Bitaa: Bara 1926tti, Ayyaanni Qillee yeroo xumuraatiif Betʼel Biruukiliinitti ennaa ayyaaneffatamu; Mirga: Namoonni hedduun Dhugaa Baatonni Yihowaa warra kaanirraa adda akka taʼan ni hubatu
KUTAA 3
Ulaagaalee Mootummichaa—Qajeelummaa Waaqayyoo Barbaaduu
UTUMA karaarra deemaa jirtuu nama tokko argitee harka itti raaste. Namni kun haala kees taʼe haala maatii keetii akka beeku hubatta. Innis erga nagaa si gaafatee booda, mallattoodhaan si waama. Achiis, “Gaaffii tokko si gaafadhuu? Isin namoota kaanirra adda akka taatan kan isin godhe maalidha?” siin jedha. Atis, “Maal jechuu keeti?” jettee isa gaafatta. Innis akkas siin jedha: “Isin Dhugaa Baatota Yihowaati mitii? Isin akka namoota kaanii miti. Amantiin keessan kan warra kaanirraa addadha; ayyaana hin ayyaaneffattan, dhimma siyaasaa keessa hin seentan, waraanarrattis hin hirmaattan. Akkasumas tamboo hin xuuxxan. Maatiin keessanis ulaagaa Waaqayyo amalaaf baase eegee kan jiraatu fakkaata. Maarree, karaa hedduu warra kaanirraa adda akka taatan kan isin godhe maalidha?”
Deebiinsaa salphaadha: Nuyi bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo jala jirra. Mootiin keenya Yesus yeroo kamiyyuu caalaa nu qulleessaa jira. Faanasaa duukaa buʼuudhaan addunyaa hamaa taʼe kanarraa adda akka taanu nu gargaaraa jira. Kutaa kana keessatti, sabni Waaqayyoo Yihowaadhaaf ulfina akka fidan Mootummaan Masiihichaa karaa hafuuraa, karaa amalaafi karaa jaarmiyaa akkamitti akka isaan qulleessaa jiru ilaalla.