LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Jaarsoliin Gumicha Kan Gargaaran Akkamitti?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
    • BARUMSA 15

      Jaarsoliin Gumicha Kan Gargaaran Akkamitti?

      Jaarsa gumii miseensota gumii wajjin haasaʼaa jiru

      Fiinlaandi

      Jaarsa gumii gumii keessatti barsiisaa jiru

      Barsiisuu

      Jaarsolii miseensota gumii jajjabeessaa jiran

      Jajjabeessuu

      Jaarsa gumii tajaajila irratti hirmaachaa jiru

      Dhugaa baʼuu

      Luboonni amantii qarshiin kaffalamuuf jaarmiyaa keenya keessa hin jiran. Kanaa mannaa, akkuma jaarraa tokkoffaatti godhamaa ture, ilaaltonni olaanaa gaʼumsa qaban ‘karra hoolota Waaqayyoo akka eeganiif’ ni muudamu. (Hojii Ergamootaa 20:28) Dhiironni karaa hafuuraa gaʼumsa qaban kun, “giddiidhaan utuu hin taʼin, jaalalaan, akka Waaqayyo barbaadutti, buʼaa nama yeellaasisu irraa argachuuf utuu hin taʼin of kennuudhaan” gumii Kiristiyaanaa geggeessu; ni eegus. (1 Phexros 5:1-3) Jaarsoliin kun gargaarsa akkamii nuu godhu?

      Nu kunuunsu, akkasumas nu eegu. Jaarsoliin karaa hafuuraa eegumsa nuu gochuuf qajeelfama nuu kennu; akkasumas nu gargaaru. Waaqayyo itti gaafatamummaa guddaa kana hadaraadhaan akka isaanitti kenne waan beekaniif, sabasaa hin hacuucan; kanaa mannaa nageenyaafi gammachuu akka argannuuf gumaacha nuu godhu. (2 Qorontos 1:24) Akkuma tikseen tokko dhimmee hoolotasaa hunda kunuunsu, jaarsoliin gumiis tokkoon tokkoon miseensa gumii beekuuf carraaqqii godhu.—Fakkeenya 27:23.

      Akkatti fedha Waaqayyoo raawwachuu dandeenyu nu barsiisu. Jaarsoliin amantaa keenya nuu cimsuuf walgaʼii gumii torban torbaniin geggeessu. (Hojii Ergamootaa 15:32) Dhiironni Waaqayyoof bulan kun tajaajilarratti adda durummaadhaan nuu wajjin hojjetu, kallattiiwwan tajaajilaa hundarrattis nu leenjisu.

      Dhuunfaadhaan nu jajjabeessu. Jaarsoliin gumii keenyaa, karaa hafuuraa dhuunfaadhaan nu jajjabeessuuf, mana keenya dhufanii ykn Galma Mootummaatti Caaffata Qulqullaaʼoorraa gargaarsa barbaachisu nuu kennu.—Yaaqoob 5:14, 15.

      Jaarsolii baayʼeen, hojii gumii keessatti hojjetan dabalatee, hojii dhuunfaafi itti gaafatamummaa maatii yeroosaanii fudhatuufi xiyyeeffannaasaanii barbaadu qabu. Dhiirota ciminaan hojjetan kanaaf ulfina kennuu qabna.—1 Tasaloniiqee 5:12, 13.

      • Gaʼeen jaarsolii gumii maalidha?

      • Jaarsoliin dhuunfaadhaan akka nu jaallatan kan argisiisan karaawwan kamiini?

      CAALAATTI BARADHU

      Gumii gargaaruuf gaʼumsa kan qaban eenyufaʼi? Ulaagaa jaarsa ykn tajaajilaa gumii taʼuuf barbaachisu, 1 Ximotewos 3:1-10, 12fi Tiitoos 1:5-9⁠rraa dubbisuu dandeessa.

  • Gaʼeen Tajaajiltoota Gumii Maalidha?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
    • BARUMSA 16

      Gaʼeen Tajaajiltoota Gumii Maalidha?

      Tajaajilaa gumii barreeffama kennaa jiru

      Maayaanmaar

      Tajaajilaa gumii kutaa Macaafa Qulqulluu irratti hundaaʼe dhiheessaa jiru

      Kutaa walgaʼii

      Tajaajilaa gumii walgaʼii tajaajila dirree geggeessaa jiru

      Tuuta tajaajilaa

      Tajaajilaa gumii Galma Mootummaa kunuunsuu irratti hirmaachaa jiru

      Galma Mootummaa suphuu

      Macaafni Qulqulluun garee dhiirotaa gumii Kristiyaanaa keessatti itti gaafatamummaa qaban lamaan, “ilaaltotaa fi gargaartota waldaa” ykn jaarsoliifi tajaajiltoota gumii jechuudhaan ibsa. (Filiphisiiyus 1:1) Akka walii galaatti, gumii hundumaa keessa jaarsoliiniifi tajaajiltoonni gumii baayʼeen jiru. Maarree tajaajiltoonni gumii gargaarsa akkamii nuu godhu?

      Qaama jaarsolii gargaaru. Tajaajiltoonni gumii tokko tokko dargaggoota, kaanimmoo maanguddoota Yihowaa wajjin hariiroo cimaa qaban, amanamoo taʼaniifi hojiisaanii sirriitti raawwatanidha. Hojiiwwan gumiifi Galma Mootummaa wajjin wal qabatan, akkasumas barsiisuufi tiksuu hin dabalanne dhimmanii hojjetu. Kunimmoo jaarsoliin gumii, barsiisuufi tiksuurratti akka xiyyeeffatan isaan gargaara.

      Hojiiwwan barbaachisoo taʼan hojjetu. Tajaajiltoonni gumii tokko tokko namoota akka simataniif keessumsiistota taʼanii ramadamu. Kaanimmoo kutaa sagalee, kutaa barreeffamootaa, herrega gumiifi naannoo tajaajilaa miseensota gumiitiif kennuurratti ramadamuu dandaʼu. Galma Mootummaa suphuurrattis gargaarsa godhu. Warra dulloomaniif gargaarsa akka godhaniifis jaarsoliin isaan gaafachuu dandaʼu. Hojiin tajaajiltoonni gumii hojjetan maaliyyuu yoo taʼe, hojii kana fedhiisaaniitiin waan raawwataniif ulfina argachuu qabu.—1 Ximotewos 3:13.

      Kiristiyaanota fakkeenya gaarii taʼanidha. Tajaajiltoonni gumii kan filataman amala Kiristiyaanaa gaarii taʼe waan qabaniifidha. Gumiirratti kutaawwan amantii keenya nuuf cimsan nuu dhiheessu. Tajaajilarratti fakkeenya gaarii taʼuudhaan hinaaffaa qabnu nuuf jabeessu. Qaama jaarsolii wajjin walii galanii waan hojjetaniif gammachuufi tokkummaan akka jiraatu godhu. (Efesoon 4:16) Yeroo boodammoo isaanis jaarsa gumii taʼanii muudamuu dandaʼu.

      • Tajaajiltoota gumii kan taʼan dhiirota akkamiiti?

      • Gumichi sirritti akka geggeeffamuuf tajaajiltoonni gargaarsa akkamii godhu?

      CAALAATTI BARADHU

      Yeroo hunda Galma Mootummaa ennaa dhaqxu, jaarsa ykn tajaajilaa gumii tokkoofi maatiisaanii wajjin wal baruuf yaali.

  • Daawwattoonni Olaanaa Aanaa Kan Nu Gargaaran Akkamitti?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
    • BARUMSA 17

      Daawwattoonni Olaanaa Aanaa Kan Nu Gargaaran Akkamitti?

      Daawwataa ol aanaa fi haadha manaa isaa

      Maalaawwii

      Daawwataa olaanaa walgaʼii tajaajila dirree geggeessaa jiru

      Tuuta tajaajilaa

      Daawwataa olaanaa tajaajila irratti hirmaachaa jiru

      Tajaajila dirree

      Daawwataa olaanaa jaarsolii wajjin walgaʼii irra jiru

      Walgaʼii jaarsolii

      Caaffanni Qulqullaaʼoon afaan Giriikii, Barnaabaasiifi Phaawulosiin irra deddeebiʼanii caqasu. Namoonni kun bakka addaddaa deemuudhaan gumiiwwan jaarraa tokkoffaa daawwatu turan. Maaliif? Nageenya obbolootasaanii warra hidhatasaanii taʼaniif garaadhaa waan yaadaniif ture. Phaawulos ‘deebiʼee dhaquudhaan akka amantoonni itti jiran ilaaluu’ akka barbaadu dubbateera. Dhaqee isaan jajjabeessuuf karaa kiilomeetira dhibba hedduutti lakkaaʼamu deemuuf fedhii qaba ture. (Hojii Ergamootaa 15:36) Daawwattoonni olaanaa yeroo harʼaa jiranis fedhii akkasii qabu.

      Nu jajjabeessuuf dhufu. Daawwattoonni olaanaa aanaa hundi waggaatti siʼa lama gumii 20 ykn isaa ol daawwachuudhaan torban tokko tokko isaanii wajjin dabarsu. Muuxannoo obboloota kanaafi yoo gaaʼela godhataniiru taʼemmoo kan haadha manaasaaniirraa faayidaa gudddaa argachuu dandeenya. Obboloonni kun, gumii keessatti namoota umrii addaddaa qaban baruuf kan carraaqan siʼa taʼu tajaajilaafi qayyabannaa Macaafa Qulqulluurratti nuu wajjin hirmaachuuf fedhii qabu. Daawwattoonni kun jaarsolii wajjin taʼuudhaan babalʼistoota kan jajjabeessan siʼa taʼu, amantii keenya nuu cimsuuf, gumiifi walgaʼii gurguddaarratti haasaa nama jajjabeessu nuu dhiheessu.—Hojii Ergamootaa 15:35.

      Obboloota hundaaf xiyyeeffannaa kennu. Haalli hafuuraa obboloonni keessa jiran daawwattoota olaanaa aanaa baayʼee yaaddessa. Guddina gumichi argisiise baruufi gorsa gaarii itti gaafatamummaasaanii baʼuuf isaan gargaaru isaanii kennuuf jaarsoliifi tajaajiltoota gumii wajjin walgaʼii godhu. Qajeelchitoonni tajaajilasaaniirratti milkaaʼina akka argataniif isaan gargaaru, akkasumas babalʼistoota haaraa wajjin wal baruufi guddina isaan godhan dhagaʼuuf fedhii qabu. Obboloonni kun hundi ‘nuuf hojjechuutti hidhata keenya’ taʼuuf bilisaan of dhiheessu. (2 Qorontos 8:23) Kanaaf amantii qabaachuufi Waaqayyoof buluurratti fakkeenyasaanii hordofuu qabna.—Ibroota 13:7.

      • Daawwattoonni olaanaa aanaa gumiiwwan kan daawwatan maaliifi?

      • Daawwannaasaaniirraa faayidaa argachuu kan dandeessu akkamitti?

      CAALAATTI BARADHU

      Haasaa daawwataan olaanaa Galma Mootummaatti kennu akka si hin darbineef, yeroo ittaanu gumii kan inni daawwatu yoom akka taʼe kaalaandarii keerratti barreeffadhu. Inni ykn haati manaansaa qayyabannaa keerratti argamuudhaan akka sii wajjin wal baran yoo barbaadde nama Macaafa Qulqulluu si qayyabsiisutti himi.

  • Obboloota Keenya Rakkinni Isaan Mudate Akkamitti Gargaarra?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
    • BARUMSA 18

      Obboloota Keenya Rakkinni Isaan Mudate Akkamitti Gargaarra?

      Dhugaa Baatota Yihowaa iddoo Rippuubliikii Dominikaan keessatti balaan uumamaa itti gaʼetti gargaarsa gochaa jiran

      Rippuubliikii Dominikaan

      Hojjettoota gargaarsaa Jaappaan keessatti Galma Mootummaa irra deebiʼanii ijaaraa jiran

      Jaappaan

      Dhugaa Baatuu Yihowaa Heeyitii keessatti balaan uumamaa erga gaʼee booda nama tokko jajjabeessaa jiru

      Heeyitii

      Yeroo balaan uumamaa gaʼu, Dhugaa Baatonni Yihowaa battalumasanatti wanta barbaachisu walitti qabanii obboloota balaa sanaan miidhamaniif gargaarsa godhu. Gochi akkasii jaalala dhugaa akka waliif qabnu kan mulʼisudha. (Yohannis 13:34, 35; 1 Yohannis 3:17, 18) Maarree gargaarsa gochuu kan dandeenyu karaawwan kamiini?

      Buusii qarshii gochuudhaan. Yommuu biyya Yihudaatti beelli cimaan gaʼe, Kiristiyaanonni biyya Anxokiyaa obbolootasaaniitiif gargaarsa qarshii godhanii turan. (Hojii Ergamootaa 11:27-30) Haaluma wal fakkaatuun, nutis obboloota keenya biyya biraa jiran rakkinni akka mudate yoo dhageenye, karaa gumii keenyaa wanta barbaachisu buusii gochuudhaan gargaarsa goona.—2 Qorontos 8:13-15.

      Gargaarsa humnaa gochuudhaan. Jaarsoliin gumii naannoo itti balaan gaʼe jiran, miseensonni gumii jiraachuusaaniifi fayyaa taʼuusaanii mirkaneessuuf tokkoo tokkoosaanii gaafatu. Koreen gargaarsaa, nyaata, bishaan qulqulluu, uffata, bakka buufataniifi gargaarsa fayyaa karaa isaan itti argachuu dandaʼan qindeessa. Obboloonni dandeettii barbaachisaa taʼe qaban, fedhiisaaniitiin kakaʼanii, baasii mataasaaniitiin bakka gargaarsi barbaachisu dhaquudhaan gargaarsa godhu ykn manneeniifi Galma Mootummaa diigaman suphuurratti hirmaatu. Akka jaarmiyaatti tokkummaan qabnuufi muuxannoon waliin hojjechuudhaan arganne, yeroo barbaachisaa taʼetti gargaarsaafi hojjettoota dafnee walitti qabuuf nu gargaareera. Gargaarsa kan goonu “warra amantii [keenya] keessa jiraniif” taʼus, amantiinsaanii maaliyyuu yoo taʼe hamma dandeenye warra kaanis ni gargaarra.—Galaatiyaa 6:10.

      Karaa hafuuraafi miiraa gargaarsa gochuudhaan. Keessumaa namoonni balaa uumamaatiin miidhaman jajjabina argachuu barbaadu. Yeroo akkasiitti Yihowaa isa ‘Waaqa jajjabinaa’ taʼe biraa gargaarsa argachuu dandeenya. (2 Qorontos 1:3, 4) Warra abdii kutataniif, abdii Macaafa Qulqulluu isa Mootummaan Waaqayyoo wantoota gaddisiisoo rakkinaafi dhiphina namarraan gaʼaa jiran hundumaa dhiheenyatti akka balleessu ibsu itti himuun nu gammachiisa.—Mulʼata 21:4.

      • Yeroo balaan gaʼutti obboloonni dafanii gargaarsa kan godhan maaliifi?

      • Warra balaa sanarraa oolaniif karaa hafuuraa jajjabina akkamii kennuu dandeenya?

  • Hojjetaa Amanamaafi Ogeessi Eenyudha?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
    • BARUMSA 19

      Hojjetaa Amanamaafi Ogeessi Eenyudha?

      Yesus utuu duuka buutota isaa wajjin haasaʼuu
      Dhugaa Baatuu Yihowaa barreeffama Macaafa Qulqulluu irratti hundaaʼe qayyabachaa jirtu

      Hundi keenya nyaata hafuuraa nuu qophaaʼurraa ni fayyadamna

      Miseensota Qaama Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa lama

      Yesus, duʼuusaa yeroo muraasa dura ergamootasaa arfan jechuunis, Phexros, Yaaqoob, Yohannisiifi Indiriyaasii wajjin dhuunfaadhaan maree godhee ture. Yesus guyyaa gara dhumaatti mallattoo argamuusaa ibsu ilaalchisee gaaffii barbaachisaa, “Egaa hojjetaan amanamaanii fi ogeessi, gooftaan isaa naaʼota isaa warra kaaniif yeroodhaan nyaata isaanii akka isaaniif kennuuf mana isaa irra kaaʼate isa kam ree?” jedhu kaasee ture. (Maatewos 24:3, 45; Maarqos 13:3, 4) Yesus ‘gooftaasaanii’ waan taʼeef qaama guyyoota gara dhumaa hundatti duuka buutotasaatiif nyaata hafuuraa qopheessu akka muudu isaaniif mirkaneessee ture. Hojjetaa amanamaan kun eenyu taʼa laata?

      Duuka buutota Kiristos warra dibamoo taʼan kan argisiisudha. Qaamni Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa “hojjetaa” sana taʼee tajaajilaa tureera. “Hojjetaan” kun namoota akkumasaa Yihowaa waaqeffataniif nyaata hafuuraa yeroosaatti kan dhiheessudha. ‘Hojjetaan kun nyaata hafuuraa yeroosaatti nu barbaachisu’ nuu kennuusaa waan itti fufuuf isatti ni amanamna.—Luqaas 12:42.

      Warra mana Waaqayyoo taʼan kan geggeessudha. (1 Ximotewos 3:15) Yesus hojii kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa lafarraa akka geggeessu hojjetaa kanaaf itti gaafatamummaa guddaa kenneera. Hojiin kunis qabeenyasaa eeguu, hojii lallabaatiif qajeelfama kennuufi gumiirratti nu barsiisuu dabalata. Kanaaf ‘hojjetaan amanamaaniifi ogeessi’ barreeffamoota tajaajilarratti itti fayyadamnu, gumiiwwaniifi walgaʼiiwwan gurguddaatti fayyadamee, yeroo barbaannutti nyaata hafuuraa nuu qopheessuudhaan wanta nu barbaachisu nuu dhiheessaa jira.

      Hojjetaan kun, dhugaa Macaafa Qulqulluufi hojii misiraachoo akka lallabu isatti kennameef amanamaadha; akkasumas lafarratti akkaataa itti fedha Kiristos raawwatu waan beekuuf ogeessadha. (Hojii Ergamootaa 10:42) Yihowaan namoonni baayʼeen dhugaa akka dhagaʼaniifi nyaanni hafuuraa baayʼinaan akka qophaaʼu gochuudhaan hojicha eebbisaa jira.—Isaayaas 60:22; 65:13.

      • Yesus duuka buutotasaatiif nyaata hafuuraa akka dhiheessuuf eenyuun muude?

      • Hojjetaan kun amanamaafi ogeessa kan taʼe karaawwan kamiini?

  • Qaamni Olaanaan Yeroo Harʼaa Jiru Kan Hojjetu Akkamitti?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
    • BARUMSA 20

      Qaamni Olaanaan Yeroo Harʼaa Jiru Kan Hojjetu Akkamitti?

      Qaama olaanaa jaarraa tokkoffaa

      Qaama olaanaa jaarraa tokkoffaa

      Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa xalayaa qaama olaanaa irraa ergame dubbisaa jiran

      Xalayaa qaamni olaanaa erge dubbisuu

      Jaarraa tokkoffaatti, garee xinnoon ‘ergamootaafi jaarsolii Yerusaalem’ qabate, gumii Kiristiyaanota dibamoo yeroo sana turan hundumaa bakka buʼee, dhimmoota barbaachisaa taʼanirratti murtoo kennuudhaan akka qaama olaanaatti tajaajilaa ture. (Hojii Ergamootaa 15:2) Murtoo tokkorra kan gaʼan wanta Caaffanni Qulqullaaʼoon jedhanirratti mariʼachuufi geggeessaa hafuura qulqulluu hordofuudhaan ture. (Hojii Ergamootaa 15:25) Yeroo harʼaas Qaamni olaanaan fakkeenya kana hordofa.

      Waaqayyo fedhasaa raawwachuuf qaama kanatti fayyadamaa jira. Obboloonni dibamoon Qaama Olaanaa taʼanii tajaajilan Dubbii Waaqayyootiif jaalala cimaa kan qaban taʼuusaaniirrayyuu, dhimmoota hafuuraafi kan biraaf furmaata kennuurratti muuxannoo guddaa qabu. Namoonni kun wanta obboloota addunyaa mara jiraniif barbaachisurratti mariʼachuuf torban torbaniin walgaʼii godhu. Akkuma jaarraa tokkoffaatti ture, qajeelfama Macaafa Qulqulluurratti hudaaʼe dabarsuuf xalayoota, daawwattoota olaanaafi mala kan biraatti fayyadama. Kunis, sabni Waaqayyoo yaadaafi ilaalchaan tokkummaa akka qabaatan godheera. (Hojii Ergamootaa 16:4, 5) Qaamni Olaanaan qophii nyaata hafuuraa olaantummaadhaan toʼata, hojii misiraachoo lallabuutiif jajjabina kenna, itti gaafatamummaa obbolootaaf kennamus adda durummaadhaan toʼata.

      Qaamni kun qajeelfama hafuurri Waaqayyoo kennu hojiirra oolcha. Qaamni Olaanaan, Yihowaa isa Uumama Cufarratti Olaantummaa qabuufi Yesus isa mataa gumii taʼe biraa qajeelfama fudhata. (1 Qorontos 11:3; Efesoon 5:23) Miseensonni Qaama kanaa geggeessitoota saba Waaqayyoo akka taʼanitti of hin ilaalan. Isaanis akkuma Kiristiyaanota dibamoo warra kaanii “lafa hoolichi [Yesus] dhaqu hundumaatti isa duukaa buʼu.” (Mulʼata 14:4) Qaamni Olaanaan, isaafis taʼe milkaaʼina hojiisaatiif kadhachuu keenya baayʼee galateeffata.

      • Jaarraa tokkoffaatti qaama olaanaa kan turan eeyufaʼi?

      • Yeroo harʼaa, Qaamni Olaanaan qajeelfama Yihowaa kan argatu akkamitti?

      CAALAATTI BARADHU

      Hojii Ergamootaa 15:1-35 dubbisuudhaan, qaamni olaanaa jaarraa 1⁠ffa siʼa waldhabiinsi uumamu gargaarsa hafuura qulqulluufi Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼuun mariʼatee rakkinicha akkamitti hiikaa akka ture hubadhu.

  • Betʼel Maalidha?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
    • BARUMSA 21

      Betʼel Maalidha?

      Dhugaa Baatota Yihowaa Betʼel keessatti dippaartimentii aartii keessa hojjechaa jiran lama

      Dippaartimentii Aartii, Yu.Essi.Ee.

      Dhugaa Baatuu Yihowaa Betʼel Jarman keessatti kutaa maxxansaa keessatti hojjechaa jiru

      Jarman

      Dhugaa Baatuu Yihowaa Betʼel Keeniyaa keessatti argamu keessatti bakka itti uffanni miiccamu keessa hojjechaa jirtu

      Keeniyaa

      Keessummeessitoota Betʼel Kolombiyaatti argamu keessatti iddoo nyaanni itti nyaatamu sisirreessaa jiran

      Kolombiyaa

      Afaan Ibrootaatiin maqaan Betʼel jedhu, “Mana Waaqayyoo” jechuudha. (Uumama 28:17, 19) Maqaan kun gamoowwan Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti hojii lallabaatiif qajeelfama kennuufi deggeruuf itti fayyadaman ittiin waamamudha. Qaamni Olaanaan Waajjira Muummee Niiwu Yoorki, Yu.Essi.Ee. jiru keessatti kan tajaajilu siʼa taʼu, hojii waajjiroonni damee biyyoota hedduu keessatti hojjetan toʼata. Akka gareetti, namoonni gamoowwan kana keessatti hojjetan miseensota maatii Betʼel jedhamu. Akkuma maatii tokkoo, waliin jiraatu, waliin hojjetu, waliin nyaatu, akkasumas tokkummaadhaan Macaafa Qulqulluu qayyabatu.—Faarfannaa 133:1.

      Iddoo addaa miseensonni maatichaa guutummaatti itti of kennanidha. Gamoowwan Betʼel hunda keessatti Kiristiyaanonni dhiirotaafi dubartoota taʼan yeroosaanii guutuu Waaqayyoon tajaajilu, akkasumas fedha Mootummichaa raawwatu. (Maatewos 6:33) Mindaan kan isaanii hin kaffalamne taʼus; manni jireenyaa, nyaanniifi qarshiin baasii dhuunfaatiif oolu ni kennamaaf. Betʼel keessa kan tajaajilan hundi, biiroo, kutaa nyaata itti qopheessan ykn kutaa itti nyaatan keessatti akka hojjetaniif ramadamu. Tokko tokkommoo kutaa maxxansaa, qulqullina manaa eeguu, uffata miicuu, meeshaalee waajjiricha keessa jiran suphuu ykn akka gaariitti qabuufi kkf hojjetu.

      Hojii Mootummicha lallabuu deggeruuf iddoo hojii baayʼeen itti hojjetamudha. Kaayyoon Betʼel inni guddaan, hamma dandaʼametti dhugaa Macaafa Qulqulluu namoota hundaan gaʼuudha. Birooshurri kun kanaaf fakkeenya tokkodha. Birooshurri kun Qaama Olaanaatiin kan qophaaʼu siʼa taʼu, faayilli elektiroonikiisaa, tuuta hiikaa addunyaa maratti argamaniif ergama. Achiis erga hiikamee booda meeshaalee maxxansaa saffisa guddaa qabaniifi Betʼel addaddaa keessatti argamanitti maxxanfamee gumii 110,000 ol taʼaniif ergama. Wanti miseensonni maatii Betʼel hojjetan hundi, hojii misiraachoo Mootummichaa labsuu isa barbaachisaa taʼeef deggersa guddaa godha.—Maarqos 13:10.

      • Betʼel keessatti kan tajaajilan eenyufaʼi? Waan isaan barbaachisu kan argatan akkamitti?

      • Hojiin deggersa maatii Betʼeliin hojjetamuufi baayʼee barbaachisaa taʼe maalidha?

  • Waajjira Damee Keessatti Maaltu Hojjetama?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
    • BARUMSA 22

      Waajjira Damee Keessatti Maaltu Hojjetama?

      Namoota gareedhaan taʼanii hojii damee Odoola Solomoon qindeessaa jiran

      Odoola Solomoon

      Dhugaa baatuu Yihowaa waajjira damee Kaanaadaa keessa tajaajilaa jiru

      Kaanaadaa

      Konkolaataawwan barreeffamoota geessuuf fayyadan

      Afriikaa Kibbaa

      Miseensonni maatii Betʼel hojii lallabaa biyya tokko ykn isaa ol keessa jiru gargaaruuf dippaartimentii addaddaa keessatti hojjetu. Kutaa hiikaa, kutaa maxxansa barruulee, barreeffamoota bifa kitaabaatiin qopheessuu, barreeffamoota kuusuu, sagalee ykn viidiyoo waraabuufi hojiiwwan garaagaraa hojjetu.

      Koreen Waajjira Damee hojicha olaantummaadhaan toʼata. Qaamni Olaanaan hojii waajjira damee keessatti hojjetamu akka toʼataniif, Koree Waajjira Damee jaarsolii gaʼumsa qaban sadii ykn isaa ol qabatetti amanamummaadhaan kenneera. Koreen kun, yeroo yerootti hojii biyyicha keessatti hojjetamaa jiruufi rakkina uumamu ilaalchisee Qaama Olaanaatiif gabaasa godha. Kunis, Qaamni Olaanaan walgaʼii gumii, walgaʼii gurguddaafi barreeffamoota gara fuulduraatti baʼanirratti barumsa akkamii qopheessuu akka qabu murteessuuf isa gargaara. Bakka buutonni Qaama Olaanaa waajjiroota damee daawwatu; akkaataa Koreen Waajjira Damee hojiisaa itti raawwatu ilaalchisees gorsa ni kennuuf. (Fakkeenya 11:14) Gumiiwwan waajjira damee sana jala jiran jajjabeessuuf, haasaan bakka buʼaan waajjira muummee kennu ni dhihaata.

      Gumiiwwan waajjiricha jala jiraniif deggersi ni godhama. Obboloonni waajjira damee keessatti itti gaafatamummaa qaban gumiiwwan haaraa hundeessu. Qajeelchitoota, misiyoonotaafi daawwattoota olaanaa aanaa waajjiricha jala jiraniifis qajeelfama kennu. Walgaʼiiwwan gurguddaa qindeessu, Galmi Mootummaa haaraan akka ijaaramu godhu; akkasumas fedhii hafuuraa obbolootaa guutuuf barreeffamoonni gumiiwwaniif akka ergaman godhu. Hojiin waajjira dameetti hojjetamu hundi, hojiin lallabaa sirriitti akka raawwatamuuf gumaacha guddaa godha.—1 Qorontos 14:33, 40.

      • Koreen Waajjira Damee Qaama Olaanaa kan gargaaru akkamitti?

      • Waajjira damee keessatti hojiiwwan akkamiitu hojjetama?

      CAALAATTI BARADHU

      Namoonni waajjira damee keenya daawwachuu barbaadan Wiixataa hanga Jimaataatti daawwachuu dandaʼu. Atis akka daawwattu si afeerra. Yeroo daawwannaadhaaf dhaqxu, akkaataan uffannaakee isa gaafa gumii dhaqxu uffattuu wajjin wal fakkaachuu qaba. Betʼeliin daawwachuudhaan amantiikee cimsachuu dandeessa.

  • Barreeffamoonni Keenya Kan Qophaaʼaniifi Kan Hiikaman Akkamitti?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
    • BARUMSA 23

      Barreeffamoonni Keenya Kan Qophaaʼaniifi Kan Hiikaman Akkamitti?

      Nama Yunaayitid Isteetisitti Kutaa Barreeffamoota Qopheessu keessa hojjechaa jiru

      Kutaa Barreeffamoota Qopheessu, Yu.Essi.Ee.

      Garee hiiktotaa Kooriyaa Kibbaa keessatti argamu

      Kooriyaa Kibbaa

      Armeeniyaa keessatti nama kitaaba dhugaa baatota Yihowaatiin hiikame qabatee jiru

      Armeeniyaa

      Buruundii keessatti dubartii kitaaba dhugaa baatota Yihowaatiinn hiikame qabattee jirtu

      Buruundii

      Sirii Laankaa keessatti dubartii barreeffama dhugaa baatota Yihowaatiin hiikame qabattee jirtu

      Sirii Laankaa

      “Saba hundumaa, gosa hundumaa, afaan dubbatamu hundumaafi nama hundumaatti” hamma nuu dandaʼame misiraachoo labsuudhaaf gara afaan 750 oliin barreeffamoota qopheessina. (Mulʼata 14:6) Hojii ulfaataa taʼe kana kan hojjennu akkamitti? Kana kan hojjennu gargaarsa namoota kutaa barreeffamaa addunyaa maraa taʼaniin, akkasumas namoota amanamoo hojii hiikaa hojjetaniin yommuu taʼu, hundisaanii Dhugaa Baatota Yihowaadha.

      Barreeffamni hiikamu tokko jalqaba afaan Ingiliffaatiin qophaaʼa. Kutaan Barreeffama Qopheessu waajjira muummee kan jiru siʼa taʼu, Qaamni Olaanaan hojicha olaantummaadhaan toʼata. Kutaan kun obboloota waajjira muummee ykn waajjira damee tokko tokko keessa taʼuudhaan barreeffamoota qopheessaniif qajeelfama kenna. Kutaa kana keessatti obboloota biyyoota addaddaa keessatti hojjetan qabaachuun keenya, barreeffamoota garaa namoota aadaa garaagaraa qabanii tuquu dandaʼan qopheessuuf kan nu dandeessise taʼuusaarrayyuu, barreeffamoonni keenya miira namoota hundumaa akka hawwatan godheera.

      Barreeffamni qophaaʼe obboloota afaan addaddaatti hiikaniif ergama. Barreeffamni qophaaʼe ilaalamee erga mirkaneeffamee booda, faayilli elektroonikiisaa tuuta hiikaa addunyaa maratti argamuufi barreeffamicha hiiku, isa hiikame ilaaluufi dubbisee dogoggora sirreessuuf ergama. Hundumtisaanii “dubbii dhugaa” afaan Ingiliffaatiin jiru afaansaaniitti sirriitti dabarsuuf carraaqqii godhu.—Lallaba 12:10.

      Kompiitarri hojichi saffisaan akka hojjetamu godha. Kompiitarri qopheessitootaafi namoota isa barreeffame hiikan bakka buʼuu hin dandaʼu. Haataʼu malee, kompiitara galmee jechootaafi wantoota qorannoof gargaaran qabutti fayyadamuunsaanii hojiisaanii saffisiisuu dandaʼa. Dhugaa Baatonni Yihowaa, meeshaa Maltiilaanguweej Elektirooniik Paabliishiing Siistem (MEPS) jedhamuufi barreeffamoota fakkii babbareedoo qaban, akkasumas afaan dhibba baayʼeetti lakkaaʼaman maxxansuuf gargaaru qopheessuu dandaʼaniiru.

      Barreeffamoota kana afaan hundumaatti, keessumaammoo afaan namoota kuma muraasa qofaan dubbatamutti hiikuuf carraaqqii hedduu kan goonu maaliifi? Yihowaan ‘namni hundi akka fayyuufi dhugaa beekuu bira akka gaʼu waan fedhuufidha.’—1 Ximotewos 2:3, 4.

      • Barreeffamoonni keenya kan qophaaʼan akkamitti?

      • Barreeffamoota keenya afaan baayʼeetti kan hiiknu maaliifi?

  • Hojii Addunyaa Maratti Hojjennuuf Deggersi Qarshii Kan Argamu Akkamitti?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
    • BARUMSA 24

      Hojii Addunyaa Maratti Hojjennuuf Deggersi Qarshii Kan Argamu Akkamitti?

      Nama fedhiidhaan buusii qarshii gochaa jiru
      Dhugaa Baatota Yihowaa hojii lallabaa irra jiran

      Neeppaal

      Obboloota ijaarsa Galmawwan Mootummaa irratti fedhiidhaan hojjetan

      Toogoo

      Obboloota waajjira damee Biritaaniyaa keessa fedhiidhaan hojjechaa jiran

      Biritaaniyaa

      Jaarmiyaan keenya waggaa waggaatti Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota kan biraa miliyoona dhibbatti lakkaaʼaman maxxansee kaffaltii malee raabsa. Galma Mootummaafi waajjira damee ni ijaarra, akkasumas ni suphina. Obboloota Betʼel keessatti hojjetaniifi misiyoonotaaf wanta barbaachisu ni dhiheessina, yeroo balaan gaʼus gargaarsa ni goona. Kanaaf, ‘Baasiin wanta kana hundaaf godhamu eessaa dhufa?’ jettee gaafachuunkee hin oolu.

      Kudhan keessaa tokko hin kaffalchiisnu, buusii miseensummaa hin gaafannu, qodaa buusiis hin naannessinu. Hojiin wangeela labsuu nuti hojjennu baasii hedduu kan gaafatu yoo taʼeyyuu, gargaarsa qarshii hin gaafannu. Maxxansi lammaffaan Masaraa Eegumsaa jaarraa tokkoo ol dura baʼe, Yihowaan Waaqa gargaarsa nuu godhu waan taʼeef “eenyuniyyuu gargaarsa hin gaafannu” jedhee kan ture siʼa taʼu, nutis gaafachuu hin qabnu.—Maatewos 10:8.

      Hojiin keenya buusii qarshii namoonni fedhiidhaan kennaniin hojjetama. Namoonni baayʼeen hojii Macaafa Qulqulluu barsiisuu keenya waan dinqisiifataniif buusii godhu. Dhugaa Baatonni Yihowaas, hojii isa fedhi Waaqayyoo addunyaa maratti akka raawwatamu godhu kanaaf, yeroosaanii, humnasaanii, qarshiisaaniifi qabeenyasaanii gammachuudhaan gumaacha godhu. (1 Seenaa 29:9) Galma Mootummaafi walgaʼiiwwan gurguddaatti, warra buusii gochuu barbaadaniif saanduqni buusii kaaʼameera. Yookiin karaa weebsaayitii www.jw.org/om jedhamuu buusii qarshii gochuun ni danda‵ama. Buusii hedduun kan argamu namoota hiyyeeyyii akka haadha hiyyeessaa ishee Yesus caqaseefi saantima sibiilaa diddiimtuu lama qodaa buusii mana qulqullummaa keessa buustee taʼanirraati. (Luqaas 21:1-4) Kanaaf, abbaan “akka garaa isaatti murtoo godhetti” kennuu barbaadu yeroo hunda ‘hamma wal qixxaateef buusee walitti qabachuudhaan’ buusii gochuu dandaʼa.—1 Qorontos 16:2; 2 Qorontos 9:7.

      Yihowaan fedhisaa akka raawwatamuuf garaa namoota ‘qabeenyasaaniitiin Waaqayyoof ulfina kennuufi’ hojii Mootummichaa deggeruu barbaadanii kakaasuusaa akka itti fufu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Fakkeenya 3:9.

      • Jaarmiyaa keenya dhaabbata amantii kan biraarraa adda kan godhu maalidha?

      • Buusii namoonni fedhaan godhanitti kan fayyadamnu akkamitti?

  • Galmi Mootummaa Maaliif Ijaarama? Kan Ijaaramuhoo Akkamitti?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
    • BARUMSA 25

      Galmi Mootummaa Maaliif Ijaarama? Kan Ijaaramuhoo Akkamitti?

      Obboloota Booliiviyaa keessatti hojii ijaarsaa galmawwan mootummaa irratti fedhiidhaan hojjetan

      Booliiviyaa

      Galmi mootummaa Naayijeeriyaa akka haaraatti ijaaramuu isaa dura
      Galmi mootummaa Naayijeeriyaa akka haaraatti erga ijaaramee booda

      Naayijeeriyaa, isa duraafi isa ammaa

      Taahiitii keessatti Galmi Mootummaa yommuu ijaaramu

      Taahitii

      Akkuma maqaan Galma Mootummaa jedhu ibsu, barumsi Macaafa Qulqulluu bakka kanatti kennamu Mootummaa Waaqayyoo isa yaada ijoo tajaajila Yesus taʼerratti kan xiyyeeffatudha.—Luqaas 8:1.

      Hawaasa keessatti giddu galeessa waaqeffannaa dhugaa taʼee tajaajila. Galmi Mootummaa bakka Dhugaa Baatonni Yihowaa hojii lallabaa naannoosaaniitti geggeeffamu itti gurmeessanidha. (Maatewos 24:14) Galmi Mootummaa, balʼinaafi haala ijaarsaa addaddaa qaba. Hundisaanii bareedinaafi balʼina gara dhabe kan hin qabne siʼa taʼan, galma tokkotti gumii tokkoo oltu walitti qabama. Waggoota dhihoo keessatti, baayʼinni gumii waan dabaleef, Galma Mootummaa haaraa kuma kudhaniin lakkaaʼaman (giddu galeessaan guyyaatti galma shan) ijaarreerra. Kun akkamitti taʼuu dandaʼe?—Maatewos 19:26.

      Buusii kaayyoo kanaaf walitti qabamuun ijaarama. Buusiin kun waajjira dameetti kan ergamu siʼa taʼu, gumiiwwan Galma Mootummaa ijaaruu ykn haaromsuu barbaadan horii kanatti fayyadamuu dandaʼu.

      Namoota haala addaddaa qabaniifi fedhaan of dhiheessaniin ijaarama. Biyyoota hedduu keessatti, Tuutni Ijaarsa Galma Mootummaa hundeeffameera. Gareen ijaarsaafi namoonni fedhiisaaniitiin hojjetan, biyyasaanii keessa gumii tokkoo gara gumii garabiraa, darbees naannoo fagoo dhaquudhaan hojii kanarratti hirmaatu, akkasumas Dhugaa Baatota naannoo sana jiran leenjisu. Biyyoota garabiraa keessattimmoo Koreewwan Ijaarsaa Naannoo, ijaarsaafi haaromsa Galma Mootummaa naannoo tokko keessa jiru akka toʼataniif ni ramadamu. Namoonni dandeettii qaban fedhiisaaniitiin hojicharratti kan hirmaatan taʼus, naannoo galmichi ijaaramu hundaatti, baayʼinaan hojicha kan hojjetan miseensota gumichaati. Hafuurri Yihowaafi carraaqqiin sabnisaa garaa guutuudhaan godhan, hojiin kun hundi akka hojjetamu godheera.—Faarfannaa 127:1; Qolosaayis 3:23.

      • Bakki waaqeffannaa keenya Galma Mootummaa kan jedhame maaliifi?

      • Addunyaa maratti Galma Mootummaa ijaaruun kan dandaʼame akkamitti?

  • Galma Mootummaa Keenya Kunuunsuurratti Hirmaachuu
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
    • BARUMSA 26

      Galma Mootummaa Keenya Kunuunsuurratti Hirmaachuu

      Dhugaa Baatonni Yihowaa Istooniyaa Galma Mootummaa isaanii yoomuu qulqulleessan

      Istooniyaa

      Dhugaa Baatonni Yihowaa Zimbaabuwee Galma Mootummaa isaanii yoomuu qulqulleessan

      Zimbaabuwee

      Dhugaa baatuun Yihowaa Mongooliyaatti argamu tokko yommuu ampoolii jijjiiru

      Mongooliyaa

      Porto Riikootti Dhugaa Baatuun Yihowaa tokko yommuu halluu dibuu

      Porto Riikoo

      Galmi Mootummaa Dhugaa Baatota Yihowaa hundi maqaa Waaqayyoo isa qulqulluu taʼeef ulfina fida. Kanaaf galmicha qulqulleessuun, miidhagsuufi sirriitti qabuun, mirga guddaa taʼuusaarrayyuu kutaa waaqeffannaa keenya keessaa isa tokko akka taʼe nutti dhagaʼama. Miseensi gumichaa hundis irratti hirmaachuu dandaʼu.

      Walgaʼii booda galmicha qulqulleessuuf fedhaan of dhiheessi. Obboloonni, walgaʼii booda Galma Mootummichaa qulqulleessuusaaniitti baayʼee gammadu. Torbanitti siʼa tokkommoo guutummaa galmichaatu akka gaariitti qulqulleeffama. Jaarsi ykn tajaajilaan gumii tokko, wantoota qulqulleeffamuu qaban ilaalchisee qajeelfamni baʼee jiru itti hojjetamuusaa hordofa. Akka barbaachisummaasaatti, obboloonni lafasaa ni haru, ni miicu, meeshaalee dhukkee qaban ni haxaaʼu, teessuma ni sisirreessu, mana fincaanii ni qulqulleessu, foddaafi daawwitii ni miicu, kosii ni gatu, mooraa ni qulqulleessu, akkasumas abaaboo ni kunuunsu. Yoo xinnaate waggaatti siʼa tokko galmichi akka gaariitti ni qulqulleeffama. Ijoolleen keenyas hojiiwwan tokko tokkorratti akka hirmaatan gochuudhaan, bakka waaqeffannaa keenyaaf ulfina akka qabaatan isaan barsiisna.—Lallaba 5:1.

      Galmicha suphuurratti hamma dandeessu gargaarsa godhi. Keessaafi alli Galma Mootummaa waggaa waggaadhaan akka gaariitti ilaalama. Qorannaa kanarratti hundaaʼuudhaan, galmichi yeroo yeroodhaan kan suphamu yommuu taʼu, kunis gumichi baasii barbaachisaa hin taane keessa akka hin galle godha. (2 Seenaa 24:13; 34:10) Galmi Mootummaa qulqulluu taʼeefi sirriitti suphame iddoo itti Waaqa keenya waaqeffachuuf maludha. Hojii kanarratti hirmaachuudhaan, Yihowaa akka jaallannuufi iddoo itti isa waaqeffannuuf ulfina akka qabnu argisiisuu dandeenya. (Faarfannaa 122:1) Namoonni naannoo galmichaa jiranis iddoo kanaaf ilaalchaa gaarii akka qabaatan godha.—2 Qorontos 6:3.

      • Bakka itti Yihowaa waaqeffannu akka laayyootti ilaaluu kan hin qabne maaliifi?

      • Qulqullina Galma Mootummaa eeguuf qophiiwwan akkamiitu godhame?

  • Manni Kitaabaa Galma Mootummaa Kan Nu Fayyadu Akkamitti?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
    • BARUMSA 27

      Manni Kitaabaa Galma Mootummaa Kan Nu Fayyadu Akkamitti?

      Obboleessa Mana kitaabaa Galma Mootummaatti fayyadamaa jiru

      Israaʼel

      Dhugaa Baatuun tokko qorannoo akka godhu dargaggeessa tokko yommuu gargaaru

      Rippuubliikii Cheek

      Intala kitaaba faarfannaa isheerratti maqaashee barreessaa jirtu

      Beeniin

      Obboleessa Waachtaawar laayibirarii fayyadamaa jiru

      Odoola Keeyimaan

      Beekumsa Macaafa Qulqulluukee guddifachuuf qorannoo gochuu barbaaddaa? Waaʼee caqasa, nama, bakka ykn wanta Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame tokkoo baruuf hawwii qabdaa? Yookiin dhimmoota dhuunfaa tokko tokkorratti Macaafni Qulqulluun akka si gargaaru barbaaddaa? Taanaan mana kitaabaa Galma Mootummaa jirutti fayyadami.

      Meeshaalee qorannoo gochuuf fayyadan argachuuf nu gargaara. Barreeffamoota Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼan hundumaa afaan ittiin dubbattuun argachuu akka hin dandeenye beekamaadha. Taʼus, barreeffamoota dhihootti maxxanfaman mana kitaabaa Galma Mootummaatti argachuu dandeenya. Akkasumas Macaafa Qulqulluu hiikaa addaddaa, galmee jechootaa gaarii taʼaniifi meeshaalee qorannoo gochuuf gargaaran kan biraas qabateera. Walgaʼii duraafi booda, mana kitaabichaatti fayyadamuu dandeessa. Manni kitaabichaa kompiitara qaba taanaan, Waachtaawar Laayibirarii qabaachuu dandaʼa. Waachtaawar Laayibirariin faayila kompiitaraa barreeffamoota keenya hedduu qabate siʼa taʼu, mataduree, jechaafi caqasa addaddaa waan qabuuf qorannaa gochuuf salphaa kan taʼedha.

      Barattoota Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaatiif faaayidaa guddaa kenna. Yeroo kutaa keetiif qophooftu mana kitaabaa Galma Mootummaa jirutti akka gaariitti fayyadamuu dandeessa. Ilaaltuun ol aanaa Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa mana kitaabaa kana itti gaafatamummaadhaan hordofa. Barreeffamoonni dhiheenyatti baʼan achi jiraachuusaaniifi sirriitti kaaʼamuusaanii mirkaneessa. Odeeffannoo barbaadde akkamitti argachuu akka dandeessu inni ykn namni si qayyabachiisu sitti himuu dandaʼa. Barreeffama mana kitaabichaa Galma Mootummaatii fuudhanii baʼuun garuu hin dandaʼamu. Akkasumas yommuu dubbisnu kitaabota sirriitti qabuu qabna; irratti barreessuus hin qabnu.

      Macaafni Qulqulluun, ‘Waaqayyoon baruuf’ “akka nama qabeenya dhokfamee jiru qoratuutti” qorannoo gadi fageenya qabu gochuu akka qabnu ibsa. (Fakkeenya 2:1-5) Manni kitaabaa Galma Mootummaa qorannoo akkasii gochuuf si gargaaruu dandaʼa.

      • Mana kitaabaa Galma Mootummaa keessa meeshaalee qorannoo gochuuf gargaaran akkamiitu jiru?

      • Mana kitaabaa kanatti sirriitti fayyadamuu akka dandeessuuf eenyufaatu si gargaaruu dandaʼa?

      CAALAATTI BARADHU

      Mana kitaabaa dhuunfaa qabaachuu barbaannaan, nama kutaa barreeffamaatii hojjetu gaafadhu. Jalqaba barreeffama kamfaa qabaachuu akka qabdu namni Macaafa Qulqulluu si qayyabsiisu sitti himuu dandaʼa.

  • Weebsaayitii Keenyarraa Maaltu Argamuu Dandaʼa?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
    • BARUMSA 28

      Weebsaayitii Keenyarraa Maaltu Argamuu Dandaʼa?

      Dubartii laap toopiisheetiin qorannoo gochaa jirtu

      Faransaay

      Maatii kompiitaraan fayyadamaa jiran

      Poolaandi

      Dubartii viidiyoo afaan mallattoo Intarneetii irraa ilaalaa jirtu

      Raashiyaa

      Yesus duuka buutotasaatiin, “Namoonni hojii keessan isa gaarii arganii, abbaa keessan isa waaqa irraaf ulfina akka kennaniif ifni keessan akkuma kanaatti namoota duratti haa ifu!” jedhee ture. (Maatewos 5:16) Kana raawwachuufis, Intarneetii dabalatee teknoolojii ammayyaatti fayyadamaa jirra. Waaʼeen amantiifi sochii Dhugaa Baatota Yihowaa teessoo Weebsaayitii jw.org jedhamurratti argama. Weebsaayitii kanarratti maalfaatu argama?

      Deebii Macaafni Qulqulluun Gaaffiiwwan yeroo baayʼee kaʼaniifi kennu qabatee jira. Weebsaayitii keenyarraa gaaffii barbaachisoo namoonni yeroo baayʼee gaafatan tokko tokkoof deebii argachuu dandeessa. Fakkeenyaaf, weebsaayitii keenya irraa tiraaktiin Rakkinni ni Badaa? fi Namoonni Duʼan Deebiʼanii Jiraachuu ni Dandaʼuu? jedhamu afaan 600 oliin argama. Akkasumas Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa afaan 130 oliin, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu dabalatee, barreeffamoota Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf gargaaran hedduu, Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! dhiheenyatti maxxanfaman argachuu dandeessa. Barreeffamoota kana keessaa baayʼeensaanii weebsaayitiidhuma sanarratti kan dubbifaman siʼa taʼu, kaanimmoo meeshaalee, sagalee, MP3, ‘PDF’ ykn ‘EPUB’ taphachiisanitti daawun lood godhamuu dandaʼu. Nama fedhii qabuufi afaansaatiin barreeffama argachuu barbaaduufis weebsaayitii kanarraa maxxansuufii dandeessa. Barreeffamoota afaan mallattoo hedduu viidiyoodhaan qophaaʼanis weebsaayitii kanarraa argachuun ni dandaʼama. Dubbisa Macaafa Qulqulluu sagaleedhaan qophaaʼe, diraamaa Macaafa Qulqulluufi muuziqaa gaarii yeroo boqonnaa keetti dhaggeeffachuu dandeessus daawunlood godhachuu dandeessa.

      Waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa odeeffannoo sirrii qabatee jira. Oduufi viidiyoo waaʼee hojii keenya dhihootti hojjetamanii ibsu, dhimmoota Dhugaa Baatota Yihowaa ilaallatan addeessan, obboloota balaan irra gaʼe gargaaruuf carraaqqii goone ibsan argachuun ni dandaʼama. Beeksisa waaʼee walgaʼii gurguddaa fuulduratti goonu ibsuufi teessoo waajjiroota damee keenyaas argachuu dandeessa.

      Wantoota kanatti fayyadamuudhaan hamma handaara lafaatti dhugaan akka ifu gochaa jirra. Antaarkitiikaa dabalatee namoonni ardii hundarra jiran qophii kanarraa fayyadamaa jiru. Waaqayyo ulfina akka argatuuf, ‘Dubbiin gooftaa [Yihowaa] iddoo baayʼee akka gaʼu’ ni kadhanna.—2 Tasaloniiqee 3:1.

      • Weebsaayitiin jw.org jedhamu, namoonni baayʼeen dhugaa Macaafa Qulqulluu akka baran gargaaraa kan jiru akkamitti?

      • Weebsaayitii keenyarraa waaʼee maalii ilaaluu barbaadda?

      HUBACHIISA

      Mormitoonni tokko tokko, Weebsaayitii waaʼee jaarmiyaa keenyaa waan sobaa dubbatu qopheessaniiru. Kaayyoonsaanii namoonni Yihowaa akka hin tajaajille gochuudha. Weebsaayitoota kanarraa fagaachuu qabna.—Faarfannaa 1:1; 26:4; Roomaa 16:17.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi