Kutaa 4
Waaqayyo Kaayyoosaa Nuu Ibseera
1, 2. Waaqayyo, namoota garaa qulqulluudhaan isa barbaadaniif deebii akka kennu akkamitti beekna?
WAAQNI jaalala qabeessa ta’e, namoota garaa qulqulluudhaan isa barbaadaniif kaayyoosaa ni ibsa. Gaaffiiwwan, Waaqayyo rakkinni akka jiraatu maaliif heyyame? jedhuufi gaaffiiwwan garabiraa namoonni gaafataniif deebii ni kenna.
2 Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Yoo isa [Waaqayyoon] barbaaddatte, isa in argatta.” “Inni wanta dhokatanii jiran mul’isu tokko bantii waaqaa keessa jira.” “Waaqayyo gooftaan murtoo isaa isa dhokatee jiru hojjetoota isaa warra raajotatti utuu hin mul’isin, tokko illee hojii irra hin oolchu.”—1 Seenaa 28:9; Daani’el 2:28; Amos 3:7.
Deebiiwwan Kun Eessaa Argamu?
3. Waaqayyo rakkinni akka jiraatu kan heeyyame maaliifi? gaaffii jedhuuf deebii kan argannu eessaati?
3 Gaaffiiwwan, Waaqayyo rakkinni akka jiraatu maaliif heyyame? Rakkina kana hiikuufoo tarkaanfii akkamii fudhata? jedhaniif, kitaaba faayidaa keenyaaf geggeessaa hafuurasaatiin barreeffame keessaa deebii arganna. Kitaabni kunis, Sagaleesaa kan ta’e Macaafa Qulqulluudha. “Caaffanni qulqullaa’aan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame; barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelummaattis leejjisuudhaaf dhimma in baasa. Namni Waaqayyoo waa gochuuf kan danda’e, hojii gaarii hundumaafis kan qophaa’e akka ta’u in godha.”—2 Ximotewos 3:16, 17.
4, 5. Macaafa Qulqulluu kitaabota kaanirra wanti adda godhu maalidha?
4 Dhugumayyuu Macaafni Qulqulluun kitaaba adda ta’edha. Seenaa ilmaan namootaafi haalawwan uumama ilmaan namootaa dura turan sirriitti ibsa. Kana malees, raajiiwwan waa’ee yeroo ammaafi yeroo gara fuulduraa dubbatan waan qabateef kitaaba yeroon itti darbe miti.
5 Seenaa sirrii ta’e galmeessee qabachuudhaan kitaabni Macaafa Qulqulluudhaan qixxaatu hin jiru. Fakkeenyaaf, seenaawwan bara durii harkaan barreeffaman keessaa yeroo har’aatti kan argaman muraasasaanii qofadha. Haata’u malee, Caaffata Qulqullaa’oo bara durii kal’eerratti barreeffaman keessaa guutummaatti ykn gartokkoonsaanii, Afaan Ibrootaatiin Barreeffamoota (kitaabonni “Kakuu Moofaa” 39) 6,000 ta’an Afaan Giriikiitiinimmoo Barreeffamoota (kitaabota “Kakuu Haaraa” 27) 13,000 ta’antu yeroo ammaatti argama.
6. Macaafni Qulqulluun yeroo har’aatti argamu, isa jalqaba geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffamee wajjin yaada walfakkaatu qaba kan jennu maaliifi?
6 Waaqayyo inni waan hundumaa danda’uufi Macaafa Qulqulluu hafuurasaatiin barreessise, Caaffanni Qulqullaa’oon bara duriitti barreeffaman sirriitti eegamanii akka turan godheera. Kanaafuu, Macaafni Qulqulluun yeroo ammaatti argamu, isa jalqaba geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffamee wajjin yaada wal fakkaatu qaba. Kana akka gaariitti hubachuuf kan nu gargaaru wanti biraanimmoo, Caaffanni qulqullaa’oon afaan Griikiitiin kal’eerratti harkaan kan barreeffaman, barreeffamoonni jalqabaa barreeffamanii waggaa dhibba utuu hin darbin ta’uusaati. Barreeffamoonni Macaafa Qulqulluudhaan ala ta’aniifi yeroo har’aatti argaman, hammisaanii baay’ee muraasa ta’uusaarrayyuu isa dura barreeffamee wajjin garaa garummaa waggoota dhibba hedduu qabu.
Kennaa Waaqayyoo
7. Macaafni Qulqulluun hammam bal’inaan tamsa’eera?
7 Kitaabni akka Macaafa Qulqulluu baay’inaan tamsa’e hin jiru. Hanga yoonaatti biiliyoona afurii ol kan ta’u maxxansameera. Kitaabni garabiraan lakkoofsa kanaan qixxaatu hin jiru. Macaafni Qulqulluun guutummaatti ykn gartokkoonsaa afaan 2,500 ol ta’uun hiikameera. Kanaan kan ka’es, namoota addunyaa maratti argaman keessaa harka 98 ol kan ta’an Macaafa Qulqulluu qabu jechuudha.
8-10. Sababiiwwan Macaafa Qulqulluu akka qorru nu godhan tokko tokko maalfa’i?
8 Dhugumayyuu, kitaaba Waaqayyo biraa argameefi dhugaa ta’uusaatiif keessaas ta’e alaa ragaa amansiisaa qabu akkasii qoruun barbaachisaadha.a Macaafni kun, kaayyoon jireenyaa maal akka ta’e, haalli biyya lafaa garamitti adeemaa akka jiruufi yeroon fuulduratti dhufu maal akka qabate ibsa. Kitaabni garabiraan gaaffiiwwan kanaaf deebii kennuu danda’u hin jiru.
9 Eeyyee, Macaafni Qulqulluun meeshaa Waaqayyo namootaa wajjin walitti dhufeenya gochuuf itti fayyadamudha. Namoonni 40 ta’an Sagaleesaa kana akka barreessaniif hafuurasaa kan kenneef isadha. Kanaafuu, Waaqayyo karaa Sagaleesaa, jechuunis karaa Macaafa Qulqulluu nutti dubbata jechuudha. Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Dubbii Waaqayyoo isa nuyi lallabnu yeroo argattan, akka dubbii namaatti utuu hin ta’in akka dubbii Waaqayyootti fudhattaniittu; innoo, dhuguma dubbii Waaqayyoo ti.”—1 Tasaloniiqee 2:13.
10 Pirezidaantii Yuunaayitid Isteet 16ffaa kan turan Abrahaam Liinkan, Macaafni Qulqulluun: “Kennaa Waaqayyo ilmaan namaatiif kenne hundaa kan caaludha . . . Utuu inni hin jiru ta’ee, wanta gaarii waan hamaarraa adda baasnee hin beeknu turre” jechuudhaan dubbataniiru. Erga akkas ta’ee, kennaan Waaqayyoo inni hunda caalu kun, rakkinni akkamitti akka jalqabe, Waaqayyo rakkinni akka jiraatu maaliif akka heyyameefi rakkina kana hambisuuf maal akka godhu nutti hima.
[Miiljalee]
a Wanti Macaafni Qulqulluun dubbatu sirrii ta’uusaatiif ragaa dabalataa argachuu yoo barbaadde, mataduree Macaafni Qulqulluun Sagalee Waaqayyootimoo Kan Namaati jedhuun, kitaaba Waldaa Masaraa Eegumsaa Macaafa Qulqulluufi Tiraaktii Niiwu Yoorkitti argamuun bara 1989tti qophaa’e ilaali.
[Fakkii fuula 10]
Macaafni Qulqulluun geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffame, meeshaa Waaqayyo namootaa wajjin walitti dhufeenya gochuuf itti fayyadamudha.