Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 19—Faarfannaa
Barreessitoonni: Daawitiifi namoota biraa
Bakki Itti Barreeffame: Sirriitti Hin Beekamu
Barreeffamee kan Xumurame: Dh.K.D. naannoo 460
MACAAFNI Faarfannaa geggeessaa hafuura qulqulluutiin kan barreeffameefi waaqeffattoonni Yihowaa bara durii itti fayyadamaa turanidha. Akkasumas, faarfannaawwan qulqulluu 150 kan qabate yeroo ta’u, waaqeffannaa mana qulqullummaa Yerusaalem jiru keessatti Yihowaadhaaf dhihaatuuf akka ta’utti muuziqaadhaan kan qindaa’e ture. Faarfannaawwan kun, yaadawwan Yihowaa galateeffatan qofa utuu hin ta’in, kadhannaawwan araaraafi gargaarsa argachuuf dhihaatan, akkasumas Yihowaarratti amantaa qabaachuu ibsan kan qabatanidha. Galata, faarsaafi gammachuu guddaadhaan kan guutamanidha. Isaan keessaa tokko tokko gaarummaafi gocha guddaa Yihowaan raawwate addeessu. Raajiiwwaniinis kan guutaman yommuu ta’u, kanneen keessaas baay’eensaanii haala dinqisiisaa ta’een raawwatamaniiru. Qajeelfama faayidaa qabuufi nama jajjabeessu of keessaa qabu; isaan kunis miira namootaa kan tuqaniifi gadi fageenyaan sammuusaanii keessa fakkiisaa kan kaa’anidha. Faarfannaawwan kun nyaata hafuuraa hedduu akka gaariitti qophaa’aniifi gammachiisaa ta’an qabataniiru.
2 Maqaan macaafichaa hiika maalii qaba? Kan barreesse eenyu? Macaafichi afaan Ibrootaatiin Seefeer Tehiliim kan jedhamu yeroo ta’u, hiiknisaa “Kitaaba Jajaa” jechuudha; salphaadhumatti Tehiliim jechuun “Jajuu” jechuudha. Hundeen qeenteen jecha kanaa Tehiilaah kan jedhu yeroo ta’u, hiiknisaa akkuma ibsa mataduree Faarfannaa 145rratti ibsametti, “Jajachuu” ykn “Faarfannaa Jajachuu” jechuudha. Macaafichi Yihowaa jajachuu kan addeessu waan ta’eef, jecha “Jajachuu” jedhuun ibsamuunsaa sirrii ta’a. Matadureen afaan Ingiliffaatiin “Saalmis” jedhamu kun, jecha Saptuujantii afaan Giriikii Saalmooy jedhurraa dhufe yeroo ta’u, jechi kun faarfannaawwan meeshaa muuziqaatiin faarfataman argisiisa. Jechi kun, Luqaas 20:42fi Hojii Ergamootaa 1:20 dabalatee Caaffata Qulqullaa’aa afaan Giriikii hedduu keessatti ni argama. Faarfannaan, walaloo Waaqayyoon waaqeffachuufi jajachuuf gargaarudha.
3 Faarfannaawwan kana keessaa hedduunsaanii ibsa mataduree kan qaban si’a ta’u, kunis yeroo baay’ee barreessaa faarfannaa sanaa kan himudha. Ibsawwan mataduree torbaatamii sadi ta’an, maqaa Daawit isa ‘faarfannaa qopheessee faarfachuudhaan Israa’eloota gammachiisaa ture’ kan ibsanidha. (2 Sam. 23:1) Faarfannaa 2, 72, fi Faarfannaa 95 kan barreesses Daawit ta’uunsaa beekamaadha. (Hojii Ergamootaa 4:25, Faarfannaa 72:20, fi Ibroota 4:7 ilaali.) Kana malees, Faarfannaan 10fi 71, Faarfannaa 9fi 70tti aananii kan barreeffaman waan fakkaatuuf isaaniin kan barreesse Daawit ta’uu hin oolu. Asaaf faarfannaawwan 12 kan barreesse yeroo ta’u, kana keessaa tokko tokko wantoota erga Asaaf du’ee booda ta’an waan dubbataniif maqaan Asaaf jedhu maatiisaa kan bakka bu’u ta’uu hin oolu. (Far. 79; Far. 80; 1 Sen. 16:4, 5, 7; Iz. 2:41) Faarfannaawwan kudha tokkommoo ilmaan Qoraahitu barreesse. (1 Sen. 6:31-38) Faarfannaan 43 Faarfannaa 42tti aanee kan barreeffame waan fakkaatuuf isas kan barreesse ilmaan Qoraah ta’uu hin oolan. Kana malees, ibsi mataduree Faarfannaa 88 gararraa jiru “ilmaan Qoraah” qofa utuu hin ta’in maqaa Hemaanis ni ibsa; Faarfannaan 89mmoo barreessaansaa Etaan ta’uusaa dubbata. Faarfannaa 90 kan barreesse Musee yeroo ta’u, Faarfannaa 91 kan barreesses isuma ta’uu hin oolu. Faarfannaa 127 Solomoontu barreesse. Kanaafuu, gara caalaan faarfannichaa Daawitiin dabalatee namoota adda addaatiin barreeffame jechuudha.
4 Macaafni Faarfannaa kitaabota Macaafa Qulqulluu keessaa isa guddaadha. Faarfannaa 90, 126fi 137rraa hubachuun akka danda’amutti, macaafichi jalqabamee hamma xumuramutti waggoota dheeraa kan fudhate yommuu ta’u, yoo xinnaate erga Museen barreessee (Dh.K.D. bara 1513-1473) kaasee hanga yeroo Yihudoonni biyya Baabilonii deebi’anii booddee, tarii hamma bara Izraatti (Dh.K.D. bara 537–naannoo 460) fudhachuu hin oolu. Kanaaf, macaafichi barreeffamee dhumuuf gara waggaa kuma tokkoo fudhateera. Seenaan macaaficha keessatti ibsame uumamaa kaasee hanga yeroo macaafichi barreeffamee dhumutti walitti dhufeenya Yihowaan tajaajiltootasaa wajjin qabu kan ibsu waan ta’eef, caalaatti seenaa yeroo dheeraa kan qabatedha.
5 Macaafni Faarfannaa faarfattoonni qindoomanii akka turan argisiisa. Daawitiyyuu akkas jechuudhaan dubbateera: “Toora Waaqayyo koo, mootiin koo gara iddoo qulqullaa’aatti ittiin galaa jiru, isaan hundinuu arganiiru. Warri faarfatan fuula duraan, warri mi’a faarfannaa dhageessisan booddeedhaan, durboonni warri dibbee rukutan gidduudhaan turan. Walga’ii keessan hundumaa keessatti maqaa Waaqayyoo eebbisaa!” (Far. 68:24-26) Kunis, jechi ibsa matadureerratti “Geggeessituu” jedhuufi jechoonni walaloofi muuziqaa irra deddeebi’amanii kan ibsaman maaliif akka ta’e ibsa. Ibsi mataduree tokko tokko faayidaa faarfannaa tokkoo ykn kaayyoosaa kan ibsu, ykn faarfannichaaf qajeelfama kan kennudha. (Ibsa mataduree Faarfannaa 6, 30, 38, 60, 88, 102, fi Faarfannaa 120 ilaali.) Faarfannaa 18fi 51 dabalatee yoo xinnaate Faarfannaawwan Daawit 13 ta’an kaayyoo maaliitiif akka qindeeffaman gabaabumatti ibsameera. Faarfannaawwan soddomii afur guutummaatti ibsa mataduree hin qaban. Jechi gabaabaan “Seelaah” jedhu Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraatiin Macaafa Faarfannaa keessatti bakka 71tti argama. Faayidaan jecha kanaa sirriitti kan hin beekamne ta’us, jecha faarfannicha yaadatti qabachuuf gargaaru akka ta’e yaadama. Namoonni tokko tokkommoo, jechi kun bakka faarfannaawwan gidduutti ykn faarfannaafi sagalee meeshaa muuziqaa gidduutti xiinxaluuf xinnoo itti dhaabatan argisiisa jedhu. Kanaafuu isas dabalanii dubbisuun barbaachisaa miti.
6 Bara duriitii kaasee macaafni Faarfannaa kitaabota adda addaa ykn jildii shanitti qoodamaa tureera; isaanis: (1) Faarfannaa 1-41; (2) Faarfannaa 42-72; (3) Faarfannaa 73-89; (4) Faarfannaa 90-106; (5) Faarfannaa 107-150. Jildii isa jalqabaa kan qopheesse Daawit ta’uu hin oolu. Dhumarratti Macaafa Faarfannaa bifa akkasii kan qabsiise Izraa lubicha isa ‘seera Musee ba’eessa godhee beeku [barreessu, NW]’ ta’uunsaa mirkanaa’aadha.—Iz. 7:6.
7 Akkaataan macaafichi itti barreeffame, iddoo adda addaatti faarfannaawwan akka Faarfannaa 14fi Faarfannaa 53; Faarfannaa 40:13-17fi Faarfannaa 70; Faarfannaa 57:7-11fi 108:1-5 maaliif akka irra deebi’aman ibsuu danda’a. Kutaan shananuu dhumasaaniirratti Yihowaa galateeffachuudhaan ykn jajachuudhaan xumuru; isaan keessaa kutaawwan arfan jalqabaa deebii namoonni kennaniin kan xumuraman yeroo ta’u, guutummaan Faarfannaa 150mmoo Yihowaa galateeffachuudhaan xumuramu.—Dhuma Faarfannaa 41, 72, 89 fi 106 ilaali.
8 Faarfannaawwan sagal akkaataa duraa duuba qubeetiin waan barreeffamaniif haala adda ta’een qindeeffaman. (Faarfannaa 9, 10, 25, 34, 37, 111, 112, 119, fi 145) Lakkoofsawwan jalqabaa faarfannaawwan olitti ibsaman kanaa, qubee Ibrootaa isa duraa ʼaleef (א) jedhamuun jalqabu. Lakkoofsawwan itti aananimmoo qubee lammaffaa bet (ב) jedhamuun kan jalqabaman yeroo ta’u, akka kanaan qubeewwan afaan Ibrootaatiin itti fufa. Kun kan godhame salphaatti akka yaadatamuuf ta’a. Mee faarfattoonni mana qulqullummaa faarfannaawwan dheeraa akka Faarfannaa 119 jiran yaadatti qabatanii yeroo faarfatan yaadi! Miiljalee Hiika Addunyaa Haaraarratti akka ibsametti, Faarfannaa 96:11rratti maqaan Yihowaa jechoota walirraa fagaatanii barreeffaman keessatti caqasamuunsaa kan nama gammachiisudha. Afaan Ibrootaatiin walakkaan caqasa kanaa inni jalqabaa jechoota afur kan qabu yeroo ta’u, qubeewwan jalqabaa jechoota kanaa mirgaa gara bitaatti ennaa dubbifaman, qubee dubbifamaa afaan Ibrootaa Tetiraagiraamaatan, YHWH (יהוה) jedhamanidha.
9 Faarfannichi qubeewwan sagalee wal fakkaatu qabaniin kan hin xumuramne ta’us, sammuufi garaa namaa kan tuqudha. Yaadasaa karaa ifa ta’een sammuu keessa ni kaa’a. Barumsichi bal’inaafi gadi fageenyaan akkasumas miira cimaadhaan akka ibsamu kan godhe seenaa Daawit isa faarfannaawwan kanaaf bu’uura ta’edha. Daawit ijoollummaasaatti tiksee kan ture, kophaasaa Goliyaadiin kan lole, mana mootummaa keessatti faarfataa kan ture, hiriyoota amanamoo birattis ta’e gantoota biratti akka nama hamaatti kan ilaalame, mootii kan ture, abbaa jaalala qabeessa kan ture, maatiisaa keessatti garaagarummaan kan uumameefi cubbuu guddaa hojjechuusaatiin si’a lama rakkinni kan isarra ga’e ta’uyyuu, garaasaatii Yihowaa kan waaqeffatuufi seerasaa kan jaallatu ture. Namni haala jireenyaa garaagaraa akkasii dabarse baay’een hin jiru. Seenaa kana hundumaa yeroo ilaallu, Macaafni Faarfannaa miira ilmaan namootaa hundumaa kan tuqu ta’uunsaa kan nama dinqisiisu miti. Macaafni kun, walaloofi walbira qabuu caqasawwan afaan Ibrootaa ittiin beekamaniin barreeffamuunsaa humnaafi bareedina isaaf dabaleera.—Far. 1:6; 22:20; 42:1; 121:3, 4.
10 Faarfannaawwan durii galata Yihowaatiif faarfataman kun, kutaawwan Caaffata Qulqullaa’aa kaanii wajjin wal simuunsaanii sirrii akka ta’an mirkaneessa. Barreessitoonni Caaffata Qulqulluu afaan Giriikii barreessan, Macaafa Faarfannaarraa al baay’ee caqasaniiru. (Far. 5:9 [Rom. 3:13]; Far. 10:7 [Rom. 3:14]; Far. 24:1 [1 Qor. 10:26]; Far. 50:14 [Mat. 5:33]; Far. 78:24 [Yoh. 6:31]; Far. 102:25-27 [Ibr. 1:10-12]; Far. 112:9 [2 Qor. 9:9]) Daawitiyyuu faarfannaasaa isa dhumaarratti, “Hafuurri Waaqayyoo ana keessaan in dubbate, dubbiin isaa afaan koo keessa jira” jedheera. Gaafa Saamu’el isa dibee kaasee hafuurri kun isarratti hojjechaa ture. (2 Sam. 23:2; 1 Sam. 16:13) Ergamoonni Yesusis Macaafa Faarfannaarraa caqasaniiru. Phexros, ‘dubbii macaafaa, hafuurri qulqulluun duraan dursee afaan Daawitiin dubbaterraa’ caqasuudhaan, caqasoota hedduu Waaqayyo afaansaatiin akka dubbate, ykn “akkuma hafuurri qulqulluun jedhu” jechuudhaan caqaseera.—HoE. 1:16; 4:25; Ibr. 1:5-14; 3:7; 5:5, 6.
11 Ragaa guddaan macaafichi sirrii ta’uusaa mirkaneessu, Yesus, du’aa ka’e bartootasaatiin: “Waa’ee kootiif seera Musee, macaafa raajotaa fi, macaafa faarfannaa keessatti kan caafame hundinuu raawwatamuuf akka jiru, kan ani isinitti hime, kunoo, isa kana” jechuudhaan dubbachuusaati. Yesus Caaffata Qulqullaa’aa afaan Ibrootaa akka haala Yihudootaatiif ta’uufi karaa isaan beekaniin isaaniif dhiheessa ture. Macaafa Faarfannaa caqasuunsaa, macaafota kutaa sadaffaa keessatti lakkaa’amaniifi Haagiiwoogiraafaa (Caaffata Qulqullaa’aa) jedhaman hundumaa ibsuusaa ture. Isaan keessaammoo inni duraa Faarfannaadha. Namoota gara Emaahus deeman lamatti ‘wanta waa’ee isaa dubbatu hundumaa yommuu hiikuuf’ wanti dubbate kana kan mirkaneessudha.—Luq. 24:27, 44.
FAAYIDAASAA
23 Faarfannaawwan Macaafa Qulqulluu keessatti argaman mudaa kan hin qabneefi haala bareedaa ta’een waan barreeffamaniif, ogbarruu gurguddaa afaan kamiiniyyuu barreeffame keessatti dabalamuu danda’u. Ta’us ogbarruu gurguddaa kamirrayyuu ni caalu. Ergaa Yihowaa isa uumama cufarratti Olaantummaa qaburraa dhufedha. Waan hundumaa duraafi hundumaa caalaa waa’ee Yihowaa isa abbaa ergaa kanaa ta’e dubbachuudhaan, barumsawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu gadi fageenyaan nu hubachiisa. Yihowaan Uumaa uumama cufaafi wantoota isa keessa jiran hundaa ta’uunsaa mirkanaa’eera. (8:3-9; 90:1, 2; 100:3; 104:1-5, 24; 139:14) Maqaan Yihowaa Macaafa Faarfannaa keessatti iddoo guddaan kan kennameef yeroo ta’u, Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa keessatti bakka 700tti argama. Maqaansaa “Yaah” jedhamuudhaan gabaabbatee bakka 43tti waan argamuuf, walumatti maqaan Waaqayyoo boqonnaa hundumaarratti giddu galeessaan bakka 5tti argama. Kana malees Yihowaan bakka 350tti ʼElohiim, ykn Waaqayyo jedhameera. Faarfannaawwan hedduu keessattimmoo Gooftaa Hundaa olii kan jedhame si’a ta’u, kunis aangoo guddaa Yihowaan uumamasaa bulchuuf qabu argisiisa.
24 Macaafichi, Waaqa bara baraarraa haala adda ta’een, namni cubbuu wajjin waan dhalatuufi waan du’uuf furiin akka isa barbaachisu dubbata. Akkasumas akka du’uufi ‘deebi’ee biyyoo akka ta’u,’ gara awwaalchaa (Sii’ol) akka dhaqus ni ibsa. (6:4, 5; 49:7-20; 51:5, 7; 89:48; 90:1-5; 115:17; 146:4) Macaafni Faarfannaa seera Waaqayyoo hordofuun akkasumas Yihowaatti amanamuun barbaachisaa ta’usaa ibsa. (1:1, 2; 62:8; 65:5; 77:12; 115:11; 118:8; 119:97, 105, 165) Of tuulummaafi ‘balleessaa dhokaterraa’ akka fagaannu nu akeekkachiisa. (19:12-14; 131:1) Namootaa wajjin walitti dhufeenya dhugaarratti hundaa’eefi gaarii ta’e akka qabaannu nu jajjabeessa. (15:1-5; 26:5; 101:5) Amala gaarii qabaachuun Yihowaa biratti fudhatama akka namaaf argamsiisu dubbata. (34:13-15; 97:10) “Fayyisuun kan Waaqayyooti” akkasumas, warra isa sodaatan “lubbuu isaanii du’a in oolcha” jechuudhaan abdii gammachiisaa kenna. (3:8 [1899]; 33:19) Kunimmoo gara raajiitti nu geessa.
25 Macaafni Faarfannaa, raajiiwwan gahee Yesus Kiristos “sanyii Daawit” akkasumas Mootii Yihowaan dibe ta’uudhaan qabu dubbataniin kan guutamedha.a (Mat. 1:1) Gumiin Kiristiyaanaa Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti yeroo hundeeffame, hafuurri qulqulluun ergamoota Yesusirratti dhangala’uudhaan akkaataa raajiiwwan kun itti raawwataman ilaalchisee hubannaa kenneeraaf. Phexros gaafa sana haasawaa ennaa dhiheessu, Macaafa Faarfannaarraa irra deddeebi’ee caqaseera. Kan dubbatu waa’ee nama tokkoo jechuunis waa’ee “Yesus nama Naazireet” ture. Kutaan haasawaa kanaa inni gara booddee guutummaatti kan hundaa’e, caqasawwan Faarfannaa Yesus Kiristos Daawit isa guddaa akka ta’e, Yihowaan lubbuu Yesus iddoo lafa jalaa (Hedees) keessatti akka hin dhiisne, kanaa mannaa du’aa akka isa kaasu dubbatanirratti ture. “Daawit ofii isaa gara waaqaatti ol hin baane,” akkuma inni Faarfannaa 110:1rratti raajii dubbate kan ol ba’e Gooftaasaati. Gooftaan Daawit eenyu? Phexros xumura haasawaasaarratti “Yesus isa isin muka irratti fanniftan” jechuudhaan ija jabinaan deebii kenneera.—HoE. 2:14-36; Far. 16:8-11; 132:11.
26 Haasawaan Phexros Macaafa Faarfannaarratti hundaa’ee dhiheesse faayidaa kan qabu turee? Guyyuma sanatti namoonni 3,000 cuuphamanii gumii Kiristiyaanaatti dabalamuunsaanii kanaaf ragaadha.—HoE. 2:41.
27 Yeroo xinnoo booda, walga’ii guddaa tokkorratti bartoonni Yesus Faarfannaa 2:1, 2 caqasuudhaan Yihowaa kadhataniiru. Mootonni, “Hojjetaa . . . isa qulqulluu, Yesus isa [Waaqayyo] isa dibde” mormuudhaaf gurmaa’uusaaniitiin raajiin kun raawwatamuusaa ibsaniiru. Seenaansaa itti fufee, “hundumti isaaniis hafuura qulqulluudhaan guutaman” jedha.—HoE. 4:23-31.
28 Amma xalayaa Ibrootaaf barreeffame haa ilaallu. Boqonnaan jalqabaa lamaan Macaafa Ibrootaa Faarfannaarraa caqasa hedduu caqasuudhaan Ilma Waaqayyoo kan ta’e Yesus ergamootaa ol ta’ee samiirratti teessoo mootummaarra taa’uusaa dubbata. Phaawulos Faarfannaa 22:22 fi caqasawwan biraa caqasuudhaan, Yesus “obboloota” sanyii Abrahaam ta’aniifi ‘waamicha isa waaqarraa keessaa hirmaatan’ akka qabu dubbateera. (Ibr. 2:10-13, 16; 3:1) Achiis, Phaawulos Ibroota 6:20 hanga boqonnaa 7tti, aangoo dabalataa Yesus “akkuma Malkiisedeqitti bara baraan angafa lubootaa ta’ee” tajaajiluuf qabu bal’inaan ibseera. Kunis, kakuu Waaqayyo Faarfannaa 110:4rratti argamu kan ibsu yeroo ta’u, Phaawulos lubummaan Yesus isa kan Aaronirra akka caalu ibsuuf caqasa kanatti al baay’ee gargaarameera. Phaawulos, kakuu Yihowaan galeen Yesus Kiristos lafarratti utuu hin ta’in samiirratti “bara baraan luba ta’ee in jiraata” jechuudhaan dubbateera. Luba ta’ee tajaajiluunsaa faayidaa bara baraa namaaf argamsiisa.—Ibr. 7:3, 15-17, 23-28.
29 Kana malees Ibroonni 10:5-10, Yesus jireenya aarsaa kaffalchiisu jiraachuunsaa fedhii Yihowaa akka ta’e, akkasumas Yesus jireenya akkasiitiif dinqisiifannaa qabaachuusaafi fedhii kanas raawwachuuf murtoo gochuusaa nutti hima. Kunis wanta Daawit Faarfannaa 40:6-8rratti dubbaterratti kan hundaa’edha. Hundi keenya amala nama Waaqayyoo ta’uu kana yoo hordofne, isa biratti fudhatama arganna.—Faarfannaa 116:14-19 ilaali.
30 Yeroon Yesus fannoorratti rakkina guddaadhaan dabarse, raajiinsaa Macaafa Faarfannaa keessatti bal’inaan dubbatamee ture. Kunis, daadhiin wayinii hadhooftuudhaan makame isaaf kennamuusaa, uffatasaarratti muka buufachuusaanii, harkiifi miillisaa mismaaraan rukutamuusaa, itti ga’isuusaaniifi dhiphina guddaadhaan guutamee “Elii, Elii lamaa sabaktanii?” jechuudhaan iyyuusaa kan dabalatudha. (Mat. 27:34, 35, 43, 46; Far. 22:1, 7, 8, 14-18; 69:20, 21) Akkuma Yohannis 19:23-30rratti ibsametti, Yesus raajiin dubbatame kun hundumtuu raawwatamuu akka qabu waan beekuuf, sa’aatii dhumaa sanattillee Macaafa Faarfannaarraa jajjabinaafi qajeelfama hedduu argateera jechuun ni danda’ama. Yesus, Macaafni Faarfannaa waa’ee du’aa ka’uufi ulfina argachuusaa akka dubbatu beeka ture. Galgala du’uusaa dura turetti bartootasaa wajjin ‘faarfannaa galataa’ yeroo faarfatan, wanti kun hundumtuu sammuusaa keessa akka ture hin shakkisiisu.—Mat. 26:30.
31 Kanaafuu, Macaafni Faarfannaa “ilmi Daawit” akkasumas Sanyiin Mootummichaa, Yesus Kiristos isa yeroo ammaatti Xiyoon ishee samii keessatti Mootiifi Luba ta’uudhaan ulfina argate ta’uusaa ifa godha. Caqasawwan Macaafa Faarfannaa keessatti argamaniifi isa Yihowaan dibe kanarratti raawwatamuunsaanii Caaffata Qulqullaa’aa afaan Giriikii keessatti ibsaman hundumaarratti gadi fageenyaan ibsa kennuuf iddoon hin ga’u. Ta’uyyuu fakkeenyawwan tokko tokko haa ilaallu: Far. 78:2—Mat. 13:31-35; Far. 69:4—Yoh. 15:25; Far. 118:22, 23—Mar. 12:10, 11 akkasumas, HoE. 4:11; Far. 34:20—Yoh. 19:33, 36; Far. 45:6, 7—Ibr. 1:8, 9. Gumiin duuka buutota Yesusis dhuunfaadhaan utuu hin ta’in gareedhaan, saba hundumaa keessaa waamamanii hojii maqaa Yihowaatiif ulfina fidurratti hirmaachuuf isa biratti fudhatama akka argatan Faarfannaa keessatti raajiin dubbatamee ture.—Far. 117:1—Rom. 15:11; Far. 68:18—Efe. 4:8-11; Far. 95:7-11—Ibr. 3:7, 8; 4:7.
32 Macaafa Faarfannaa qayyabachuun keenya, bulchiinsa Mootummaa Yihowaa, isa Inni ulfinaafi qulqullummaasaatiif jecha karaa Sanyii abdachiifameefi Dhaaltuu Mootummichaa ta’een geggeessuuf dinqisiifannaa qabnu nuu dabala. Yeroo hundumaa namoota amanamoo ‘simboo ulfina Yihowaatti’ gammadaniifi “faarfannaa jajachuu; kan Daawit” kan jedhame Faarfannaa 145rratti akkas isaaniif jedhame haa taanu: “Isaan waa’ee ulfina mootummaa kee in dubbatu, waa’ee hojii aangoo kees in himu. Hojii kee isa aango-qabeessa, ulfina mootummaa kee isa simbo-qabeessas, ilmaan namootaatti beeksisuudhaaf kana in godhu. Mootummaan kee mootummaa baraa fi bara hundumaa ti, mo’uun kee dhalootaa hamma dhaloota hundumaatti; [Waaqayyo dubbii isaa hundumaatti amanamaa dha, hojii isaa hundumaattis gaarummaa in argisiisa.]” (Far. 145:5, 11-13) Raajiin Faarfannaa keessatti argamu akkuma jedhu, yeroo ammaa ulfinni Mootummaa Waaqayyoo inni Yesus Kiristosiin hundeeffamee ilmaan namootaa saba hundumaa keessatti argamanitti himamaa jira. Mootummaa kanaafi Mootiisaatiif galata guddaa galchuu qabna! Macaafni Faarfannaa “wanti hafuura baafatu hundinuu Waaqayyoon haa jajatu! Waaqayyoon jajadhaa!” jechuudhaan xumuruunsaa sirriidha.—150:6.
[Miiljaleewwan]
a Caaffata Qulqullaa’aa Gadi Fageenyaan Hubachuu, Jildii. 2, ful. 710-711.