LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g21 Lakk. 2 ful. 10-12
  • Teknoolojiin Dhiibbaa Akkamii Qaba? Gaaʼela Kee Irratti

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Teknoolojiin Dhiibbaa Akkamii Qaba? Gaaʼela Kee Irratti
  • Dammaqaa!—2021
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • WANTA BEEKUU QABDU
  • WANTA GOCHUU DANDEESSU
  • Meeshaa Eleektirooniksitiif Ilaalcha Madaalamaa Qabaachuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
    Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu
  • Hojii Bakka Hojiitti Dhiisuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
    Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu
  • Yeroo Gaʼaa Waliin Dabarsaa
    Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu
  • Dulluma Keessa Wal Hiikuu
    Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2021
g21 Lakk. 2 ful. 10-12
Namichi buufata xiyyaaraa keessa jiru tokko haadha manaa isaa mana jirtuu wajjin viidiyoo konfiransiidhaan haasaʼaa jira.

Teknoolojiin Dhiibbaa Akkamii Qaba? Gaaʼela Kee Irratti

Hiriyoonni gaaʼelaa teknoolojiitti karaa sirrii taʼeen kan fayyadaman taanaan caalaatti walitti dhihaachuuf isaan gargaara. Fakkeenyaaf, utuma iddoo adda addaa jiranii yeroo baayʼee wal arguuf isaan gargaara.

Haa taʼu malee, hiriyoonni gaaʼelaa tokko tokko teknoolojiitti karaa sirrii hin taaneen waan fayyadamaniif . . .

  • yeroo waliin dabarsan jalaa saama.

  • utuu hin barbaachisin hojii manatti akka fidan godha.

  • akka wal shakkan ykn waliif amanamoo akka hin taane godha.

WANTA BEEKUU QABDU

Hiriyoonni gaaʼelaa halkan siree irra ciisanii kopha kophaatti bilbila isaanii tuttuqaa jiru.

YEROO WALIIN DABARSUU

Abbaan manaa Mikaaʼel jedhamu, “Yeroo tokko tokko haati manaa koo utuma waliin jirruu akkuma waan na bira hin jirree taati. Yeroo dheeraadhaaf bilbila ishii ilaaluudhaan dabarsiti; garuu, ‘Hamma yoonaatti wanta sana hojjechuuf yeroo hin arganne’ naan jetti” jedheera. Abbaan manaa Jonaataan jedhamu, “hiriyoonni gaaʼelaa haala akkasii keessa jiran qaamaan wal bira kan jiran taʼus, akkuma waan baayʼee wal irraa fagaatanii jiraatanii” akka taʼan dubbateera.

MEE YAADI: Yeroo baayʼee bilbilli ykn ergaan barreeffamaa hiriyaa gaaʼelaa kee wajjin yeroo gaarii akka hin dabarsine gufuu ni taʼa?—EFESOON 5:33.

HOJII

Namoonni tokko tokko hojii yeroo mana jiranitti illee bilbila bilbilamuuf ykn iimeelii ergamuuf deebii akka kennan isaan dirqisiisu qabu. Namoonni tokko tokko immoo, hojiin isaanii akkas akka godhan kan isaan hin dirqisiisne taʼus, hojii isaanii bakka hojiitti dhiisanii dhufuun isaan rakkisa. Abbaan manaa Lii jedhamu, “Yeroon haadha manaa koo wajjin dabarsuuf murteessetti bilbila bakka hojiitii naaf bilbilamu ykn ergaa ergamu hundumaa deebisuu dhiisuun baayʼee na rakkisa” jechuudhaan ifatti dubbateera. Haati manaa Jooy jedhamtu immoo, “Kanan hojjedhu mana taaʼee waan taʼeef, hojii koo yoom dhaabuu akkan qabu beekuun na rakkisa. Madaallii eeguun carraaqqii gochuu gaafata” jetteetti.

MEE YAADI: Hiriyaan gaaʼelaa kee yeroo haasaʼu ykn haasoftu xiyyeeffannaa guutuu ni kennitaafii?—LUQAAS 8:18.

AMANAMUMMAA

Qorannaan tokko akka argisiisetti, wanti yeroo baayʼee hiriyoonni gaaʼelaa akka walitti buʼan godhu akkaataa weebsaayitii hawaasaa itti fayyadamani dha. Namoota qorannaan irratti geggeeffame keessaa dhibbeentaa kudhan kan taʼan, wantoota intarneetii irratti baasan hiriyaa gaaʼelaa isaanii akka dhoksan ifatti dubbataniiru.

Namoonni hedduun weebsaayitiin hawaasaa gaaʼela miidhuu, akkasumas hiriyoonni gaaʼelaa ejja raawwachuun akka isaanitti salphatu gochuu illee akka dandaʼu ni amanu. Namoonni wal hiikuu irratti abukaatoo taʼanii hojjetan, yeroo harʼaatti weebsaayitiin hawaasaa gaaʼelli hedduun akka diigamu gochuu irratti shoora guddaa akka taphatu dubbachuun isaanii nama hin dinqisiisu.

MEE YAADI: Walitti dhufeenya nama saala faallaa taʼe tokkoo wajjin qabdu hiriyaa gaaʼelaa kee ni dhoksitaa?—FAKKEENYA 4:23.

WANTA GOCHUU DANDEESSU

WANTOOTA DURSA KENNITUUF ADDA BAAFADHU

Namni nyaata lagate fayya buleessa taʼuu hin dandaʼu. Haaluma wal fakkaatun, namni hiriyaa gaaʼelaa isaa wajjin yeroo dabarsuu dagates gaaʼela gaarii qabaachuu hin dandaʼu.—Efesoon 5:28, 29.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda [baasaa beekaa].”—FILIPHISIYUS 1:10.

Wantoota akka irratti hojjettan barbaaddu irratti mariʼadhaa ykn teknoolojiin gaaʼela kee irratti dhiibbaa akka hin goonee of eeguuf wanta gochuu yaadde barreeffadhu.

  • Yoo xinnaate guyyaatti al tokko waliin nyaachuu

  • Yeroo meeshaalee elektiroonikii itti hin fayyadamne qabaachuu

  • Sagantaa waliin taatanii yeroo addaa itti dabarsitan baafachuu

  • Saʼaatii hirribaatti bilbila cufuudhaan of biraa fageessuu

  • Meeshaalee elektirooniikiitiin xiyyeeffannaan keessan utuu hin hihiramin guyyaatti daqiiqaa 15f haasaʼuu

  • Guyyaa hundumaa yeroo murtaaʼeef intarneetii fayyadamuu dhiisuu

GAAFFIILEE HIRIYOONNI GAAʼELAA IRRATTI MARIʼATAN

Atii fi hiriyaan gaaʼelaa kee gaaffiilee armaan gadii irratti kophaatti erga yaaddannii booda, deebii keessan irratti mariʼadhaa.

  • Gaaʼela keessan cimsachuuf teknoolojiitti fayyadamuu kan dandeessan karaawwan kamiini?

  • Akka ilaalcha keetti, teknoolojiin yeroo waliin dabarsitan irratti hammam dhiibbaa gochaa jira?

  • Atis taate hiriyaan gaaʼelaa kee gama kanaan fooyyaʼiinsa akkamii gochuu kan qabdan sitti fakkaata?

  • Hojii kee bakkuma hojiitti dhiisuun hammam sitti ulfaata? Hiriyaan gaaʼelaa kee deebii kee irratti walii galaa ykn walii galtii?

  • Yeroo fi xiyyeeffannaa hiriyaa gaaʼelaa kee irraa argachuu barbaadduu wajjin haala wal qabateen akka isaaf ykn ishiidhaaf yaaddu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

    QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Namni hundi yeroo hundumaa faayidaa mataa isaa utuu hin taʼin, faayidaa nama kan biraa haa barbaadu.”—1 QORONTOS 10:24.

Jaasanii fi Aleeksaandiraa.

“Kanan hojjedhu manuma taaʼee waan taʼeef, saʼaatii murteeffametti dhaabuufan yaala. Kana malees, bilbilli koo yeroo ergaan naaf ergamu sagalee akka hin dhaggeessisneen godha; wantoota na fayyadan kan akka saʼaatii ilaaluu jiraniif bilbila kootti fayyadamuu nan dandaʼa; taʼus, xiyyeeffannaan koo hojiidhaan hin hihiramu.”​—JAASANII FI HAADHA MANAA ISAA ALEEKSAANDIRAA

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi