LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g20 Lakk. 1 ful. 14-15
  • Jireenya Dhiphinarraa Walaba Taʼe Jiraachuu Dandeessa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Jireenya Dhiphinarraa Walaba Taʼe Jiraachuu Dandeessa
  • Dammaqaa!—2020
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Baafata Mata Duree
    Dammaqaa!—2020
  • Mootummaa Waaqayyoo Jalatti “Nagaan ni Baayʼata”
    Dammaqaa!—2019
  • Dhiphina Moʼuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
    Dammaqaa!—2020
  • Mootummaa Waaqayyoo—Yesus Bakka Guddaa Kan Kenneef Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2020
g20 Lakk. 1 ful. 14-15
Mucaan tokkoo fi abbaan isaa dambalii galaanaarra yommuu taphatan haatii fi ijoolleen durbaa isaaniimmoo qarqara bishaanichaa dhaabbatanii isaan ilaalaa jiru.

DHIPHINARRAA BOQONNAA ARGADHU

Jireenya Dhiphinarraa Walaba Taʼe Jiraachuu Dandeessa

Ogummaan Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu dhiphina hin barbaachisne hedduurraa fagaachuuf nu gargaaruu dandaʼa. Nuti ofii keenyaan wantoota nu dhiphisan hunda hambisuu hin dandeenyu. Uumaan keenya garuu ni dandaʼa. Inni qaama nu gargaaru tokko nuuf muudeera. Qaamni kun Yesuus Kiristoosi. Inni wantoota yeroo lafarra turetti raawwate caalaa dinqisiisoo taʼan dhiheenyatti addunyaa maratti ni raawwata. Fakkeenyaaf:

YESUUS AKKUMA KANAAN DURA GODHE WARRA DHUKKUBSATAN NI FAYYISA.

“Namoota dhukkuba . . . adda addaatiin dhiphatan . . . hundumaa gara isaatti fidan; innis isaan fayyise.”—MAATEWOS 4:24

YESUUS NAMOONNI HUNDI MANAA FI NYAATA AKKA ARGATAN GODHA.

“Isaan [warri Kiristoos jalatti bulan] manneen ni ijaaru, keessas ni jiraatu, mukeetii wayinii ni dhaabu, firii isaaniis ni nyaatu. Mana isaan ijaaran keessa namni kan biraan hin jiraatu, muka wayinii isaan dhaabanis namoonni kan biroon hin nyaatan.”—ISAAYYAAS 65:21, 22.

BULCHIINSI YESUUS ADDUNYAA MARATTI NAGEENYAA FI TASGABBII FIDA.

“Bara isaatti namni qajeelaan ni lalisa, hamma addeessi dhabamtuttis nagaan ni baayʼata. Inni galaanaa hamma galaanaatti, lagicha irraa hamma andaara lafaattis namoota isaaf bitaman ni qabaata. . . . Diinonni isaas biyyoo ni arraabu!”—FAARFANNAA 72:7-9.

YESUUS JALʼINA HAQAA NI BALLEESSA.

“Isa rakkataa fi isa hiyyeessa taʼeef ni gadda, lubbuu hiyyeeyyiis ni oolcha. Cunqursaa fi hammina irraa isaan oolcha.”—FAARFANNAA 72:13, 14.

YESUUS RAKKINAA FI DUʼALLEE NI BALLEESSA.

“Duutis kana booda hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu”—MULʼATA 21:4.

“YEROO DHIPHINAA BAAYʼEE SODAACHISAA TAʼE”

“Addunyaan kun yeroo kamiyyuu caalaa amma dhiphinaan, yaaddoodhaan, gaddaa fi cinqiidhaan guutameera.”—Mohaammad Yuunis, hogganaa ediitara dhaabbata Gaaloop.

Dhiphinni baayʼee kan babalʼate maaliifi? Kitaabni Qulqulluun deebii hunda caalaa amansiisaa taʼe kenna. Ximotewos Lammaffaan 3:1 “guyyoota dhumaatti yeroon addaa baayʼee rakkisaa taʼe akka dhufu” dubbata. Kitaabni Qulqulluun sababii itti dhiphinni baayʼee babalʼate yommuu ibsu namoonni amala gaarii hin taane waan qabaniif akka taʼe dubbata. Amaloonni kunneen sassata, of tuulummaa, fakkeessaa amantii, hammina, maatiidhaaf jaalala dhabuu fi of toʼachuu dadhabuu dabalatu. (2 Ximotewos 3:2-5) Guyyoonni dhumaa kun, yommuu Yesuus Kiristoos Mootii Mootummaa Waaqayyoo isa bulchiinsa samii taʼe sanaa taʼuudhaan guutummaatti lafa kana toʼatu ni xumuramu.—Daaniʼel 2:44.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi