BOQONNAA 4
Gumiin kan Gurmaaʼee fi kan Geggeeffamu Akkamitti?
PHAAWULOS ERGAMAAN xalayaa warra Qorontosiif barreesse isa jalqabaa irratti, waaʼee Waaqayyoo dhugaa barbaachisaa taʼe tokko ibseera. Phaawulos, “Waaqayyo Waaqa nagaa ti malee Waaqa jeequmsaa miti” jedhee barreesseera. Walgaʼii gumii ilaalchisee yaada dabalataa yommuu kennu, “Wanti hundi karaa naamusa qabuun, akkasumas karaa seera qabeessa taʼeen haa raawwatamu” jedheera.—1 Qor. 14:33, 40.
2 Jalqabuma xalayaa kanaa irratti Phaawulos ergamaan waldhabiinsa gumii Qorontos keessa ture ilaalchisee gorsa kenneera. ‘Wanti isaan dubbatan tokko akka taʼuu’ fi “yaadaa fi kaayyoodhaan guutummaatti tokkummaa” akka qabaatan obboloota achi jiran gorseera. (1 Qor. 1:10, 11) Achiis wantoota tokkummaa gumichaa irratti dhiibbaa geessisaa turan kan biroo irratti gorsa kenneera. Qaama namaa akka fakkeenyaatti fayyadamuudhaan, tokkummaa fi waltaʼiinsi barbaachisaa taʼuu isaa ibseera. Kiristiyaanonni gumii keessa jiran hundi gaʼeen isaanii maal iyyuu yoo taʼe, jaalalaan akka wal kunuunsan jajjabeesseera. (1 Qor. 12:12-26) Obboloota gumii keessa jiran gidduu waltaʼiinsi akkasii jiraachuun isaa gumichi akka gurmaaʼe argisiisa.
3 Gumiin Kiristiyaanaa kan gurmaaʼe akkamitti? Kan gurmeesse eenyu? Caasaa akkamii qabaata? Itti gaafatamummaa garaa garaatiif kan muudaman eenyu faʼi? Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼuudhaan gaaffiiwwan kanneeniif deebii ifa taʼe argachuu dandeenya.—1 Qor. 4:6.
KARAA TIʼOOKRAASIITIIN KAN GURMAAʼE
4 Gumiin Kiristiyaanaa Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosxee hundeeffame. Waaʼee gumii jaarraa jalqabaatti ture kanaa maal beekna? Gumiin kun kan gurmaaʼes taʼe kan geggeeffamu karaa tiʼookraasiitiin, jechuunis bulchiinsa (Afaan Giriikiitiin kiraatoo) Waaqayyoo (teeʼos) jalatti dha. Jechoonni kun lamaan 1 Pheexiros 5:10, 11 irratti ‘Waaqayyoo’ fi “jabina” jedhamanii hiikamaniiru. Seenaan gara waggaa 2,000 dura Yerusaalem keessatti raawwatamee fi geggeessaa hafuuraatiin barreeffame, gumiin Kiristiyaanota dibamoo Waaqayyoon kan hundeeffame taʼuu isaa mirkaneessa. (HoE. 2:1-47) Gumiin sun gamoo Waaqayyoo fi miseensota maatii Waaqayyoo jedhameera. (1 Qor. 3:9; Efe. 2:19) Gumiin Kiristiyaanaa yeroo harʼaa jirus, kan gurmaaʼee fi kan hojjetu fakkeenya gumiin Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaatti ture hordofuudhaani.
Gumiin Kiristiyaanaa yeroo harʼaa jirus, kan gurmaaʼee fi kan hojjetu fakkeenya gumiin Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaatti ture hordofuudhaani
5 Gumiin jalqaba hundeeffame barattoota gara 120 qaba ture. Gumii jalqabaa kana irratti hafuurri qulqulluun kan dhangalaʼe yommuu taʼu, raajiin Yooʼel 2:28, 29 irra jiru akka raawwatamu godheera. (HoE. 2:16-18) Guyyuma sana namoonni gara 3,000 taʼan bishaaniin cuuphamanii gumii hafuuraan dhalate sanatti makaman. Waaʼee Kiristoos wanta dubbatame fudhachuudhaan, “barumsa ergamootaa cimsanii hordofuu isaanii . . . itti fufan.” “Yihowaanis guyyaa guyyaadhaan namoota fayyan isaanitti dabala ture.”—HoE. 2:41, 42, 47.
6 Gumiin Yerusaalem keessa ture baayʼee guddachuu isaatiin kan kaʼe, lubni ol aanaan tokko barattoonni barumsa isaaniitiin Yerusaalemiin akka guutan hamma komatutti gaʼee ture. Yeroo booda luboonni Yihudoota taʼan hedduun barattoota haaraa Yerusaalem keessa turanitti makamuudhaan miseensa gumichaa taʼaniiru.—HoE. 5:27, 28; 6:7.
7 Yesuus akkana jedheera: “Yerusaalemitti, guutummaa Yihudaa fi Samaariyaatti, akkasumas hanga andaara lafaatti dhugaa baatota koo ni taatu.” (HoE. 1:8) Isxifaanos erga ajjeefamee booda Yerusaalem keessatti ariʼatamni cimaan waan kaʼeef, barattoonni achi turan Yihudaa fi Samaariyaa keessatti yommuu bittinnaaʼanitti kun raawwii isaa argateera. Isaanis bakka dhaqan hundatti misiraachicha lallabuu fi barattoota gochuu isaanii kan itti fufan yommuu taʼu, namoota barattoota taʼan keessaa tokko tokko namoota Samaariyaa turan. (HoE. 8:1-13) Yeroo booda immoo, misiraachichi namoota dhaqna hin qabanneef, jechuunis namoota Yihudoota hin taaneef illee akka gaariitti lallabameera. (HoE. 10:1-48) Sochiiwwan lallabaa kun hundi namoonni hedduun barattoota akka taʼanii fi Yerusaalemii alatti gumiiwwan akka hundaaʼan godhaniiru.—HoE. 11:19-21; 14:21-23.
8 Gumiiwwan haaraa hundeeffaman kunneen karaa Waaqayyo barbaaduun, jechuunis karaa tiʼookraasiitiin akka gurmaaʼanii fi akka geggeeffamaniif qophiiwwan akkamiitu godhame? Geggeessaa hafuura qulqulluutiin dhiironni tokko tokko tiksitoota taʼanii hoolota akka kunuunsan qophiin godhame. Phaawulosii fi Barnaabaas imala misiyoonummaa isaanii isa jalqabaa irratti gumiiwwan yommuu daawwatanitti jaarsolii muudaniiru. (HoE. 14:23) Barreessaa Kitaaba Qulqulluu kan taʼe Luqaas walgaʼii Phaawulos jaarsolii gumii Efesoonii wajjin godhe ilaalchisee odeeffannoo tokko barreesseera. Phaawulos akkana isaaniin jedheera: “Ofii keessaniifis taʼe guutummaa tuuta hoolotaatiif xiyyeeffannaa kennaa; sababiin isaas, gumii Waaqayyoo isa inni dhiiga Ilma isaatiin bite tiksee taatanii akka eegdaniif, hafuurri qulqulluun ilaaltota ol aanaa godhee irratti isin muudeera.” (HoE. 20:17, 28) Obboloonni kun ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu irra jiru waan guutaniif jaarsolii taʼuu dandaʼaniiru. (1 Xim. 3:1-7) Tiitoo inni Phaawulosii wajjin tajaajilaa ture gumii Qarxees keessatti jaarsolii akka muudu aangoon isaaf kennamee ture.—Tit. 1:5.
9 Gumiiwwan dabalataa hundeeffamaa yommuu deemanitti, ergamoonnii fi jaarsoliin Yerusaalem jiran gumii Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaatti addunyaa maratti babalʼachaa tureef, ilaaltoota ol aanaa taʼanii adda durummaadhaan geggeessuu isaanii itti fufaniiru. Isaan yeroo sanatti qaama ol aanaa turan.
10 Phaawulos ergamaan xalayaa warra Efesooniif barreesse irratti, gumiin Kiristiyaanaa hafuura Waaqayyoo wajjin haala walsimuun jiraachuudhaan, matummaa Kiristoos jalatti tokkummaa qabaachuu akka dandaʼu ibseera. Phaawulos Kiristiyaanonni achi jiran amala gad of qabuu akka horatanii fi obboloota gumicha keessa jiran hundaa wajjin hariiroo nagaa qabaachuudhaan “tokkummaa hafuuraa” akka eegan isaan gorseera. (Efe. 4:1-6) Achiis qophii Yihowaan godhe ilaalchisee Faarfannaa 68:18 caqasuudhaan dhiironni gaʼumsa qaban ergamoota, raajota, labsitoota Wangeelaa, tiksitootaa fi barsiisota akka taʼan dubbateera. Dhiironni kennaa Yihowaa taʼan kun, guutummaan gumichaa hamma bilchina hafuuraa Yihowaa gammachiisu bira gaʼutti gumicha ijaaru.—Efe. 4:7-16.
GUMIIWWAN YEROO HARʼAA JIRAN FAKKEENYA ERGAMOOTAA HORDOFU
11 Yeroo harʼaatti, gumiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa hundi bifa wal fakkaatuun gurmaaʼan. Walumaa galatti, gumiin addunyaa maraa tokkummaa qabu kun namoota hafuuraan dibaman buʼuura godhachuudhaan kan hundeeffame dha. (Zak. 8:23) Kun akka dandaʼamu kan godhe Yesuus Kiristoosi. Akkuma “hanga dhuma sirna kanaatti guyyaa hundumaa isinii wajjinan jira” jedhee waadaa galetti, barattoota isaa dibamtoota taʼan amanamummaadhaan deggeraa jira. Namoonni gumii guddachaa jirutti makaman misiraachoo Waaqayyoo ni fudhatu, jireenya isaanii guutummaatti Yihowaadhaaf murteessu, achiis barattoota Yesuus taʼanii cuuphamu. (Mat. 28:19, 20; Mar. 1:14; HoE. 2:41) Yesuus Kiristoos inni “tiksee gaarii” taʼe, Mataa hoolota hundumaa, jechuunis Mataa dibamtootaa fi “hoolota kan biroo” akka taʼe ni amanna. (Yoh. 10:14, 16; Efe. 1:22, 23) Gareen “tuuta tokko” jedhamu kun matummaa Kiristoos amanee fudhachuudhaan, akkasumas ‘garbicha amanamaa fi ogeessa’ isa Kiristoos muudeef bitamuudhaan tokkummaa isaa eega. Daandii Yihowaan yeroo harʼaatti itti fayyadamaa jiru kana irratti amanannaa guutuu qabaachuu keenya itti haa fufnu.—Mat. 24:45.
GAʼEE KOORPOOREESHINOONNI KEENYA QABAN
12 Nyaata hafuuraa yeroo isaatti dhiheessuu fi dhumni dhufuu isaa dura misiraachoo Mootummichaa lallabuun akka dandaʼamuuf koorpooreeshinoonni tokko tokko hundeeffamaniiru. Koorpooreeshinoonni kunneen biyyoota garaa garaa keessatti seera biratti kan beekaman yommuu taʼu, waltaʼiinsaan hojjetu. Misiraachichi addunyaa maratti akka lallabamuufis haala mijeessu.
AKKAATAA WAAJJIRRI DAMEE ITTI GURMAAʼU
13 Waajjirri damee tokko yommuu hundeeffamutti, hojii biyyicha keessatti ykn biyyoota waajjira damee sana jalatti argaman keessatti raawwatamu akka toʼatuuf, Koreen Waajjira Damee jaarsolii sadii ykn isaa ol taʼan qabate ni hundaaʼa. Miseensota koree kanaa keessaa tokko Qindeessaa Koree Waajjira Damee taʼee tajaajila.
14 Gumiiwwan waajjira damee tokko jala jiran aanaa aanaadhaan gurmaaʼu. Bakka gumiiwwan sun itti argaman, afaan gumiiwwan sun ittiin geggeeffamanii fi baayʼina gumiiwwanii waajjirri damee sun qabu irratti hundaaʼuudhaan, guddinni aanaawwanii garaa gara taʼuu dandaʼa. Gumiiwwan aanaa tokko keessa jiran akka daawwatuuf ilaaltuun ol aanaa aanaa ni muudama. Waajjirri damee immoo ilaaltuu ol aanaa aanaa sanaaf qajeelfama itti gaafatamummaa isaa raawwachuuf isa gargaaru isaaf kenna.
15 Gumiiwwan qophiiwwan jaarmiyichaa nama hundumaa fayyaduuf taasifaman ni fudhatu. Jaarsoliin waajjiroota damee keessatti, aanaawwan keessattii fi gumiiwwan keessatti hojicha ol aantummaadhaan toʼatan yommuu muudaman gammachuudhaan fudhatu. Garbichi amanamaa fi ogeessi nyaata hafuuraa yeroo isaatti akka dhiheessu ni amanu. Garbichi amanamaan immoo matummaa Kiristoosiif guutummaatti ni bitama, qajeelfama Kitaaba Qulqulluu sirriitti hordofa, akkasumas hafuura qulqulluudhaan geggeeffama. Hundi keenya iyyuu tokkummaadhaan yoo hojjenne, akkuma Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa ‘amantiitti cimaa fi guyyuma guyyaadhaan lakkoofsaan dabalaa deemna.’—HoE. 16:5.