-
Kutaa 1 Wantoota Kiristiyaanonni Itti AmananFedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
-
-
GAAFFIIWWAN NAMOOTA CUUPHAMUU BARBAADANIIF DHIHAATAN
Kutaa 1 Wantoota Kiristiyaanonni Itti Amanan
Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun kee dhugaa beekuuf si dandeessiseera. Wanti baratte Waaqayyoo wajjin hariiroo gaarii akka qabaattu, akkasumas bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo jalattii fi lafa jannata taatu irratti jireenya bara baraa fi eebbawwan kan biroo argachuuf abdii akka qabaattu akka si gargaare hin shakkisiisu. Amantiin Dubbii Waaqayyoo irratti qabdu caalaatti cimeera, akkasumas gumii Kiristiyaanaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu keetiin amma illee eebba hedduu argatteetta. Kana malees, Yihowaan saba isaa yeroo harʼaa jiran akkamitti akka qabu hubatteetta.—Zak. 8:23.
Cuuphamuuf qophii gochaa waan jirtuuf, barumsawwan buʼuuraa Kiristiyaanonni itti amanan irratti jaarsolii gumii wajjin mariʼachuun kee si fayyada. (Ibr. 6:1-3) Yihowaan waaʼee isaa beekuuf carraaqqii gootu hunda eebbisuu isaa akka itti fufuu fi badhaasa kennuuf waadaa gale akka siif kennu ni hawwina.—Yoh. 17:3.
1. Cuuphamuu kan barbaaddu maaliifi?
2. Yihowaan eenyu?
• “Yihowaan ol samii irrattis taʼe gad lafa irratti Waaqa dhugaa [dha] . . . Isa malee kan biraan hin jiru.”—Kes. 4:39.
• “Ati inni maqaan kee Yihowaa taʼe, guutummaa lafaa irratti kophaa kee Isa Hundaa Olii [ti].”—Far. 83:18.
3. Waaqayyoon maqaa isaa isa dhuunfaatti fayyadamtee isa waamuun kee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
• “Egaa, isin akkana jedhaa kadhadhaa: ‘Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu, maqaan kee haa qulqullaaʼu.’”—Mat. 6:9.
• “Namni maqaa Yihowaa waammatu hundi ni fayya.”—Rom. 10:13.
4. Jechoonni Kitaaba Qulqulluu keessatti Yihowaa ibsan tokko tokko kam faʼi?
• “Yihowaan inni Uumaa andaara lafaa taʼe, bara baraaf Waaqa dha.”—Isa. 40:28.
• “Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattu.”—Mat. 6:9.
• “Waaqayyo jaalala.”—1 Yoh. 4:8.
5. Wanti Yihowaadhaaf kennuu dandeessu maali dha?
• “Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, sammuu kee guutuudhaan, akkasumas humna kee guutuudhaan jaalladhu.”—Mar. 12:30.
• “Waaqa kee Yihowaa waaqeffadhu; isa qofaaf tajaajila qulqulluu dhiheessi.”—Luq. 4:8.
6. Yihowaadhaaf amanamaa taʼuu kan barbaaddu maaliifi?
• “Isa na arrabsuuf deebii kennuu akkan dandaʼutti, yaa ilma koo, ogeessa taʼi, garaa koos gammachiisi.”—Fak. 27:11.
7. Kadhannaa kan dhiheessitu gara eenyuutti? Kan kadhattu hoo maqaa eenyuutiini?
• Yesuus akkana jedheera: “Dhuguma dhuguman isiniin jedha, isin wanta akkamii iyyuu Abbaa yoo kadhattan, inni maqaa kootiin isiniif ni kenna.”—Yoh. 16:23.
8. Waaʼee wantoota akkamii kadhachuu dandeessa?
• “Egaa, isin akkana jedhaa kadhadhaa: ‘Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu, maqaan kee haa qulqullaaʼu. Mootummaan kee haa dhufu. Fedhiin kee akkuma samii irratti taʼaa jiru, lafa irrattis haa taʼu. Nyaata harʼaaf nu barbaachisu harʼa nuuf kenni; akkuma nuti warra balleessaa nu irratti raawwataniif dhiisne, balleessaa keenya nuu dhiisi. Isa hamaa sana irraa nu oolchi malee, qorumsatti nu hin galchin.’”—Mat. 6:9-13.
• “Amanannaan nuti isa irratti qabnu kana dha, wanti kadhannu maal iyyuu yoo taʼe, akka fedhii isaatti yoo kadhanne inni nu dhagaʼa.”—1 Yoh. 5:14.
9. Yihowaan kadhannaa nama tokkoo kan hin dhageenye maaliif taʼuu dandaʼa?
• “Yeroo sanatti isaan gargaarsaaf Yihowaa ni waammatu, inni garuu deebii isaaniif hin kennu. Gocha isaanii isa hamaadhaan kan kaʼe . . . inni fuula isaa isaan jalaa ni dhoksa.”—Mik. 3:4.
• “Ijji Yihowaa qajeelota irra jira; gurri isaas wawwaannaa isaanii ni dhagaʼa; taʼus Yihowaan warra wanta hamaa hojjetan irraa ni garagala.”—1 Phe. 3:12.
10. Yesuus Kiristoos eenyu?
• “Simoon Pheexiros, ‘Ati Kiristoos, Ilma Waaqayyo isa jiraataa ti’ jedhee deebise.”—Mat. 16:16.
11. Yesuus gara lafaa kan dhufe maaliifi?
• “Ilmi namaas kan dhufe warra kaan tajaajiluu fi lubbuu isaa bakka namoota hedduu furii godhee kennuufi malee, akka isa tajaajilaniif miti.”—Mat. 20:28.
• “Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo magaalota kaanittis lallabuun qaba; sababiin isaas, ani [Yesuus] kanaafan ergame”—Luq. 4:43.
12. Dinqisiifannaa aarsaa Yesuusiif qabdu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?
• “Warri lubbuudhaan jiran isa isaaniif jedhee duʼee fi duʼaa kaafameef malee, kana booda ofii isaaniitiif akka hin jiraanneef inni hundumaaf duʼeera.”—2 Qor. 5:15.
13. Yesuus aangoo akkamii qaba?
• “Samii fi lafa irratti aangoon hundi anaaf kennameera.”—Mat. 28:18.
• “Waaqayyo iddoo hunda caalu isaaf kennuudhaan ol isa godhe; akkasumas maqaa maqaa kan biraa kam irra iyyuu caalu gaarummaadhaan isaaf kenne.”—Filp. 2:9.
14. Qaamni Ol Aanaan Dhugaa Baatota Yihowaa, ‘garbicha amanamaa fi ogeessa’ Yesuusiin muudame taʼuu isaa ni amantaa?
• “Garbichi amanamaanii fi ogeessi, yeroo sirrii taʼetti nyaata isaanii akka isaaniif kennu gooftaan isaa maatii isaa irratti muude dhuguma eenyu?”—Mat. 24:45.
15. Hafuurri qulqulluu qaama qabaa?
• “Maleekaan sunis akkana jedhee ishiidhaaf deebise: ‘Hafuurri qulqulluun si irra buʼa, humni Isa Hundaa Oliis si golga. Kanaan kan kaʼes mucaan dhalatu qulqullicha, Ilma Waaqayyoo jedhama.’”—Luq. 1:35.
• “Kanaafuu, isin hamoota taatanii utuu jirtanii ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii, Abbaan keessan inni samii immoo warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu caalchisee hin kennuu ree?”—Luq. 11:13.
16. Yihowaan hafuura qulqulluu isaatti kan fayyadamu akkamitti?
• “Dubbii Yihowaatiin samiiwwan, hafuura afaan isaatiinis wantoonni isaan keessa jiran hundi tolfamaniiru.”—Far. 33:6.
• “Yommuu hafuurri qulqulluun isin irra buʼu humna ni argattu . . . hanga andaara lafaatti dhugaa baatota koo ni taatu.”—HoE. 1:8.
• “Raajiin Kitaabota Qulqulluu kam iyyuu yaada namootaa irraa kan madde akka hin taane beektu. Sababiin isaas, raajiin yoom iyyuu fedhii namaatiin hin dhufne; kanaa mannaa, namootatu ergaa Waaqayyo biraa dhufe hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee dubbate.”—2 Phe. 1:20, 21.
17. Mootummaan Waaqayyoo maali dha?
• “Waaqni samii mootummaa matumaa hin balleeffamne tokko ni hundeessa. Mootummaan kunis saba kan biraa kamitti iyyuu dabarfamee hin kennamu. Innis mootummoota kana hundumaa caccabsee ni balleessa; kophaa isaas bara baraaf ni dhaabbata.”—Dan. 2:44.
18. Mootummaan Waaqayyoo eebba akkamii siif argamsiisa?
• “Inni imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu. Wantoonni duraa sun darbaniiru.”—Mul. 21:4.
19. Eebbawwan Mootummaan Waaqayyoo fidu dhiheenyatti akka raawwataman akka amantu wanti si taasise maali dha?
• “Barattoonni isaa kophaatti gara isaa dhufanii, ‘Nutti himi, wantoonni kun yoom raawwatamu? Mallattoon argama keetii fi kan dhuma sirna kanaa maali dha?’ isaan jedhan. Yesuusis akkana jedhee isaaniif deebise: ‘. . . Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti ni kaʼa; akkasumas hanqinni nyaataa fi kirkirri lafaa bakka garaa garaatti ni taʼa. Saboota hundumaatti ragaa akka taʼuuf misiraachoon Mootummichaa guutummaa lafaa irratti ni lallabama; sana booda dhumni ni dhufa.’”—Mat. 24:3, 4, 7, 14.
• “Guyyoota dhumaatti yeroon addaa baayʼee rakkisaa taʼe akka dhufu beeki. Sababiin isaas, namoonni kan of jaallatan, maallaqa kan jaallatan, kan of jajan, kan of tuulan, arrabsitoota, warra isaaniitiif kan hin ajajamne, kan hin galateeffanne, amanamoo kan hin taane, jaalala kan hin qabne, walii galuuf fedhii kan hin qabne, maqaa kan balleessan, kan of hin toʼanne, gara jabeeyyii, wanta gaarii kan hin jaallanne, gantoota, mata jabeeyyii, boonuudhaan kan of bokoksan, Waaqa jaallachuu mannaa wanta isaan gammachiisu kan jaallatan taʼu; Waaqa kan sodaatan fakkaatu, humna isaa garuu ni ganu; namoota akkasii irraa fagaadhu.”—2 Xim. 3:1-5.
20. Jireenya kee keessatti Mootummaa Waaqayyootiif bakka guddaa akka kennitu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?
• “Egaa, hundumaa dura Mootummichaa fi qajeelummaa isaa barbaaduu keessan itti fufaa; wantoonni kun hundis isiniif ni dabalamu.”—Mat. 6:33.
• “Yesuus barattoota isaatiin akkana jedhe: ‘Namni kam iyyuu ana duukaa buʼuu yoo barbaade of haa ganu; muka dhiphinaa isaa baatees yeroo hunda ana duukaa haa buʼu.’”—Mat. 16:24.
21. Seexannii fi jinniiwwan eenyu faʼi?
• “Isin kan abbaa keessan kan Diyaabilosi . . . Inni jalqabumaa kaasee kan nama ajjeesu ture.”—Yoh. 8:44.
• “Jawwee guddaan sun, jechuunis bofti inni jalqabaa, inni Diyaabilosii fi Seexana jedhamu, inni guutummaa lafaa dogoggorsu sun gad darbatame; inni gara lafaatti gad darbatame; maleekonni isaas isaa wajjin gad darbataman.”—Mul. 12:9.
22. Seexanni Yihowaa fi warra Yihowaa waaqeffatan irratti himata akkamii baneera?
• “Dubartittiinis bofichaan akkana jette: ‘Firii mukeetii iddoo biqiltuu keessa jiran irraa nyaachuu ni dandeenya. Haa taʼu malee, Waaqayyo firii muka isa iddoo biqiltuu gidduu jiru sana ilaalchisee, “Isa irraa hin nyaatinaa, hin tuqinaas; taʼuu baannaan garuu ni duutu” jedheera.’ Yeroo kanatti bofichi dubartittiidhaan akkana jedhe: ‘Isin matumaa hin duutan. Waaqayyo akkana kan jedhe, guyyuma isa irraa nyaattanitti ijji keessan akka banamu, akkasumas gaarii fi hamaa beekuudhaan akka Waaqayyoo akka taatan waan beekuufi.’”—Uma. 3:2-5.
• “Seexanni akkana jedhee Yihowaadhaaf deebise: ‘Gogaan qooda gogaa ti. Namni lubbuu isaatiif jedhee wanta qabu hundumaa ni kenna.’”—Iyo. 2:4.
23. Himanni Seexanaa soba taʼuu isaa mirkaneessuu kan dandeessu akkamitti?
• “Garaa guutuu . . . [Waaqayyoon] tajaajili.”—1 Sen. 28:9.
• “Hamman duʼutti amanamummaa koo hin dhiisu!”—Iyo. 27:5.
24. Namoonni kan duʼan maaliifi?
• “Cubbuun karaa nama tokkoo addunyaatti gale, duutis karaa cubbuu dhufe; kanaafuu, namoonni hundi cubbuu waan hojjetaniif, duuti namoota hundumaa waliin gaʼe.”—Rom. 5:12.
25. Namoonni duʼan haala akkamii keessatti argamu?
• “Warri lubbuudhaan jiran akka duʼan beeku; warri duʼan garuu homaa hin beekan.”—Lal. 9:5.
26. Namoonni duʼan abdii akkamii qabu?
• “Qajeelonnis taʼan jalʼoonni duʼaa [ni kaafamu].”—HoE. 24:15.
27. Namoonni Yesuusii wajjin bulchuuf gara samii deeman meeqa?
• “Kunoo, Hoolichi Gaara Xiyoon irra dhaabbatee ture; warri 144,000 kanneen maqaan isaa fi maqaan Abbaa isaa adda isaanii irratti barreeffame isaa wajjin turan.”—Mul. 14:1.
-
-
Kutaa 2 Jireenya KiristiyaanaaFedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
-
-
GAAFFIIWWAN NAMOOTA CUUPHAMUU BARBAADANIIF DHIHAATAN
Kutaa 2 Jireenya Kiristiyaanaa
Kitaaba Qulqulluu yeroo qoʼattu, Yihowaan maal akka si irraa barbaaduu fi ulaagaalee inni qajeelummaadhaaf baase eegdee jiraachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe baratteetta. Wanta baratte hojii irra oolchuuf, amala kee fi ilaalcha jireenyaaf qabdu irratti hamma tokko sirreeffama gochuun si barbaachisee taʼuu dandaʼa. Kanaafuu, amma ulaagaa Yihowaan qajeelummaadhaaf baase wajjin haala wal simuun jiraachuuf murtoo gochuu keetiin, tajaajilaa misiraachichaa taʼuudhaan tajaajila Yihowaa biratti fudhatama qabu dhiheessuuf qophoofteetta jechuu dha.
Gaaffiiwwan kanaa gaditti ibsaman irra deebitee ilaaluun kee, ulaagaalee Yihowaan qajeelummaadhaaf baase akka gaariitti yaadachuuf kan si gargaaru taʼuu isaa irra iyyuu, tajaajiltoota isaa warra isa biratti fudhatama argatan keessaa tokko taʼuuf wantoota gochuu qabdu tokko tokko yaadachuuf si gargaara. Yaanni as irratti dhihaate wanta hundumaa qalbii qulqulluu fi karaa Yihowaadhaaf ulfina fiduun raawwachuun barbaachisaa taʼuu isaa akka hubattu si gargaara.—2 Qor. 1:12; 1 Xim. 1:19; 1 Phe. 3:16, 21.
Qoʼannaa kee itti fuftee sadarkaa kana irra waan geesseef, bulchiinsa Yihowaatiif bitamuu fi kutaa jaarmiyaa isaa taʼuuf akka hawwitu hin shakkisiisu. Gaaffiiwwanii fi caqasoonni kanatti aansee dhihaatan gumii keessattis taʼe maatii keessatti ykn abbootii taayitaa mootummaa wajjin haala wal qabateen qajeelfama Yihowaan kenneef bitamuu ilaalchisee hubannaa qabdu qoruuf si gargaaru. Kana malees, qophii Yihowaan saba isaa karaa hafuuraa barsiisuu fi amantii isaanii cimsuuf godheef dinqisiifannaan qabdu akka dabale hin shakkisiisu. Walgaʼiiwwan gumii karaawwan Yihowaan saba isaa itti barsiisu keessaa tokko waan taʼaniif, hamma haalli kee siif heyyametti irratti argamuu fi irratti hirmaachuuf carraaqqii gochuu qabda.
Kana malees, kutaan kun hojii Mootummicha lallabuu irratti yeroo hunda hirmaachuun, namoonni waaʼee Yihowaa fi wanta inni ilmaan namootaatiif gochaa jiru akka beekan gargaaruun barbaachisaa taʼuu isaa ibsa. (Mat. 24:14; 28:19, 20) Dhuma irrattis Yihowaadhaaf of murteessuu fi cuuphamuun kee dhimma salphaa akka hin taane hubachuuf si gargaara. Yihowaan gaarummaa guddaa inni sitti argisiiseef deebii ati garaadhaa kennitu akka dinqisiifatu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.
1. Gaaʼela ilaalchisee ulaagaaleen Kiristiyaanonni hordofan kam faʼi? Akka Kitaaba Qulqulluutti wal hiikuuf buʼuura kan taʼu maal qofa dha?
• “Waaqayyo jalqabumaa kaasee dhiiraa fi dubartii godhee akka isaan uume hin dubbisnee? ‘Kanaan kan kaʼes, namni abbaa isaa fi haadha isaa ni dhiisa, haadha manaa isaattis ni maxxana; lamaan isaanii foon tokko taʼu’ jedheera. Kanaafuu, isaan sana booda foon tokko dha malee lama miti. Egaa, wanta Waaqayyo walitti hidhe namni kam iyyuu gargar hin baasin. . . . Namni utuu ishiin halalummaa hin raawwatin haadha manaa isaa hiikee kan biraa fuudhu kam iyyuu ejja raawwata.”—Mat. 19:4-6, 9.
2. Namoonni akka abbaa manaa fi haadha manaatti waliin jiraatan seeraan gaaʼela godhachuu kan qaban maaliifi? Gaaʼela godhatteetta yoo taʼe, gaaʼelli kee seeraan galmeeffameeraa?
• “Mootummootaa fi abbootii taayitaatiif akka bitamanii fi akka ajajaman . . . isaan yaadachiisuu kee itti fufi.”—Tit. 3:1.
• “Gaaʼelli hundumaa biratti kabajamaa haa taʼu, ciisichi gaaʼelaas qulqulluu haa taʼu; sababiin isaas, Waaqayyo namoota halalee fi ejjitoota taʼanitti ni murteessa.”—Ibr. 13:4.
3. Maatii keessatti gaʼeen kee maali dha?
• “Yaa ilma koo, adaba abbaa keetii dhagaʼi, barumsa haadha teetiis hin dhiisin.”—Fak. 1:8.
• “Akkuma Kiristoos gumichaaf mataa taʼe, abbaan manaas mataa haadha manaa isaa ti . . . Isin abbootiin manaa, akkuma Kiristoos gumii jaallate . . . haadhotii manaa keessan jaallachuu keessan itti fufaa.”—Efe. 5:23, 25.
• “Isin abbootiin, ijoollee keessan hin aarsinaa; kanaa mannaa, adabaa fi gorsa Yihowaatiin isaan guddisaa.”—Efe. 6:4.
• “Isin ijoolleen, waan hundumaatiin warra keessaniif ajajamaa; kun Gooftaa kan gammachiisu dha.”—Qol. 3:20.
• “Isin haadhotiin manaa abbootii manaa keessaniif bitamaa.”—1 Phe. 3:1.
4. Jireenyaaf kabaja akka qabnu argisiisuu kan qabnu maaliifi?
• “Namoota hundumaatiif jireenyaa fi hafuura, akkasumas wantoota hunda kan kennu [Waaqayyo dha] . . . Nuti jireenya kan arganne, kan sochoonuu fi kan jiraannu isaani.”—HoE. 17:25, 28.
5. Daaʼima gadameessa keessa jiru dabalatee nama kam iyyuu ajjeesuu kan hin qabne maaliifi?
• “Namoonni utuu waldhaansoo wal qabanii dubartii ulfa taate yoo miidhan, . . . namni duʼe jira taanaan . . . bakka lubbuu [lubbuun kaffalamuu qaba].”—Bau. 21:22, 23.
• “Yeroon miciree turetti illee ijji kee na argeera; kutaawwan isaa keessaa tokkoon isaanii iyyuu tolfamuu isaanii dura, guyyoota isaan itti tolfaman ilaalchisee, hundi isaanii kitaaba kee keessatti barreeffamaniiru.”—Far. 139:16.
• “Yihowaan . . . harka dhiiga qulqulluu dhangalaasu [ni jibba].”—Fak. 6:16, 17.
6. Waaqayyo dhiiga ilaalchisee ajaja akkamii kenneera?
• “Dhiiga irraa, [akkasumas] foon horii hudhamee duʼee irraa . . . fagaadhaa.”—HoE. 15:29.
7. Obbolootaa fi obboleettota keenya Kiristiyaanota taʼan jaallachuu kan qabnu maaliifi?
• “Akka isin wal jaallattaniif ajaja haaraa isiniif nan kenna; akkuman isin jaalladhe, isinis wal jaalladhaa. Jaalala yoo waliif qabaattan, namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku.”—Yoh. 13:34, 35.
8. Dhukkuba namatti darbuu fi duʼaaf nama saaxiluu dandaʼu warra kaanitti akka hin dabarsineef, (a) Namni dhukkuba akkasiitiin qabame tokko warra kaan hammachuu fi dhungachuu kan hin qabne maaliifi? (b) Obboloonni tokko tokko mana isaaniitti isa affeeruu yoo dhiisan mufachuu kan hin qabne maaliifi? (c) Namni dhukkuba namatti darbuu dandaʼuuf saaxilamee taʼuu dandaʼu tokko gaaʼelaaf wal qorachuu jalqabuu isaa dura fedhii isaatiin qorannaa dhiigaa gochuu kan qabu maaliifi? (d) Namni dhukkuba namatti darbuu dandaʼu qabu cuuphamuu isaa dura dhimmicha qindeessaa qaama jaarsoliitti himuu kan qabu maaliifi?
• “Wal jaallachuu malee idaan eenyuu iyyuu isin irra hin jiraatin. . . . ‘Nama akka ofii keetti jaalladhu.’ . . . Jaalalli wanta hamaa nama irratti hin hojjetu.”—Rom. 13:8-10.
• “Faayidaa warra kaaniis yaadaa malee, faayidaa ofii keessanii qofa hin yaadinaa.”—Filp. 2:4.
9. Yihowaan warra kaaniif dhiifama akka goonu kan nu irraa eegu maaliifi?
• “Namni tokko sababii nama kan biraa itti komatu yoo qabaate illee, wal dandaʼuu fi tola waliif dhiisuu keessan itti fufaa. Akkuma Yihowaan tola isiniif dhiise, isinis tola waliif dhiisaa.”—Qol. 3:13.
10. Obboleessi tokko maqaa kee yoo balleesse ykn yoo si gowwoomse maal gochuu qabda?
• “Obboleessi kee cubbuu yoo si irratti hojjete dhaqiitii bakka atii fi inni qofti jirtanitti dogoggora isaa itti himi. Yoo si dhagaʼe, obboleessa kee deebistee argatte jechuu dha. Yoo si dhagaʼuu dide garuu, wanti hundi ragaa namoonni lama yookiin sadii dhiheessaniin waan mirkaneeffamuuf, nama tokko yookiin nama lama fudhadhuu dhaqi. Isaaniin dhagaʼuu yoo dide immoo gumiitti himi. Gumichas dhagaʼuu yoo dide, akka nama addunyaattii fi akka nama qaraxa sassaabuutti isa ilaali.”—Mat. 18:15-17.
11. Yihowaan cubbuuwwan kanatti aananii tarreeffamaniif ilaalcha akkamii qaba?
▪ Halalummaa
▪ Waaqeffannaadhaaf fakkiiwwanitti fayyadamuu
▪ Sodoomummaa ykn Gadhaaʼummaa
▪ Hanna
▪ Qumaara
▪ Machii
• “Hin dogoggorinaa. Warri halaleen, warri waaqolii tolfamoo waaqeffatan, ejjitoonni, warri gadhaaʼan, warri nama gadhoomsan, hattoonni, sassattoonni, warri machaaʼan, warri nama arrabsanii fi saamtonni Mootummaa Waaqayyoo hin dhaalan.”—1 Qor. 6:9, 10.
12. Halalummaa isa gochawwan saalqunnamtii gaaʼelaan alatti raawwataman garaa garaa dabalatu ilaalchisee maal gochuuf murteessiteetta?
• “Halalummaa irraa baqadhaa!”—1 Qor. 6:18.
13. Yaalii fayyaatiif yoo taʼe malee, qorichawwan araada nama qabsiisan ykn sammuu namaa hadoochan fudhachuu irraa of qusachuu kan qabnu maaliifi?
• “Qaama keessan aarsaa jiraataa, qulqulluu fi Waaqayyo biratti fudhatama qabu gootanii akka dhiheessitan gara laafina Waaqayyootiin isinan kadhadha; kunis tajaajila qulqulluu dandeettii yaaduu keessanitti fayyadamtanii dhiheessitani dha. Wanta gaarii, wanta fudhatama qabuu fi fedhii Waaqayyoo isa mudaa hin qabne mirkaneeffachuu akka dandeessaniif, sammuu keessan haaressuudhaan jijjiiramaa malee, sirni kun dhiibbaa akka isin irratti godhu hin heyyaminaa.”—Rom. 12:1, 2.
14. Gochawwan jinniiwwanii Waaqayyo dhorke keessaa tokko tokko kam faʼi?
• “Namni hooda dubbatu, namni falfala raawwatu, namni milkii ilaalu, namni nama dawweessu, namni eker dubbistuu yookiin raagduu gaafatu yookiin namni warra duʼan gaafatu si gidduutti hin argamin.”—Kes. 18:10, 11.
15. Namni tokko cubbuu cimaa yoo hojjetee fi deebisee Yihowaa biratti fudhatama argachuu yoo barbaade yeruma sana maal gochuu qaba?
• “Cubbuu koo sitti nan himadhe; dogoggora koo hin dhoksine. Ani, ‘Balleessaa koo Yihowaatti nan himadha’ nan jedhe.”—Far. 32:5.
• “Isin gidduudhaa namni dhukkubsate jiraa? Inni jaarsolii gumii ofitti haa waammatu; isaanis maqaa Yihowaatiin zayitii dibanii isaaf haa kadhatan. Kadhannaan amantiidhaan dhihaate isa dhukkubsate sana ni fayyisa, Yihowaanis isa ni kaasa. Cubbuu hojjeteera yoo taʼes isaaf dhiifama.”—Yaq. 5:14, 15.
16. Kiristiyaanni tokko cubbuu cimaa akka raawwate yoo beekte maal gochuu qabda?
• “Namni tokko namoonni ragaa akka baʼan labsamuu isaa dhagaʼee, ragaa baʼuu utuma dandaʼuu yookiin dhimma sana argee yookiin dhagaʼee utuma jiruu, utuu hin dubbatin hafuudhaan cubbuu yoo hojjete, balleessaa isaatiif itti gaafatama.”—Lew. 5:1.
17. Namni tokko kana booda Dhugaa Baatuu Yihowaa akka hin taane beeksisni yoo himame hariiroo nama sanaa wajjin qabnu irratti sirreeffama akkamii gochuu qabna?
• “Nama obboleessa jedhamee utuu waamamuu, halalee yookiin sassattuu yookiin waaqolii tolfamoo kan waaqeffatu yookiin nama kan arrabsu yookiin machooftuu yookiin saamtuu taʼee wajjin michummaa qabdan akka dhiistaniifi; nama akkanaa wajjin nyaata illee hin nyaatinaa.”—1 Qor. 5:11.
• “Namni kam iyyuu gara keessan yoo dhufee fi barumsa kana yoo fiduu baate, mana keessanitti isa hin simatinaa yookiin nagaa isa hin gaafatinaa.”—2 Yoh. 10.
18. Michoonni kee namoota Yihowaa jaallatan taʼuu kan qaban maaliifi?
• “Namni ogeeyyii wajjin deemu ogeessa taʼa, namni gowwootaa wajjin walitti dhufeenya qabu garuu rakkina irra buʼa.”—Fak. 13:20.
• “Hin dogoggorinaa. Hiriyummaa gadheen amala gaarii mancaasa.”—1 Qor. 15:33.
19. Dhugaa Baatonni Yihowaa dhimmoota siyaasaa keessa kan hin galle maaliifi?
• “Akkuma ani [Yesuus] kutaa addunyaa hin taane, isaanis kutaa addunyaa miti.”—Yoh. 17:16.
20. Mootummaadhaaf ajajamuu kan qabdu maaliifi?
• “Waaqayyo biraa yoo taʼe malee aangoon waan hin argamneef, namni hundi abbootii taayitaa iddoo ol aanaa qabaniif haa bitamu; abbootiin taayitaa amma jiran aangoo isaanii isa daangaa qabu kan argatan Waaqayyo biraa ti.”—Rom. 13:1.
21. Seerri namootaa tokko seera Waaqayyoo wajjin yommuu wal faallessu maal goota?
• “Nuti namootaaf ajajamuu irra Waaqayyoof akka bulchaa keenyaatti ajajamuu qabna.”—HoE. 5:29.
22. Hojii tokko yommuu filattu caqasoonni addunyaa irraa adda baatee jiraachuuf si gargaaran kam faʼi?
• “Sabni saba irratti goraadee hin kaasu, isaan kana booda waraana hin baratan.”—Mik. 4:3.
• “Yaa saba koo, cubbuu ishii irratti akka hin hirmaannee fi dhaʼichi ishiitti dhufu akka isin irra hin geenyeef [Baabilon Guddittii] keessaa baʼaa.”—Mul. 18:4.
23. Bashannannii fi bohaartiin filachuu qabdu kan akkamiiti? Kan irraa fagaachuu qabdu hoo kan akkamiiti?
• “Yihowaan . . . isa hammina jaallatu kam iyyuu ni jibba.”—Far. 11:5.
• “Wanta hamaa jibbaa; wanta gaariitti maxxanaa.”—Rom. 12:9.
• “Wanta dhugaa taʼe hunda, wanta ulfina qabu hunda, wanta qajeelaa taʼe hunda, wanta qulqulluu taʼe hunda, wanta jaallatamaa taʼe hunda, wanta maqaa gaarii qabu hunda, wanta gaarii taʼe hundaa fi wanta galateeffamu hunda, eeyyee, wantoota kana yaaduu keessan itti fufaa.”—Filp. 4:8.
24. Dhugaa Baatonni Yihowaa sirna waaqeffannaa gareewwan amantaa kan biroo irratti hirmaachuun isaanii sirrii kan hin taane maaliifi?
• “‘Maaddii Yihowaa’ fi maaddii jinniiwwanii irraa nyaachuu hin dandeessan.”—1 Qor. 10:21.
• “‘Adda of baasaa’ jedha Yihowaan, ‘wanta xuraaʼaa hin tuqinaa’; ‘anis isin nan simadha.’”—2 Qor. 6:17.
25. Dhugaawwan buʼuuraa ayyaana tokko irratti hirmaachuu fi dhiisuuf akka murteessitu si gargaaran kam faʼi?
• “Saboota sanatti makamanii daandiiwwan isaanii hordofan. Waaqolii tolfamoo isaanii tajaajiluu isaanii itti fufan, waaqoliin kunis kiyyoo isaanitti taʼan.”—Far. 106:35, 36.
• “Warri duʼan . . . homaa hin beekan.”—Lal. 9:5.
• “Akkuma ani kutaa addunyaa hin taane, isaanis kutaa addunyaa miti.”—Yoh. 17:16.
• “Yeroon duraanii inni isin addaggummaadhaan, kajeellaa toʼannaa hin qabneen, garmalee dhuguudhaan, gadhiisiidhaan, affeerraa dhugaatii irratti hirmaachuu fi waaqolii tolfamoo jibbisiisoo taʼan waaqeffachuudhaan fedhii namoota addunyaa raawwachaa itti turtan ni gaʼa.”—1 Phe. 4:3.
26. Fakkeenyonni Kitaaba Qulqulluu guyyaa dhalootaa kabajuun sirrii taʼuu fi dhiisuu isaa murteessuuf si gargaaran kam faʼi?
• “Guyyaan sadaffaanis guyyaa dhalootaa Faraʼoon ture; innis tajaajiltoota isaa hundumaatiif affeerraa qopheesse; achiis ajajaan warra dhugaatii dhiheessanii fi ajajaan warra daabboo tolchanii bakka tajaajiltoonni isaa jiranitti mana hidhaatii akka gad baʼan godhe. Innis ajajaa warra dhugaatii dhiheessanii sana gara aangoo isaa isa inni dhugaatii dhiheessuudhaan qabutti deebise . . . Ajajaa warra daabboo tolchanii sana garuu . . . ni fannise.”—Uma. 40:20-22.
• “Yeroo guyyaan dhalootaa Heroodis kabajamutti garuu, intalli Heroodiyaas qophicha irratti shubbistee baayʼee isa gammachiiste; kanaafuu, inni wanta ishiin gaafatte kam iyyuu ishiidhaaf kennuuf kakatee waadaa gale. Intalattiinis haadha ishiitiin gorfamtee, ‘Asumatti mataa Yohaannis Cuuphaa saaniitti naaf kenni’ jette. Akka kanaan, mana hidhaatti nama ergee mataa Yohaannis irraa kuchisiise.”—Mat. 14:6-8, 10.
27. Qajeelfama jaarsoliin kennan hordofuuf wanti si kakaasu maali dha?
• “Akka warra herrega buusuuf jiraniitti dhimmanii waan isin eeganiif, warra gidduu keessanitti geggeessitoota taʼaniif ajajamaa, akkasumas bitamaa; kanas kan gootan hojii isaanii gaddaan utuu hin taʼin gammachuudhaan akka hojjetaniifi; kun taʼuu baannaan garuu hojii isaanii gaddaan hojjetu, kun immoo isin miidha.”—Ibr. 13:17.
28. Atii fi maatiin kee yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi qoʼachuuf yeroo ramaduun keessan barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
• “Inni seera Yihowaatti ni gammada, seera isaas halkanii fi guyyaa sagalee isaa gad qabee dubbisa. Inni akka muka bishaan yaaʼu biratti dhaabamee, akka muka waqtii isaatti firii godhatuu, baalli isaas hin coollignee ni taʼa. Wanti inni godhu hundis isaaf ni milkaaʼa.”—Far. 1:2, 3.
29. Walgaʼiiwwan irratti argamuu fi irratti hirmaachuun kan si gammachiisu maaliifi?
• “Ani maqaa kee obboloota kootti nan beeksisa; gumii gidduuttis sin jajadha.”—Far. 22:22.
• “Jaalalaa fi hojii gaariidhaaf wal kakaasuuf, xiyyeeffannaa waliif haa kenninu; akka namoonni tokko tokko barsiifata godhatan walitti qabamuu keenya hin dhiisnu; kanaa mannaa, guyyichi dhihaachuu isaa yommuu arginu isa duraa caalaa wal haa jajjabeessinu.”—Ibr. 10:24, 25.
30. Hojiin baayʼee barbaachisaa taʼee fi Yesuus akka hojjennuuf nuu kenne isa kami?
• “Dhaqaatii saboota hundumaa keessaa namoota barattoota koo godhaa . . . isaan cuuphaa; wanta ani isin ajaje hunda akka eeganis isaan barsiisaa.”—Mat. 28:19, 20.
31. Hojii Mootummichaatiif buusii yommuu goonu ykn obbolootaa fi obboleettota keenya yommuu gargaarru ilaalcha akkamii qabaachuutu Yihowaa gammachiisa?
• “Qabeenya kee isa gatii guddaa qabuun . . . Yihowaadhaaf ulfina kenni.”—Fak. 3:9.
• “Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu waan jaallatuuf, namni hundi garaa duuba yookiin dirqamaan utuu hin taʼin, akkuma garaa isaatti yaadetti haa kennu.”—2 Qor. 9:7.
32. Kiristiyaanonni rakkoowwan akkamii akka isaan mudatan eeguu qabu?
• “Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ariʼataman gammadoo dha; Mootummaan samii kan isaanii ti. Yommuu namoonni waaʼee kootiif jedhanii isin arrabsan, isin ariʼatanii fi sobaan wanta hamaa hundumaa isin irratti dubbatan gammadaa. Badhaasni isin samii irratti argattan guddaa waan taʼeef, gammadaa, ililchaas; isaan raajota isin dura turanis haaluma kanaan ariʼataniiru.”—Mat. 5:10-12.
33. Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼanii cuuphamuun mirga addaa kan taʼe maaliifi?
• “Yaa Yihowaa . . . maqaa keetiin waanan waamameef, dubbiin kee wanta garaa kootiif gammachuu fi ililcha argamsiisu naaf taʼeera.”—Er. 15:16.
-
-
Marii Xumuraa Kaadhimamtoota Cuuphaa Wajjin GodhamuFedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
-
-
GAAFFIIWWAN NAMOOTA CUUPHAMUU BARBAADANIIF DHIHAATAN
Marii Xumuraa Kaadhimamtoota Cuuphaa Wajjin Godhamu
Cuuphaan yeroo baayʼee kan raawwatamu walgaʼiiwwan aanaa fi walgaʼiiwwan naannoo Dhugaa Baatonni Yihowaa godhan irratti dha. Obboleessi haasaa cuuphaa dhiheessu, xumura haasaa isaa irratti kaadhimamtoonni cuuphaa kaʼanii dhaabbachuudhaan gaaffiiwwan lamaan armaan gadiitiif sagalee isaanii ol kaasanii deebii akka kennan gaafata:
1. Cubbuu keessan irraa yaada geeddarattanii, Yihowaadhaaf of murteessuudhaan qophii fayyinaa Yihowaan karaa Yesuus Kiristoos godhe fudhattaniittuu?
2. Cuuphamuun keessan, Dhugaa Baatota Yihowaa warra jaarmiyaa Yihowaa keessa jiran keessaa tokko akka isin taasisu hubattaniittuu?
Kaadhimamtoonni cuuphaa gaaffiiwwan kanaaf, ‘Eeyyee’ jedhanii deebii kennuun isaanii, furicha irratti amantii akka qabanii fi guutummaatti Yihowaadhaaf akka of murteessan “ifatti” beeksisuu isaanii kan argisiisu dha. (Rom. 10:9, 10) Kanaafuu, kaadhimamtoonni cuuphaa dhuunfaatti amantii cimaa akka qaban karaa argisiisuun gaaffiiwwan kanneeniif deebii kennuu akka dandaʼaniif dursanii gaaffiiwwan kanneen irratti kadhannaadhaan yaaduu qabu.
Yihowaa qofa waaqeffachuuf, akkasumas jireenya kee keessatti wanta kam iyyuu caalaa fedha isaatiif dursa kennuuf waadaa galuudhaan kadhannaadhaan Yihowaadhaaf of murteessiteettaa?
Walgaʼii aanaa ykn walgaʼii naannoo itti aanu irratti cuuphamuuf amma guutummaatti akka qophoofte sitti dhagaʼamaa?
Uffanni cuuphaadhaaf taʼu kan akkamiiti? (1 Xim. 2:9, 10; Yoh. 15:19; Filp. 1:10)
‘Waaqayyoof kan bulle’ taʼuu keenya argisiisuuf “karaa kabaja qabuu fi hubannaadhaan” uffachuu qabna. Kanaafuu, kaadhimamtoonni cuuphaa uffata daakaa qaama mulʼisu ykn uffata beeksisni ykn dhaadannoon adda addaa irratti maxxanfame uffachuu hin qaban. Uffata seera qabeessa, qulqulluu, nama hin mufachiisnee fi haala isaatiif mijaaʼaa taʼe uffachuu qabu.
Namni tokko yommuu cuuphamu amala akkamii argisiisuu qaba? (Luq. 3:21, 22)
Cuuphaan Yesuus cuuphaa Kiristiyaanotaa yeroo harʼaatiif fakkeenya gaarii taʼa. Inni cuuphaan tarkaanfii guddaa akka taʼe hubatee ture, kanas ilaalchaa fi gocha isaatiin argisiiseera. Kanaafuu, bakki sirni cuuphaa itti geggeeffamu, bakka qoosaa, bakka taphaa, bakka daakaa ykn bakka wanti kabaja qophii kanaa hirʼisu itti raawwatamu taʼuu hin qabu; akkasumas Kiristiyaanni haaraan tokko wanta injifannoo guddaa akka argate fakkeessu raawwachuu hin qabu. Cuuphaan yeroo gammachiisaa taʼus, gammachuu keenya karaa sirna kanaaf kabaja akka qabnu argisiisuun ibsuu qabna.
Yeroo hunda gumii irratti argamuu fi obboloota gumicha keessa jiranii wajjin walitti dhihaachuun kee waadaa yeroo Yihowaadhaaf of murteessitetti galte eegdee jiraachuuf kan si gargaaru akkamitti?
Erga cuuphamtee boodas, sagantaa qoʼannaa dhuunfaa qabaachuun kee fi yeroo hunda tajaajila irratti hirmaachuun kee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
-