LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lff barumsa 24
  • Maleekota Ilaalchisee Dhugaan Jiru Maali Dha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Maleekota Ilaalchisee Dhugaan Jiru Maali Dha?
  • Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • CAALAATTI BARADHU
  • MAAL BARATTE?
  • QORANNOO DABALATAA GODHI
  • Maleekota Ilaalchisee Dhugaan Isaa Maali Dha?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Uumamawwan Hafuuraa Nu Fayyaduu Yookiin Nu Miidhuu Dandaʼuu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Qaamonni Hafuuraa—Nu Miidhuu Kan Dandaʼan Akkamitti?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Yesus Hafuurota Hamoorratti Aangoo Qaba
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
Dabalataan Ilaaluuf
Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
lff barumsa 24
Barumsa 24. Siidaa maleekaa tokkoo.

BARUMSA 24

Maleekota Ilaalchisee Dhugaan Jiru Maali Dha?

Isa Bifa Maxxansaan Jiru
Isa Bifa Maxxansaan Jiru
Isa Bifa Maxxansaan Jiru

Yihowaan waaʼee maatii isaa warra samii keessa jiranii akka beeknu barbaada. Maatiin kun maleekota “ilmaan Waaqayyoo” jedhaman kan dabalatu dha. (Iyyoob 38:7) Kitaabni Qulqulluun waaʼee maleekotaa maal barsiisa? Namoota irratti dhiibbaa kan godhan akkamitti? Maleekonni hundi hoo miseensa maatii Waaqayyoo tii?

1. Maleekonni eenyu faʼi?

Yihowaan maleekota kan uume lafa uumuu isaa dura ture. Isaanis akkuma isaa qaamawwan hafuuraa ijaan hin mulʼannee fi samii keessa jiraatani dha. (Ibroota 1:14) Maleekota miliyoonaan lakkaaʼamantu jira, hundi isaaniis eenyummaa mataa isaanii qabu. (Mulʼata 5:11) Maleekonni ‘sagalee Yihowaatiif ajajamuudhaan dubbii isaa ni raawwatu.’ (Faarfannaa 103:20) Bara duriitti Yihowaan yeroo tokko tokko, ergaa isaa namootatti akka himan, namoota akka gargaaran, akkasumas saba isaa akka oolchaniif maleekotatti fayyadamaa tureera. Yeroo harʼaattis, maleekonni Kiristiyaanonni namoota waaʼee Waaqayyoo barachuu barbaadanii wajjin akka wal argan gargaaru.

2. Seexannii fi jinniiwwan isaa eenyu faʼi?

Maleekonni tokko tokko Yihowaadhaaf amanamoo utuu hin taʼin hafaniiru. Maleekaan jalqaba fincila kaase, ‘isa Diyaabilosii fi Seexana jedhamu, akkasumas guutummaa lafaa dogoggorsaa’ jiru dha. (Mulʼata 12:9) Seexanni ilmaan namootaa dogoggorsuu waan barbaaduuf, namoota jalqabaa irratti dhiibbaa godheera; yeroo boodas maleekonni kaan isaa wajjin akka fincilan godheera. Maleekonni fincilan kunis jinniiwwan jedhamu. Yihowaan samii irraa gara lafaatti isaan darbateera, gara fuulduraatti immoo ni balleeffamu.—Mulʼata 12:9, 12 dubbisi.

3. Seexannii fi jinniiwwan nu dogoggorsuuf kan yaalan akkamitti?

Seexannii fi jinniiwwan gochawwan hafuurota hamootti fayyadamuudhaan namoota hedduu dogoggorsu; gochi kun yaalii hafuurota hamoo wajjin wal qunnamuuf godhamu dha. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko namoota urjii lakkaaʼan, raagdotaa fi eker dubbistoota gaafatu. Kaan immoo yaalii fayyaa hafuurota hamoo wajjin wal qabate argachuuf yaalu. Seexannii fi jinniiwwan namoonni warra duʼanii wajjin wal qunnamuu akka dandaʼan akka amanan gochuudhaan isaan gowwoomsu. Haa taʼu malee Yihowaan, “Eker dubbistoota bira hin dhaqinaa; raagdotas hin gaafatinaa” jechuudhaan nu akeekkachiiseera. (Leewwota 19:31) Yihowaan akeekkachiisa kana kan nuuf kenne Seexanaa fi jinniiwwan irraa nu eeguuf jedhee ti. Isaan diinota Waaqayyoo ti, akkasumas nu miidhuu barbaadu.

CAALAATTI BARADHU

Wantoota gaggaarii maleekonni raawwatan, balaa gochi hafuurota hamoo geessisu, akkasumas Seexanaa fi jinniiwwan irraa of eeguuf maal gochuu akka dandeenyu baradhu.

Maleekaan tokko Dhugaa Baatota Yihowaa manaa gara manaa lallabaa jiran lama yommuu geggeessu.

4. Maleekonni namoonni waaʼee Yihowaa akka baratan gargaaru

Maleekonni Waaqayyoo kallattiidhaan namootaaf hin lallaban. Kanaa mannaa, tajaajiltoonni Yihowaa namoota waaʼee isaa barachuu barbaadanii wajjin akka wal argan gargaaru. Mulʼata 14:6, 7 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Lallabuuf gargaarsi maleekotaa kan nu barbaachisu maaliifi?

  • Maleekonni namoota ergaa Kitaaba Qulqulluu dhagaʼuu barbaadan argachuuf akka si gargaaran beekuun kee si hin jajjabeessuu? Maaliif?

Boordii humnoota humna namaatii ol taʼan gaafachuuf gargaaru, kubbaa kiristiyaalaa, kitaaba waaʼee vaampaayerootaa, kaardii xonqolaa, ixaanaa fi kudhaama adda addaa dabalatee wantoota hafuurota hamoo wajjin wal qabatan.

5. Gochawwan hafuurota hamoo irraa fagaadhu

Seexannii fi jinniiwwan diinota Yihowaa ti. Nuufis diinota dha. Luqaas 9:38-42 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Jinniiwwan namoota irratti dhiibbaa kan godhan akkamitti?

Jinniiwwan nu irratti dhiibbaa akka godhan hin barbaannu. Keessa Deebii 18:10-12 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Jinniiwwan nu irratti dhiibbaa gochuu fi nu qunnamuuf kan yaalan karaawwan kamiini? Gochawwan hafuurota hamoo naannoo keetti baramoo taʼan kam faʼi?

  • Yihowaan gochawwan hafuurota hamoo dhorkuun isaa sirrii sitti fakkaataa? Maaliif?

VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

VIIDIYOO: “Diyaabilosiin Mormaa” (5:02)

  • Kudhaamni intalli Paalessaa kaaʼatte miidhaa kan qabu sitti fakkaataa? Maaliif?

  • Paalessaan jinniiwwan irraa eegumsa argachuuf maal gochuu qabdi turte?

Kiristiyaanonni dhugaan yeroo hunda jinniiwwan ni mormu. Hojii Ergamootaa 19:19 fi 1 Qorontos 10:21 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Wantoota gochawwan hafuurota hamoo wajjin wal qabatan hundumaa balleessuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

Dubartiin takka wantoota gochawwan hafuurota hamoo wajjin wal qabatan adda addaa gubaa jirti.

6. Lola Seexanaa fi jinniiwwan isaa wajjin godhamu irratti injifachuu ni dandeessa

Jinniiwwan kan bulchu Seexana dha. Maleekonni amanamoo taʼan garuu Mikaaʼel isa hogganaa maleekotaa taʼeen geggeeffamu; Mikaaʼel maqaa Yesuus ittiin waamamu kan biraa dha. Mikaaʼel humna guddaa hammamii qaba? Mulʼata 12:7-9 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Humna guddaa kan qabu eenyu? Mikaaʼelii fi maleekota isaa ti moo Seexanaa fi jinniiwwan isaa ti?

  • Duuka buutonni Yesuus Seexanaa fi jinniiwwan isaa sodaachuu kan qaban sitti fakkaataa?

Lola Seexanaa fi jinniiwwan isaa wajjin godhamu irratti injifachuu dandeessa. Yaaqoob 4:7 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Seexanaa fi jinniiwwan irraa of eeguu kan dandeessu akkamitti?

NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Bashannanaaf jecha geemiiwwan hafuurota hamoo wajjin wal qabatan taphachuun ykn fiilmii gochawwan hafuurota hamoo wajjin wal qabatan ilaaluun miidhaa hin qabu.”

  • Ilaalchi akkasii balaa qaba kan jennu maaliifi?

MAAL BARATTE?

Maleekonni amanamoon nu gargaaru. Seexannii fi jinniiwwan isaa immoo diinota Yihowaa ti, akkasumas gochawwan hafuurota hamootti fayyadamanii namoota gowwoomsu.

Irra Deebii

  • Maleekonni Yihowaa namoonni waaʼee isaa akka baratan kan gargaaran akkamitti?

  • Seexannii fi jinniiwwan isaa eenyu faʼi?

  • Gochawwan hafuurota hamoo irraa fagaachuu kan barbaaddu maaliifi?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Ragaa Mikaaʼel inni hogganaa maleekotaa taʼe Yesuus taʼuu isaa ibsu ilaali.

“Mikaaʼel Hogganaan Maleekotaa Eenyu Dha?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

Ragaa Diyaabilos yaada ykn amala hamaa nu keessa jiru akka hin taane argisiisu dubbisi.

“Seexanni Dhugumaan Jiraa?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

Dubartiin takka dhiibbaa jinniiwwanii irraa bilisa kan baate akkamitti akka taʼe dubbisi.

“Amma Jireenyi Kaayyoo Akka Qabu Hubatteetti” (Masaraa Eegumsaa, Adoolessa 1, 1993)

Seexanni namoota gowwoomsuuf gochawwan hafuurota hamootti kan fayyadamu akkamitti akka taʼe baradhu.

“Qaallummaa, Moraafi Budaa Ilaalchisee Dhugaansaa Maalidha?” (Daandii Jireenya Barabaraatti Geessu Argatteettaa?, kutaa 5)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi