakkina biraatiin sakaalamanii guddachaa dhufeera. Waggoota dhihoodhaa asitti immoo, dhukkuboota daddarboo utuu hin yaadamin dhufanii fi namoota hedduu huban kan akka vaayirasii Iboolaa fi Ziikaa arguu dandeenyeerra. Kunis dhukkubni toʼannaa ilmaan namootaatii ala akka taʼee fi dhukkuba dhabamsiisuufis abdiin tokko iyyuu mulʼachaa akka hin jirre kan ibsu dha!
MIIDHAA ILMAAN NAMOOTAA UUMAMA IRRATTI GEESSISAA JIRAN. Warshaaleen qilleensa naannoo lafaa faaluu isaanii itti fufaniiru. Qilleensa faalameen kan kaʼe waggaa waggaadhaan namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman ni duʼu.
Namoonni, hawaasnii fi dhaabbileen mootummaa kosii isaanii, qorichaa fi haraa qonnaa, laastikii, akkasumas faaltota kan biraa gara galaanaatti gatu. Kitaabni Encyclopedia of Marine Science jedhamu akkana jedheera: “Faaltonni summaaʼan kun lubbu qabeeyyiin bishaan keessa jiraatan akka summaaʼan kan godhan siʼa taʼu, kun immoo gama isaatiin namoonni kana sooratan akka summaaʼan godha.”
Bishaan qulqulluunis nu jalaa dhumaa jira. Barreessaa saayinsii Biritaaniyaa kan taʼan Roobiin Maakiyeen, “Hanqinni bishaanii kutaa addunyaa hunda hubuun isaa hin oolu” jedhanii akeekkachiisaniiru. Namoonni siyaasaa hanqinni bishaanii harka caalaan rakkoo ilmaan namootaa uumaniin kan dhufe taʼuu isaa kan amanan yeroo taʼu, rakkinni kunis gara fuulduraatti balaa guddaa geessisuu dandaʼa.
MIIDHAA UUMAMNI ILMAAN NAMOOTAA IRRA GEESSISU. Bubbee cimaan rooba makate, obomboleettii, qilleensa cimaa, qilleensa cimaa galaana irraa gara lafaatti bubbisu, akkasumas kirkirri lafaa lolaa cimaan akka gaʼu taasisu, lafti akka sigigaatuu fi balaan kan biraas akka gaʼu gochaa jiru. Humnoota uumamaa balaa geessisan kanaan namoonni hubaman lakkoofsi isaanii dabalaa jira. Qorannoon waajjira U.S. National Aeronautics and Space Administration jedhamuun maxxanfame, “bubbee cimaa rooba makatee fi kan kanaan duraa caalaa cimaa taʼe, hoʼa cimaa qabu, akkasumas al tokko lolaa baayʼee cimaa, yeroo kaan immoo bona baayʼee cimaa taʼeen bakka buufamu” gara fulduraatti dhufuun isaa akka hin oole dubbata. Uumamni ilmaan namootaa ni balleessaa laata?
Balaawwan guguddaa badiisaaf nu saaxilan kan biroos akka yaaddu beekamaa dha. Taʼus wantoota hamoo harʼa gaʼaa jiran hunda qorachuudhaan waaʼee gara fuulduraa ilaalchisee deebii quubsaa argachuu hin dandeessu. Namoonni tokko tokko namoota siyaasaa fi saayintistoota yeroo dhaggeeffatanis waanuma wal fakkaatutu isaanitti dhagaʼama. Mata duree darbe keessatti akka ibsametti garuu, namoonni baayʼeen gaaffiiwwan waaʼee haala addunyaa fi waaʼee gara fuulduraa ilaalchisee gaafatamaniif deebii amansiisaa argachuu dandaʼaniiru. Deebiiwwan akkanaa eessa argamuu dandaʼu?
-
-
Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?Dammaqaa!—2017 | Lakk. 6
-
-
Waaqayyo ilmaan namootaatii fi lafaaf yeroo gaariin akka dhufu waan abdii kenneef, raajiin Saʼaatii Guyyaa Badiisaa ilaalchisee dubbatame hin raawwatamu
MATA DUREE FUULA JALQABAA | ADDUNYAAN TOʼANNAADHAA ALA TAʼAA JIRAA?
Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
HAALA sodaachisaa addunyaan yeroo ammaatti keessatti argamu ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun jaarraa hedduu dura raajii dubbatee ture. Dabalataanis, Kitaabni Qulqulluun keessattuu ilmaan namootaatiif yeroo gaariin akka dhufu dubbata. Wantoonni Kitaabni Qulqulluun kanaan dura dursee dubbate haala nama dinqisiisuun raawwii isaanii waan argataniif, yaadni kun waan taʼu miti jennee murteessuuf ariifachuu hin qabnu.
Fakkeenyaaf, raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu armaan gadii haa ilaallu:
“Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti ni kaʼa; hanqinni nyaataa, akkasumas bakka garaa garaatti kirkirri lafaa ni taʼa.”—Maatewos 24:7.
“Guyyoota dhumaatti yeroon addaa baayʼee rakkisaa taʼe [ni dhufa]. Sababiin isaas namoonni kan of jaallatan, maallaqa kan jaallatan, kan of jajan, kan of tuulan, kan nama arrabsan, warra isaaniitiif kan hin ajajamne, kan hin galateeffanne, amanamoo kan hin taane, jaalala kan hin qabne, walii galuuf fedhii kan hin qabne, maqaa kan balleessan, kan of hin toʼanne, gara jabeeyyii, wanta gaarii kan hin jaallanne, gantoota, mata jabeeyyii, kooraan kan of bokoksan, Waaqayyoon jaallachuu caalaa wanta isaan gammachiisu kan jaallatan taʼu.”—2 Ximotewos 3:1-4.
Raajiiwwan kun akkuma namoonni tokko tokko jedhanitti addunyaan haala toʼannaadhaa ala taʼeen mancaʼaa akka dhufe argisiisu. Gama tokkoon addunyaan toʼannaadhaa ala taʼeera; jechuunis toʼannaa ilmaan namootaatiin ala taʼeera. Akka Kitaabni Qulqulluun jedhutti garuu, ilmaan namootaa furmaata bara baraa kennuuf ogummaas taʼe humna hin qaban. Yaanni kun caqasoota armaan gadii keessatti ifatti ibsameera:
“Karaan qajeelaa namatti fakkaatu jira, dhumni isaa garuu karaa duʼaa ti.”—Fakkeenya 14:12.
“Yeroon inni tokko warra kaan irratti moʼee isaan [miidhu] jira.”—Lallaba 8:9.
“Namni . . . karaa jireenya isaatiis ofii isaatiin geggeeffachuu akka hin [dandaʼu].”—Ermiyaas 10:23.
Ilmaan namootaa wanta barbaadan hunda raawwachuu isaanii yoo itti fufan, addunyaan gaagaʼamuun isaa waan hin oolle dha. Haa taʼu malee kun waan taʼu miti! Maaliif? Kitaabni Qulqulluun akkana jedha:
Waaqayyo “lafa hundee isaa irra [dhaabe], innis yeroo hundumaa baruma baraan iddoo isaatii hin butatu.”—Faarfannaa 104:5.
“Dhaloonni tokko in darba, dhaloonni biraas in dhufa; lafti garuu yeroo hundumaaf dhaabatee in hafa.”—Lallaba 1:4.
“Warri qajeelonni biyya in qabaatu [“ni dhaalu,” hiika bara 1899] yeroo hundumaafis keessa in taaʼu.”— Faarfannaa 37:29.
“Biyyicha keessa midhaan baayʼatee irraa haa hafu, hamma bantii tullootaattis gobbatee haa biqilu.”— Faarfannaa 72:16.
Barumsawwan Kitaaba Qulqulluu kun deebii ifa taʼe kennu. Ilmaan namootaa faalama qilleensaatiin, hanqina nyaataa fi bishaaniitiin ykn dhukkuba daddarbaa guutummaa addunyaa irratti dhufuun haxaaʼamanii hin balleeffaman. Addunyaan dhumaatii nuukileeriin geessisuunis hin barbadaaʼu. Maaliif? Yeroo gara fuulduraa pilaaneetii keenyaa kan toʼatu Waaqayyo waan taʼeefi dha. Waaqayyo ilmaan namootaatiif mirga filannaa isaaniitti akka fayyadaman isaaniif heyyameera. Taʼus buʼaa murtoo isaan godhan isaan irraan gaʼu ni haammatu. (Galaatiyaa 6:7) Addunyaan akka baabura karaa isaa irraa kaatee, guutummaatti toʼannaadhaa ala taʼee fi gara xumura gaagaʼamaatti deemaa jiruu miti. Waaqayyo ilmaan namootaa badiisaa fi miidhaa of irraan gaʼaniif daangaa kaaʼeera.—Faarfannaa 83:18; Ibroota 4:13.
Waaqayyoo kana caalaa gochuufis karoorfateera. Inni ‘nagaa guutuun’ akka dhufu ni godha. (Faarfannaa 37:11) Ilaalchi qajeelaan mata duree kana keessatti ibsame, wantoota baayʼee gaarii gara fuulduraatti dhufuuf jiran keessaa baayʼee muraasa isaanii akka taʼe, Dhugaa Baatonni Yihowaa miliyonaan lakkaaʼaman qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu isaanii irraa barataniiru.
Dhugaa Baatonni Yihowaa hawaasa guutummaa addunyaatti argaman, dhiiraa fi dubartii umurii hunda irratti argaman, akkasumas gosa hundaa keessaa dhufani dha. Waaqa dhugaa tokkicha, Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamee fi maqaan isaa Yihowaa jedhamu waaqeffatu. Kitaabni Qulqulluun waan akkana jedhuuf wanti gara fuulduratti dhufuuf jiru isaan hin sodaachisu: “Waaqayyo inni bantiiwwan waaqaa uume, inni Waaqayyoo dha; inni lafa bifa itti godhee, tolchee jabeessee yommuu dhaabe akka irra jiraataniif malee, bifa hin qabnee fi onaa akka taʼuuf hin uumne; inni, ‘Ani Waaqayyoo dha, ana malee kan biraa hin jiru’ [jedheera].”—Isaayaas 45:18.
Mata dureen kun waaʼee gara fuulduraa lafaa fi ilmaan namootaa ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu tokko tokko ibsa. Odeeffannoo dabalataa argachuuf, birooshura Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼee fi Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe! jedhamu barumsa 5 ilaali; weebsaayitii www.jw.org/om irrattis ni argama
Akkasumas viidiyoo Waaqayyo Lafa kan Uume Maaliifi? www.jw.org/om jedhu ilaaluu dandeessa (WANTOOTA QOPHAAʼAN > VIIDIYOOWWAN jalaa argama)
-