Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 20—Fakkeenya
Kan Dubbatan: Solomoon, Aguur, Lemu’el
Bakki Itti Barreeffame: Yerusaalem
Barreeffamee Kan Xumurame: Dh.K.D. naannoo 717
SOLOMOON ilmi Daawit Dh.K.D. bara 1037tti Israa’elirratti mootii yeroo ta’u, Yihowaan “ogummaafi beekumsa” “ittiin saba kana bulchu” akka isaaf kennu kadhatee ture. Yihowaanis ‘beekumsa, ogummaafi hubannaa’ isaaf kenneera. (2 Sen. 1:10-12; 1 Mot. 3:12; 4:30, 31) Kanaan kan ka’e Solomoon “fakkeenya kuma sadii dubbate.” (1 Mot. 4:32) Fakkeenya ogummaa kana keessaa tokko tokko, kitaaba Macaafa Qulqulluu kan ta’e Macaafa Fakkeenyaa keessatti galmeeffamaniiru. Ogummaansaa “ogummaa Waaqayyo Solomooniif kenne” waan ta’eef, fakkeenya kana qayyabachuu jechuun ogummaa Yihowaa qayyabachuu jechuudha. (1 Mot. 10:23, 24) Fakkeenyi kun dhugaawwan bara baraaf hin jijjiiramne gabaabsee kaa’a. Akkuma yeroo dubbataman sanaatti yeroo ammaattis faayidaa guddaa qabu.
2 Qajeelfama Waaqayyoo kana dabarsuuf yeroon bulchiinsa Solomoon mijaa’aa ture. Solomoon “teessoo Waaqayyoo irra in taa’e” jedhameera. Bulchiinsi Waaqayyoo Israa’el keesatti sadarkaa guddaarra ga’ee ture. Solomoonis “surraa mootummaa” hunda caalu argatee ture. (1 Sen. 29:23, 25) Barrisaa kan nagaa, kan quufaafi kan tasgabbii ture. (1 Mot. 4:20-25) Haata’u malee, bulchiinsa Waaqayyoo kana jalattiyyuu namoonni gonkummaa waan hin qabneef rakkoon dhuunfaatti isaanirra ga’a ture. Kanaafuu, namoonni rakkoosaaniitiif furmaata argachuuf Mootii ogeessa ta’e Solomoon bira dhaquuf sababii ga’aa qabu turan. (1 Mot. 3:16-28) Karaawwan akkasii hedduudhaan yeroo firdii kennutti, fakkeenya haalawwan adda addaa namoota mudataniif ta’u dubbateera. Namoonni akka fedha Waaqayyootti jiraachuu barbaadan, fakkeenyawwan gabaabaa ta’aniyyuu nama gammachiisan kana akka waan guddaatti ilaalu.
3 Macaafichi Solomoon Macaafa Fakkeenyaa barreessuusaa hin dubbatu. Haata’u malee, Solomoon fakkeenya ‘dubbateera;’ akkasumas “fakkeenya baay’ee itti yaadee, qoree, tarree galchee in qopheesse” jechuudhaan, bara booddeetti faayidaarra akka ooluuf fakkeenya barreessee kaa’uun fedhiisaa akka ture dubbata. (1 Mot. 4:32; Lal. 12:9) Bara Daawitiifi Solomoonitti, xu’aashota maqaansaanii galmeeffame keessaa barreessitoonni mootiis ibsamaniiru. (2 Sam. 20:25; 2 Mot. 12:10) Barreessitoonni mana mootummaasaa keessa turan fakkeenyawwan kana barreessuufi walitti qabuusaanii sirriitti hin beeknu; haata’u malee yeroo sanatti wanti namni dandeettii guddaa qabu tokko dubbate iddoo guddaan kennameefii waan barreeffamuuf, keessumaa wanti namni akka Solomoon dubbatemmoo barreeffamuunsaa hin shakkisiisu. Macaafichi yaadawwan macaafota biraarraa walitti qabaman akka qabate irratti walii galameera.
4 Macaafni Fakkeenyaa kutaa shanitti hiramuu danda’a. Isaanis: (1) Fakkeenya Boqonnaa 1-9, jechoota “Fakkeenyonni Solomoon ilma Daawit” jedhaniin jalqaba; (2) Fakkeenyi Boqonnaan 10-24, “Fakkeenyonni Solomoon” jedhee jalqaba; (3) Fakkeenyi Boqonnaan 25-29, “Isaan kunis immoo fakkeenyota Solomoon, isa namoonni Hisqiyaas mootii Yihudaa caaffata irraa garagalfatanii dha” jechuudhaan jalqaba; (4) Fakkeenyi Boqonnaan 30nis, seensasaarratti “Jecha Aguur ilma Yaaqee” jedha; akkasumas (5) Fakkeenyi Boqonnaan 31 jalqabasaarratti akkas jedha: “Jechi kanatti fufee jiru, isa haati Lemu’el mootii Maasaa ittiin isa gorsitee dha.” Kanaafuu fakkeenyota kana keessaa baay’eensaanii kan Solomoon turan jechuudha. Eenyummaa Aguuriifi Lemu’el ilaalchisee wanti ifa ta’e hin jiru. Macaafni Qulqulluu afaan Oromoo, Aguur “nama biyya Maasaa” akka ta’eefi Lemu’elimmoo “mootii Maasaa” akka ta’e haadubbatu malee, Macaafa Qulqulluu afaan isa jalqabaatiin barreeffamerratti garuu yaanni kun hin argamu. Namoonni yaada kennan tokko tokkommoo, Lemu’el maqaa biraa Solomooniif kenname ta’uusaa dubbatu.
5 Macaafni Fakkeenyaa kan barreeffameefi walitti kan qabame yoomi? Garri caalaansaa bara bulchiinsa Solomoonitti (Dh.K.D. bara 1037-998), jechuunis inni Waaqayyoon ganuusaa dura barreeffamuunsaa hin shakkisiisu. Eenyummaan Aguuriifi Lemu’el sirriitti waan hin beekamneef, fakkeenyisaanii yoom akka barreeffame dubbachuun hin danda’amu. Kutaawwan kana keessaa inni tokko kan walitti qabame bulchiinsa Hisqiyaasitti (Dh.K.D. bara 745-717) waan tureef, fakkeenyi dhumaa kan walitti qabame bulchiinsasaa dura ta’uu hin danda’u. Kutaan lamaan dhumaa kunis kan walitti qabaman bara bulchiinsa Hisqiyaasitti turee? Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa—Isa Hiika Jechootaa Qaburratti miiljaleen Fakkeenya 31:31f kenname akkas jechuudhaan deebii kenna: “Barreeffamoota afaan Ibrootaa yeroo adda addaatti maxxanfamanirratti tiriigiraamaataniin, jechuunis qubeewwan jechoota Heet, Zaayin, Qoof (חזק) jedhamanirraa argaman sadan ni argamu; kunimmoo Hisqiyaas Mootichi barreessitoonnisaa waan barreessan xumuruusaanii mirkaneessuuf mallatteessuusaa kan argisiisu ture.”
6 Macaafa Qulqulluu afaan Ibrootaatiin macaafichi kan waamamu jecha jalqabaa macaaficharra jiruun ture; jechi kun mishleh kan jedhu si’a ta’u, hiiknisaa “fakkeenyota” kan jedhudha. Jechi mishleh jedhu, jecha afaan Ibrootaa maqaa maashaal jedhurraa heddoomee kan argame yommuu ta’u, maqaan kunis jecha hundee hiiknisaa “fakkaachuu” jedhurraa akka argame yaadama. Macaafni Fakkeenyaa, ibsa gabaabaa wantoota wal fakkeessuufi walbira qabu akkasumas namni fakkeenya kana dhaggeeffatu akka yaadu kan godhu waan ta’eef, jechoonni kun qabiyyee macaafichaa sirriitti ibsu. Fakkeenyonni kun gabaabbatanii kaa’amuunsaanii, salphaatti akka hordofamaniifi kan nama gammachiisan akka ta’an, akkasumas salphaatti himamuu, baramuufi yaadatamuu akka danda’an godheera. Yaannisaas kan walqabatedha.
7 Akkaataan yaannisaa itti ibsame kan nama dinqisiisudha. Akkaataa walaloo afaan Ibrootaatiin barreeffame. Macaafichi garri caalaansaa walaloo walbira qabameen kan barreeffamedha. Kana jechuun garuu, akka walalootti dhumnisaanii qubeewwan sagalee walfakkaatu qabaniin xumuramu jechuu miti. Yaadawwan wal fakkaatan irra deddeebi’ee ibsa. Akka kanaan barreeffamuunsaa qajeelfama namatti toluufi humna qabu akka ta’u gargaareera. Yaannisaa kan wal fakkaatu ykn faallaa ta’uu danda’a; haata’u malee dhimma tokko irra deddeebi’ee ibsuunsaa yaadasaa bal’isa; akkasumas hiika yaada sanaa sirriitti nama hubachiisa. Yaadawwan wal fakkaataniifi walbira qabaman Fakkeenya 11:25; 16:18; 18:15rratti, yaadawwan faallaa ta’aniifi walbira qabamaniimmoo Fakkeenya 10:7, 30; 12:25; 13:25; akkasumas 15:8rratti argamu. Akkaataan barreeffamaa kan biraan dhuma macaafichaarratti argama. (Fak. 31:10-31) Lakkoofsawwan digdamii lamaan kun hundisaanii duraa duuba qubee afaan Ibrootaatiin barreeffamaniiru. Akkaataan barreeffamaa kunis akroostiik jedhamee kan beekamu si’a ta’u, faarfannaawwan hedduun akka kanaan barreeffamaniiru. Akkaataan itti barreeffame miidhaginaan barreeffamoota durii hundumaarra kan caalu ture.
8 Kiristiyaanonni durii seerawwan amalaa baasuuf Macaafa Fakkeenyaatti bal’inaan fayyadamaa waan turaniif macaafni kun sirrii ta’uunsaa mirkanaa’eera. Yaaqoob Fakkeenyawwan kana sirriitti waan beekuuf, amala Kiristiyaanotaa ilaalchisee gorsa gaarii kennuuf seerawwan bu’uuraa macaaficha keessatti argamaniin fayyadameera. (Fakkeenya 14:29; 17:27fi Yaaqoob 1:19, 20, Fakkeenya 3:34fi Yaaqoob 4:6, Fakkeenya 27:1fi Yaaqoob 4:13, 14 waliin ilaali.) Caqasawwan armaan gadii keessattimmoo Macaafa Fakkeenyaarraa kallattumaan caqasameera: Roomaa 12:20—Fakkeenya 25:21, 22; Ibroota 12:5, 6—Fakkeenya 3:11, 12; 2 Phexros 2:22—Fakkeenya 26:11.
9 Kana malees, Macaafni Fakkeenyaa kutaawwan Macaafa Qulqulluu kaanii wajjin kan wal simu ta’uunsaa, kutaa ‘caaffata qulqullaa’aa’ ta’uusaa mirkaneessa. Seera Musee, barumsa Yesusiifi wanta bartoonniifi ergamoonni Yesus barreessaniin walbira qabnee yoo ilaalle yaada wal fakkaatu qaba. (Fakkeenya 10:16—1 Qorontos 15:58 fi Galaatiyaa 6:8, 9; Fakkeenya 12:25—Maatewos 6:25; Fakkeenya 20:20—Ba’uu 20:12 fi Maatewos 15:4 ilaali.) Lafti bakka ilmaan namootaa irra jiraatan taatee uumamuushee ilaalchisees, yaada barreessitoota Macaafa Qulqulluu kaanii wajjin walfakkaata.—Fak. 3:19, 20; Uma. 1:6, 7; Iyo. 38:4-11; Far. 104:5-9.
10 Macaafichi, qoricha ykn fayyaa ilaalchisee waan dubbatuunis karaa saayinsii sirrii ta’uunsaa hafuura Waaqayyootiin barreeffamuusaa argisiisa. Fakkeenyi 31:4, 5 dhugaatiin alkoolii namni tokko sirriitti akka hin yaanne akka godhu dubbachuunsaa, yaada saayinsiin ammayyaa qoree bira ga’een akka wal simu argisiisa. Doktoroonniifi hayyoonni nyaata madaalamaa ilaalchisee qorannaa godhan hedduun, gorsa Macaafa Fakkeenyaarratti “Yaa ilma ko, dammi gaarii waan ta’eef, isa nyaadhu!” jedhu yaadachuudhaan, dammi nyaata fayyaa namaaf argamsiisu ta’uusaarratti walii galaniiru. (Fak. 24:13) Dhukkuba dhiphinaan dhufu ilaalchisee wanti yeroo ammaatti hubatame, Macaafa Fakkeenyaatiif haaraa miti. “Garaan gammadu fayyina namaaf kenna” jedha.—17:22; 15:17.
11 Dhugumayyuu akkuma abbaan taayitaa tokko akkas jechuudhaan dubbatetti, Macaafni Fakkeenyaa jireenyaafi haalawwan namootaa hundumaa kan tuqudha: “Walitti dhufeenya akkamiiyyuu ilaalchisee qajeelfamni faayidaa qabu kennameera; amalli gaariin hin dinqisiifamne, yookiin amalli gadheen hin komatamne hin jiru. . . . Amalli namootaa kamiyyuu Macaafa durii kana keessatti ibsameera; erga barreeffamee waggoonni kumni sadii kan darban ta’us, wanti barreessaan Macaafichaa dubbate akkuma waan har’a dubbatameetti sirriidha.”—Simiizis Dikshinarii oov za Baayibil, 1890, Jildii 3, ful. 2616.
FAAYIDAASAA
19 Kaayyoon Macaafa Fakkeenyaa inni faayidaa qabeessa ta’e jalqaba macaafichaarratti akkas jechuudhaan ibsameera: “Isaanis namoonni ittiin ogummaa fi barsiisa akka argataniif, dubbii beekumsa of keessaa qabus akka hubataniif in gargaaru; akkasumas qalbifachuudhaan, qajeelummaa fi wanta seeraan eegame, wanta dhugaa ta’es akka argataniif, wallaalonni mala, ijoollonnis beekumsaa fi dubbii gargar baasuu akka qabaataniif kennaman.” (1:2-4) Haala kaayyoosaa kanaa wajjin wal simuun, macaafichi wantoota mataa mataasaaniitti faayidaa qaban, jechuunis beekumsaa, ogummaafi hubannaa addeessa.
20 (1) Namni tokko wallaalaa akka hin taaneef, beekumsi barbaachisaadha. Beekumsi kan jalqabu Waaqayyoon sodaachuurraa waan ta’eef, namni tokko utuu Yihowaa hin sodaatin beekumsa sirrii argachuu hin danda’u. Beekumsi warqee gaarii caalaatti filatamuu qaba. Maaliif? Beekumsi qajeelota ni eega; cubbuutti ariifachuurraas nu oolcha. Isa qorachuufi fudhachuun baay’ee barbaachisaa mitiiree! Wanta gatii guddaa qabudha. Kanaafuu Yihowaan, “qooda meetii gorsa koo fudhadhaa, warqee caalaas beekumsa fo’adhaa!” jedheera.—8:10; 11:9; 18:15; 19:2; 20:15.
21 (2) Ogummaan, jechuunis dandeettiin karaa Yihowaaf ulfina fiduun beekumsatti gargaaramuu, “hundumaa irra in caalti.” Kanaaf ogummaa kana horadhaa. Maddi ogummaa Yihowaadha. Ogummaan jireenya argamsiisu, beekumsa argachuufi Waaqayyoon sodaachuu isa iccitii ogummaa ta’een jalqabama. Kanaafuu, nama utuu hin ta’in Waaqayyoon sodaadhaa. Ogummaan akka namaa taatee namoonni hundumtuu karaasaanii akka qajeelfatan gorsuudhaan labsiti. Ogummaan karaarra dhaabattee sagaleeshee guddistee iyyiti. Yihowaan, warri muuxannoo hin qabneefi qalbii hin qabne karaa dogoggoraarraa deebi’anii ogummaa akka argatan waama. Achiis, wanti qaban xinnoo ta’us Yihowaa sodaachuudhaan gammachuu argatu. Ogummaan eebba guddaa argamsiisa; bu’aansaa faayidaa guddaa qaba. Dandeettii hubannaa eegumsa nuu ta’u argachuuf, ogummaafi beekumsi wantoota barbaachisaa ta’anidha. Ogummaan akkuma dammaa faayidaa kan qabuufi kan nama gammachiisudha. Warqee caalaa gatii guddaa qaba; muka jireenyaatis. Ogummaan lubbuu waan oolchuuf, namoonni ogummaa hin qabne ni badu; kanaafuu ogummaan jireenyadha.—4:7; 1:7, 20-23; 2:6, 7, 10, 11; 3:13-18, 21-26; 8:1-36; 9:1-6, 10; 10:8; 13:14; 15:16, 24; 16:16, 20-24; 24:13, 14.
22 (3) Beekumsaafi ogummaa malees hubannaan barbaachisaadha; kanaafuu “wanta qabdu hundumaanis, hubannaa bitadhu!” Hubannaa jechuun, wanta tokko wantoota isaa wajjin walitti dhufeenya qabanii wajjin walbira qabanii ilaaluuf dandeettii qabaachuudha. Namni hubannaa mataasaatti amanamuu waan hin dandeenyeef, yeroo hundumaa ilaalchi Waaqayyoo maal akka ta’e hubachuunsaa barbaachisaadha. Namni tokko faallaa Yihowaatiin kan deemuu yoo ta’e, tasumaa hubannaa argachuu hin danda’u. Hubannaa argachuuf akka qabeenya dhokateetti isa barbaaduu qabna. Hubachuun beekumsa qabaachuu gaafata. Barbaachi namni hubataan tokko beekumsa argachuuf godhu isa kiisa; ogummaas ni argamsiisaaf. Namni akkasii, fakkeenyaaf namoonni hamoon karaa dukkanaarra akka deemu isa dogoggorsuuf yaalii yeroo godhanitti, kiyyoowwan hedduu biyya lafaarraa of eega. Yihowaa isa madda beekumsaa, ogummaafi hubannaa ta’e galanni haa ga’u!—4:7; 2:3, 4; 3:5; 15:14; 17:24; 19:8; 21:30.
23 Macaafni Fakkeenyaa haala kaayyoosaa wajjin wal simuun, hubannaa akka argannuufi yaada garaa keenyaa isa ‘wanti jireenyaaf barbaachisu keessaa ba’u’ akka eegnu nu gargaaruuf, ogummaafi gorsa hafuura qulqulluudhaan barreeffame nuu kenna. (4:23) Kanatti aansee kan ilaallu gorsawwan ogummaa irra deddeebi’amanii ibsamanidha.
24 Jal’oonniifi qajeelonni walbira qabamanii ibsamaniiru: Namni jal’aan karaasaa isa micciiramaadhaan ni qabama; qabeenyisaas guyyaa dheekkamsaatti isa hin oolchu. Namni qajeelaan karaa jireenya argamsiisurra adeema, Yihowaanis isa kiisa.—2:21, 22; 10:6, 7, 9, 24, 25, 27-32; 11:3-7, 18-21, 23, 30, 31; 12:2, 3, 7, 28; 13:6, 9; 14:2, 11; 15:3, 8, 29; 29:16.
25 Amalli qulqulluun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Solomoon waa’ee amala addaggummaa irra deddeebi’ee akeekkachiiseera. Namoonni ejjan rakkinaafi salphinatu isaanirra ga’a; arrabsoon isaanirra ga’uus isaanirraa hin haqamu. “Bishaan hannaa” dargaggootatti ni mi’aawa ta’a; haata’u malee, ejjituun gara du’asheetti kan adeemtu yeroo ta’u, warra harkashee keessa galanis fudhatee dhaqxi. Yihowaan warra boolla addaggummaa isa gad fagootti kufanitti ni dheekkama.—2:16-19; 5:1-23; 6:20-35; 7:4-27; 9:13-18; 22:14; 23:27, 28.
26 Of qabuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Machaa’uufi albaadhessa ta’uun balaaleffamaniiru. Namoonni Waaqayyo biratti fudhatama argachuu barbaadan, nyaataafi dhugaatiirratti kan of qaban ta’uu qabu. (20:1; 21:17; 23:21, 29-35; 25:16; 31:4, 5) Namni aariidhaaf suuta jedhu, hubannaa kan qabuufi nama jabaa magaalaa tokko mo’erra kan caaludha. (14:17, 29; 15:1, 18; 16:32; 19:11; 25:15, 28; 29:11, 22) Of qabuun, amala hinaaffaa isa lafee namaa bososiisurraa fagaachuuf nu gargaara.—14:30; 24:1; 27:4; 28:22.
27 Dubbii gaariifi dubbii gowwummaa: Dubbii dabaan, arrabsoon, sobaan dhugaa ba’uufi uumanii dubbachuun Yihowaa biratti jibbamaa waan ta’eef ni saaxilama. (4:24; 6:16-19; 11:13; 12:17, 22; 14:5, 25; 17:4; 19:5, 9; 20:17; 24:28; 25:18) Afaan waan gaarii dubbatu burqaa jireenyaati; afaan nama gowwaa garuu badiisa itti fida. “Duunii fi jireenyi aboo arrabaa jala jiru; warri isa jaallatan ija isaa in nyaatu.” (18:21) Hamiin, dubbiin gowwoomsaafi jarjaranii dubbachuun wantoota balaaleffatamanidha. Ulfina Waaqayyootiif dhugaa dubbachuun ogummaadha.—10:11, 13, 14; 12:13, 14, 18, 19; 13:3; 14:3; 16:27-30; 17:27, 28; 18:6-8, 20; 26:28; 29:20; 31:26.
28 Balaa of tuulummaafi barbaachisummaa gad of qabuu: Namni of tuulu bakka guddaa hin qabaannerra waan of baasuuf kufee caba. Yihowaan nama of tuulu ni jibba; warra gad of qabaniif garuu ogummaa, ulfina, badhaadhinaafi jireenya ni kenna.—3:7; 11:2; 12:9; 13:10; 15:33; 16:5, 18, 19; 18:12; 21:4; 22:4; 26:12; 28:25, 26; 29:23.
29 Dhibaa’ummaa utuu hin ta’in tattaaffiin barbaachisaadha: Karaan namni dhibaa’aan ittiin beekamu baay’eedha. Mixiirraa barumsa argatee ogeessa ta’uu qaba. Namni tattaafatu garuu ni sooroma!—1:32; 6:6-11; 10:4, 5, 26; 12:24; 13:4; 15:19; 18:9; 19:15, 24; 20:4, 13; 21:25, 26; 22:13; 24:30-34; 26:13-16; 31:24, 25.
30 Hiriyummaa gaarii: Namoota Yihowaa hin sodaanne, jal’ootaafi gowwoota, kan waanuma xinnootti aaran, kan oduu baay’isaniifi garaasaanii jaallatanii wajjin hiriyummaa qabaachuun gowwummaadha. Kanaa mannaa, ogeeyyii wajjin hiriyaa ta’aa; isinis ogeeyyii taatuu.—1:10-19; 4:14-19; 13:20; 14:7; 20:19; 22:24, 25; 28:7.
31 Adabniifi sirreeffamni barbaachisaa kan ta’e maaliifi?: “Waaqayyo nama jaallatu in adaba,” namni adaba kana fudhatus ulfinaafi jireenya argata. Namni adaba jibbu salphinatu itti dhufa.—3:11, 12; 10:17; 12:1; 13:18; 15:5, 31-33; 17:10; 19:25; 29:1.
32 Haadha manaa gaarii ta’uu ilaalchisee gorsa kenname: Macaafni Fakkeenyaa, haati manaa tokko kan lola kaastuufi gocha nama saalfachiisu kan hojjettu akka hin taane irra deddeebi’ee akeekkachiisa. Haati manaa ogeettiin Waaqayyoon sodaattu, seerri gaarummaa arrabasheerra jira; isheenis Yihowaa biraa argamti.—12:4; 18:22; 19:13, 14; 21:9, 19; 27:15, 16; 31:10-31.
33 Ijoollee guddisuu: Abboommii Waaqayyoo ‘akka hin irraanfanne’ yeroo hundumaa ijoollee keessan barsiisaa. Daa’imummaasaaniitii kaasaatii qajeelfama Yihowaatiin isaan guddisaa. Yeroo barbaachisaa ta’etti uleedhaan adabuu hin dhiisinaa; uleedhaan rukutuufi adabuudhaan jaalala keenya yoo ibsineef ogummaa argatu. Warri ijoolleesaanii qajeelfama Waaqayyootiin guddisan, ijoollee ogeeyyii haadhaafi abbaasaanii gammachiisan qabaatu.—4:1-9; 13:24; 17:21; 22:6, 15; 23:13, 14, 22, 24, 25; 29:15, 17.
34 Itti gaafatamummaa warra kaan gargaaruuf qabnu: Kun Macaafa Fakkeenyaa keessatti al baay’ee irra deddeebi’ameera. Namni ogeessi warra kaan fayyaduuf beekumsasaa isaaniif hiruu qaba. Namni tokko warra rakkataniif arjoomuu qaba; kana gochuudhaan Yihowaa isa nu kiisuudhaaf waadaa galeef liqeessa.—11:24-26; 15:7; 19:17; 24:11, 12; 28:27.
35 Yihowaatti amanamuu: Macaafni Fakkeenyaa guutummaatti Waaqayyorratti akka amanamnu nu gorsuudhaan, rakkoon keenya inni guddaan isarratti amanamuu dhiisuu akka ta’e nu hubachiisa. Wanta goonu hundumaan qajeelfama Yihowaa gaafachuu qabna. Namni hojiisaatiif karoora baafata ta’a; karaasaa kan isaaf qajeelchu garuu Yihowaadha. Maqaan Yihowaa akka gamoo guddaa waan ta’eef, qajeelonni eegumsa argachuuf garasaatti baqatu. Yihowaatti amanamaa, qajeelfama argachuufis Sagaleesaa dubbisaa.—3:1, 5, 6; 16:1-9; 18:10; 20:22; 28:25, 26; 30:5, 6.
36 Ofis ta’e warra kaan barsiisuufi adabuuf Macaafni Fakkeenyaa faayidaa guddaa qaba! Walitti dhufeenya namoota gidduu jiru keessaa wanti utuu hin ibsamin hafe hin jiru. Namni warra isaa wajjin Waaqayyoon waaqeffatanirraa adda of baasu jiraa? (18:1) Namni itti gaafatamummaa qabu tokko gara lamaanirraayyuu sirriitti utuu hin dhaggeeffatin murtoo kennu jiraa? (18:17) Namni tokko qoosaadha jedhee waan nama miidhu ni godhaa? (26:18, 19) Inni tokkommoo namoota kan wal caalchisudhaa? (28:21) Daldalaan suuqiisaa keessa jiru, qotee bulaan maasiisaa keessa jiru, akkasumas abbaan manaa, haati manaafi ijoolleen hundumtuu qajeelfama gaarii argatu. Warri, kiyyoo dargaggoonni ittiin qabamuu danda’an akka beekaniif gargaarsa argataniiru. Ogeeyyiin namoota muuxannoo hin qabne barsiisuu danda’u. Eessayyuu yoo jiraanne fakkeenyawwan kana hojiirra oolchuu dandeenya; gorsaafi qajeelfamni macaaficha keessatti argamu yoomiyyuu hin moofa’u. Ogeessi barumsaa lammii Ameerikaa ta’e Wiiliyaam Liyoon Feelpis: “Macaafni Fakkeenyaa gaazexaa har’a ganama ba’e caalaa haaraadha” jedheera.a Macaafni Fakkeenyaa hafuura Waaqayyootiin waan barreeffameef, kan yeroo ammaatiif ta’u, hojiirra oolfamuu kan danda’uufi barsiisuuf kan gargaarudha.
37 Fakkeenyi garri caalaansaa Solomooniin dubbatame kun waan hundumaa waan qajeelchuuf, namoonni gara Waaqa Hundumaa Danda’uutti akka deebi’an gargaareera. Maatewos 12:42rratti “inni Solomoon irra caalu” kan jedhame Yesus Kiristosis akkasuma godheera.
38 Yihowaan, Yesus isa ogeessa ta’e Sanyii Mootummaa godhee filachuunsaa baay’ee kan nama gammachiisu mitiiree? Bulchiinsa naga qabeessa isa ulfinnisaa kan Solomoonirra caalu waan ta’uuf, teessoonsaa ‘qajeelummaadhaan cimee dhaabata.’ Bulchiinsa Mootummaa sanaa ilaalchisee akkas jedhama: “Gaarummaanii fi amanamummaan nagaadhaan mootii in eegu, teessoon isaas qajeelummaadhaan in jabaata.” Kunis bulchiinsi qajeelummaadhaan ilmaan namootaa bulchu bara baraaf akka dhaabatu godha. Kana ilaalchisees Macaafni Fakkeenyaa: “Mootiin hiyyeessaaf firdii dhugaa yoo kenne, mootummaan isaa bara baraan jabaatee in dhaabata” jedha. Kanaaf, Macaafni Fakkeenyaa beekumsa, ogummaa, hubannaafi jireenya bara baraa akka argannuuf daandii keenya nuu ibsa. Kana malees macaafni kun Yihowaan Madda ogummaa dhugaa isa karaa Yesus Kiristos, Dhaaltuu Mootummichaatiin ibsamee ta’uusaa kan addeessu waan ta’eef baay’ee gammanna. Macaafni Fakkeenyaa dinqisiifannaan Mootummaa Waaqayyootiifi seera bu’uuraa qajeelaa yeroo ammaatti Mootummaan kun ittiin bulchuuf qabnu akka guddatu godha.—Fak. 25:5; 16:12; 20:28; 29:14.
[Miiljalee]
a Tireesharii oov za Kiristiyaan Feyiz, 1949, Sitaabariifi Kilaarkiin kan qophaa’e, ful. 48.