LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • gf barumsa 18 ful. 30-31
  • Barabaraaf Michuu Waaqayyoo Ta’i!

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barabaraaf Michuu Waaqayyoo Ta’i!
  • Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yihowaa Isa Waaqa Bilisummaa Taʼe Tajaajilaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Daandii Bilisummaa Dhugaa Argamsiisu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Yihowaan Birmadummaa Dhugaatti Akka Si Geessu Heyyami
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Birmadummaa Waaqeffattoonni Yihowaa Argatan
    Waaqa Dhugaa Isa Tokkicha Waaqeffadhu
Dabalataan Ilaaluuf
Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
gf barumsa 18 ful. 30-31

BARUMSA 18

Barabaraaf Michuu Waaqayyoo Taʼi!

Michuu qabaachuufi michooma ofii eeganii jiraachuun carraaqqii gaafata. Michuu Waaqayyoo taʼuufi michoomakee eegdee jiraachuuf carraaqqii yoo goote, eebba guddaa argatta. Yesus namoota isatti amananiin, “Dhugichis birmaduu isin in baasa” isaaniin jedheera. (Yohannis 8:32) Kana jechuun maal jechuudha?

Namoota Jannata keessa jiran lama

Ammumallee birmaduu baʼuu dandeessa. Barumsa sobaafi gowwoomsaa Seexanni babalʼisurraa birmaduu baʼuu dandeessa. Abdii dhabuu namoota miliyoonaan lakkaaʼamaniifi Yihowaa hin beeknetti dhagaʼamurraa birmaduu baʼuu dandeessa. (Roomaa 8:22) Michoonni Waaqayyoo ‘duʼa sodaachuurraallee’ birmaduu baʼaniiru.—Ibroota 2:14, 15.

Addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessatti birmaduu baʼuu dandeessa. Gara fuulduraatti birmaduu dinqisiisaa argatta. Lafa Jannata taatu keessatti waraana, dhukkuba, yakka, hiyyummaafi beela jalaa birmaduu baata. Dullumaafi duʼa jalaa birmaduu baata. Sodaa, hacuuccaafi murtoo jalʼaa jalaa birmaduu baata. Macaafni Qulqulluun Waaqayyoon ilaalchisee, “Ati harka kee in diriirsita, fedha warra lubbuu qaban hundumaas in quufsita” jechuudhaan dubbata.—Faarfannaa 145:16.

Michoonni Waaqayyoo barabaraaf jiraatu. Waaqayyo namoota michuusaa taʼuuf carraaqqii godhan hundaaf kennaa jireenya barabaraa kenna. (Roomaa 6:23) Jireenya barabaraa argachuu jechuun maal jechuu akka taʼe mee yaadi!

Namichi tokkoo fi intalli tokko raacha yommuu ilaalan; dubartiin tokko yommuu halluu dibdu

Yeroo sana waan baayʼee hojjechuuf yeroo argatta. Tarii meeshaa muuziqaa taphachuu barbaadda taʼa. Fakkii kaasuu ykn hojii mukaa barachuu barbaadda taʼa. Waaʼee bineensotaa ykn biqiltootaa barachuu barbaadda taʼa. Naannoo addaddaa deemtee biyyaafi namoota ilaaluu barbaadda taʼa. Jireenya barabaraa yoo argatte kana hundumaa gochuuf yeroo argatta!

Michoota hedduu horachuuf yeroo argatta. Barabaraaf jiraachuun, namoota michoota Waaqayyoo taʼan hedduu wajjin wal baruuf carraa sii bana. Kennaafi amala gaggaarii isaan qaban barta; isaanis michuukee sii taʼu. Atis isaan jaallatta, isaanis si jaallatu. (1 Qorontos 13:8) Jireenya barabaraa argachuun, namoota lafarratti argaman hundumaa wajjin michuu akka taatu si gargaara. Hunda caalaammoo michoomni Yihowaa wajjin qabdu, suutuma suuta guddachaa adeema. Barabaraaf michuu Waaqayyoo akka taatu hawwina!

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi