LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bsi06 ful. 12-15
  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 18—Iyoob

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 18—Iyoob
  • “Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 14
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • FAAYIDAASAA
“Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 14
bsi06 ful. 12-15

Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 18​—Iyoob

Barreessaan: Musee

Bakki Itti Barreeffame: Lafa Onaa

Barreeffamee kan Xumurame: Dh.K.D. 1473

Waggoota Seenaawwan Kun Itti Raawwataman: Dh.K.D. 1657 fi 1473 gidduutti waggoota 140 caalaniif

MACAAFNI Iyoob Caaffata Qulqullaa’aa bara duriitti geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffaman keessaa tokkodha. Macaafa ulfinni guddaan kennamuufiifi yeroo baay’ee caqasamu ta’ullee, namoonni baay’een hin hubatan. Macaafni kun maaliif barreeffame? Yeroo har’aattoo nuuf faayidaa maalii qaba? Deebiinsaa hiika maqaa Iyoob isa “Jibbamaa” jedhurraa argama. Eeyyee, macaafni kun, gaaffiiwwan barbaachisaa ta’an lamaan: Namoota qajeeloorra rakkinni kan ga’u maaliifi? Akkasumas, Waaqayyo rakkinni lafarra akka jiraatu kan heyyame maaliifi? jedhaniif deebii kenna. Gaaffiiwwan kana deebisuuf akka nu gargaarutti, rakkinni Iyoobirra ga’eefi obsa guddaa inni argisiise nuu galmeeffameera. Akkuma Iyoob gaafatetti, wanti hundumtuu galmeeffameera.—Iyoob 19:23, 24.

2 Iyoob obsaafi jabinasaatiin beekama. Haata’u malee namni Iyoob jedhamu jira turee? Diiyaabilos seenaa Iyoob isa fakkeenya jabinaa ta’e kanaa balleessuuf carraaqqii godhuyyuu, deebiinsaa ifaadha. Iyoob nama dhugumaan lafarra jiraatedha! Yihowaan dhugaa baatotasaa akka ta’an, Yesusis namoota lafarra turan ta’uusaanii kan dubbatan, Nohiifi Daani’elii wajjin maqaan Iyoobis akka caqasamu godheera. (His. 14:14, 20; Maatewos 24:15, 37 waliin ilaali.) Ibroonni durii, Iyoob nama dhugumaan lafarra ture ta’uusaa amananii turan. Yaaqoob, Iyoob fakkeenya jabinaa akka ta’u dubbateera. (Yaq. 5:11) Waaqeffattoonni Yihowaa haala akkamii keessattiyyuu jabaatanii dhaabachuun akka danda’amu akka amanan gochuu kan danda’es, fakkeenya seenaa dhugaa waan ta’eefidha. Kana malees, akkaataan yaanni macaafichaa itti ibsame, wanti raawwatame dhugaa ta’uusaa kan mirkaneessudha.

3 Iyoob nama Israa’el ta’uu baatus, Ibroonni durii yeroo hundumaa macaafa kana kutaawwan Macaafa Qulqulluusaanii keessatti dabaluunsaanii Macaafni Iyoob sirriifi hafuura Waaqayyootiin kan barreeffame ta’uusaatiif ragaadha. Hisqi’eliifi Yaaqoob malees Phaawulos macaafa kanarraa caqaseera. (Iyo. 5:13; 1 Qor. 3:19) Macaafichi saayinsiiwwan dhugaa ta’uunsaanii mirkanaa’ee wajjin haala dinqisiisaa ta’een kan wal simu ta’uunsaa, geggeessaa hafuura qulqulluutiin kan barreeffame ta’uusaatiif ragaa quubsaadha. Wanta lafti irra teesse ilaalchisee tilmaamni namoota durii dogoggora ture. Yihowaan ‘lafa utuu homtuu jala hin jiraatin rarraasuunsaa’ akkamitti beekamuu danda’eree? (Iyo. 26:7) Namoonni durii, lafti arbawwan qocaa guddaa galaana keessa jiru tokkorra dhaabatanirra teesse jedhanii amanu turan. Macaafni Iyoob gowwummaa akkasii kan hin dubbanne maaliifi? Yihowaan inni lafa uume ta’e hafuura qulqulluusaatiin dhugaasaa waan ibseefi. Macaafa Iyoob hafuura qulqulluudhaan kan barreessise Yihowaa waan ta’eef, lafaafi uumamashee isa dinqisiisaa, bineensota daggalaafi simbirroota ilaalchisee ibsi kenname sirriidha.a

4 Iyoob biyya Uz keessa jiraachaa kan ture yeroo ta’u, akka qorannaawwan ji’oograafii tokko tokko ibsanitti biyyattiin kun Araba kaabaatti, biyya Edoomonni qabatan birattiifi karaa bahaa biyyattii sanyii Abrahaamiif abdachiifamtetti argamti. Warri Sheebaa karaa kibbaa, warri Kaldootaammoo karaa bahaatiin argamu turan. (1:1, 3, 15, 17) Iyoobirra rakkinni kan ga’e bara Abrahaam booddee baay’ee tureeti. Yeroo sanatti, “biyya lafaa irra namni akka [Iyoob] hin jiru, inni hir’ina kan hin qabne, nama qajeelaa” ture. (1:8) Yeroon kun, yeroo Yoseef inni amantaa jabaa qabu itti du’ee (Dh.K.D. bara 1657) kaasee, hanga yeroo Museen hojiisaa isa jabina gaafatu itti jalqabetti kan turedha. Yeroo Israa’eloonni hafuurota xuraa’oo biyya Gibxii waaqeffatanitti, Iyoob waaqeffannaa dhugaadhaan isaan caalee argameera. Kana malees, gochawwan Macaafa Iyoob boqonnaa isa jalqabaarratti ibsaman, Iyoob dhugumaan akka isa waaqeffatu Waaqayyo dubbachuunsaa, yeroon kun bara abbootii amantii Ibrootaa malee, bara Waaqayyo karaa Seerasaa Israa’eloota qofaa wajjin walitti dhufeenya gaarii itti qabu, jechuunis Dh.K.D. bara 1513 booda jiru kan argisiisu miti. (Amos 3:2; Efe. 2:12) Kanaafuu, Iyoob bara dheeraa waan jiraateef macaafnisaa seenaa Dh.K.D. bara 1657 kaasee hanga bara Museen itti du’ee, jechuunis Dh.K.D. bara 1473 jiru kan qabatedha. Museen macaaficha kan xumure erga Iyoob du’ee yeroo xinnoo booda, jechuunis yeroo Israa’eloonni lafa onaa keessa turanitti.—Iyo. 1:8; 42:16, 17.

5 Macaafa kana Museetu barreesse kan jennu maaliifi? Aadaa durii isa kan Yihudootaafi Kiristiyaanota jaarraa jalqabaarratti hundaa’uudhaani. Walaloon afaan Ibrootaa dogoggora tokko malee Macaafa Iyoob keessatti galmeeffame kun, macaafichi barreeffama bara duriitti afaan Ibrootaa Museen dubbatuun barreeffame ta’uusaa mirkaneessa. Barreeffamoota afaan kan biraatiin barreeffaman kan akka afaan Arabaarraa kan hiikame ta’uu hin danda’u. Kana malees, kutaawwan hololoodhaan barreeffaman macaafa kamiyyuu caalaa kan jalqaba Museen barreesse shananii wajjin baay’ee wal fakkaatu. ‘Sagaleen abdii Waaqayyoo Yihudootatti hadaraa waan kennameef’ seenaa kana kan barreesse akkuma Musee nama Israa’el ta’uu qaba. (Rom. 3:1, 2) Museen ga’eessa erga ta’ee booda biyya Miidiyaam ishee biyya Uzitti dhihoo jirtu keessa waggaa 40 tureera; kunis odeeffannoowwan macaafa Iyoob keessatti barreeffaman akka argatu isa gargaareera. Booddees, Israa’eloonni waggaa 40 biyya onaa keessa yeroo deemaa turanitti, Museen biyya Iyoob bira waan darbeef, seenaa Iyoob isa dhumaa beekuufi galmeessuu danda’eera.

6 Akka Za Niiwu Insaayikilooppeediyaa Biriitaanikaan jedhutti, Macaafni Iyoob yeroo baay’ee “barreeffamoota addunyaa gurguddoo keessaa akka tokkootti lakkaa’ama.”b Ta’us macaafichi barreeffama ogbarruu gurguddaarrayyuu baay’ee kan caaludha. Macaafni Iyoob humna, firdii qajeelaa, ogummaafi jaalala Yihowaa addeessuudhaan kitaabota Macaafa Qulqulluu kaanirra ni caala. Gaaffii guddaa uumama cufa keessatti ka’e caalaatti ifa godhee kaa’a. Yaadawwan macaafota biraa keessumaa akka Uumamaa, Ba’uu, Lallabaa, Luqaas, Roomaafi Mul’ataarra jiraniif ibsa dabalataa kenna. (Iyoob 1:6-12; 2:1-7 Uumama 3:15; Ba’uu 9:16; Luqaas 22:31, 32; Roomaa 9:16-19 fi Mul’ata 12:9; akkasumas Iyoob 1:21; 24:15; 21:23-26; 28:28 akkuma duraa duubasaaniitti Lallaba 5:15; 8:11; 9:2, 3; 12:13 waliin ilaali.) Macaafni Iyoob gaaffiiwwan jireenya ilaalchisee ka’an hedduudhaaf deebii kenna. Hubannaa guddaa waan namaaf argamsiisuuf, dhugumaanuu Sagalee Waaqayyoo isa hafuuraan barreeffame keessaa isa tokkodha.

FAAYIDAASAA

39 Macaafni Iyoob Yihowaa ol ol kan godhu akkasumas ogummaasaa isa gadi fagoofi humnasaa kan mirkaneessudha. (12:12, 13; 37:23) Macaafuma tokkicha kana keessatti, Waaqayyo si’a 31 Isa Hundumaa Danda’u kan jedhame yeroo ta’u, jechi kun macaafota hafan hundaarratti hammana hin argamu. Macaafichi, Waaqayyo bara baraaf kan jiraatu ta’uusaa, guddinasaa, (10:5; 36:4, 22, 26; 40:2; 42:2) murtoosaa isa qajeelaa, gaarummaasaafi araara qabeessa ta’uusaa dubbata (36:5-7; 10:12; 42:12). Fayyina namaa caalaa, Yihowaan waaqa dhugaa ta’uunsaa mirkanaa’uusaarratti xiyyeeffata. (33:12; 34:10, 12; 35:2; 36:24; 40:8) Waaqa Israa’el kan ta’e Yihowaan Waaqa Iyoobis ta’uusaa argisiiseera.

40 Gabaasni Macaafa Iyoob keessatti argamu waa’ee uumamawwan Waaqayyoos ni addeessa. (38:4–39:30; 40:15, 19; 41:1; 35:10) Hima Seera Uumamaa, namni biyyoorraa tolchame, biyyoottis ni deebi’a jedhuu wajjin wal sima. (Iyo. 10:8, 9; Uma. 2:7; 3:19) Jechoota akka ‘furiifi’ ‘deebi’anii jiraachuu’ jedhan gargaaramuudhaan, barumsawwan gurguddaa Caaffata Qulqullaa’aa afaan Giriikii keessatti ibsaman dursee beeksiseera. (Iyo. 19:25; 33:24; 14:13, 14) Raajonnis ta’an namoonni Macaafa Qulqulluu afaan Giriikii barreessan baay’een, ibsa macaafa kanarra jirurraa caqasaniiru. Fakkeenyaaf, Iyoob 7:17—Faarfannaa 8:4; Iyoob 9:24—1 Yohannis 5:19; Iyoob 10:8—Faarfannaa 119:73; Iyoob 12:25—Keessa Deebii 28:29; Iyoob 24:23—Fakkeenya 15:3; Iyoob 26:8—Fakkeenya 30:4; Iyoob 28:12, 13, 15-19—Fakkeenya 3:13-15; Iyoob 39:30—Maatewos 24:28.c

41 Ulaagaan qajeelummaa Yihowaan baase caqasawwan hedduu keessatti ibsameera. Macaafni kun, namni wantoota kana hojjetu surraa Waaqayyoofi jireenya bara baraa argachuu akka hin dandeenye ibsuudhaan, jaalala qabeenyaa (Iyo. 31:24, 25), waaqolii tolfamoo waaqeffachuu (31:26-28), ejja (31:9-12), badiisa warra kaaniitti gammaduu (31:29), firdii jal’aafi namoota wal caalchisuu (31:13; 32:21), ofittummaa (31:16-21), akkasumas amanamoo ta’uu diduufi soba (31:5), balaaleffata. Eliihuun, kabaja argisiisuudhaan, of qabuudhaan, ija jabinaafi Waaqayyoon ol ol gochuudhaan fakkeenya gaarii ta’eera. (32:2, 6, 7, 9, 10, 18-20; 33:6, 33) Rakkinni Iyoobirra ga’e, akkaataan inni maatiisaatiif itti yaaduufi keessummaa kan simatu ta’uunsaa fakkeenya gaarii nuu ta’a. (1:5; 2:9, 10; 31:32) ta’uyyuu, Iyoob caalaatti kan yaadatamu jabaatee dhaabachuufi obsaan danda’uudhaan yeroo ta’u, tajaajiltoota Waaqayyoo hundumaaf, keessumaammoo warra yeroo rakkisaa kana keessa jiraataniif fakkeenya amantaa cimsu ta’a. “Iyoob attam akka obse dhageessaniittu; wanta gooftaan ittiin raawwates argitaniittu. Kunis gooftichi gara-laafessa, oo’a-qabeessas ta’uu isaa in argisiisa.”—Yaq. 5:11.

42 Iyoob sanyii Abrahaam warra kakuun Mootummaa galameef keessaa tokko miti; ta’us, jabinasaa ilaalchisee seenaan galmeeffame kaayyoo Mootummaa Waaqayyoo kan ibsudha. Macaafichi gaaffii guddaa Waaqayyoofi Seexana gidduutti ka’e akkasumas, amanamummaa namoonni Olaantummaa Waaqayyootiif qaban waan ifa godhuuf, Caaffata Qulqullaa’aa keessaa kutaa isa barbaachisaadha. Lafaafi namoota dura kan uumaman ergamoonnis, waan hundumaa akka ilaalaniifi wanta lafarratti ta’u akkasumas dhuma mormii kanaa hawwiidhaan akka eeggatan argisiisa. (Iyo. 1:6-12; 2:1-5; 38:6, 7) Mormiin kun bara Iyoob dura akka jalqabameefi Seexanni qaama hafuuraa dhugumaan jiru ta’uusaa ni ibsa. Macaafa Iyoob kan barreesse Musee yoo ta’e, caaffata afaan Ibrootaa keessatti jechi haas Saataan, (Seexanichi) jedhu yeroo jalqabaatiif iddoo kanatti kan ibsame si’a ta’u, kunis “bofni bara durii” eenyu akka ta’e kan argisiisudha. (Iyo. 1:6, Mul. 12:9) Macaafni kun, ilmaan namaarratti rakkina, dhukkubaafi du’a kan fide Waaqayyo akka hin taane kan mirkaneessu yeroo ta’u, Waaqayyo namoonni hamooniifi hammeenyi akka jiraatan kan heyyameefi qajeelonni garuu kan ari’atman maaliif akka ta’es ni ibsa. Akkasumas Yihowaan gaaffiin ka’e deebii dhumaa akka argatu kan fedhu ta’uusaa ibsa.

43 Namoonni bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo jala jiraachuu barbaadan, ejjennoo cimaa qabaachuudhaan “hadheessituu” kan ta’e Seexanaaf yeroon deebii itti kennan amma. (Mul. 12:10, 11) Namoonni ejjennoo cimaa qaban yeroo ‘qorumsi cimaan’ isaanirra ga’uttillee, maqaan Waaqayyoo akka qulqullaa’uufi Mootummaansaa dhufee Seexanaafi duuka buutotasaa akka balleessu jabaatanii kadhachuu qabu. Yeroon kun “guyyaa lolaa fi guyyaa waraanaa” Waaqayyoo si’a ta’u, isatti aanee yeroon Iyoob hawwe, inni boqonnaafi eebbi itti argamu ni dhufa.—1 Phe. 4:12; Mat. 6:9, 10; Iyo. 38:23; 14:13-15.

[Miiljaleewwan]

a Caaffata Qulqullaa’aa Gadi Fageenyaan Hubachuu, Jildii 1, ful. 280-281, 663, 668, 1166; Jildii 2, ful. 562-563.

b 1987, Jildii. 6, ful. 562.

c Caaffata Qulqullaa’aa Gadi Fageenyaan Hubachuu, Jildii 2, ful. 83.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi