LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • jy boq. 33 ful. 80-ful. 81 key. 7
  • Raajiin Isaayaas Isa Irratti Raawwatame

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Raajiin Isaayaas Isa Irratti Raawwatame
  • Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yesuus ‘Lafa Irratti Haqa ni Fida’
    Yihowaatti Dhihaadhu
  • Amala Gad Of Deebisuu Fi Gara Laafinaa Argisiisuudhaan Yesusiin Fakkaadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Raajiiwwan Masiihicha Ilaalchisee Dubbataman
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Kunoo, Garbichi Yihowaan Jaallatu Isa Kana!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
jy boq. 33 ful. 80-ful. 81 key. 7
Yesuus bidiruu xinnoo irra taaʼee qarqara galaanaatti namoota yommuu barsiisu

BOQONNAA 33

Raajiin Isaayaas Akka Raawwatamu Godhe

MAATEWOS 12:15-21 MAARQOS 3:7-12

  • NAMOONNI HEDDUUN YESUUSIIN DHIIBAN

  • RAAJIIN ISAAYAAS AKKA RAAWWATAMU GODHE

Yesuus, Fariisonnii fi duuka buutonni Heroodis isa ajjeesuuf akka karoorfatan akkuma bareen barattoota isaa wajjin gara Galaana Galiilaa deeme. Namoonni hedduun Galiilaa, magaalaawwan Xiiroosii fi Sidoonaa, baha Laga Yordaanos, Yerusaalemii fi Edoomiyaa ishii kallattii kibbaatiin fagaattee argamtuu gara isaa dhufan. Yesuus namoota hedduu fayyise. Kanaan kan kaʼes, namoonni dhukkuba cimaa qaban wal dhiibuu jalqaban. Hamma inni isaan tuqutti isa eeguu mannaa, isa bira gaʼanii isa tuquudhaaf yaalii cimaa taasisan.—Maarqos 3:9, 10.

Yesuus namoonni kun hedduu waan taʼaniif akka isaan isa hin dhiibneef, qarqara bishaanichaa irraa gara walakkaatti siquuf, barattoonni isaa bidiruu xinnoo akka isaaf qopheessan gaafate. Bidiricha irra taaʼee isaan barsiisuu ykn achuma qarqara bishaanichaa irra kallattii gara biraatti deemee namoota hedduu gargaaruus dandaʼa.

Maatewos hojiin Yesuus hojjete, “wanta karaa Isaayyaas raajichaa . . . dubbatame” akka raawwatu dubbateera. (Maatewos 12:17) Yesuus yeroo kanatti raajiin inni kam raawwii isaa akka argatu gochaa jira?

“Tajaajilaan koo inni ani filadhe, inni ani jaalladhu, inni ani itti gammadu isa kana! Ani hafuura koo isa irra nan kaaʼa; inni haqni maal akka taʼe sabootaaf ifa godha. Inni hin falmu yookiin hin caraanu yookiin eenyu illee daandii guguddaa irratti sagalee isaa hin dhagaʼu. Inni hanga haqni akka moʼu godhutti, shomboqqoo buruqfame hin cabsu; foʼaa ibsaa aarus hin dhaamsu. Dhuguma iyyuu, saboonni maqaa isaatiin abdii qabaatu.”—Maatewos 12:18-21; Isaayaas 42:1-4.

Yesuus tajaajilaa jaallatamaa Waaqayyo muude akka taʼe beekamaa dha. Yesuus haqni dhugaan inni aadaa amantii sobaatiin dhokfamee jiru ifa akka baʼu godhe. Fariisonni Seera Waaqayyoo karaa mataa isaaniitiin jalʼisanii hojii irra waan oolchaniif, guyyaa Sanbataatti nama dhukkubsateef illee gargaarsa hin godhan! Yesuus haqa Waaqayyoo mulʼisuu fi hafuurri Waaqayyoo isa irra akka jiru argisiisuudhaan namoota aadaan jalʼaa taʼe baʼaa itti taʼeef boqonnaa argamsiiseera. Kanaaf geggeessitoonni amantii isa ajjeesuu barbaadan. Kun baayʼee nama gaddisiisa!

“Inni hin falmu yookiin hin caraanu yookiin eenyu illee daandii guguddaa irratti sagalee isaa hin dhagaʼu” jechuun maal jechuu dha? Yesuus namoota yeroo fayyisu, isaanis taʼan jinniiwwan ‘eenyummaa isaa akka dubbatan’ isaaniif hin heyyamu. (Maarqos 3:12) Namoonni beeksisa daandii irratti sagalee guddaadhaan dubbatamuun ykn oduu itti dabalamee ykn irraa hirʼifamee miiraan dubbatamuun waaʼee isaa akka dhagaʼan hin barbaadu.

Yesuus, ergaa isaa isa nama jajjabeessu namoota akka shomboqqoo buruqfamee taʼanitti ykn hacuucamanitti himeera. Namoonni kun abdii waan kutataniif, akka foʼaa ibsaa aaraa jiruu fi baduu jala gaʼee taʼaniiru. Yesuus shomboqqoo buruqfame hin cabsu ykn foʼaa ibsaa aaraa jiru hin dhaamsu. Kanaa mannaa, gara laafinaa fi jaalalaan kakaʼee namoota hacuucaman ol kaasa. Dhuguma iyyuu, Yesuus isa saboonni abdii isaanii irra kaaʼatani dha!

  • Yesuus utuu hin falmin ykn daandii guguddaa irratti sagalee isaa utuu hin dhageessisin haqni ifa akka taʼu kan taasise akkamitti?

  • Namoonni akka shomboqqoo buruqfamee ykn akka foʼaa ibsaa aaraa jiruu taʼan eenyu faʼi? Yesuus namoota kana akkamitti qabe?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi