LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lff barumsa 47
  • Cuuphamuuf Qophoofteettaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Cuuphamuuf Qophoofteettaa?
  • Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • CAALAATTI BARADHU
  • MAAL BARATTE?
  • QORANNOO DABALATAA GODHI
  • Cuuphamuun Kee Faayidaa Hedduu Siif Argamsiisa!
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Cuuphamuuf Qophoofteettaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • Waaqayyoof Of Murteessuu fi Cuuphamuun Qabaa?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Cuuphaa—Ulaagaa Kiristiyaanonni Guutuu Qaban
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
Dabalataan Ilaaluuf
Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
lff barumsa 47
Barumsa 47. Barataan Kitaaba Qulqulluu tokko walgaʼii guddaa tokko irratti namni tokko yommuu cuuphamu cuuphaa irratti yaadaa jira.

BARUMSA 47

Cuuphamuuf Qophoofteettaa?

Isa Bifa Maxxansaan Jiru
Isa Bifa Maxxansaan Jiru
Isa Bifa Maxxansaan Jiru

Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu kee irraa waaʼee Yihowaa waan hedduu baratteetta. Wanta baratte hojii irra oolchuufis jijjiirama tokko tokko gooteetta taʼa. Taʼus wanti Yihowaadhaaf of murteessuu fi cuuphamuu irraa akka duubatti jettu si taasisu jiraachuu dandaʼa. Barumsa kana keessatti wantoota baramoo akka ati hin cuuphamne gufuu sitti taʼan tokko tokkoo fi akkamitti moʼuu akka dandeessu ilaalla.

1. Cuuphamuu kee dura beekumsa hammamii argachuu qabda?

Cuuphamuuf “beekumsa dhugaa isa sirrii” argachuu qabda. (1 Ximotewos 2:4) Kana jechuun garuu cuuphamuu kee dura gaaffii Kitaaba Qulqulluu hundumaaf deebii isaa beekuu qabda jechuu miti. Kiristiyaanonni erga cuuphamanii waggoota dheeraadhaaf turan illee barachuu isaanii itti fufu. (Qolosaayis 1:9, 10) Haa taʼu malee, barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hubachuun si barbaachisa. Jaarsoliin gumii beekumsa Kitaaba Qulqulluu gaʼaa qabaachuu fi dhiisuu kee beekuuf si gargaaru.

2. Cuuphamuu kee dura tarkaanfiiwwan fudhachuu qabdu tokko tokko kam faʼi?

Cuuphamuu kee dura ‘yaada geeddarachuu fi deebiʼuu’ qabda. (Hojii Ergamootaa 3:19 dubbisi.) Kana jechuun cubbuu kanaan dura hojjetteef garaadhaa gaabbuu fi Yihowaan dhiifama akka siif godhu kadhachuu qabda jechuu dha. Dabalataanis gocha hamaa irraa fagaachuu fi karaa Waaqayyoon gammachiisuun jiraachuuf kutachuu qabda. Kana malees, gumii irratti argamuu fi babalʼisaa hin cuuphamne taatee tajaajiluudhaan sochiiwwan gumii irratti hirmaachuu jalqabuu qabda.

3. Sodaan duubatti akka si harkisu heyyamuu kan hin qabne maaliifi?

Namoonni tokko tokko ‘Wantan Yihowaadhaaf waadaa gale raawwachuu hin dandaʼu’ jedhanii sodaatu. Yeroo tokko tokko akkuma namoota amanamoo Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasamanii akka dogoggortu beekamaa dha. Taʼus Yihowaan tajaajiltoonni isaa mudaa kan hin qabne akka taʼan isaan irraa hin eegu. (Faarfannaa 103:13, 14 dubbisi.) Inni wanta dandeessu hunda yommuu gootu ni gammada, si gargaaras. Inumaa iyyuu, Yihowaan ‘jaalala isaa irraa wanti kam iyyuu gargar nu baasuu akka hin dandeenye’ nuuf mirkaneesseera.—Roomaa 8:38, 39 dubbisi.

CAALAATTI BARADHU

Yihowaa caalaatti beekuu fi gargaarsa isaa fudhachuudhaan wantoota akka hin cuuphamne gufuu sitti taʼan moʼuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe ilaali.

Fakkiiwwan: Shamarreen takka wantoota akka hin cuuphamne gufuu ishiitti taʼan yommuu mootu. Barumsa kana keessatti fakkiiwwan irra deddeebiʼamanii ibsamu.

4. Waaʼee Yihowaa caalaatti baradhu

Shamarreen takka Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu yommuu qoʼattu.

Cuuphamuu kee dura waaʼee Yihowaa hammam beekuu qabda? Beekumsa isa jaalachuu fi isa gammachiisuuf si barbaachisu argachuu qabda. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu addunyaa maratti argaman kana kan godhan akkamitti akka taʼe beekuuf VIIDIYICHA taphachiisaa. Achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

VIIDIYOO: Daandii Gara Cuuphaatti Geessu (3:56)

  • Namoonni viidiyicha irratti argaman, cuuphamuuf akka qophaaʼan wanti isaan gargaare maali dha?

Roomaa 12:2 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu irratti ykn Dhugaa Baatonni Yihowaa dhugaa barsiisuu isaanii irratti shakkii qabdaa?

  • Taanaan maal gochuu dandeessa?

5. Gufuuwwan akka hin cuuphamne si mudachuu dandaʼan injifadhu

Shamarreen takka haati ishii ishii mormitus Kitaaba Qulqulluu ishii boorsaa ishii keessa yommuu keessu.

Yihowaadhaaf yommuu of murteessinuu fi cuuphamnu hundi keenya rakkoowwan adda addaa nu mudatu. Fakkeenya tokko ilaaluuf, VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

VIIDIYOO: Jaalalli Yihowaadhaaf Qabnu Gufuuwwan Nu Mudatan Mooʼuuf Nu Gargaara (5:22)

  • Akkuma viidiyicha irratti ibsame, Naaraangerel Yihowaa tajaajiluuf gufuuwwan akkamii moʼuun ishii barbaachisee ture?

  • Jaalalli Yihowaadhaaf qabdu gufuuwwan kana moʼuuf kan ishii gargaare akkamitti?

Fakkeenya 29:25 fi 2 Ximotewos 1:7 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Gufuuwwan nu mudatan moʼuuf ija jabina kan nuuf kennu maali dha?

6. Gargaarsa Yihowaan kennutti amanami

Shamarreen sun maanguddoo takkaaf mana isaanitti yommuu isaaniif lallabdu. Obboleettiin Kitaaba Qulqulluu ishii qoʼachiistus ishii wajjin jirti.

Yihowaan isa gammachiisuu akka dandeessu si gargaara. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

VIIDIYOO: Yihowaan Si Gargaara (2:50)

  • Akkuma viidiyoo kana irratti ibsame, barataan Kitaaba Qulqulluu kun cuuphamuu irraa duubatti akka jedhu kan isa taasise maali dha?

  • Wanti amanannaa Yihowaa irratti qabu isaaf cimse maali dha?

Isaayyaas 41:10, 13 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Waadaa yeroo of murteessitetti galte akka raawwattu amanannaa qabaachuu dandeessa kan jennu maaliifi?

7. Dinqisiifannaa jaalala Yihowaatiif qabdu guddifadhu

Shamarreen sun kophaa ishii yommuu kadhattu.

Yihowaan hangam akka si jaalatu caalaatti yommuu yaaddu dinqisiifannaan kees caalaatti dabalaa deema; bara baraaf isa tajaajiluufis caalaatti fedhii qabaatta. Faarfannaa 40:5 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Eebbawwan Yihowaa keessaa isa kam caalaatti dinqisiifatta?

Ermiyaas raajichi Yihowaa fi dubbii isaa ni jaalata ture, mirga maqaa Yihowaatiin waamamuuf qabus baayʼee dinqisiifata ture. “Yaa Yihowaa . . . maqaa keetiin waanan waamameef, dubbiin kee wanta garaa kootiif gammachuu fi ililcha argamsiisu naaf taʼeera” jedheera. (Ermiyaas 15:16) Gaaffiiwwan kanneeniif deebii kenni:

  • Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuun mirga guddaa dha kan jennu maaliifi?

  • Atoo cuuphamtee Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu ni barbaaddaa?

  • Wanti akkas akka hin goone si dhowwe jiraa?

  • Cuuphamuuf maal gochuun qaba jettee yaadda?

Shamarreen sun yommuu cuuphamtu.

NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Yoon cuuphame wantan waadaa gale hunda raawwachuu hin dandaʼu jedheen sodaadha.”

  • Atoo akkas sitti dhagaʼamaa?

MAAL BARATTE?

Gargaarsa Yihowaatiin wanta akka hin cuuphamne gufuu sitti taʼu kam iyyuu moʼuu ni dandeessa.

Irra Deebii

  • Cuuphamuuf beekumsa Kitaaba Qulqulluu hammamiitu si barbaachisa?

  • Cuuphamuu kee dura jijjiirama akkamii gochuutu si barbaachisa?

  • Sodaan akka duubatti si harkisu heyyamuu kan hin qabne maaliifi?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Murtoon cuuphamuuf gootu maal irratti hundaaʼuu akka qabu ilaali.

“Cuuphamuuf Qophoofteettaa?” (Masaraa Eegumsaa, Bitootessa 2020)

Gufuuwwan cuuphamuu irraa duubatti akka jettu si taasisan moʼuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe baradhu.

“Akkan hin Cuuphamne Wanti Na Dhowwu Maali Dha?” (Masaraa Eegumsaa, Bitootessa 2019)

Namni tokko wantoota guguddaa akka hin cuuphamne gufuu isatti taʼan milkaaʼinaan kan moʼe akkamitti akka taʼe ilaali.

‘Cuuphamuu Irraa Duubatti kan Jettu Maaliifi?’ (1:10)

Namni Aataa jedhamu jalqaba irratti cuuphamuu irraa duubatti jedhee ture. Tarkaanfii barbaachisaa taʼe kana akka fudhatu kan isa amansiise maal akka taʼe ilaali.

Dhuguma Kun Naaf Malaa? (7:21)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi