-
Mootummaan Waaqayyoo Maali Dha?Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
BARUMSA 31
Mootummaan Waaqayyoo Maali Dha?
Ergaan ijoo Kitaaba Qulqulluu Mootummaa Waaqayyoo wajjin kan wal qabate dha. Yihowaan Mootummaa kanatti fayyadamee lafti Jannata akka taatu godha. Mootummaan kun maali dha? Yeroo ammaatti bulchaa akka jiru akkamitti beekuu dandeenya? Hanga harʼaatti maal raawwateera? Gara fuulduraatti hoo maal raawwata? Barumsi kunii fi barumsawwan itti aanan lamaan gaaffiiwwan kanneeniif deebii kennu.
1. Mootummaan Waaqayyoo maali dha? Mootiin isaa hoo eenyu?
Mootummichi bulchiinsa Yihowaadhaan hundeeffame dha. Mootiin Mootummichaa Yesuus Kiristoosi; innis samii irra taaʼee bulcha. (Maatewos 4:17; Yohaannis 18:36) Kitaabni Qulqulluun waaʼee Yesuus, “Inni . . . bara baraaf Mootii taʼee ni bulcha” jedha. (Luqaas 1:32, 33) Yesuus Mootii Mootummaa Waaqayyoo waan taʼeef, namoota guutummaa lafaa irra jiran irratti ni bulcha.
2. Namoonni Yesuusii wajjin bulchan eenyu faʼi?
Yesuus kan bulchu kophaa isaa miti. Namoonni, “gosa hundumaa keessaa, qooqa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa, akkasumas saba hundumaa keessaa” filataman “mootota taʼanii . . . bulchu.” (Mulʼata 5:9, 10) Haa taʼu malee, namoonni Yesuusii wajjin bulchan namoota meeqa? Yesuus erga gara lafaa dhufee kaasee Kiristiyaanonni miliyoonaan lakkaaʼaman duuka buutota isaa taʼaniiru. Taʼus isaan keessaa gara samii dhaqanii Yesuusii wajjin kan bulchan namoota 144,000 taʼan qofa dha. (Mulʼata 14:1-4 dubbisi.) Kiristiyaanonni lafa irra jiraatan kaan hundi immoo lammiilee Mootummichaa taʼu.—Faarfannaa 37:29.
3. Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsota ilmaan namootaa hundumaa irra kan caalu akkamitti?
Bulchitoonni ilmaan namootaa wantoota gaggaarii raawwachuuf kan carraaqan taʼu illee, wanta barbaadan hunda raawwachuuf humna hin qaban. Bulchitoonni isaan booda dhufanis ofittoo fi namoota gargaaruu kan hin barbaanne taʼuu dandaʼu. Yesuus inni Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼe garuu, matumaa qaama kan biraatiin bakka hin buufamu. Waaqayyo, ‘mootummaa matumaa hin balleeffamne tokko hundeesseera.’ (Daaniʼel 2:44) Yesuus guutummaa lafaa bulcha, akkasumas nama kamiif iyyuu hin loogu. Inni jaalala qabeessa, garraamii fi haqa qabeessa dha, namoonnis jaalalaan, garraamummaa fi haqaan akka waliin jiraatan barsiisa.—Isaayyaas 11:9 dubbisi.
CAALAATTI BARADHU
Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa ilmaan namootaa kam irra iyyuu kan caalu maaliif akka taʼe baradhu.
4. Mootummaan Waaqayyoo guutummaa lafaa bulcha
Yesuus Kiristoos humna bulchaan seenaa keessatti bulche qabu kam irra iyyuu caalu qaba. Maatewos 28:18 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Aangoon Yesuus qabu aangoo ilmaan namootaa qaban kam irra iyyuu kan caalu akkamitti?
Bulchitoonni ilmaan namootaa yeroo baayʼee ni jijjiiramu, kan bulchanis kutaa lafaa muraasa qofa dha. Mootummaan Waaqayyoo hoo? Daaniʼel 7:14 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Mootummaan Waaqayyoo ‘kan hin balleeffamne’ taʼuun isaa kan nu fayyadu akkamitti jettee yaadda?
Mootummaan Waaqayyoo guutummaa lafaa kan bulchu taʼuun isaa hoo kan nu fayyadu akkamitti?
5. Bulchiinsi ilmaan namootaa bakka buufamuu qaba
Bulchiinsi ilmaan namootaa Mootummaa Waaqayyootiin bakka buufamuu kan qabu maaliifi? VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.
Bulchiinsi ilmaan namootaa maal geessiseera?
Lallaba 8:9 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Bulchiinsi ilmaan namootaa Mootummaa Waaqayyootiin bakka buufamuu kan qabu sitti fakkaataa? Maaliif?
6. Mootummaan Waaqayyoo bulchitoota nu hubachuu dandaʼan qaba
Mootiin keenya Yesuus nama taʼee lafa irra waan jiraateef, “dadhabina keenyatti nuuf gadduu” ni dandaʼa. (Ibroota 4:15) Yihowaan dhiironnii fi dubartoonni amanamoon 144,000 taʼan Yesuusii wajjin akka bulchaniif, “gosa hundumaa keessaa, qooqa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa, akkasumas saba hundumaa keessaa” filateera.—Mulʼata 5:9.
Yesuusii fi namoonni isaa wajjin bulchan hundi miira nutti dhagaʼamuu fi rakkina nu irra gaʼu kan hubatan taʼuun isaanii si jajjabeesseeraa? Maaliif?
Yihowaan namoonni gosaa fi akkaataa guddinaa hundumaa keessaa dhufan Yesuusii wajjin akka bulchan filateera
7. Mootummaan Waaqayyoo seerawwan hundumaa irra caalan qaba
Mootummoonni seerawwan lammiilee isaanii fayyadanii fi eegumsa isaaniif godhu jedhanii yaadan baasu. Mootummaan Waaqayyoos seerawwan lammiileen isaa hordofuu qaban qaba. Qorontos Tokkoffaa 6:9-11 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Yeroo namni hundi seera Waaqayyoo hordofutti addunyaan maal fakkaachuu dandaʼa jettee yaadda?a
Yihowaan lammiileen Mootummichaa seera isaa akka hordofan isaan irraa eeguun isaa sirrii sitti fakkaataa? Maaliif?
Namoonni seerawwan kanneeniif hin ajajamne jijjiiramuu akka dandaʼan kan argisiisu maali dha?—Lakkoofsa 11 ilaali.
Mootummoonni seerawwan lammiilee isaaniitiif eegumsa godhanii fi fayyadan baasu. Mootummaan Waaqayyoos seerawwan ol aanoo lammiilee isaatiif eegumsa godhanii fi fayyadan qaba
NAMNI TOKKO AKKANA JEDHEE SI GAAFATA TAʼA: “Mootummaan Waaqayyoo maali dha?”
Maal jettee deebista?
MAAL BARATTE?
Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa dhugumaan jiruu fi samii irraa guutummaa lafaa bulchu dha.
Irra Deebii
Bulchitoonni Mootummaa Waaqayyoo eenyu faʼi?
Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa ilmaan namootaa kam irra iyyuu kan caalu akkamitti?
Wantoonni Yihowaan lammiilee Mootummichaa irraa eegu tokko tokko kam faʼi?
QORANNOO DABALATAA GODHI
Bakka Mootummichi itti argamu ilaalchisee wanta Yesuus barsiise dubbisi.
“Mootummaan Waaqayyoo Garaa Namootaa Keessa Jiraa?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)
Dhugaa Baatonni Yihowaa bulchiinsa ilmaan namootaatiif amanamoo taʼuu irra Mootummaa Waaqayyootiif amanamoo taʼuu kan filatan maaliifi?
Kitaabni Qulqulluun waaʼee namoota 144,000 taʼanii fi Yihowaan Yesuusii wajjin akka bulchaniif filatee maal akka jedhu qori.
“Gara Samii kan Deeman Eenyu Faʼi?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)
Dubartiin mana hidhaa keessa turte addunyaa irratti haqa fiduu kan dandaʼu Waaqayyo qofa taʼuu isaa akka amantu kan ishii taasise maali dha?
“Gaaffiin Jalʼina Haqaa Ilaalchisee Qabuuf Deebiin Argadhe” (Dammaqaa!, Sadaasa 2011)
-
-
Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
BARUMSA 32
Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
Mootummaan Waaqayyoo bara 1914 kaasee samii irratti bulchuu jalqabeera. Guyyoonni dhumaa bulchiinsa ilmaan namootaas kan jalqabe bara kanatti ture. Kana akkamitti beekna? Mee raajii Kitaaba Qulqulluu, wanta addunyaa keessatti raawwatamaa jiruu fi amala namoonni bara 1914 kaasee argisiisaa jiran haa ilaallu.
1. Raajiin Kitaaba Qulqulluu maal argisiisa?
Kitaaba Qulqulluu keessaa kitaabni Daaniʼel Mootummaan Waaqayyoo bulchuu kan jalqabu “barri torba” yommuu xumuramu akka taʼe argisiisa. (Daaniʼel 4:16, 17) Jaarraawwan hedduu booda Yesuus yeroo sana ‘bara sabootaaf murteeffame’ jechuudhaan ibseera; barri sun yeroo inni lafa irra turettis akka hin xumuramne barsiiseera. (Luqaas 21:24) Akkuma barumsa kana keessatti ilaallu, barri torba bara 1914tti xumurame.
2. Bara 1914 kaasee addunyaa keessatti maaltu raawwatamaa jira? Namoonni hoo amala akkamii argisiisaa jiru?
Barattoonni Yesuus, “Mallattoon argama keetii fi kan dhuma sirna kanaa maali dha?” jedhanii isa gaafatanii turan. (Maatewos 24:3) Yesuusis deebii yeroo isaaniif kennu, Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee samii keessatti erga bulchuu jalqabee booda wantoonni hedduun akka raawwataman raajii dubbateera. Isaan keessaa tokko tokko waraana, hanqina nyaataa fi kirkira lafaa ti. (Maatewos 24:7 dubbisi.) Kana malees, Kitaabni Qulqulluun amalli namoonni “guyyoota dhumaatti” argisiisan jireenyi “baayʼee rakkisaa” akka taʼu kan godhu taʼuu isaa dursee dubbateera. (2 Ximotewos 3:1-5) Haalawwanii fi amalli namoonni argisiisan kun keessumaa bara 1914 kaasee ifatti mulʼachaa jira.
3. Mootummaan Waaqayyoo bulchuu erga jalqabee kaasee addunyaan kun baayʼee mancaʼaa kan deeme maaliifi?
Yesuus Mootii Mootummaa Waaqayyoo erga taʼee utuma baayʼee hin turin, samii keessatti Seexanaa fi jinniiwwan irratti waraana baneera. Waraanicha irratti Seexanni injifatameera. Kitaabni Qulqulluun, “Inni gara lafaatti gad darbatame; maleekonni isaas isaa wajjin gad darbataman” jedha. (Mulʼata 12:9, 10, 12) Seexanni akka balleeffamu waan beekeef baayʼee aareera. Kanaafuu, dhiphinnii fi rakkinni guutummaa lafaa irratti akka baayʼatu godheera. Haalli addunyaa kanaa garmalee mancaʼuun isaa nama hin dinqisiisu. Mootummaan Waaqayyoo rakkoowwan kana hunda ni balleessa.
CAALAATTI BARADHU
Mootummichi bara 1914tti bulchuu akka jalqabe kan beekne akkamitti akka taʼee fi kun immoo nuuf hiika maalii akka qabu qori.
4. Duraa duubni yeroo Kitaaba Qulqulluu Mootummichi bara 1914tti bulchuu akka jalqabe argisiisa
Waaqayyo mootii Baabilon durii kan ture Nebukadnezaar abjuu raajii of keessatti qabate tokko akka argu godheera. Abjuun sunii fi hiikni Daaniʼel abjuu sanaaf kenne, waaʼee bulchiinsa Nebukadnezaarii fi waaʼee Mootummaa Waaqayyoo kan ibsu ture.—Daaniʼel 4:17 dubbisaa.a
Daaniʼel 4:20-26 dubbisaa, achiis chaartichatti fayyadamuudhaan gaaffiiwwan armaan gadiitiif deebii kennaa:
(A) Nebukadnezaar abjuu isaa keessatti maal arge?—Lakkoofsa 20 fi 21 ilaali.
(B) Mukichi maal taʼe?—Lakkoofsa 23 ilaali.
(C) “Barri torba” yommuu xumuramu maaltu taʼe?—Lakkoofsa 26 ilaali.
Abjuun Waaʼee Mukichaa Ibsu Mootummaa Waaqayyoo Wajjin kan Wal Qabatu Akkamitti?
RAAJII (Daaniʼel 4:20-36)
Bulchiinsa
(A) Muka baayʼee dheeraa
Bulchiinsichi addaan cite
(B) “Mukicha muraa,” ‘barri torbas isa irratti haa darbu’
Bulchiinsichi iddootti deebiʼe
(C) “Mootummaan kee siif deebiʼa”
Raawwii jalqabaa
(D) Mukichi eenyuun argisiisa?—Lakkoofsa 22 ilaali.
(E) Bulchiinsi isaa addaan kan cite akkamitti?—Daaniʼel 4:29-33 dubbisaa.
(F) “Barri torba” yommuu xumuramu Nebukadnezaar maal taʼe?—Daaniʼel 4:34-36 dubbisaa.
RAAWWII JALQABAA
Bulchiinsa
(D) Nebukadnezaar Mootii Baabilon
Bulchiinsichi addaan cite
(E) Dh.K.D. bara 606 booda Nebukadnezaar sammuun isaa waan tuqameef waggoota torbaaf bulchuu hin dandeenye
Bulchiinsichi iddootti deebiʼe
(F) Nebukadnezaar fayyee deebiʼee bulchuu jalqabe
Raawwii lammaffaa
(G) Mukichi eenyuun argisiisa?—1 Seenaa Baraa 29:23 dubbisaa.
(H) Bulchiinsi isaanii addaan kan cite akkamitti? Yeroo Yesuus lafa irra turettis bulchiinsi isaanii addaan citee akka ture akkamitti beekna?—Luqaas 21:24 dubbisaa.
(I) Bulchiinsi kun iddootti kan deebiʼe yoomii fi eessatti?
RAAWWII LAMMAFFAA
Bulchiinsa
(G) Mootota Israaʼel warra bulchiinsa Waaqayyoo bakka buʼan
Bulchiinsichi addaan cite
(H) Yerusaalem balleeffamuun ishii, bulchiinsi mootota Israaʼel waggoota 2,520f akka addaan citu godhe
Bulchiinsichi iddootti deebiʼe
(I) Yesuus Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee samii irratti bulchuu jalqabe
Barri torba hammam dheerata?
Kutaawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko kutaawwan kaan hubachuuf nu gargaaru. Fakkeenyaaf, kutaa Kitaaba Qulqulluu kan taʼe kitaabni Mulʼataa barri sadii fi walakkaan guyyoota 1,260 wajjin qixxee akka taʼe dubbata. (Mulʼata 12:6, 14) Barri torba immoo dachaa guyyoota sanaa ykn guyyoota 2,520 taʼa. Yeroo tokko tokko Kitaabni Qulqulluun jecha guyyaa tokko jedhu waggaa tokko argisiisuuf itti fayyadama. (Hisqiʼel 4:6) Kanaafuu barri torba inni kitaaba Daaniʼel keessatti ibsame waggoota 2,520 argisiisa jechuu dha.
5. Bara 1914 kaasee addunyaan kun jijjiirameera
Yesuus erga Mootii taʼee booda haalli addunyaa kanaa maal akka fakkaatu raajii dubbateera. Luqaas 21:9-11 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Haalawwan kanneen keessaa kan ati argite ykn dhageesse isa kami?
Phaawulos ergamaan guyyoota dhumaa bulchiinsa ilmaan namootaatti namoonni amala akkamii akka argisiisan ibseera. Ximotewos Lammaffaa 3:1-5 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Namoonni yeroo harʼaa jiran amalawwan kanneen keessaa kamfaa yommuu argisiisan hubatteetta?
6. Bulchiinsi Mootummaa Waaqayyoo maal gochuuf nu kakaasuu qaba?
Maatewos 24:3, 14 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Hojii barbaachisaan Mootummaan Waaqayyoo bulchaa akka jiru argisiisu isa kami?
Hojii kana irratti hirmaachuu kan dandeessu akkamitti?
Mootummaan Waaqayyoo bulchaa jira, guyyaan itti guutummaatti lafa toʼatus dhihaateera. Ibroota 10:24, 25 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
“Guyyichi dhihaachuu isaa yommuu arginu,” tokkoon tokkoon keenya maal gochuu qabna?
Wanta namoota gargaaruu fi lubbuu isaanii oolchuu dandaʼu utuu beektee maal goota?
NAMNI TOKKO AKKANA JEDHEE SI GAAFATA TAʼA: “Dhugaa Baatonni Yihowaa barri 1914 waggaa addaa akka taʼe kan dubbatan maaliifi?”
Maal jettee deebista?
MAAL BARATTE?
Raajiin Kitaaba Qulqulluu, duraa duubni yeroo fi haalli addunyaa kanaa Mootummaan Waaqayyoo bulchaa akka jiru mirkaneessu. Waaʼee kanaa lallabuu fi walgaʼiiwwan gumii irratti argamuudhaan Mootummichi bulchaa jiraachuu isaa akka amannu argisiisna.
Irra Deebii
Barri torba inni kitaaba Daaniʼel keessatti raajiidhaan dubbatame yommuu xumuramu maaltu taʼe?
Mootummaan Waaqayyoo bara 1914tti bulchuu akka jalqabe kan si amansiise maali dha?
Mootummichi bulchaa akka jiru akka amantu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?
QORANNOO DABALATAA GODHI
Barreessitoonni seenaa fi namoonni kaan, jijjiirama bara 1914 kaasee addunyaa irra jiru ilaalchisee maal akka jedhan dubbisi.
“Yeroo Itti Naamusni Namootaa Akka Tasaa Mancaʼuu Jalqabe” (Dammaqaa!, Ebla 2007)
Raajiin Maatewos 24:14 irratti argamu, jireenya nama tokkoo irratti jijjiirama kan fide akkamitti akka taʼe dubbisi.
“Wanta Kam Iyyuu Caalaa Beezboolii Taphachuun Jaalladha Ture!” (Masaraa Eegumsaa, Lakk. 3 2017)
Raajiin Daaniʼel boqonnaa 4 irratti argamu, waaʼee Mootummaa Waaqayyoo kan ibsu taʼuu isaa akkamitti beekna?
“Mootummaan Waaqayyoo Yoom Bulchuu Jalqabe? (Kutaa 1)” (Masaraa Eegumsaa, Onkoloolessaa-Muddee 2014)
“Barri torba” inni Daaniʼel boqonnaa 4 irratti ibsame, bara 1914tti akka xumurame wanti argisiisu maali dha?
“Mootummaan Waaqayyoo Yoom Bulchuu Jalqabe? (Kutaa 2)” (Masaraa Eegumsaa, Amajjii-Bitootessaa 2015)
a Mata dureewwan dhumaa lamaan kutaa Qorannoo Dabalataa Godhi jedhuu fi barumsa kana keessatti argamu jala jiran ilaali.
-
-
Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
BARUMSA 33
Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?
Mootummaan Waaqayyoo samii irratti bulchaa jira. Dhiheenyattis lafa irratti bulchuu jalqaba, haala addunyaa irra jirus ni fooyyessa. Mee amma wantoota Mootummichi raawwatu tokko tokko haa ilaallu.
1. Mootummaan Waaqayyoo lafa irratti nagaa fi haqa kan fidu akkamitti?
Yesuus inni Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼe, namoota hamoo fi bulchiinsa ilmaan namootaa waraana Armaagedoon irratti ni balleessa. (Mulʼata 16:14, 16) Yeroo sanatti abdiin Kitaaba Qulqulluu, “Yeroo muraasaaf qofa malee, namoonni hamoon hin jiraatan” jedhu guutummaatti raawwatama. (Faarfannaa 37:10) Yesuus Mootummichatti fayyadamee nagaa fi haqni guutummaa lafaa irra akka jiraatu godha.—Isaayyaas 11:4 dubbisi.
2. Fedhiin Waaqayyoo lafa irratti yommuu raawwatamu jireenyi maal fakkaata?
Bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo jalatti, “qajeelonni lafa ni dhaalu, bara baraafis ishii irra ni jiraatu.” (Faarfannaa 37:29) Addunyaa namoota qajeeloo taʼaniin, akkasumas Yihowaa fi walii isaanii jaallataniin guutame keessa jiraachuun maal akka fakkaatu mee yaadi! Namni tokko illee hin dhukkubsatu, namni hundis bara baraaf jiraata.
3. Mootummaan Waaqayyoo namoonni hamoon erga balleeffamanii booda maal raawwata?
Namoonni hamoon erga balleeffamanii booda Yesuus waggaa 1,000f Mootii taʼee bulcha. Yeroo sanatti innii fi namoonni isa wajjin bulchan 144,000, namoonni lafa irra jiraatan mudaa kan hin qabne akka taʼanii fi cubbuu irraa walaba akka taʼan gargaaru. Yeroon sun yommuu xumuramu lafti gara jannata bareedduutti jijjiiramti; namoonni hundis seera Yihowaatiif waan ajajamaniif gammadoo taʼu. Achiis Yesuus Mootummicha Yihowaa isa Abbaa isaa taʼeef dabarsee kenna. Karaa kanaan dura matumaa taʼee hin beekneen, ‘maqaan Yihowaa ni qulqullaaʼa.’ (Maatewos 6:9, 10) Kunis Yihowaan Bulchaa gaarii warra isa jalatti bulaniif yaadu taʼuu isaa mirkaneessa. Sana booda Yihowaan Seexana, jinniiwwanii fi warra bulchiinsa isaa irratti finciluu filatan hunda ni balleessa. (Mulʼata 20:7-10) Achiis eebbi Mootummaan Waaqayyoo fidu bara baraaf itti fufa.
CAALAATTI BARADHU
Waaqayyo abdiiwwan Kitaaba Qulqulluu hunda raawwachuuf Mootummichatti akka fayyadamu kan amannu maaliif akka taʼe ilaali.
4. Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa namootaa ni balleessa
“Namni nama isa kan biraa irratti aangoo kan qabaate isa miidhuuf jedhee ti.” (Lallaba 8:9) Yihowaan Mootummaa isaatti fayyadamee jalʼina haqaa kana ni sirreessa.
Daaniʼel 2:44 fi 2 Tasalonqee 1:6-8 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Yihowaanii fi Ilmi isaa Yesuus bulchiinsa ilmaan namootaa fi warra isaan deeggaran irratti tarkaanfii akkamii fudhatu?
Wanti waaʼee Yihowaa fi waaʼee Yesuus baratte gochi isaanii haqaa fi sirrii akka taʼe kan siif mirkaneesse akkamitti?
5. Yesuus Mootii hunda irra caalu dha
Yesuus Mootii Mootummaa Waaqayyoo waan taʼeef wanta namoota lafa irra jiraatan fayyadu hedduu ni raawwata. Yesuus namoota gargaaruuf fedhii akka qabuu fi Waaqayyo humna akka isaaf kenne kan argisiise akkamitti akka taʼe ilaaluuf VIIDIYICHA taphachiisaa.
Yesuus lafa irra yeroo turetti wanta Mootummichi raawwatu hamma tokko argisiiseera. Eebbawwan as irratti tarreeffaman keessaa caalaatti isa kam arguuf hawwita? Caqasoota waaʼee eebbawwan kanaa ibsan dubbisaa.
YESUUS LAFA IRRA YEROO TURETTI . . .
YESUUS SAMII IRRA TAʼEE . . .
humnoota uumamaa lafa irraa toʼateera.—Maarqos 4:36-41.
miidhaa lafa irra gaʼe hunda ni sirreessa.—Isaayyaas 35:1, 2.
dinqiidhaan namoota kumaan lakkaaʼaman sooreera.—Maatewos 14:17-21.
beela addunyaa irra jiru ni balleessa.—Faarfannaa 72:16.
namoota dhukkubsatan hedduu fayyiseera.—Luqaas 18:35-43.
namoonni hundi fayyaa guutuu akka qabaatan godha.—Isaayyaas 33:24.
namoota duʼan duʼaa kaaseera.—Luqaas 8:49-55.
namoota duʼan duʼaa kaasa, duʼas ni balleessa.—Mulʼata 21:3, 4.
6. Mootummaan Waaqayyoo yeroo gaariin akka dhufu godha
Mootummichi kaayyoon Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabu inni jalqabaa guutummaatti akka raawwatamu godha. Namoonni lafa jannata taatu irra bara baraaf jiraatu. Yihowaan kaayyoo isaa galmaan gaʼuuf Ilma isaa Yesuusitti kan fayyadamu akkamitti akka taʼe ilaaluuf VIIDIYICHA taphachiisaa.
Faarfannaa 145:16 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Yihowaan ‘fedhii uumamawwan jiraatoo hundumaa akka quubsu’ beekuu keetti maaltu sitti dhagaʼama?
NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Hundi keenya walii gallee yoo hojjenne, rakkoowwan addunyaa furuu ni dandeenya.”
Rakkoowwan bulchiinsi ilmaan namootaa furuu hin dandeenyee fi Mootummaan Waaqayyoo furu kam faʼi?
MAAL BARATTE?
Mootummaan Waaqayyoo kaayyoo isaa galmaan ni gaʼa. Lafa kana gara jannata namoota gaggaarii bara baraaf Yihowaa waaqeffataniin guutametti jijjiira.
Irra Deebii
Mootummaan Waaqayyoo maqaa Yihowaa kan qulqulleessu akkamitti?
Mootummaan Waaqayyoo abdiiwwan Kitaaba Qulqulluu ni raawwata jennee kan amannu maaliifi?
Wantoota Mootummichi raawwatu keessaa caalaatti isa kam arguuf hawwita?
QORANNOO DABALATAA GODHI
Armaagedoon maal akka taʼe baradhu.
“Waraanni Armaagedoon Maali Dha?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)
Wantoota yeroo Yesuus ‘rakkina guddaa’ jedhee ibsetti raawwataman dubbisi.—Maatewos 24:21.
Rakkinni Guddaan Maali Dha? (Mata duree jw.org irratti baʼe)
Maatiin tokko eebbawwan Mootummichi gara fuulduraatti fidu irratti yommuu xiinxalan ilaali.
Mata duree “Gaaffiiwwan Na Jeeqan Hedduun Qaba Ture” jedhu keessatti namni qabsaaʼaa siyaasaa taʼe tokko furmaata barbaadaa ture akkamitti akka argate baradhu.
“Kitaabni Qulqulluu Jireenya Namootaa ni Jijjiira” (Mata duree Masaraa Eegumsaa irratti ba’e)
-