Kutaa 1
Dhugumaan Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?
1, 2. Namoonni waa’ee Waaqayyoo gaaffii attamii gaafatu? Kan akkas jedhanii gaafatanoo maaliifi?
JIREENYA KEE KEESSATTI ‘Waaqni dhugumaan waa’ee keenya yaadu jira taanaan, rakkinni kun hundi akka jiraatu maaliif heeyyame?’ jettee gaafattee beekta ta’a. Hundi keenyayyuu rakkinni nurra ga’ee beeka; warri kaanis ennaa rakkatan argineerra.
2 Dhugumaaniyyuu, seenaa keessatti waraanaan, gochawwan suukanneessaa ta’aniin, yakkaan, jal’ina murtootiin, hiyyummaadhaan, dhukkubaafi nama jaallatan du’aan dhabuudhaan rakkinniifi dhiphinni namootarra ga’eera. Jaarraa 20ffaa dabarsine kana qofatti, namoonni miiliyoona 100 ol ta’an sababii waraanaatiin ajjeefamaniiru. Namoonni miiliyoona dhibbaan lakkaa’aman garabiraanimmoo, sababuma kanaan miidhaan isaanirra ga’eera ykn manaafi qabeenyasaanii dhabaniiru. Bara keenya kanattis, wantoonni nama suukanneessaniifi gadda guddaa geessisan, namoonni hedduun imimmaan baay’ee akka dhangalaasaniifi akka abdii dhaban godhaniiru.
3, 4. Namoonni baay’een Waaqayyo akka rakkinni jiraatu heyyamuusaatti maaltu itti dhaga’ama?
3 Namoonni tokko tokko, baay’ee gadduusaaniitiin kan ka’e Waaqayyo jiraatuyyuu waa’ee keenya hin yaadu jedhanii dubbatu; ykn Waaqayyo hin jiru jedhanii yaadu. Fakkeenyaaf, namichi sababii ari’atama qomootiin Waraana Addunyaa isa jalqabaatti firoottaniifi maatiisaa du’aan dhabe tokko, “Yeroo isa barbaannetti Waaqayyo eessa ture?” jechuudhaan gaafateera. Namni waraana addunyaa isa lammaffaarratti namoota miiliyoonaan lakkaa’amaniifi loltoota warra Naaziitiin ajjeefaman keessaa oole tokkommoo dhiphina isarra ga’een: “Utuu onnee koo dhandhamtanii isinitti hadhaa’a ture” jechuudhaan gaddasaa ibseera.
4 Kanaan kan ka’es, namoonni hedduun Waaqni gaarii ta’e wanti hamaan akka jiraatu maaliif akka heeyyame hubachuu dadhabu. Dhugumaan, Waaqayyo waa’ee keenya kan yaadu ta’uusaa ykn gonkumaa jiraachuusaa shakku. Namoota kana keessaa garri caalaansaanii rakkinni yoomiyyuu kan jiraatu isaanitti fakkaata.
[Fakkii fuula 2, 3]
Addunyaa haaraan rakkinarraa walaba ta’e dhiheenyatti ni dhufaa?