LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lff barumsa 19
  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Kiristiyaanota Dhugaa Dhaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Kiristiyaanota Dhugaa Dhaa?
  • Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • CAALAATTI BARADHU
  • MAAL BARATTE?
  • QORANNOO DABALATAA GODHI
  • Kiristiyaanota Dhugaa Adda Baasnee Beekuu kan Dandeenyu Akkamitti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Waaqni Dhugaan Eenyu?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Dhugaa Baatota Yihowaa Kan Jedhamne Maaliifi?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
  • Misiraachoon Lallabamaa kan Jiru Akkamitti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
lff barumsa 19
Barumsa 19. Dhugaa Baatonni Yihowaa mooraa Galma Walgaʼii keessatti waliin haasaʼaa jiru.

BARUMSA 19

Dhugaa Baatonni Yihowaa Kiristiyaanota Dhugaa Dhaa?

Isa Bifa Maxxansaan Jiru
Isa Bifa Maxxansaan Jiru
Isa Bifa Maxxansaan Jiru

Nuti Dhugaa Baatonni Yihowaa Kiristiyaanota Dhugaa akka taane amanna. Maaliif? Mee amantiin keenya maal irratti akka hundaaʼe, maqaa adda baasee nu beeksisuu fi jaalala waliif qabnu haa ilaallu.

1. Amantiin Dhugaa Baatota Yihowaa maal irratti hundaaʼe?

Yesuus, “dubbiin [Waaqayyoo] dhugaa dha” jedheera. (Yohaannis 17:17) Dhugaa Baatonni Yihowaa akkuma Yesuus amantiin isaanii yeroo hundumaa Dubbii Waaqayyoo irratti kan hundaaʼe akka taʼu godhu. Fakkeenyaaf, seenaa Dhugaa Baatotaa Yihowaa kanaan dura Barattoota Kitaaba Qulqulluu jedhamanii haa ilaallu. Dhuma jaarraa 19⁠ffaatti, gareen barattoota Kitaaba Qulqulluu tokko, Dubbii Waaqayyoo gad fageenyaan qorachuu jalqabe. Wanti itti amanan barumsa waldaalee kaanii irraa adda yeroo taʼutti illee, barumsi isaanii Kitaaba Qulqulluu irratti akka hundaaʼu godhaniiru. Achiis dhugaa Kitaaba Qulqulluu kana warra kaanitti himuu jalqaban.a

2. Dhugaa Baatota Yihowaa jennee kan of waamnu maaliifi?

Yihowaan tajaajiltoonni isaa waaʼee isaa dhugaa waan dubbataniif Dhugaa Baatota isaa akka taʼan ibseera. (Ibroota 11:4–12:1) Fakkeenyaaf, Waaqayyo saba isaatiin, “Isin dhugaa baatota koo ti” jedheera. (Isaayyaas 43:10 dubbisi.) Yesuusis, “Dhugaa Baatuu Amanamaa” jedhameera. (Mulʼata 1:5) Kanaafuu, bara 1931 irraa eegalee maqaa Dhugaa Baatota Yihowaa jedhuun waamamuu jalqabne. Maqaa kanaan waamamuun keenyas nu boonsa.

3. Dhugaa Baatonni Yihowaa akkuma Yesuus jaalala kan argisiisan akkamitti?

Yesuus barattoota isaa baayʼee waan jaallatuuf, akka maatii isaatti isaan ilaala. (Maarqos 3:35 dubbisi.) Haaluma wal fakkaatuun, Dhugaa Baatonni Yihowaas maatii addunyaa maratti tokkummaa qabu dha. Obboleessaa fi obboleettii jennee kan wal waamnus kanaafi. (Fiilmoon 1, 2) Kana malees, ajaja “Guutummaa waldaa obbolootaatiif jaalala qabaadhaa” jedhuuf ni ajajamna. (1 Pheexiros 2:17) Dhugaa Baatonni Yihowaa karaa hedduudhaan jaalala isaanii argisiisu; fakkeenyaaf obboloonni isaanii addunyaa maratti argaman yommuu rakkatan isaan gargaaru.

CAALAATTI BARADHU

Ragaa nuti Kiristiyaanota dhugaa taʼuu keenya argisiisu ilaaluuf, waaʼee seenaa Dhugaa Baatota Yihowaa caalaatti baradhu.

Fakkiiwwan: Dhugaa Baatonni Yihowaa yommuu lallaban. 1. Obboleettiin takka dubartii takkaaf caqasa Kitaaba Qulqulluu dubbistee yommuu irratti mariʼatan. 2. Obboleessi tokko lallaba addabaabayii irratti dhugaa Kitaaba Qulqulluu nama tokkotti yommuu himu.

Amantiin Kiristiyaanota dhugaa Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe dha; wanta itti amanan kanas warra kaanitti himu

4. Wanti itti amannu Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe dha

Yihowaan hubannaan Kitaaba Qulqulluu irratti qabnu caalaatti dabalaa akka deemu dursee dubbateera. Daaniʼel 12:4 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Sabni Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu qorachuu itti fufuun isaanii maaltu akka isaaniif ‘baayʼatu’ godha?

Chaarlis Raasil dabalatee gareen barattoota Kitaaba Qulqulluu tokko, Dubbii Waaqayyoo kan qorate akkamitti akka taʼe ilaali. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

VIIDIYOO: Dhugaa Kitaaba Qulqulluu Deebisanii Argachuu (7:45)

  • Chaarlis Raasilii fi barattoonni Kitaaba Qulqulluu isaa wajjin turan Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa kan turan akkamitti?

Kana beektaa?

Yeroo tokko tokko wanta itti amannu irratti sirreeffama ni goona. Maaliif? Akkuma aduun yeroo baʼaa deemtu teessuma lafaa tokko sirriitti arguu dandeenyu, Waaqayyos Dubbii isaa suutuma suuta akka hubannu nu gargaara. (Fakkeenya 4:18 dubbisi.) Kanaafuu, Kitaabni Qulqulluun kan hin jijjiiramne taʼus, hubannaan Kitaaba Qulqulluu irratti qabnu yommuu fooyyaʼaa deemu barumsa keenya irratti sirreeffama goona.

5. Maqaa keenyaa wajjin haala wal simuun jiraanna

Maqaa Dhugaa Baatota Yihowaa jedhuun kan waamamnu maaliifi? VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

VIIDIYOO: Maqaa Eenyummaa Keenya Ibsu (2:40)

  • Maqaa Dhugaa Baatota Yihowaa jedhuun waamamuun keenya sirrii kan taʼe maaliifi?

Yihowaan namoonni Dhugaa Baatota isaa akka taʼan kan filate maaliifi? Waaʼee Waaqayyoo sobni hedduun waan dubbatamuuf Waaqa dhugaa taʼuu isaa akka lallabaniifi. Mee sobawwan kanneen keessaa lamaan isaanii haa ilaallu.

Amantaawwan tokko tokko Waaqayyo waaqeffannaa isaanii irratti fakkiitti akka fayyadaman kan barbaadu taʼuu isaa miseensota isaanii barsiisu. Haa taʼu malee, wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu beekuuf, Leewwota 26:1 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Dhugaan isaa maali dha? Yihowaan waaqolii tolfamoodhaaf ilaalcha akkamii qaba?

Geggeessitoonni amantii tokko tokko Yesuus Waaqa akka taʼe barsiisu. Haa taʼu malee, wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu beekuuf, Yohaannis 20:17 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Dhugaan isaa maali dha? Waaqayyoo fi Yesuus qaama tokko dhaa?

  • Yihowaan Dhugaa Baatonni isaa waaʼee isaa fi waaʼee Ilma isaa dhugaa akka lallaban erguu isaa beekuu keetti maaltu sitti dhagaʼama?

6. Wal jaallanna

Kitaabni Qulqulluun Kiristiyaanota kutaalee qaamaa namootaa wajjin wal fakkeessa. Qorontos Tokkoffaa 12:25, 26 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Kiristiyaanonni dhugaan Kiristiyaanonni kaan yommuu rakkatan maal gochuu qabu?

  • Dhugaa Baatonni Yihowaa jaalala waliif qabaachuu isaanii ilaalchisee maal hubatte?

Dhugaa Baatonni Yihowaa biyya tokko keessa jiraatan yommuu rakkatan, Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti argaman kaan dafanii isaan gargaaruuf carraaqqii godhu. Fakkeenya tokko ilaaluuf, VIIDIYICHA taphachiisaa. Achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

VIIDIYOO: Heeyitiin Obomboleettii Maatiwu Jedhamu Dandamatte (5:30)

  • Hojiin gargaarsaa Dhugaa Baatonni Yihowaa jaalala akka waliif qaban kan mirkaneessu akkamitti?

Dhugaa Baatonni Yihowaa lama dubartii takkaa fi ilma ishii balaan isaan irra gaʼe gargaaraa jiru. Birdilibsii hoʼaa fi bishaan qulqulluu isaaniif kennaa jiru.

Kiristiyaanonni dhugaan namoota gargaarsi isaan barbaachisu gargaaruudhaan jaalala argisiisu

NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Amantaan Dhugaa Baatota Yihowaa amantaa dhihoo dhufe dha.”

  • Yihowaan tajaajiltoota isaa ‘Dhugaa baatota koo’ jedhee waamuu kan jalqabe yoomi?

MAAL BARATTE?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Kiristiyaanota dhugaa dha. Nuti maatii addunyaa maratti argamu dha; amantiin keenyas Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe, akkasumas waaʼee Yihowaa dhugaa lallabna.

Irra Deebii

  • Dhugaa Baatota Yihowaa jedhamnee kan waamamnu maaliifi?

  • Akka wal jaallannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Kiristiyaanota dhugaa dha jettee yaaddaa?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Waaʼee seenaa keenyaa caalaatti baradhu.

Dhugaa Baatota Yihowaa—Amantii Hojiidhaan Argisiifame, Kutaa 1: Dukkana Keessaa Baʼuu (1:00:53)

Fakkeenya Dhugaa Baatonni Yihowaa barumsawwan sobaa kan saaxilan akkamitti akka taʼe argisiisu tokko ilaali.

Sabni Waaqayyoo Maqaa Isaatiif Ulfina Kennu (7:10)

Gaaffiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa ilaalchisee qabaachuu dandeessuuf deebii argadhu.

“Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman” (Mata dureewwan jw.org irratti baʼan)

Isteefan namoota sanyii kan biraa qaban waan jibbuuf yakka isaan irratti raawwata ture. Wanti Dhugaa Baatota Yihowaa gidduutti argee fi jijjiiramuuf isa kakaase maal akka taʼe dubbisi.

“Jireenyi Koo Caalaatti Mancaʼaa Deeme” (Mata duree Masaraa Eegumsaa irratti ba’e)

a Barruu beekamaan, Masaraa Eegumsaa jedhamuu fi dhugaa Kitaaba Qulqulluu ibsu utuu wal irraa hin citin bara 1879 irraa eegalee maxxanfamaa jira.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi